◼ Saʼaatii Sagantichaa: Balballi kan banamu ganama saʼaatii 2:00ttidha. Muuziqaan sagantichi jalqabamuusaa argisiisu, guyyaa sadanuu ganama saʼaatii 3:20tti jalqabama. Yeroo kanatti sagantichi haala ulfinaafi sabrii qabuun akka jalqabamuuf hundi keenya taaʼuu qabna. Sagantichi Jimaataafi Sanbadduraa saʼaatii 10:55tti, Dilbatammoo 9:50tti faarfannaafi kadhannaadhaan xumurama.
◼ Walgaʼiiwwan Biyyoolessaa: Naannolee tokko tokkotti walgaʼiiwwan biyyoolessaa ni geggeeffamu. Waajjirri damee baayʼina teessoo, bakka konkolaataan dhaabatuufi manneen ciisichaa erga beekee booda gumiiwwan murtaaʼaniifi keessummoota biyya kan biraa akka afeeru hin dagatinaa. Babalʼistoonni utuu hin afeeramin walgaʼii biyyoolessaarratti yoo argaman bakki walgaʼichi itti godhamu dhiphachuu dandaʼa. Walgaʼii koonyaa gumiinkee itti hin ramadamnerratti akka ati hirmaattu wanti si godhu yoo si mudate, walgaʼiin ati irratti argamuuf filattu walgaʼii biyyoolessaa taʼuu hin qabdu.
◼ Bakka Konkolaataan Dhaabatu: Bakka walgaʼiin itti godhamu hundatti bakki konkolaataan dhaabatu toʼannaa keenya jala jira taanaan, kaffaltiin kan hin gaafatamne siʼa taʼu, konkolaataan hundi duraa duuba itti dhufeen keessumsiifama. Bakki konkolaataan dhaabatu muraasa waan taʼeef, hanga dandaʼametti konkolaataa tokkotti namoota baayʼee qabachuun barbaachisaadha.
◼ Teessuma Qabuu: Ganama ganama yeroo balballi banamu bakka isinitti tolu qabachuuf jettanii obboloota isinii wajjin walgaʼicharratti argamuu dhufanii wajjin hin dorgominaa. Fedhii ofii aarsaa gochuun inni namoota kaaniif akka dursa kenninu nu kakaasu, Kiristiyaanota dhugaa taʼuu keenya kan mulʼisu taʼuusaarrayyuu namoonni kaan Waaqayyoon akka jajatan godha. (Yoh. 13:34, 35; 1 Qor. 13:4, 5; 1 Phe. 2:12) Teessuma qabuun kan dandaʼamu, namoota mana tokko keessa waliin jiraattan ykn konkolaataa tokkoon waliin dhuftan ykn namoota yeroo ammaatti Macaafa Qulqulluu qayyabsiisaa jirtaniif qofadha. Bakka tokko tokkotti teessumni adda taʼe namoota dulloomaniifi dhibee fayyaa qabaniif ni qophaaʼa. Bakki kun muraasa waan taʼeef nama tokko ykn lama qofatu namoota gargaarsa barbaadan kana bira taaʼuu dandaʼa.
◼ Laaqana: Boqonnaa laaqanaatti nyaata barbaacha deemuu mannaa, laaqana fidattanii akka dhuftan isin jajjabeessina. Qodaan nyaataa keessan teessoo keessan jala kaaʼamuu kan dandaʼu utuu taʼee gaariidha. Qodaawwan gurguddaafi wanta akka xaarmusii salphaatti cabu bakka walgaʼii fidanii dhufuun hin heyyamamu.
◼ Buusii: Bakka walgaʼii koonyaatti, hojii addunyaa maratti hojjetamuuf fedhiidhaan buusii gochuudhaan, dinqisiifannaa walgaʼichaaf qabnu argisiisuu dandeenya. Cheekiin buusii godhamu hundi, jaarmiyaa “Yeyihowa Misikiroch” jedhamuuf akka kaffalamu kan ibsu taʼuu qaba.
◼ Qoricha: Qorichi ogeessa fayyaatiin isiniif ajajameefi fudhachaa jirtan yoo jiraate, bakka walgaʼichaatti waan hin argamneef, hamma isin gaʼu qabadhaa kottaa. Lilmoon dhukkuba sukkaaraa ykn kan biraan balaa geessisuu waan dandaʼuuf qodaa kosii bakka walgaʼii ykn hoteelaa jiru keessatti gatamuu hin qabu.
◼ Of Eeggannoo Gochuu: Wantoonni nama mucuccaachisan ykn gufachiisan balaa akka isinirraan hin geenye of eeggadhaa. Waggaa waggaatti kophee koomee dheeraa qabu kaaʼachuudhaan balaawwan ni uumamu. Kophee mijataa balaa hin geessisneefi bakka ol kaʼaa ykn yaabbannoorra deemuuf taʼu filachuun gaariidha.
◼ Namoota Dhagaʼuu Hin Dandeenye: Walgaʼiin koonyaa tokko tokko FM raadiyoodhaan ni tamsaafama. Sagantaa kana dhaggeeffachuuf, raadiyoo xinnoo dhagaa baatiriitiin hojjetuufi FM harkisu, akkasumas meeshaa gurratti kaaʼatanii ittiin dhaggeeffatan qabatanii dhufuun barbaachisaadha.
◼ Gaarii Daaʼimmaniifi Barcuma Bashannanaa: Gaarii daaʼimmaniifi barcuma bashannanaa, bakka walgaʼichaa fidanii dhufuun hin heyyamamu. Haataʼu malee, barcuma ijoollee bakka warrisaanii taaʼanitti hidhamuu dandaʼu fayyadamuun ni dandaʼama.
◼ Bakka Abaaboon Dhaabamee Jiru: Abaaboon, margiifi biqiltoonni bakka walgaʼiin koonyaa itti godhamutti argaman buqqifamuu ykn cabsamuu akka hin qabne Ijoolleen keessan barsiisaa Wantoota kana dhaabuufi guddisuun humnaafi yeroofi akka gaafatus isaan hubachiisaa.
◼ Foormii Hordofaa Gargaaraa (S-43) Jedhamu: Yeroo walgaʼiin koonyaa godhamu karaa alidilee taʼeen dhugaa baanee namni sun fedhii yoo argisiise, foormii kanatti fayyadamnee waaʼee namichaa odeeffannoo kennuu qabna. Foormii guutame, Kutaa Barreeffamaa walgaʼii koonyaatti ykn yeroo gara gumii keessaniitti deebitan barreessaa gumii keessanitti kennuu dandeessu.
◼ Manneen Nyaataa: Manneen nyaataatti amala gaarii argisiisuudhaan maqaa Yihowaatiif ulfina kennaa. Akka Kiristiyaanotaaf taʼutti uffadhaa. Naannoo sanatti kan barame yoo taʼe, namoota isin keessumsiisaniif tiippii kennaa.
◼ Galma Mootummaatti Fayyadamuu: Galma Mootummaatti akka mana ciisichaatti itti fayyadamuun filatamaa miti. Galma Mootummaa keessa buluuf wanti dirqisiisu yoo jiraate garuu, hundisaanii qulqullinasaa eeguuf itti gaafatamummaa akka qaban beekuu qabu. Wantoonni irra ciisaman sirriitti dadachaafamuu, wanti lafatti dhangalaʼe yeruma sana qulqulleeffamuu, waraqaaniifi kosii garabiraan guuboo ykn qodaa faayidaa kanaaf qophaaʼe keessatti gatamuu qaba.
◼ Hoteelota:
Dandaʼamnaan hoteela qabachuun filatamaadha. Kutaa ciisichaa itti fayyadamtan caalaa hin qabatinaa, akkasumas kutaa keessan keessa nama heyyamamu caalaa hin bulchinaa.
Wanti humna keessanii ol taʼe yoo isin mudate malee, kutaa qabattan hin dhiisinaa; haalli akkasii yoo isin mudate warri kaan qabachuu akka dandaʼanitti hatattamaan hoteelicha beeksisaa.—Mat. 5:37.
Naannoo keessanitti baramaa yoo taʼe, hojjettoota hoteelichaa qodaa keessan bakka kutaa keessanii isiniif geessaniifi kutaa keessan isiniif qulqulleessaniif tiippii kennaa.
Kutaa nyaata bilcheessuun itti heyyamamu keessatti qofa bilcheeffadhaa.
Walitti dhufeenya namoota hoteelicha keessatti hojjetanii wajjin qabdaniin yeroo hundumaa ija hojii hafuuraa argisiisaa. Keessummoota hedduu waan simataniif, gaarummaafi obsa kan argisiistan, akkasumas haalasaanii kan isaaniif hubattan yoo taʼe ni dinqisiifatu.
Warri, yeroo hoteela keessa turan hundatti, iddoo bishaan daakaa, bakka keessummoonni itti simataman, kutaa ispoortiin itti hojjetamuufi bakkawwan kan biraatti ijoolleesaanii toʼachuu qabu.
◼ Qulqulleessuu: Kutaan qulqullinaa, sagantaa bakki walgaʼichaa itti qulqulleeffamu kan qindeessu taʼuyyuu, hundi keenya sadarkaa qulqullinaa Yihowaan sabasaarraa eegu guutuuf gumaacha gochuu dandeenya. Kanaaf, yeroo kamittiyyuu waraqaan ykn kosiin lafa buʼe kan biraan bakka walgaʼiin koonyaa godhamutti dhiifamuu hin qabu. Yeroo walgaʼiin koonyaa godhamuttis taʼe yeroo boqonnaatti bakki walgaʼii koonyaa akka hin fokkisiisneef, kosiin yeruma sana qodaa kaayyoo kanaaf qophaaʼe keessatti gatamuu qaba. Akkasumas, bakka teenyee turree deemuu keenya dura, wanta lafa buʼe ilaallee kaasuun keenya gaariidha.
◼ Tajaajila Fedhaa: Tajaajila akkasiirratti hirmaachuu kan barbaadan hundi Kutaa Tajaajila Fedhaatti beeksisuu qabu. Ijoolleen umriinsaanii waggaa 16 gadi taʼes, warrasaanii ykn namoota gurguddaa wajjin taʼuudhaan hojii kanarratti hirmaachuu dandaʼu.