Yihowaa Eeggadhaa
1 Isaayaas: “Waaqayyo isa firdiin isaa qajeelaa waan ta’eef, warri isa eeggatan haa gammadan” jechuudhaan barreesseera. (Isa. 30:18b) Macaafni Qulqulluun, Waaqayyo diinotasaarratti akka faraduufi tajaajiltootasaa warra amanamoo ta’an akka oolchu bakka hedduutti ibsa. Waaqeffattoonni Yihowaa yeroo ammaatti argaman seenaa kanarraa barumsa akkamii argatu? ‘Guyyaa Waaqayyoo isa guddaafi isa sodaachisaarraa’ ooluuf ammumaa qophii maalii gochuu qabna? (Yoe. 2:31, 32) Walga’iin Koonyaa “Fayyinni Keenya Dhihaateera!” jedhuufi yeroo muraasa booda gochuuf jirru, gaaffiiwwan kanarratti akka yaannuufi akka of gamaaggamnu nu kakaasa. Walga’iin kun Yihowaa akka eeggannus nu gargaara.
2 Walga’ii koonyaa guyyaa sadanuu godhamurraa faayidaa argachuuf qophii gooteettaa? Fakkeenyaaf, guyyaa walga’ii sanaaf boqonnaa argachuuf nama si hojjechiisu heyyama gaafatteettaa? Utuu carraaqqii hin godhin heyyama argachuu nan danda’a jettee hin yaadin. Dhimma kana caqasuudhaan Yihowaa erga kadhattee booda, gaaffiikee dhiheessi. (Nah. 2:4, 5) Haaluma wal fakkaatuun, baasii konkolaataadhaaf, mana ciisichaatiifi wantoota barbaachisaa ta’an gochuuf nu gargaaru qopheeffachuu qabna. Qophii gaarii akkasii gochuun, nyaata hafuuraa Yihowaan nuu dhiheesseef dinqisiifannaa akka qabnu argisiisa. Jaarsoliin keessumaa warri dullooman walga’ii koonyaarratti akka argaman gargaaruuf carraaqqii cimaa gochuu qabu.—Gal. 6:10.
3 Amalli Gaariin Waaqayyoof Ulfina Fida: Walga’ii koonyaarratti yeroo baay’annee wal geenyu, amalli gaariin argisiisnu namoonni naannoo sanaa eenyummaa keenya akka hubatan godha. Yeroo kanatti maal gochuutu nurraa eegama? Naannoo walga’ii sanaatti namoonni hoteela, mana nyaataafi bakka daldalaatii hojjetan amala Kiristiyaanummaa jechuunis obsa, gaarummaa, arjummaa, amanamummaafi garraamummaa keenya ilaaluu qabu. (Gal. 5:22, 23; Filp. 4:5) Hundi keenya jaalala isa ‘lafa salphinaa hin dhaabanne, waan isatti tolu duwwaas hin barbaanneefi isa hin dallanne’ argisiisuu qabna. Rakkinniifi wanti nu mufachiisu yoo nu mudatellee, ‘waan hundumaa ulfina Waaqayyootiif hojjechuu’ barbaanna.—1 Qor. 10:31; 13:5.
4 Ijoolleen amala gaarii argisiisuunsaanii warrisaanii akka isaan leenjisaniifi akka isaan to’atan argisiisa. Warri to’annaa malee ijoollesaanii gadhiisuunsaanii sirrii miti. Yeroo hundumaa ijoolleesaanii to’achuu qabu. (Fak. 29:15) Amalli gaariin isaan argisiisan Yihowaadhaaf ulfina kan fiduufi kan garaa isa ciibsu akka ta’u hawwina!—Fak. 27:11.
5 Akkaataa Uffannaafi Miidhaginaa Gaarii Qabaachuu: Hundi keenya akkaataan uffannaafi miidhaginaa keenya keessa ba’aafi yeellaasisaa akka hin taane of eeggannoo gochuudhaan hundumaa dura walga’ii koonyaa kanaaf xiyyeeffannaa guddaan akka kennamu gochuu dandeenya. Gara walga’ii koonyaatti yeroo adeemnuufi yeroo achii deebinu, bakka walga’iin kun itti godhamutti yeroo hojii hojjennuufi yeroo walga’icharratti argamnu hundumaatti kana gochuu qabna. Tajaajiltoota Waaqayyoo waan taaneef, jalqaba kan nu yaaddessuu qabu filannaa ykn gammachuu keenya utuu hin ta’in maqaafi ulfina Yihowaa ta’uu qaba. Warri mataa maatii ta’an, akkaataan uffannaafi miidhagina maatiisaanii maal naan jedhuufi of qabuusaanii kan argisiisu akka ta’u gochuuf itti gaafatamummaa qabu.—1 Xim. 2:9.
6 Haaluma wal fakkaatuun hoteelatti, suuqiifi mana nyaataatti akkaataa uffannaafi miidhaginaa sirrii ta’e qabaachuun barbaachisaadha. Sa’aatii irbaatattis uffata walga’icharratti uffannu uffachuun keenya barbaachisaadha. Kaardii qomatti maxxanfamu godhachuun keenya karaa alidilee ta’een dhugaa ba’uuf carraa nuu bana.—2 Qor. 6:3, 4.
7 Isaayaas akkas jechuudhaan raajii dubbateera: “Waaqayyo garuu amma iyyuu tola isaa isinitti argisiisuudhaaf isin eegaa jira; isiniif oo’uudhaafis ka’eera.” (Isa. 30:18a) Dinqisiifannaan tolasaafi oo’asaatiif qabnu walga’ii koonyaarratti amala gaarii argisiisuu, akkasumas akkaataa uffannaafi miidhaginaa gaarii ta’e qabaachuudhaan akka isaaf ulfina kenninu nu kakaasuu qaba. Walga’iin Koonyaa “Fayyinni Keenya Dhihaateera!” jedhamu Waaqa keenyaaf ulfina kan fiduufi isa eeggachuudhaaf kan nu gargaaru haa ta’u!
[Gaaffiiwwan Qayyabannaa]
1. Matadureen walga’ii koonyaa maal kan jedhudha? Kunoo yeroo keenyaaf barbaachisaadha kan jennu maaliifi?
2. Dinqisiifannaa walga’ii koonyaatiif qabnu akkamitti argisiisuu dandeenya?
3. Bakka walga’iin koonyaa godhamutti sabni Yihowaa amalawwan akkamii argisiisuu qabu?
4. Warri ijoolleesaanii amala gaarii Yihowaadhaaf ulfina fidu akka qabaatan gargaaruu kan danda’an akkamitti?
5. Akkaataa uffannaafi miidhaginaa keenyaan Yihowaadhaaf ulfina fiduu kan dandeenyu akkamitti?
6. Yeroo boqonnaattis ta’e walga’iirratti akkaataa uffannaafi miidhaginaa gaarii ta’e qabaachuu kan qabnu maaliifi?
7. Walga’iin koonyaa seera qabeessaafi kan nama gammachiisu akka ta’uuf maal gochuu dandeenya? (“Yaadachiisawwan Walga’ii Koonyaa” jedhu ilaali.)
[Saanduqa fuula 3rra jiru]
Yaadachiisawwan Walga’ii Koonyaa
◼ Sa’aatii Sagantichaa: Sagantichi guyyaa sadanuu ganama sa’aatii 3:30tti jalqabama. Balballimmoo sa’aatii 2:00tti banama. Sagantichi jalqabamuusaa daqiiqaa muraasa dura, dura taa’aan sagantichaa muuziqaan utuu dhaga’amaa jiruu waltajjiirra bakka isaaf qophaa’e taa’a. Yeroo sanatti hundi keenya teessuma keenyarra taa’uu qabna. Kana gochuun keenyas sagantichi haala sabrii qabuun akka jalqabamu godha. Sagantichi gaafa Jimaataafi Sanbadduraa sa’aatii 11:05tti, Dilbatammoo 10:10tti xumurama.
◼ Teessuma Qabuu: Teessuma qabuun kan danda’amu namoota konkolaataa tokkoon wajjin deemtan ykn mana tokko keessa jiraattan qofaafidha.
◼ Laaqana: Boqonnaa laaqanaatti nyaata barbaacha ala deemuu mannaa, laaqana keessan fidattanii dhufuun gaarii ta’a. Qodaan nyaataa keessan karaa akka hin cufneef teessoo keessan jala kaa’amuu kan danda’u ta’uu qaba. Wanta salphaatti cabuufi dhugaatii alkoolii bakka walga’ii koonyaa fidanii dhufuun tasumaa dhorkaadha.
◼ Buusii: Walga’ii koonyaa qopheessuun baasii baay’ee gaafata. Hojii addunyaa maratti hojjetamuuf, Galma Mootummaattis ta’e bakka walga’ii koonyaatti fedhiidhaan buusii gochuudhaan dinqisiifannaa keenya argisiisuu dandeenya. Cheekiin bakka walga’ii koonyaatti buusii godhamu hundi “Yeyihowa Misikiroch” jedhamee akka kaffalamu ibsamuu qaba.
◼ Balaafi Dhukkuba Yeroo Namaa Hin Laanne: Namni tokko bakka walga’iitti dhukkuba yeroo namaa hin laanneen akka tasaa yoo dhukkubsate, kutaa yaaliin fayyaa jalqabaa itti kennamu akka isinitti argisiisuuf keessumsiisaa dhihoo keessanitti argamutti himaa.
◼ Sagalee Waraabuu: Meeshaa waraabbii toora elektiriikaa bakka walga’ii koonyaa wajjin wal qabsiisuun hin danda’amu; meeshaa sagalichaas karaa warra kaan hin jeeqneen qofa fayyadamuun ni danda’ama.
◼ Suuraa Kaasuu: Sa’aatii walga’iitti suuraa kaasuu yoo barbaaddan kaameeraa filaashii hin qabneen kaasuu qabdu.
◼ Bilbila Moobaayilii: Xiyyeeffannaa namaa akka hin harkisneef bilbilli moobaayilii cufamuu qaba.
◼ Foormiiwwan: Foormiin Hordofaa Gargaaraa (S-43) jedhamu, yeroo walga’iin koonyaa godhamu karaa alidilee ta’een waa’ee nama dhugaa baaneefii fedhii argisiise tokkoo odeeffannoo kennuuf gargaara. Foormii kana Kutaa Barreeffamaa walga’ii koonyaatii argachuun ni danda’ama. Nama fedhii argisiise kana hordofanii gargaaruun akka danda’amutti foormii kana erga guuttanii booda kutaa barreeffamaa walga’ii koonyaa ykn gara gumii keessaniitti yeroo deebitanitti barreessaa gumii keessaniif kennuu dandeessu.