Yaadachiisawwan Walgaʼii Naannoo
Saʼaatii Sagantichaa: Balballi kan banamu ganama saʼaatii 2:00tti dha. Muuziqaan sagantichi jalqabamuu isaa argisiisu, guyyaa sadanuu ganama saʼaatii 3:20tti jalqabama. Yeroo kanatti sagantichi haala ulfinaa fi sabrii qabuun akka jalqabamuuf hundi keenya taaʼuu qabna. Sagantichi Jimaataa fi Sanbadduraa gara saʼaatii 11:00tti, Dilbatammoo gara saʼaatii 10:00tti xumurama.
‘Faarfannaadhaan Yihowaadhaaf Galata Galchaa’: Sabni Yihowaa bara durii turan faarfannaadhaan Yihowaa galateeffachaa turan; yeroo harʼaas faarfannaan waaqeffannaa dhugaa keessatti wanta iddoo guddaa qabu taʼee itti fufeera. (Far. 28:7) Walgaʼii naannoo irratti sagantaan ganamaas taʼe waaree boodaa muuziqaadhaan jalqaba. Kun immoo muuziqaa akkasumaan banamu utuu hin taʼin, waaʼee Yihowaa akka barannuu fi akka isa waaqeffannuuf kan nuuf qophaaʼe dha. Kanaafuu, yeroo dura taaʼaan muuziqaan jalqabuuf akka jedhu beeksisu, hundi keenya walitti dudubbachuu mannaa teenyee akka gaariitti muuziqicha dhaggeeffachuu qabna. Akkas gochuun keenya carraaqqii gareen muuziqaa Waachtaawar godhaniif iddoo guddaa akka kenninu argisiisa. Obboloonni kun muuziqaa gaarii nu gammachiisu qopheessuuf waggaatti siʼa lama baasii mataa isaaniitiin gara Paatarsan, Niiwu Yoorki deemu. Namoonni hundi muuziqaa kana sirriitti erga dhaggeeffatanii booda ol kaʼuudhaan faarfannaa Mootummichaa faarfachuudhaan Yihowaadhaaf galata galchuu qabu.
Bakka Konkolaataan Dhaabatu: Bakka walgaʼiin itti geggeeffamu hundatti bakki konkolaataan dhaabatu toʼannaa keenya jala jira taanaan, kaffaltiin kan hin gaafatamne siʼa taʼu, konkolaataan hundi duraa duuba itti dhufeen keessumsiifama. Bakki konkolaataan dhaabatu muraasa waan taʼeef, hanga dandaʼametti konkolaataa tokkotti namoota baayʼee qabachuun barbaachisaa dha.
Teessuma Qabachuu: Ganama ganama yeroo balballi banamu bakka isinitti tolu qabachuuf jettanii obboloota isinii wajjin walgaʼicha irratti argamuu dhufanii wajjin hin dorgominaa. Fedhii ofii aarsaa gochuun inni namoota kaaniif akka dursa kenninu nu kakaasu, Kiristiyaanota dhugaa taʼuu keenya kan mulʼisu taʼuu isaa irra iyyuu namoonni kaan Waaqayyoon akka jajatan godha. (Yoh. 13:34, 35; 1 Qor. 13:4, 5; 1 Phe. 2:12) Teessuma qabuun kan dandaʼamu, namoota mana tokko keessa waliin jiraattan ykn konkolaataa tokkoon waliin dhuftan ykn namoota yeroo ammaatti Macaafa Qulqulluu qayyabsiisaa jirtaniif qofa dha. Maaloo teessuma ofii hin qabanne irra meeshaalee gara garaa hin kaaʼinaa. Akkas gochuun keessan namoonni kaan iddoon sun akka hin qabamne akka hubatan godha. Bakka tokko tokkotti teessumni adda taʼe namoota dulloomanii fi dhibee fayyaa qabaniif ni qophaaʼa. Bakki kun muraasa waan taʼeef nama tokko ykn lama qofatu namoota gargaarsa barbaadan kana bira taaʼuu dandaʼa.
Uffannaa Gaarii: Uffannaan nuti walgaʼiiwwan gurguddaa irratti uffannu sirrii fi qulqulluu taʼuu qaba malee, haala addunyaa kan calaqqisiisu taʼuu hin qabu. (1 Xim. 2:9) Walgaʼii duras taʼe booda yeroo boqonnaa keenyaatti, uffata dantaa akka nuti hin qabne argisiisu uffachuu hin qabnu. Yoo akkas goone baajii walgaʼii keenyaa godhachuu keenyatti ni gammanna; akkasumas, carraa yeroo argannutti dhugaa baʼuudhaaf hin qaanofnu. Akkaataan bareedina keenyaa fi amalli gaariin nuti walgaʼii irratti argisiisnu namoota yaada qajeelaa qaban ergaa Macaafa Qulqulluu lubbuu namootaa baraarutti harkisuu qofa utuu hin taʼin, Yihowaafis gammachuu argamsiisa.—Sef. 3:17.
Meeshaalee Elektirooniksiitti Yeroo Fayyadamnu Amala Gaarii Argisiisuu: Moobaayiliin keenya ykn meeshaaleen elektirooniksii keenya dhaggeeffattoota kaan akka hin jeeqne gochuudhaan saganticha irratti amala gaarii akka qabnu argisiisuu dandeenya. Kaameeraa, meeshaa viidiyoo waraabu, taableetii ykn meeshaalee kan birootti kan fayyadamnu taanaan, namoota kaan jeequu ykn arguu dhowwuu dhiisuudhaan akka isaaniif yaadnu argisiisuu dandeenya. Akkasumas utuu hin barbaachisin yeroo walgaʼichi geggeeffamutti ergaa barreeffamaa barreessuun barbaachisaa miti.
Laaqana: Boqonnaa laaqanaatti nyaata barbaacha deemuu mannaa, laaqana fidattanii akka dhuftan isin jajjabeessina. Qodaan nyaataa keessan teessoo keessan jala kaaʼamuu kan dandaʼu utuu taʼee gaarii dha. Qodaawwan gurguddaa fi wanta akka xaarmusii salphaatti cabu bakka walgaʼii fidanii dhufuun hin heyyamamu.
Buusii: Bakka walgaʼii naannootti, hojii addunyaa maratti hojjetamuuf fedhiidhaan buusii gochuudhaan, dinqisiifannaa walgaʼichaaf qabnu argisiisuu dandeenya. Cheekiin buusii godhamu hundi, jaarmiyaa “Yeyihowa Misikiroch” jedhamuuf akka kaffalamu kan ibsu taʼuu qaba.
Qoricha: Qorichi ogeessa fayyaatiin isiniif ajajamee fi fudhachaa jirtan yoo jiraate, bakka walgaʼichaatti waan hin argamneef, hamma isin gaʼu qabadhaa kottaa. Lilmoon dhukkuba sukkaaraa ykn kan biraan balaa geessisuu waan dandaʼuuf qodaa kosii bakka walgaʼii ykn hoteelaa jiru keessatti gatamuu hin qabu.
Of Eeggannoo Gochuu: Wantoonni nama mucuccaachisan ykn gufachiisan balaa akka isin irraan hin geenye of eeggadhaa. Waggaa waggaatti kophee koomee dheeraa qabu kaaʼachuudhaan balaawwan ni uumamu. Kophee mijataa balaa hin geessisnee fi bakka ol kaʼaa ykn yaabbannoo irra deemuuf taʼu filachuun gaarii dha.
Namoota Dhagaʼuu Hin Dandeenye: Walgaʼiin naannoo tokko tokko FM raadiyoodhaan ni tamsaafama. Sagantaa kana dhaggeeffachuuf, raadiyoo xinnoo dhagaa baatiriitiin hojjetuu fi FM harkisu, akkasumas meeshaa gurratti kaaʼatanii ittiin dhaggeeffatan qabatanii dhufuun barbaachisaa dha.
Gaarii Daaʼimmanii Fi Barcuma Bashannanaa: Gaarii daaʼimmanii fi barcuma bashannanaa, bakka walgaʼichaa fidanii dhufuun hin heyyamamu. Haataʼu malee, barcuma ijoollee bakka warri isaanii taaʼanitti hidhamuu dandaʼu fayyadamuun ni dandaʼama.
Bakka Abaaboon Dhaabamee Jiru: Abaaboon, margii fi biqiltoonni bakka walgaʼiin naannoo itti geggeeffamutti argaman buqqifamuu ykn cabsamuu akka hin qabne Ijoollee keessan barsiisaa. Wantoota kana dhaabuu fi guddisuun humnaa fi yeroo akka gaafatus isaan hubachiisaa.
Foormii Hordofaa Gargaaraa (S-43) Jedhamu: Yeroo walgaʼiin naannoo geggeeffamu karaa al idilee taʼeen dhugaa baanee namni sun fedhii yoo argisiise, foormii kanatti fayyadamnee waaʼee namichaa odeeffannoo kennuu qabna. Foormii guutame, Kutaa Barreeffamaa walgaʼii naannootti ykn yeroo gara gumii keessaniitti deebitan barreessaa gumii keessanitti kennuu dandeessu.
Manneen Nyaataa: Manneen nyaataatti amala gaarii argisiisuudhaan maqaa Yihowaatiif ulfina kennaa. Akka Kiristiyaanotaaf taʼutti uffadhaa. Naannoo sanatti kan barame yoo taʼe, namoota isin keessumsiisaniif tiippii kennaa.
Hoteelota:
Kutaa ciisichaa itti fayyadamtan caalaa hin qabatinaa, akkasumas kutaa keessan keessa nama heyyamamu caalaa hin bulchinaa.
Wanti humna keessanii ol taʼe yoo isin mudate malee, kutaa qabattan hin dhiisinaa; haalli akkasii yoo isin mudate warri kaan qabachuu akka dandaʼanitti hatattamaan hoteelicha beeksisaa. (Mat. 5:37)
Naannoo keessanitti baramaa yoo taʼe, hojjettoota hoteelichaa qodaa keessan bakka kutaa keessanii isiniif geessanii fi kutaa keessan isiniif qulqulleessaniif tiippii kennaa.
Kutaa nyaata bilcheessuun itti heyyamamu keessatti qofa bilcheeffadhaa.
Walitti dhufeenya namoota hoteelicha keessatti hojjetanii wajjin qabdaniin yeroo hundumaa ija hojii hafuuraa argisiisaa. Keessummoota hedduu waan simataniif, gaarummaa fi obsa kan argisiistan, akkasumas haala isaanii kan isaaniif hubattan yoo taʼe ni dinqisiifatu.
Warri, yeroo hoteela keessa turan hundatti, iddoo bishaan daakaa, bakka keessummoonni itti simataman, kutaa ispoortiin itti hojjetamuu fi bakkawwan kan biraatti ijoollee isaanii toʼachuu qabu.
Galma Mootummaatti Fayyadamuu: Galma Mootummaatti akka mana ciisichaatti itti fayyadamuun filatamaa miti. Galma Mootummaa keessa buluuf wanti dirqisiisu yoo jiraate garuu, hundi isaanii qulqullina isaa eeguuf itti gaafatamummaa akka qaban beekuu qabu. Wantoonni irra ciisaman sirriitti dadachaafamuu, wanti lafatti dhangalaʼe yeruma sana qulqulleeffamuu, waraqaa fi kosii gara biraan guuboo ykn qodaa faayidaa kanaaf qophaaʼe keessatti gatamuu qaba.
Qulqulleessuu: Kutaan Qulqullinaa, sagantaa bakki walgaʼichaa itti qulqulleeffamu kan qindeessu taʼu iyyuu, hundi keenya sadarkaa qulqullinaa Yihowaan saba isaa irraa eegu guutuuf gumaacha gochuu dandeenya. Kanaaf, yeroo kamitti iyyuu waraqaan ykn kosiin lafa buʼe kan biraan bakka walgaʼiin naannoo itti geggeeffamutti dhiifamuu hin qabu. Yeroo walgaʼiin naannoo geggeeffamuttis taʼe yeroo boqonnaatti bakki walgaʼii naannoo akka hin fokkisiisneef, kosiin yeruma sana qodaa kaayyoo kanaaf qophaaʼe keessatti gatamuu qaba. Akkasumas, bakka teenyee turree deemuu keenya dura, wanta lafa buʼe ilaallee kaasuun keenya gaarii dha.
Tajaajila Fedhaa: Tajaajila akkasii irratti hirmaachuu kan barbaadan hundi Kutaa Tajaajila Fedhaatti beeksisuu qabu. Ijoolleen umriin isaanii waggaa 16 gadi taʼes, warra isaanii ykn namoota gurguddaa wajjin taʼuudhaan hojii kana irratti hirmaachuu dandaʼu.