Sagantaa Torban Ebla 23 Jalqabu
TORBAN EBLA 23 JALQABU
Faarfannaa 45fi Kadhannaa
□ Qayyabannaa Macaafa Qulqulluu Gumii:
wp08 7/1 ful. 17 (Daq. 25)
□ Mana Barumsaa Tajaajila Tiʼookraasii:
Dubbisa M.Q.: Er 29-31 (Daq. 10)
Lakk. 1: Er. 31:15-26 (Daq. 4 ykn isaa gad)
Lakk. 2: Waaqayyoo Kiristiyaanonni Guyyaa Sanbataa Akka Kabajan Isaanirraa Eegaa? (Daq. 5)
Lakk. 3: Mootummaan Waaqayyoo Namni Hundumtuu Mana Akka Qabaatu, Hojii Akka Argatuufi Balaa Kamirraayyuu Walaba Akka Taʼu Godha—rs ful. 230, key. 1-4 (Daq. 5)
□ Walgaʼii Tajaajilaa:
Daq. 10: Beeksisa. Barruu Eblaa-Waxabajjiitti raabsamurraa matadureewwan naannoo tajaajilaa keessaniif taʼan tokko tokko daqiiqaa tokkoo hanga lamaa gidduutti ibsi. Achiis, mataduree qola Masaraa Eegumsaarratti argamutti fayyadamuudhaan, dhaggeeffattoonni gaaffii fedhii namaa kakaasu akkamii gaafachuu akka dandaʼaniifi caqasa kam dubbisuu akka yaadan akka dubbatan afeeri. Mataduree qola Dammaqaa! irra jiruu wajjin haala wal qabateenis akkasuma erga gootee booda, yoo yeroon si gaʼe mataduree kan biraa tokkos baruu lamaanirraa ibsi. Barruuleen lamaanuu akkamitti akka raabsaman hojiin argisiisaan akka dhihaatu godhi.
Daq. 25: Kitaaba “Waaqayyoon Waaqeffadhu,” jedhamu boqonnaa 15, mataduree “Gorsa Dhagaʼi Adabas Fudhadhu!” jedhu irra deebiʼaa. Mareedhaan kan dhihaatu.
Faarfannaa 20fi Kadhannaa