Walgaʼiin Koonyaa Keenya—Dhugaadhaaf Ragaa Cimaa Dhiheessa
1. Ayyaanawwan Israaʼeloonni waggaatti kabajan dhugaawwan hafuuraa warra kamirratti xiinxaluufi mariʼachuuf carraa isaaniif banu turan?
1 Israaʼeloonni ayyaanawwan addaddaa kabajuuf waggaatti al sadii wal gaʼu turan. Ayyaana kanarratti argamuu kan qaban dhiirota qofa taʼanis, yeroo gammachiisaa taʼe kanarratti argamuuf yeroo baayʼee guutummaan maatichaa gara Yerusaalem dhaqu turan. (Kes. 16:15, 16) Walgaʼiiwwan kun, dhugaawwan barbaachisaa taʼanirratti xiinxaluufi irratti mariʼachuuf carraa isaaniif banu turan. Dhugaawwan kana keessaa tokko tokko kamfaʼi? Tokkoffaa, Yihowaan arjaafi jaalala qabeessa taʼuusaati. (Kes. 15:4, 5) Lammaffaa, qajeelfama akka isaaniif kennuufi eegumsa gochuufii akka dandaʼu amanuudha. (Kes. 32:9, 10) Israaʼeloonni saba maqaa Yihowaatiin waamaman waan taʼaniif, akkumasaa karaa qajeelummaa argisiisuu itti dandaʼanirratti xiinxaluuf carraa isaaniif bana ture. (Kes. 7:6, 11) Yeroo harʼaattis walgaʼiin koonyaa waggaa waggaadhaan goonu, faayidaa wal fakkaatu nuuf argamsiisa.
2. Sagantaan walgaʼii koonyaa dhugaan akka ifu kan godhu akkamitti?
2 Sagantichi Dhugaan Akka Ifu Godha: Walgaʼii koonyaa keenyarratti haasaa, diraamaa, hojiin argisiisaafi gaafannoo dhugaa Macaafa Qulqulluu caalaatti hubachuufi hojiirra oolchuuf nu gargaaran hedduutu dhihaata. (Yoh. 17:17) Yeroo ammaa, walgaʼii koonyaa waggaa dhufu godhamuuf hojii hedduun raawwatameera. Jaarmiyaan Yihowaa, sagantichi dhimmawwan gumii addunyaa maratti argamaniif barbaachisan qopheessuuf carraaqqii godheera. (Mat. 24:45-47) Sagantaa walgaʼii kanarratti dhihaatu ilaaluufi dhaggeeffachuuf hin hawwineeree?
3. Walgaʼicharraa faayidaa argachuuf maal gochuu qabna?
3 Faayidaa argachuu kan dandeenyu garuu, guyyaa sadanuu walgaʼicharratti yoo argamneefi xiyyeeffannaadhaan yoo dhaggeeffannedha. Boqonnaa fudhachuuf hanga ammaatti hogganaa keetti hin himne taanaan, amma isa haasofsiisuu si barbaachisa. Akkasumas saganticha dammaqinaan dhaggeeffachuuf galgala yeroodhaan rafuuf garanumaa karoora baafachuu si barbaachisa. Obboloonni hedduun obboleessa haasaa dhiheessaa jiru ilaaluufi yaadannoo gabaabaa qabachuunsaanii, xiyyeeffannaadhaan dhaggeeffachuuf akka isaan gargaare hubataniiru. Moobaayiliin ykn peejariin keessan, isiniins taʼe warra kaan akka hin jeeqneef carraaqqii godhaa. Sagantichi utuu geggeeffamaa jiruu odeessuun, moobaayiliidhaan ergaa erguun ykn nyaachuun sirrii miti.
4. Warri, ijoolleensaanii walgaʼii koonyaarraa faayidaa akka argatan gargaaruu kan dandaʼan akkamitti?
4 Waggoota Sanbanni kabajamanitti, maatiiwwan Israaʼel Seerichi yeroo dubbifamu dhaggeeffachuuf yommuu walgaʼan, ‘ijoolleensaanii dhagaʼuufi Waaqayyoon sodaachuu akka baraniif’ isaanii wajjin ayyaana Gordommaarratti akka argaman godhu turan. (Kes. 31:12) Yeroo harʼaattis yommuu walgaʼiin koonyaa godhamu maatiiwwan ijoolleesaanii wajjin taaʼanii xiyyeeffannaadhaan yeroo dhaggeeffatan arguun baayʼee nama gammachiisa! Galgala galgala yaadannoo keessanitti fayyadamuudhaan, barumsa caalaatti xiyyeeffannaa keessan harkiserratti maaliif hin mariʼattan? ‘Wallaalumni yaada mucaatti qabamee waan jiruuf,’ warri ijoolleesaanii umrii waggoota kurnanii keessa jiran dabalatee, ijoolleesaanii hunda boqonnaa laaqanaarrattis taʼe bakka buufatanitti akkasumaan ‘gadhiisuu’ mannaa, isaan toʼachuunsaanii barbaachisaadha.—Fak. 22:15; 29:15.
5. Hoteela buufanne keessatti amala gaarii argisiisuun keenya dhugaan namootatti tolee akka mulʼatu kan godhu akkamitti?
5 Amalli Keenya Inni Gaariin Dhugaan Namootatti Tolee Akka Mulʼatu Godha: Amalli gaariin magaalaa walgaʼiin koonyaa godhamutti argisiisnu, dhugaan namootatti tolee akka mulʼatu godha. (Tit. 2:10) Hoggantoonni hoteelaa seera hoteelichaa eeguu keenya, hojjettootatti obsaafi gaarummaa argisiisuu keenya ni hubatu. (Qol. 4:6) Hoggantuun tokko akkas jetteetti: “Namoonni keessan gaarii waan taʼaniif yeroo isaan gara hoteela keenyaa dhufan nu gammachiisa. Isaan namoota sabrii qabaniifi arjaa waan taʼaniif, hoteela keenyas taʼe hojjetoota keenyaaf ulfina kennu.”
6. Bakka walgaʼiin koonyaa itti godhamu yeroo jirutti, akkaataa uffannaa keenyaan dhugaan namootatti tolee akka mulʼatu gochuu kan dandeenyu akkamitti?
6 Kaardii qomarratti maxxanfamu kaaʼachuun keenya, walgaʼii koonyaa kan beeksisuufi obboloonni keenya akka nu beekan kan godhu qofa miti; kanaa mannaa kaardiin kun namoota kaaniifis dhugaa baʼa. Namoonni magaalaa walgaʼiin koonyaa itti godhamu keessa jiraatan namoonni kaardii walgaʼii koonyaa qomarratti maxxanfamu kaaʼatan, uffata seera hin qabneefi fedhii saalqunnamtii kakaasu, jechuunis akkaataa uffannaa biyya lafaa keessatti baramaa taʼe utuu hin taʼin, uffata qulqulluufi seera qabeessa uffachuusaanii ni hubatu. (1 Xim. 2:9, 10) Kanaaf, bakka walgaʼiin koonyaa itti godhamu yeroo jirru hundaatti, akkaataa uffannaafi filannaa keenyaaf xiyyeeffannaa kennuu qabna. Walgaʼiin sun istaadiyomii gubbaansaa banaa taʼetti kan godhamu yoo taʼellee, uffannaan keenya seera qabeessa taʼuu qaba. Sagantichi erga xumuramee booda uffata keenya geddarannee gara mana nyaataa dhaquu yoo barbaanne, walgaʼii koonyaatiif akka dhufneefi uffata gara dhabaa uffachuu akka hin qabne dagachuu hin qabnu.
7. Walgaʼiin koonyaa tokkummaa keenya argisiisuuf carraa akkamii nuuf bana?
7 Israaʼeloonni, ayyaanawwan waggaatti kabajanirratti namoota hidhata amantiisaanii biyyattii keessaas taʼe kutaa addunyaa garabiraarraa dhufanii wajjin maree nama jajjabeessu kan godhan siʼa taʼu, kunis tokkummaasaanii isaaniif jabeessa ture. (HoE. 2:1, 5) Walgaʼiiwwan koonyaarratti jaalalli obbolummaa keenya inni adda taʼe ifatti mulʼata. Jannanni hafuuraa keessa jirru yeroo baayʼee namoota ilaalan ni dinqisiisa. (Far. 133:1) Nyaata barbaacha bakka walgaʼiin itti godhamu dhiisnee deemuu mannaa, nyaata salphaa fidachuudhaan yeroo kana obboloota naannoo keenya taaʼanii wajjin wal baruufi waliin haasaʼuuf itti fayyadamuun keenya gaariidha!
8. Haalli keenya kan nuu heyyamu yoo taʼe, hojii fedhiidhaan hojjetamuuf of dhiheessuuf sababiiwwan akkamii qabna?
8 Namoonni walgaʼii koonyaa keenya isa akka gaariitti qindeeffameefi seera qabeessa taʼe yeroo ilaalan yeroo baayʼee kan dinqisiifatan siʼa taʼu, hojiin kun namoota fedhiidhaan of dhiheessaniin akka hojjetamu yeroo hubatanimmoo caalaatti dinqisiifatu. Atoo hojii walgaʼii koonyaarratti hojjetamuuf ‘jaalala keetiin of in dhiheessitaa?’ (Far. 110:3) Warri, yeroo baayʼee hojii fedhiidhaan raawwatamurratti guutummaan maatichaa akka hirmaatu yommuu godhan, ijoolleensaanii namoota kaan gargaaruurratti leenjii akka argatan gargaaru. Ija laafessa yoo taate, walgaʼicharratti namoota haaraa wajjin hojjechuun isaanii wajjin wal baruuf si gargaara. Obboleettiin tokko akkas jetteetti: “Maatiifi michootakoo muraasarraa kan hafe, namoota bakka sana jiran keessaa baayʼeesaanii hin beekun ture. Haataʼu malee, yommuun hojii qulqulleessuurratti hirmaadhu, obboloota hedduu wajjin wal bareera. Yeroon kun baayʼee gammachiisaa ture!” Hojiiwwan walgaʼicharratti raawwatamanirratti hirmaachuudhaan obboloota keenyaaf garaa balʼachuun keenya gammachuu guddaa nuuf argamsiisa. (2 Qor. 6:12, 13) Hojii fedhiidhaan hojjetamurratti hirmaattee hin beektu taanaan, ulaagaa barbaachisu akkamitti guutuu akka dandeessu jaarsolii gumiikee gaafadhu.
9. Namoonni kaan walgaʼii koonyaarratti akka argaman afeeruu kan dandeenyu akkamitti?
9 Namoonni Kaan Dhugaa Akka Dhagaʼan Afeeruu: Akkuma waggoota kanaan dura turanitti godhamaa ture, walgaʼiin koonyaa gaʼuusaa torban sadii dura, duula namoonni kaan walgaʼicharratti akka argaman afeeruuf godhamurratti ni hirmaanna. Gumiiwwan, waraqaa afeerriitti fayyadamanii hamma isaaniif dandaʼame naannoo tajaajilaasaanii keessaa hedduusaa waliin gaʼuu barbaadu. (Saanduqa “Waraqaa Afeerrii Akkamitti Raabsuu Dandeenya?” jedhu ilaali). Waraqaan afeerrii hafe yoo jiraate bakka walgaʼiin itti godhamutti fidamuu qaba. Kunis namoonni walgaʼiirratti argamuuf dhufan karaa al idilee taʼeen dhugaa akka ittiin baʼan isaan gargaara.
10. Muuxannoowwan duula affeerrii waggaatti godhamu buʼaa gaarii akka argamsiisan ibsan dubbadhu.
10 Duula waggaatti godhamu kanaaf namoonni deebii akkamii kennu? Walgaʼii koonyaa tokkorratti keessummeessaan hiriyoonni gaaʼelaa tokko bakka taaʼumsaa akka argatan isaan gargaare. Isaanis waraqaan afeerrii akka isaan gaʼeefi wanti waraqaa afeerrii sanarratti ibsame “xiyyeeffannaa namaa kan harkisu” taʼuusaa akka hubatan isatti himan. Namoonni kun walgaʼicharratti argamuuf konkolaataadhaan kiilomeetira 300 ol deemanii kan dhufan taʼuunsaa nama dinqisiisa! Yeroo garabiraattimmoo, obboleettiin tokko manaa gara manaatti yommuu tajaajiltu nama waaʼee walgaʼii koonyaa beekuuf fedhii guddaa qabu tokkoof waraqaa afeerrii kennite. Isheenis waraqaa afeerrichaa ilaalchisee isaa wajjin yeroo muraasaaf maree goote. Guyyoota muraasa booda utuu walgaʼii koonyaarra jiranii namicha sanaafi michuusaa walgaʼii sanarratti kan argite siʼa taʼu, lamaanuu barreeffama haaraa baʼe qabatanii turan!
11. Walgaʼii koonyaa waggaatti godhamurratti argamuun keenya barbaachisaa kan taʼe maaliifi?
11 Ayyaanonni Israaʼeloonni waggaatti kabajan kun, qophii Yihowaan jaalalaan kakaʼee ‘amanamummaa guutuudhaan akka isaaf hojjetan’ isaan gargaaruuf godhe kan argisiisan turan. (Iya. 24:14) Haaluma walfakkaatuun, walgaʼiin koonyaa keenya ‘dhugaatti qabamnee akka jiraannu’ kan nu gargaaru taʼuusaarrayyuu, kutaa waaqeffannaa keenya keessaa isa guddaadha. (3 Yoh. 3) Yihowaan, carraaqqii namoonni dhugaa jaallatan hundi walgaʼicharratti argamuufi guutummaatti achirraa fayyadamuuf godhan akka eebbisu hawwii keenyadha!
[Yaada gabaabaatti fudhatameefi fuula 4rra jiru]
Amalli gaariin magaalaa walgaʼiin koonyaa godhamutti argisiisnu, dhugaan namootatti tolee akka mulʼatu godha
[Yaada gabaabaatti fudhatameefi fuula 5rra jiru]
Walgaʼiin koonyaa gaʼuusaa torban sadii dura, duula namoonni kaan walgaʼicharratti akka argaman afeeruuf godhamurratti ni hirmaanna
[Saanduqa fuula 3-6rra jiru]
Yaadachiisawwan Walgaʼii Kooyaa 2012
◼ Saʼaatii Sagantichaa: Sagantichi guyyaa sadanuu ganama saʼaatii 3:20tti jalqabama. Balballi kan banamu saʼaatii 2:00 boodadha. Muuziqaan sagantichi jalqabamuusaa argisiisu yeroo beeksifamu, sagantichi haala sabrii qabuun akka jalqabamuuf hundi keenya taaʼuu qabna. Sagantichi Jimaataafi Sanbadduraa saʼaatii 10:55tti, Dilbatammoo 9:40tti xumurama.
◼ Bakka Konkolaataan Dhaabatu: Bakki konkolaataan dhaabatu muraasa waan taʼeef, hanga dandaʼametti gareedhaan konkolaataa tokkotti fayyadamuun barbaachisaadha. Walgaʼii koonyaa gumiin keessan itti ramadamerratti argamuuf carraaqqii akka gootanis isin jajjabeessina.
◼ Teessuma Qabachuu: Teessuma qabuun kan dandaʼamu, namoota konkolaataa tokkoon waliin deemtan ykn mana tokko keessa waliin jiraattan ykn namoota yeroo ammaatti Macaafa Qulqulluu qayyabsiisaa jirtan qofaaf taʼuu qaba.—1 Qor. 13:5.
◼ Laaqana: Boqonnaa laaqanaarratti nyaata barbaacha deemuu mannaa, laaqana fidattanii akka dhuftan isin jajjabeessina. Qodaan nyaataa keessan karaa akka hin cufneef, teessoo keessan jala kaaʼamuu kan dandaʼu taʼuu qaba. Wanta salphaatti cabuufi dhugaatii alkoolii bakka walgaʼii fidanii dhufuun hin heyyamamu.
◼ Buusii: Hojii addunyaa maratti hojjetamuuf, Galma Mootummaattis taʼe bakka walgaʼii koonyaatti fedhiidhaan buusii gochuudhaan dinqisiifannaa keenya argisiisuu dandeenya. Bakka walgaʼii koonyaatti buusiin cheekiidhaan godhamu hundi, jaarmiyaa “Yeyihowa Misikiroch” jedhamuuf akka kaffalamu kan ibsu taʼuu qaba.
◼ Balaafi Dhukkuba Yeroo Namaa Hin Kennine: Namni tokko bakka walgaʼiitti dhukkuba yeroo namaa hin kennineen akka tasaa yoo dhukkubsate, kutaa Yaaliin Fayyaa Jalqabaa itti kennamu akka isinitti argisiisuuf keessumsiisaa naannoo keessanitti argamu gaafadhaa.
◼ Qoricha: Qorichi ogeessa fayyaatiin isiniif ajajameefi fudhachaa jirtan yoo jiraate, bakka walgaʼichaatti waan hin argamneef, hamma isin gaʼu qabadhaa kottaa.
◼ Kophee: Waggaa waggaadhaan balaawwan qophee wajjin wal qabatan hedduun ni gaʼu. Rakkoo tokko malee fooqii, riqichaafi bakkawwan balaa geessisan kaanirra deemuu akka dandeenyuuf kophee mijaaʼaafi nutti taʼu kaaʼachuun keenya gaariidha.
◼ Namoota Gurrisaanii Dhagaʼuu Hin Dandeenye: Sagantichi bakka walgaʼichaa iddoo tokko tokkotti raadiyooniidhaa ni tamsaafama. Sagantaa kana dhaggeeffachuuf, raadiyoo xinnoo dhagaa baatiriitiin hojjetuufi meeshaa gurratti kaaʼatanii itti dhaggeeffatan qabatanii dhufuun barbaachisaadha.
◼ Gaarii Daaʼimmaniifi Barcuma Bashannanaa: Gaarii daaʼimmaniifi barcuma bashannanaa, bakka walgaʼiin itti godhamu fidamanii dhufuun hin heyyamamu. Haataʼu malee, barcuma ijoolleef qophaaʼeefi bakka warrisaanii taaʼanitti hidhamu fayyadamuun ni dandaʼama.
◼ Manneen Nyaataa: Manneen nyaataatti amala gaarii argisiisuudhaan maqaa Yihowaatiif ulfina kennaa. Namoota nu keessumsiisaniif qarshii xinnoo kennuun gaariidha.
◼ Hoteelota: Kan dandaʼamu taanaan Hoteela qabachuun gaariidha.
(1) Kutaa itti fayyadamtanii ol hin qabatinaa; lakkoofsa namootaa heyyamamuu ol kutaa keessan keessa hin tursinaa.
(2) Wanti humna keessanii ol taʼe yoo isin mudate malee, kutaa qabattan hin dhiisinaa; haalli akkas gochuuf isin dirqisiisu yoo isin mudate hatattamaan hoteelichatti beeksisaa.—Mat. 5:37.
(3) Bakka nyaata bilcheessuun itti heyyamamu qofatti fayyadamaa.
(4) Namoota hoteelicha keessa hojjetuun haala wal qabateen amala gaarii argisiisaa. Keessummoota hedduu waan simataniif, gaarummaafi obsa kan argisiistan, akkasumas haalasaanii kan isaaniif hubattan yoo taʼe ni dinqisiifatu.
(5) Warri, yeroo hoteela keessa turan hundatti, iddoo daakaa, bakka keessummoonni itti simataman, kutaa ispoortiin itti hojjetamuufi bakkawwan kan biraatti ijoolleesaanii toʼachuu qabu.
◼ Galma Mootummaatti Fayyadamuu: Galma Mootummaa akka mana ciisichaatti fayyadamuun filatamaa miti. Galma Mootummaa keessa buluuf wanti dirqisiisu yoo jiraate garuu, hundumtuu qulqullinasaa eeguuf itti gaafatamummaa akka qaban beekuu qabu. Sireen irra ciisame kaafamuu, wanti lafatti dhangalaʼe yerooma sana qulqulleeffamuu, waraqaaniifi kosiin guuboo ykn qodaa faayidaa kanaaf qophaaʼe keessatti gatamuu qabu.
◼ Foormii Hordofaa Gargaaraa (S-43) Jedhamu: Foormiin kun, yeroo walgaʼiin koonyaa godhamu karaa alidilee taʼeen waaʼee nama dhugaa baaneefi fedhii argisiise tokkoo odeeffannoo kennuuf gargaara. Foormii guutame, Kutaa Barreeffamaa walgaʼii koonyaatti ykn barreessaa gumii keessanitti kennuu dandeessu.—Tajaajila Mootummaa Caamsaa 2011 fuula 3 ilaali.
◼ Qulqulleessuu: Kutaan Qulqullinaa sagantaa itti qulqulleeffamu kan qindeesse taʼuyyuu, sadarkaa qulqullinaa guddaa Yihowaan sabnisaa akka eegan barbaaduuf gumaacha gochuu dandeenya. Kanaaf, yeroo kamittiyyuu waraqaan ykn kosiin lafa buʼe kan biraan galma walgaʼiin koonyaa godhamu keessatti dhiifamuu hin qabnu. Yeroo walgaʼiin koonyaa godhamutti ykn yeroo boqonnaatti, bakka walgaʼii koonyaa itti goonu akka hin fokkisiisneef, kosiin yeruma sana qodaa kaayyoo kanaaf qopheeffame keessatti gatamuu qaba. Akkasumas, bakka teenyee turre deemuu keenya dura wanti lafa buʼe ilaaluudhaan kaasuun keenya gaariidha.
◼ Tajaajila Fedhaa: Gammachuun walgaʼiiwwan koonyaarratti argannu, tajaajila fedhiidhaan kennamurratti yoo hirmaanne caalaatti ni dabala. (HoE. 20:35) Tajaajila akkasiirratti hirmaachuu kan barbaadan hundi Kutaa Tajaajila Fedhaatti beeksisuu qabu. Ijoolleen umriinsaanii waggaa 16 gadi taʼanis, warrasaanii ykn namoota gurguddaa wajjin taʼuudhaan hojii kanarratti hirmaachuu dandaʼu.
[Saanduqa fuula 6rra jiru]
Waraqaa Afeerrii Akkamitti Raabsuu Dandeenya?
Naannoo tajaajilaa keenya waliin gaʼuuf seensa gabaabaatti fayyadamuu nu barbaachisa taʼa. Akkas jechuu dandeenya taʼa: “Harka fuune. Carraaqqii addunyaa maratti waraqaa afeerrii kana raabsuuf godhamaa jirurratti hirmaachaa jirra. Kun koppii dhuunfaa keeti. Ibsa balʼaa waraqaa afeerrii kanarraa argachuu dandeessa.” Miira hoʼaadhaan dubbadhu. Sanbadduraafi Dilbata waraqaa afeerrii kana yommuu raabsitu, haallisaa kan heyyamu taanaan barruulees raabsuu dandeessa.