Xalayaa Qaama Olaanaarraa Ergame
Dhuga Baatota Yihowaa jaallatamoo hidhata keenya taatan:
Tajaajiltoota Yihowaa jaallatamoofi amanamoo, yeroo ammaa miliyoona torbaa ol taataniif xalayaa kana yommuu barreessinu gammachuu guddaatu nutti dhagaʼama. Nama hidhata amantii keessanii taʼeefi biyya garabiraadhaa dhufee wajjin yommuu wal argitan nama sanatti jaalala adda taʼe argisiistu. (Yoh. 13:34, 35) Kitaaba Waggaa dubbisuudhaan amantiifi amanamummaa obboloonni keessan biyyoota addaddaa keessa jiraatan argisiisan yeroo hubattan, jaalalli adda taʼe akka isinitti dhagaʼamu akka godhu beekamaadha.
Gabaasni addunyaa maraarraa argame, baayʼeen keessan sagantaa Waaqeffannaa Maatii dhaabbataa taʼe akka qabdan argisiisa. Warri ijoollee xixinnoo qabdanimmoo akka isaan hin nuffineefi xiyyeeffannaasaanii harkisuuf mala addaddaatti fayyadamaa jirtu. (Efe. 6:4) Hiriyoonni gaaʼelaa walii wajjin qayyabachuunsaanii gaaʼellisaanii akka jabaatu godheera. (Efe. 5:28-33) Dhugumayyuu, obboloonni qeentee taʼanis taʼe warri maatii qaban, qophii Dubbii Waaqayyoo gadi fageenyaan qayyabachuuf godhame kanarraa faayidaa argachaa jiru.—Iya. 1:8, 9.
Obboloonni balaa uumamaa dhiheenyatti gaʼeen hubamtan kan jirtan siʼa taʼu, miidhaan isinirra gaʼuusaa dhagaʼuun keenya baayʼee nu gaddisiiseera. Obboloota yeroo balaan uumama kun gaʼe garaa guutuudhaan gargaarsa gootan hunda carraa kanatti fayyadamuudhaan galateeffachuu barbaanna. (HoE. 11:28-30; Gal. 6:9, 10) Gumii hunda keessatti obboloota wanta jireenyaaf isaan barbaachisu hin qabne akka jiran hubattanii gargaarsa gootanis jirtu. Akkuma Dorkaas ishee durii, isinis ‘yeroo keessan hundumaa hojii gaarii hojjechuufi hiyyeessota gargaaruudhaan dabarsitu.’ (HoE. 9:36) Yihowaan gocha keessan kana hubachuudhaan gatii keessan akka isiniif deebisu mirkanaaʼoo taʼaa.—Mat. 6:3, 4.
Biyyoota tokko tokkottimmoo, warra ‘seera jalʼisuudhaan wanta hamaa namarratti qopheessaniin’ hanga ammaatti mirgi keessan sarbamaa jira. (Far. 94:20-22) Yesus, ariʼatamni akkasii akka gaʼu dubbachuusaa waan hubattaniif, Yihowaa daʼoo keessan godhachuudhaan rakkina kana ija jabinaan damdamachaa jirtu. (Yoh. 15:19, 20) Yeroo isin “Waaʼee abdii isin keessa jiruuf, nama isin gaafatee, deebii isin irraa barbaaduuf, deebii gaʼu deebisuudhaaf . . . qophaaʼoo” taatanii itti fufuuf carraaqxan, nutimmoo yeroo hundumaa kadhannaa keenyaan akka isin yaadannu isiniif mirkaneessuu barbaanna.—1 Phe. 3:13-15.
Gara jabinaafi jireenya gad dhiisii Seexanni mala dhokataa taʼetti fayyadamuudhaan babalʼisaa jirurraa haala adda taʼeen, namoota miliyoonatti lakkaʼamtaniifi yeroo hundumaa jireenya qulqulluu jiraachaa jirtan galateeffachuu barbaanna. Yeroo amalli biyya lafaa mancaʼaa adeemu kanatti, ‘Gooftaafi humnasaa isa aangoo-qabeessatti jabaachaa’ jirtu. (Efe. 6:10) ‘Miʼa lolaa isa kan Waaqayyoo guutummaatti yoo hidhattan haxxummaa Seexanaa’ mormuu dandeessu. (Efe. 6:11, 12) Yihowaan, Seexana isa Isa arrabsuuf fakkeenya keessanitti fayyadamee deebii akka kennu hubadhaa.—Fak. 27:11.
Bara 2011tti namoonnii Ayyaana Yaadannoorratti argaman, 19,374,737 akka taʼan yommuu dhageenyu baayʼee gammanneerra. Lakkoofsi guddaan kun galmeeffamuu kan dandaʼe, waggaa darbe jiʼa Eblaatti qajeelchaa gargaaraa taatanii akka tajaajiltaniif waamicha isiniif godhameef deebii gaarii waan kennitaniifidha. Dhugaa Baatonnisaa warri amanamoon sagalee tokkoon yommuu Yihowaadhaaf galata galchan, namoonni miliyoonaan lakkaaʼaman dhagaʼuu dandaʼaniiru. (Rom. 10:18) Jiʼa sanatti namoonni 2,657,377 taataniifi qajeelchaa gargaaraa taatanii tajaajilaa turtan ykn hirmaannaa tajaajilarratti qabdan guddifachuuf carraaqqii gootan hundi, hojichaaf fedhiidhaan of dhiheessuun keessaniifi hinaaffaadhaan tajaajiluun keessan baayʼee nu gammachiiseera.—Far. 110:3; Qol. 3:23.
Waggaa darbe, namoonni haaraan 263,131 Yihowaadhaaf of murteessuudhaan cuuphamaniiru. Wanta kana hundaaf Yihowaa guddaa galateeffanna; isinis waamicha armaan gadiirratti nuu wajjin hirmaachuu keessaniif garaa keenyaa isin galateeffanna: “Kottu . . . namni kana dhagaʼus, ‘Kottu’ haa jedhu! Namni dheebote haa dhufu, namni bishaan barbaadus utuu gatii hin baasin bishaan jireenya kennu haa fudhatu!” (Mul. 22:17) Keessumaammoo, walgaʼii koonyaa 2011tti waaʼee Mootummaa Waaqayyoo isa bulchuu jalqabeefi mataduree “Mootummaan Waaqayyoo Haa Dhufu!” jedhu qabu erga goonee booda, jecha Yesus “Ani dafee nan dhufa” jedhee dubbateef, nuyis akkuma Yohannis garaa guutuudhaan “Ameen! Kottu, gooftaa Yesus!” jennee deebii kennina.—Mul. 22:20.
Obboloota jaalala Yihowaadhaaf qabdan ‘hojiifi garaa dhugaadhaan’ argisiisaa jirtan, akkasumas yeroo gammachiisaa gara fuulduraatti dhufu dammaqinaan eeggachaa jirtan hunda garaa keenyaa akka isin jaallannu isiniif mirkaneessuu barbaanna.—1 Yoh. 3:18.
Obboloota keessan,
Qaama Olaanaa Dhugaa Baatota Yihowaa