LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • km 8/05 ful. 3-5
  • Waldaa Guddaa Keessatti Yihowaa Galateeffadhaa!

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Waldaa Guddaa Keessatti Yihowaa Galateeffadhaa!
  • Tajaajila Mootummaa—2005
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Yihowaa Eeggadhaa
    Tajaajila Mootummaa—2006
  • Yeroo Nyaata Hafuuraa Soorachuudhaan Itti Gammannu
    Tajaajila Mootummaa—2008
  • Nyaata Hafuuraarratti Argamuuf Qophoofteettaa?
    Tajaajila Mootummaa—2009
  • Walgaʼiin Koonyaa Keenya—Dhugaadhaaf Ragaa Cimaa Dhiheessa
    Tajaajila Mootummaa—2012
Dabalataan Ilaaluuf
Tajaajila Mootummaa—2005
km 8/05 ful. 3-5

Waldaa Guddaa Keessatti Yihowaa Galateeffadhaa!

1 Walga’iin koonyaa waggaa waggaadhaan goonu Yihowaa jajuuf carraa guddaa nuu bana. Nuyis akkuma Daawit: “Yommus waldaa guddaa keessatti sin galateeffadha, saba baay’ee keessattis sin jajadha” jedhee faarfatetti nutti dhaga’ama. (Far. 35:18) Walga’ii Koonyaa itti aanuufi “Waaqayyoof Abboomamaa” jedhurratti akka saba tokkootti Yihowaan akka jajamu gochuu kan dandeenyu akkamitti?

2 Karaan kana itti gochuu dandeenyu inni tokko amala keenyaanidha. Bulchaan bakka walga’iin koonyaa itti godhamu tokko: “Erga walga’ii keessan arginee booda, warri amantii gara biraa hordofaniifi iddoo kana kireeffachuu barbaadan dhufanii akkaataa Dhugaa Baatonni Yihowaa haala gaarii ta’een walga’iisaanii itti qindeessan akka ilaalan itti himneerra.” Hundi keenya akkaataa uffannaa, qindoominaafi amala keenyaan Waaqa dhugumaan galateeffamuu qabuuf galata akkasii haa finnu.—1 Phe. 2:12.

3 Uffannaa: Karaa Yihowaadhaaf ulfina fiduun uffachuufi filachuuf of qabuu nu barbaachisa. (1 Xim. 2:9) Kitaabni Mana Barumsaa Tajaajilaa fuula 132⁠rratti akkas jedha: “Namni of qabu, akkaataa uffannaa karaa barbaachisaa hin taaneen warra kaan dallansiisuufi xiyyeeffannaa sirrii hin taane ofitti harkisuurraa of qusata.” Biyyoota hedduutti, uffannaan seeraan ala ta’e barameera. Haata’u malee, Yihowaan karaa sirrii ta’een isa bakka bu’uuf carraaqqii goonuuf bakka guddaa kenna. (HoE. 15:14) Walga’iin koonyaa keenya yeroo baay’ee dirreewwan Ispoortii ykn bakkawwan bashannanaatti yoo godhamellee, guyyoota sadan Walga’iin Koonyaa itti godhamutti walga’iin kun “waldaa guddaa” isa kan keenyaa ta’a. Yihowaa duratti waan walitti qabamnuuf, akkaataan uffannaa keenya qaama uumama cufarratti Olaanaa ta’eef ulfina kan fidu ta’uu qaba.—1 Sen. 29:11.

4 Erga walga’ichi xumuramee boodas taanaan akkaataa uffannaa keenyaaf xiyyeeffannaa kennuun barbaachisaadha. Yeroo boqonnaa keenyatti ykn yeroo mana nyaataa dhaqnu uffata mijaa’aa ta’e barbaannuyyuu, akkaataan uffannaafi filannaan keenya namoota “Waaqayyoof in saganna jedhaniif akka ta’utti” ta’uu qaba. (1 Xim. 2:10) Uffannaan fudhatama qabu, waan biyya lafaatti baramaa ta’een kan madaalamu miti. (1 Yoh. 2:16, 17) Barreeffamoonni keenya, dhiiraafis ta’e dubartootaaf uffannaa yeroo adda addaatti seera qabeessa ta’e murteessuuf nu gargaaru. Magaalaa walga’iin itti godhamu sana keessatti kaardii qomarratti godhamu kaa’achuun keenya, yeroo hundumaa tajaajiltoota Kirsitiyaanaa ta’uu keenya nu yaadachiisa.—2 Qor. 6:3, 4.

5 Maaddii Yihowaa Kabajuu: Gooftaan uumama cufarratti Olaanaa ta’e nyaachisa nuu qopheesseera. (Isa. 25:6; 1 Qor. 10:21) Maaddii Yihowaatiif ulfina kan laannu yoo ta’e, guyyaa sadanuu walga’ii kanarratti argamuuf karoora baafanna. Bakka buufattu, geejjibaafi bakka hojiitii heyyama gaafachuuf qophii si barbaachisu gooteettaa? Dursitee bakka walga’ii ga’uudhaan teessoo argachuuf, obbolootaa wajjin yeroo dabarsuuf, akkasumas isaanii wajjin faarfannaafi kadhannaa jalqabaatiin Yihowaa galateeffachuuf, dursitee qophaa’uufi dursitee manaa ba’uuf yeroo ga’aa ramaddeettaa?—Far. 147:1.

6 Maaddii Yihowaa kan kabajnu yoo ta’e, yeroo sagantichi geggeessamu warra kaanii wajjin odeessuu, nyaachuufi asiifi achi adeemuurraa akka of qusannuufi xiyyeeffannaadhaan akka dhaggeeffannu nu godha. Yihowaan nyaata hafuuraa yeroo kanaaf nu barbaachisu karaa hojjetaa amanamaafi ogeessaa nuu dhiheessaa jira. (Mat. 24:45) Hundi keenyayyuu kutaan sagantichaa tokkoyyuu akka nu darbu hin barbaannu. Warri ijoolleesaanii wajjin taa’uudhaan saganticharraa guutummaatti akka fayyadaman gargaaruu qabu.—Kes. 31:12.

7 Sa’aatii laaqanaatti nyaata barbaacha bakka walga’ichaa dhiisnee deemuu mannaa, laaqana keenya fidannee dhufuun gaariidha. Obboloonni baay’een, walga’ii koonyaa waggaa darberratti gorsa kana hojiirra oolchuunsaanii isaan galateeffachiisa. Waggaa kanattimmoo hundi keenya gorsa kana hojiirra utuu oolchinee akkam gaarii ta’aa! (Ibr. 13:17) Qophiin kun obboloota keenyaa wajjin akka wal jajjabeessinu carraa nuu banuusaarrayyu, tokkummaafi nagaa Yihowaaf ulfina argamsiisu akka qabaannu godha.—Far. 133:1.

8 Karaa Alidilee Ta’een Dhugaa Ba’uu: Yeroo gara walga’ii adeemnuufii achii deebinu, afaan keenyaan Yihowaa galateeffachuuf carraa baay’ee qabna. (Ibr. 13:15) Mana nyaataatti yommuu nyaannu ykn yeroo bulchaa mana nyaatichaa haasofsiisnu, karaa dhugaa itti baanu haa barbaannu. Yaanni keenyaafi garaan keenya qabeenya hafuuraa walga’ii koonyaatiin guutama. Kanaafuu wantoota gaarii kana namoota argannuuf karaa alidilee ta’een haa hirru.—1 Phe. 3:15.

9 Yeroo “walga’ii keessattis” isa jajachuuf nu dandeessisu kana hawwiidhaan eegganna. (Far. 26:12) Egaa Walga’ii Koonyaa “Waaqayyoof Abboomamaa” jedhamuurratti tokkummaadhaan Yihowaa haa galateeffannu.

[Gaaffiiwwan Qayyabannaa]

1, 2. Walga’iin koonyaa carraa akkamii nu kenna? Kana raawwachuu kan dandeenyu karaa kam fa’iini?

3, 4. Of qabuun, walga’ii koonyaarrattis ta’e isaan booda akka tajaajiltoota Kiristiyaanaaf ta’utti uffachuuf kan nu gargaaru akkamitti?

5, 6. Maaddii Yihowaa akka kabajnu argisiisuu kan dandeenyu akkamitti?

7. Laaqana ilaalchisee maal akka goonu gaafatamneerra? Maalifoo?

8, 9. Walga’iin koonyaa, Yihowaa galateeffachuuf carraa dabalataa akkamii nuu kenna?

[Saanduqa fuula 5rra jiru]

Yaadachiisawwan Walga’ii Koonyaa

◼ Sa’aatii Sagantichaa: Sagantichi guyyaa sadanuu ganama keessaa sa’aatii 3:30⁠tti jalqabama. Balballimmoo sa’aatii 2:00⁠tti banama. Sagantichi jalqabamuusaa daqiiqaa muraasa dura, dura taa’aan waltajjii walga’ichaa, muuziqaan Mootummichaa inni teessoo keenya akka qabannu nu yaadachiisu akka jalqabu beeksisee waltajjiirraa iddoo qophaa’eefirra taa’a. Yeroo sanatti hundi keenya teessuma keenyaa yoo qabanne, sagantichi haala sabrii qabuun jalqabamuu danda’a. Sagantichi gaafa Jimaataafi Sanbadduraa galgala sa’aatii 11:05⁠tti, Dilbatammoo 10:10⁠tti xumurama.

◼ Bakka Konkolaataan Dhaabatu: Bakka walga’ii iddoo konkolaataan dhaabatu qabnu kamittiyyuu, namni dura dhufe kaffaltii malee bakka konkolaataasaa dhaabu argachuu danda’a. Kanaafis kaardiin qomarratti godhamu akka waraqaa eenyummaatti tajaajiluu danda’a. Bakka konkolaataan dhaabatu bal’aan waan hin jirreef, konkolaataa nama tokkoo lama qabatu fidanii dhufuu mannaa konkolaataa namoota baay’ee qabatuun dhufuun filatamaadha.

◼ Teessuma Qabachuu: Teessuma qabuun kan danda’amu namoota konkolaataa tokkoon wajjin deemtan ykn mana tokko keessa wajjin jiraattan qofaafidha.

◼ Buusii: Walga’ii koonyaa qopheessuun baasii baay’ee gaafata. Hojii addunyaa maratti hojjetamuuf, Galma Mootummaattis ta’e bakka walga’ii koonyaatti fedhiidhaan buusii gochuudhaan dinqisiifannaa keenya argisiisuu dandeenya. Cheekiin bakka walga’ii koonyaatti buusii godhamu hundi “Yeyihowa Misikiroch” akka kaffalamu ibsamuu qaba.

◼ Laaqana: Boqonnaa laaqanaatti nyaata barbaacha ala deemuu mannaa, laaqana keessan fidattanii dhufuun gaarii ta’a. Qodaan nyaataa keessan karaa akka hin cufneef teessoo keessan jala kaa’amuu kan danda’u ta’uu qaba. Wanta salphaatti cabuufi dhugaatii alkoolii bakka walga’ii koonyaa fidanii dhufuun tasumaa dhorkaadha.

◼ Sagalee Waraabuu: Meeshaa waraabbii toora elektiriikaa bakka walga’ii koonyaa wajjin wal qabsiisuun matumaa dhorkaadha; meeshaa sagalichaas karaa warra kaan hin jeeqneen qofa fayyadamuun ni danda’ama.

◼ Suuraa Kaasuu: Sa’aatii walga’iitti suuraa kaasuu yoo barbaaddan kaameeraa filaashii hin qabneen kaasuu qabdu.

◼ Bilbila Moobaayilii: Xiyyeeffannaa namaa akka hin harkisneef bilbilli moobaayilii cufamuu qaba.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi