LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • km 8/05 ful. 2-7
  • Sagantaa Walga’ii Tajaajilaa

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Sagantaa Walga’ii Tajaajilaa
  • Tajaajila Mootummaa—2005
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Torban Hagayya 8 Jalqabu
  • Torban Hagayya 15 Jalqabu
  • Torban Hagayya 22 Jalqabu
  • Torban Hagayya 29 Jalqabu
  • Torban Fulbaana 5 Jalqabu
Tajaajila Mootummaa—2005
km 8/05 ful. 2-7

Sagantaa Walga’ii Tajaajilaa

Yaadachiisa: Tajaajilli Mootummaa ji’oota Walga’iin Koonyaa itti geggeeffamanitti sagantaa torbee hundaa qabatee ba’a. Gumiiwwan Walga’ii Koonyaa “Waaqayyoof Abboomamaa” jedhurratti obboloonni akka argamuu danda’aniif haala mijeessuun barbaachisaadha. Walga’ii Koonyaan dura Walga’ii Tajaajilaa keessaa daqiiqaa 15 gara dhumaatti gargaaramuudhaan, gorsaafi yaadawwan miiltoo fuula 3 fi 4 sagantaa ji’a kanaa irra deebi’aa dhiheessaa. Walga’ii Koonyaatiin ji’a tokko ykn lama booddee, sagantaa Walga’ii Tajaajilaarratti daqiiqaa 15 hanga 20⁠tti fayyadamuudhaan, qabxiiwwan ijoo ta’aniifi walga’icharratti dhihaatan (tarii sagantaa gumiif akka barbaachisaa ta’etti itti fayyadamaa jedhurratti) keessaa qabxiiwwan gaarii babal’istoonni tajaajilarratti itti gargaaramuu danda’an maalfaa akka ta’an ibsi. Marii walga’ii kanaa yeroo goonutti hundi keenya akka irratti hirmaannuuf, qabxiiwwan ijoofi tajaajilarratti itti fayyadamuu dandeenyu haa qabannu. Sagantaan Walga’ii Tajaajilaa kun waan walga’icharraa baranne akkamitti hojiirra oolchuu akka dandeenyuufi tajaajila keenyammoo caalaatti karaa bu’a qabeessa ta’een hojjechuuf akkamitti akka nu gargaaru yaada kennuuf carraa nuu bana. Obboloonni tokko tokko barumsa walga’icharraa argataniin akka gaariitti itti fayyadamuusaanii dhaga’uun ba’eessa ta’uusaarrayyuu, warri kaanis gorsaafi yaadawwan walga’ii koonyaarratti dhihaatan akkamitti akka hojiirra oolchan hubachuuf isaan gargaaruu danda’a.

Torban Hagayya 8 Jalqabu

Faarfannaa 38 (85)

Daq. 10: Beeksisa gumii. Beeksisawwan Tajaajila Mootummaa irraa filataman.

Daq. 10: “Waraqaa Afeerriitti Fayyadamaa Jirtaa?” Haasawaafi marii dhaggeeffattootaa wajjin godhamuun kan dhihaatu. Dhaggeeffattoonni waraqaa afeerriitti fayyadamuun firii gaarii argatanirratti akka yaada kennan godhi. Hojiin argisiisa gabaabaa babal’isaan tokko waraqaa afeerriitiin gargaaramee, nama fedhii agarsiise tokko walga’iirratti akka argamu yeroo afeeru kan argisiisu hojiin argisiisni tokko akka dhihaatu godhi.

Daq. 25: “Yeroon Itti Lallabamu Amma!” Qajeelchaa yeroo hundaa tokko ykn lamaaf dursiitii qajeelcha ta’uuf sirreeffama dhuunfaa godhaniifi eebbawwan hojii kanarraa argatanirratti yaada akka kennan gaafadhu.

Faarfannaa 83 (187) fi kadhannaa xumuraa.

Torban Hagayya 15 Jalqabu

Faarfannaa 67 (156)

Daq. 10: Beeksisa gumii. (Naannoo keessaniif kan hojjetu yoo ta’e) Akkaataawwan dhiheenyaa fuula 8⁠rra jiranitti fayyadamuudhaan, Masaraa Eegumsaa Waxabajjii 1fi Dammaqaa! Waxabajjii 2005 akkamitti akka raabsaman kan argisiisu hojiin argisiisni akka dhihaatu godhi.

Daq. 15: Ni Yaadattaa? Masaraa Eegumsaa Ebla 15, 2005, fuula 30⁠rratti hundaa’uudhaan marii dhaggeeffattootaa wajjin godhamu. Dhaggeeffattoonni gaaffiiwwan dhihaatan hundaarratti yaada akka kennan afeeri. Faayidaawwan qabxicharraa hojjiirra oolan ibsi. Hundumtuu barreeffamoota Masaraa Eegumsaafi Dammaqaa! akka gaariitti akka dubbisan jajjabeessi.

Daq. 20: “Balbalumasaaniirrattiifi Bilbilaan Qayyabannaa Macaafa Qulqulluu Jalqabsiisuu.” Hojiin argisiisa gabaabaa ta’e akka dhihaatu godhi. Birooshura Waaqayyo Nurraa Maal Barbaadaa? jedhamu keeyyata tokko ykn lama qofaan fayyadamanii, deddeebii gaaffii jalqabaarratti qayyabannaa Macaafa Qulqulluu akkamitti jalqabsiisuun akka danda’amu hojiin argisiisaan akka dhihaatu godhi.

Faarfannaa 76 (172) fi kadhannaa xumuraa.

Torban Hagayya 22 Jalqabu

Faarfannaa 94 (212)

Daq. 8: Beeksisa gumii. Gabaasa herregaafi buusii gumichi godheef xalayaa waajjirri damee barreesse dubbisi.

Daq. 20: “Waldaa Guddaa Keessatti Yihowaa Galateeffadhaa!” Barreessaa gumiitiin kan dhihaatu. Guyyaa walga’iin Koonyaa itti geggeeffamu dubbadhu. Akkuma qayyabannaan Masaraa Eegumsaa geggeeffamutti dhiheessi. Keeyyata 3-7 obboleessi tokko akka dubbisu godhi.

Daq. 17: “Ergaa Mootummattii Lallabuun Mirga Guddaadha.” Keeyyata 4⁠rratti wayita marii gootan obboloota sababa umuriitiin ykn rakkoo fayyaa qabaniif qophii addaa gabaasa tajaajilaa godhame hanga daqiiqaa 15⁠tti deebisuu akka danda’an irra deebi’uudhaan yaadachiisi.—Tajaajila Mootummaa Onkoloolessa 2002, ful. 1, key. 6 ilaali.

Faarfannaa 90 (204) fi kadhannaa xumuraa.

Torban Hagayya 29 Jalqabu

Faarfannaa 20 (45)

Daq. 10: Beeksisa gumii. Babal’istoonni gabaasa tajaajilaa ji’a Hagayya akka deebisan yaadachiisi. (Naannoo keessaniif kan hojjetu yoo ta’e) Akkaataawwan dhiheenyaa ful. 8⁠rra jiranitti fayyadamuudhaan, Masaraa Eegumsaa Waxabajjii 15 akkamitti akka raabsaman kan argisiisu hojiin argisiisni akka dhihaatu godhi.

Daq. 15: “Sagalee Tokko Malee Dhugaa Ba’uu.” Babal’istoota muraasa filuudhaan amala gaarii saba Waaqayyoo ta’anirraa arganiin hammam akka tuqamaniifi tajaajiltoota Yihowaa ta’uuf akka kaka’an yaada akka kennan gaafadhu.

Daq. 20: Marii jalqabaarratti Macaafa Qulqulluudhaan gargaarami. Haasawaafi maree dhaggeeffattootaa wajjin godhamuun kan dhihaatu. Jalqaba yeroo nama haasofsiifnu Macaafa Qulqulluurratti akka xiyyeeffatan gochuu ilaalchisee yaada Tajaajila Mootummaa Fulbaana 2004 fuula 6, keeyyata 2irrat jiru irra deebi’ii dhiheessi. Barreeffamoota ji’a Fulbaanaatti raabsaman ilaalchisee hojiin agarsiisa tokko ykn lama akka dhihaatu godhi. Yeroo qabaannaan akkaataawwan dhiheenyaa miiltoo Tajaajila Mootummaa Amajjii 2005 keessa jiru tokko tokko akkamitti akka fayyadaman caqasuudhaan, mareefi hojiin agarsiisaan akka dhihaatu gochuu ni danda’ama.

Faarfannaa 3 (6) fi kadhannaa xumuraa.

Torban Fulbaana 5 Jalqabu

Faarfannaa 43 (98)

Daq. 10: Beeksisa gumiifi “Yaadachiisawwan Walga’ii Koonyaa.”

Daq. 15 “Qayyabannaawwan Macaafa Qulqulluu Guddina Argisiisan Geggeessuu—Kutaa 12.” Babal’istoota tokko ykn lama qayyabannaa Macaafa Qulqulluu jalqabsiisuufi geggeessuuf kan isaan gargaare maal akka ta’e yaada akka kennaniif duraan dursii qopheessi.

Daq. 20: Maanguddoota Gargaaruuf Gurmaa’uu. Masaraa Eegumsaa, Hagayya 15, 1993, fuula 28-29⁠rratti, mataduree xiqqaa “Bifa Gurmaa’een Hojjechuun Barbaachisaadha” jedhurratti hundaa’uudhaan haasawaa jaarsa gumiitiin dhihaatu. Obboloota dhukkubsataniifi sababa dullumaatiin dadhaban gargaaruuf qophii gumiin godhe caqasi.

Faarfannaa 72 (164) fi kadhannaa xumuraa.

[Miiljaleewwan]

Yaada seensaa daqiiqaa tokko hin guunneen erga jalqabdee booda, gaaffiifi deebiidhaan dhiheessi.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi