Nyaata Hafuuraarratti Argamuuf Qophoofteettaa?
1. Nyaata qopheessuun qophii akkamii gaafata?
1 Nyaata qopheessuun hojii hedduu gaafata. Wantoonni nyaataaf barbaachisan argamuu, mi’eeffamanii qophaa’uufi achiis dhihaachuu qabu. Nyaata dhiheessuuf qindoominni ni barbaachisa. Kana malees, iddoon nyaanni kun itti nyaatamu qixeeffamuu qaba. Keessummoonnis, keessumaa fagoodhaa kan dhufan taanaan, bakka sana ga’uuf qophii gochuu qabu. Nyaata qopheessuun hojii baay’ee kan gaafatu ta’us, michoota keenyaafi maatiiwwan keenyaa wajjin nyaata mi’aawaafi qaama namaa ijaaru nyaachuun baay’ee nama gammachiisa. Dhugaa Baatonni Yihowaa addunyaa maratti argaman, nyaata hafuuraa baay’ee nama hawwisiisu, jechuunis walga’ii koonyaa, mataduree “Yeroo Hundaa Dammaqinaan Eegaa!” jedhuufi Maatewos 24:42rratti hundaa’e soorachuuf, yeroo dhihoo booda tuuta gurguddaafi xixinnaadhaan walitti sassaabamu. Sagantaa kana qopheessuufi yeroosaatti geessisuuf hojii hedduun hojjetameera. Hundi keenyayyuu nyaata hafuuraa kanarratti afeeramneerra. Walga’ii kanarratti argamuufi faayidaa guddaa irraa argachuuf, nuyis dhuunfaatti itti yaaduu qabna.—Fak. 21:5.
2. Guyyaa lamaanuu nyaata hafuuraa nuu dhihaaturratti argamuun maal gaafata?
2 Faayidaa Guddaa Irraa Argadhu: Guyyaa lamaanuu nyaata hafuuraa kanarratti argamuuf qophii kee xumurteettaa? Barbaachisaa yoo ta’e, nama si qacaree hojjechiisutti guyyaa lamaanuu walga’ii koonyaarratti argamuu akka barbaaddu itti himi. Qophiiwwan geejjibaafi mana bultiitiif si barbaachisan xumurteettaa? Jaarsoliin, warra dulloomaniifi dhibee fayyaa qabaniif akkasumas warra gargaarsi isaan barbaachisuuf qophiin godhamuusaa mirkaneessuu qabu.—Er. 23:4; Gal. 6:10.
3. Walga’ii koonyaa biyyoolessaarratti utuu hin afeeramin argamuu kan hin qabne maaliifi?
3 Biyyoottan tokko tokkotti, walga’iin koonyaa biyyoolessaa ni godhama. Gumiiwwan muraasniifi namoonni biyya alaa tokko tokko walga’iiwwan akkasiirratti ni afeeramu. Waajjirri damee, namoota meeqa akka afeeru murteessuusaa dura, teessumniifi manni ciisichaa meeqa akka jiru of eeggannoodhaan erga herregee booda qophii kana godha. Kanaaf, babal’istoonni utuu hin afeeramin walga’ii koonyaa biyyoolessaarratti argamu taanaan, wal dhiphisuun uumamuu danda’a.
4. Guyyaa lamaanuu sagantaa walga’iitiif akka qophoofnu maaltu nu gargaara?
4 Guyyaa lamaanuu sagantaan walga’ii koonyaa utuu hin jalqabin dura achitti argamuudhaan teessuma qabachuuf qophii godhaa. Sagantichi utuu hin jalqabin dura, daqiiqaa muraasa ramadaatii waraqaa sagantaa walga’ichaa ilaalaa. Akkas gochuun keessan, barumsa dhihaatuuf garaa keessan qopheessuuf isin gargaara. (Iz. 7:10, hiika bara 1899) Yommuu dura taa’aan walga’iichaa muuziqaan jalqabuusaa beeksisu, xiyyeeffannaadhaan dhaggeeffadhaa; achiis faarfannaafi kadhannaa jalqabaarratti argamuuf qophaa’aa.
5. Maatiin keenya sagantaa kanarraa faayidaa guddaa argachuu kan danda’u akkamitti?
5 Miseensonni maatii walga’ii koonyaarratti wal duuka taa’uunsaanii, warri ijoolleensaanii saganticha xiyyeeffannaadhaan dhaggeeffachaa akka jiran to’achuuf isaan gargaara. (Kes. 31:12) Hundi keessan caqasni yommuu dubbisamu Macaafa Qulqulluu keessan baastanii akka hordoftan isin jajjabeessina. Yaadannoo gabaabaa qabachuun, xiyyeeffannaadhaan dhaggeeffachuuf isin gargaaruu danda’a. Yaadannoon kun, ijoowwan haasawaa dhihaatan akka yaadattan isin gargaara. Utuu sagantichi geggeeffamaa jiruu odeessuurraa ykn teessuma keessan dhiistanii asiif achi deemuurraa of qusadhaa. Bilbilli keessan isiniinis ta’e warra kaan akka jeequ hin godhinaa. Guyyaa lamaanuu walga’ii booda, wanta saganticharraa argattan maaliif warra kaan wajjin hin mari’attan?
6. Walga’ii koonyaa keenyarraa faayidaa akkamii arganna? Walga’icharraa faayidaa guutuu argachuu kan dandeenyu akkamitti?
6 Walga’ii koonyaarratti, wanta biyyi lafaa kun hin arganne, jechuunis obboloota keenyaa wajjin waltti dhufeenya adda ta’e qabaachuuf carraa arganna. (Far. 133:1-3; Mar. 10:29, 30) Yeroo laaqanaa obboloota cina keessan taa’anii wajjin wal baruufi waliin haasa’uuf maaliif yaalii hin gootan? Kun, faayidaa mana nyaataa dhaquu mannaa nyaata salphaa fidachuufi bakkuma walga’ichi itti godhamu turuun qabu keessaa tokkodha. Carraan yeroo kanatti wal jajjabeessuuf argattan, akka isin hin dabarre carraaqqii godhaa.—Rom. 1:11, 12.
7. Uffata uffannu ilaalchisee qophii akkamii gochuu qabna?
7 Uffannaa: Yihowaan Israa’eloota fiixee uffatasaaniitti shaashara akka baafatan, golee uffatasaaniittis fo’aa bifa waaqaa fakkaatu akka hidhatan ajajuunsaa xiyyeeffannaa namaa kan harkisudha. (Lak. 15:37-41) Kunimmoo, saba Yihowaa waaqeffachuuf adda baafaman akka ta’an kan isaan yaadachiisu ture. Har’as, walga’ii koonyaarratti uffannaan keenya ulfina qabeessaafi seera qabeessa ta’uunsaa biyya lafaarraa adda nu taasisa. Kana malees, saganticha booda mana nyaataa yoo dhaqne, achitti namoota nu ilaalaniif akka gaariitti dhugaa ba’uuf nu gargaara. Kanaafuu, uffata uffattan ilaalchisee of eeggannoodhaan dursitanii irratti yaaduu qabdu.
8. Magaalaa walga’iin koonyaa itti geggeeffamutti namootaaf dhugaa ba’uu kan dandeenyu akkamitti?
8 Dhugaa Ba’aa: Xinnoo yoo irratti yaadne, namoota magaalaa walga’iin koonyaa itti geggeeffamu jiraniif dhugaa ba’uu dandeenya. Obboleessi sagantaa walga’ii koonyaa booda haadha manaasaa wajjin mana nyaataa dhaqe tokko, salphaadhumatti kaardii walga’ii koonyaa qomarratti maxxanfamu hojjetaa mana nyaatichaatti argisiisuudhaan, “Namoota hedduu kaardii akkasii qomarratti kaa’atan argiteettaa?” jedhee gaafate. Hojjetaan mana nyaatichaas kana arguusaafi hundisaanii kaardii wal fakkaatu kana maaliif akka kaa’atan akka isaa hin galle dubbate. Kunimmoo maree akka jalqaban kan isaan taasise yommuu ta’u, obboleessi kunis hojjetaa mana nyaatichaa walga’ii koonyaarratti afeere.
9. Dinqisiifannaa afeerrii Yihowaatiif qabnu argisiisuu kan dandeenyu akkamitti?
9 Walga’ii koonyaarratti haasawaa, gaafannoofi hojiin argisiisa kan dhiheessan obboloota keenya yoo ta’aniyyuu, jaalalasaatiin kaka’ee nyaata hafuuraa waggaa waggaadhaan dhihaatu kana kan qopheesse Abbaa keenya isa samii kan ta’e Yihowaadha. (Isa. 65:13, 14) Guyyaa lamaanuu nyaata hafuuraa mi’aawaa dhihaaterratti argamuudhaan, Yihowaa isa nyaata kana nuu qopheesseef dinqisiifannaa qabnu argisiisna. Isinoo kana gochuuf qophiiwwan keessan xumurtaniittuu?
[Saanduqa fuula 2rra jiru]
Sa’aatii Sagantichaa
Sagantichi guyyaa lamaanuu ganama sa’aatii 3:20tti jalqabama. Balballi sa’aatii 2:00tti banama. Yeroo muuziqaan jalqabaa beeksifamu, sagantichi Yihowaadhaaf karaa ulfina fiduun akka jalqabutti hundi keenya teessuma keenyarratti argamuu qabna. Sagantichi Sanbadduraa sa’aatii 10:55tti, Dilbatammoo sa’aatii 10:35tti xumurama. Walga’ii koonyaa biyyoolessaattimmoo, sagantaan Kamisaa kan jalqabu sa’aatii 7:20tti si’a ta’u, kan xumuramummoo sa’aatii 10:45tti.
[Saanduqa fuula 9rra jiru]
Yaadachiisawwan Walga’ii Koonyaa
◼ Teessuma Qabuu: Teessuma qabuun kan danda’amu namoota konkolaataa tokkoon wajjin deemtan ykn mana tokko keessa jiraattan qofaafidha.
◼ Laaqana: Boqonnaa laaqanaatti nyaata barbaacha ala deemuu mannaa, laaqana keessan fidattanii dhufuun gaariidha. Qodaan nyaataa keessan karaa akka hin cufnetti teessoo keessan jala kaa’amuu kan danda’u ta’uu qaba. Wanta salphaatti cabuufi dhugaatii alkoolii bakka walga’ii fidanii dhufuun tasumaa dhorkaadha.
◼ Buusii: Galma Mootummaatti ykn bakka walga’iin koonyaa itti godhamutti hojii addunyaa maratti hojjetamuuf buusii fedharratti hundaa’e gochuudhaan, qophii walga’ii kanaaf qabnu argisiisuu dandeenya. Cheekiin buusii bakka walga’ii koonyaatti godhamu kamiyyuu “Yeyihowa Miskiroch” jedhamee ergamuu qaba.
◼ Balaafi Dhukkuba Yeroo Namaa Hin Laanne: Namni tokko bakka walga’ii kanatti dhukkuba yeroo nama hin laanneen yoo qabame, kutaa yaaliin fayyaa jalqabaa itti kennamu akka isinitti argisiisuuf keessumsiisaa dhihoo keessan jiru gaafadhaa.
◼ Sagalee Waraabuu: Meeshaa waraabbii toora elektiriikaa bakka walga’ii koonyaa wajjin wal qabsiisuun hin danda’amu, meeshaa sagalichaas karaa warra kaan hin jeeqneen qofa fayyadamuun ni danda’ama.