LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • km 4/14 ful. 4
  • Xalayaa Qaama Olaanaarraa Ergame

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Xalayaa Qaama Olaanaarraa Ergame
  • Tajaajila Mootummaa—2014
Tajaajila Mootummaa—2014
km 4/14 ful. 4

Xalayaa Qaama Olaanaarraa Ergame

XALAYAA QAAMA OLAANAARRAA ERGAME

2014

Obboloota Hidhata Keenya Taataniif:

Waggaa seenaa keessatti iddoo guddaa qabu kanatti isiniif barreessuu keenyatti gammachuu guddaatu nutti dhagaʼama! Dhuma bara 2014⁠tti, Yesus Kiristos inni Mootii keenya isa jaallatamaa taʼe erga diinotasaa gidduutti bulchuu jalqabee jaarraa tokko guuta.—Far. 110:1, 2.

Jalqaba waggaa tajaajilaa kanatti walgaʼii Waach Taawor eend Tiraakti Soosaayitii oov Pensilvaaniyaan waggaa waggaadhaan godhurratti, Koreen Hiika Macaafa Qulqulluu Addunyaa Haaraa, Macaafni Qulqulluun Ingiliffa salphaa taʼeen fooyyaʼee qophaaʼeefi guutummaa ilmaan namootaatiif baayʼee gaarii taʼe akka baʼu godheera. Yihowaan ilmaansaa warra hafuuraan dhalatanitti fayyadamee Macaafa Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa jalqabaa akka qopheessan godheera. (Rom. 8:15, 16) Kun qoftillee hiikni kun adda akka taʼu kan isa godhu sitti hin fakkaatuu?

Waggoota hedduudhaaf, Koreen Barreeffamaa Qaama Olaanaa Macaafa Qulqulluu hiikuudhaaf dursi akka kennamu gochaa tureera. Yeroo ammaatti, Hiikni Addunyaa Haaraan guutummaansaa ykn gartokkoonsaa afaan 121n argama. Macaafa Qulqulluu argattan kana garaadhaa akka dinqisiifattan Yihowaatti akka argisiistan isin jajjabeessina. Guyyaa guyyaadhaa dubbisuudhaan irratti xiinxalaa. Akkas kan gootan yoo taʼe, Yihowaa isa Abbaa Barroo kanaa taʼetti caalaatti dhihaattu.—Yaq. 4:8.

Rakkoowwan obboloonni keenya jaallatamoon keessa jiran yeroo dhageenyu baayʼee gaddineerra. Yeroo tokko tokko obbolootasaanii wajjin gammaduun akka isaanitti ulfaatu beekamaadha. Fakkeenyaaf maatiin biyya Eeshiyaa jiraatu tokko, yeroo haati akkuma tasaa guutummaatti qaamnishee naafattetti jireenyisaanii gadda guddaadhaan guutamee ture. Ogeeyyiin fayyaas haalli fayyaashee akka fooyyaʼu gochuu dadhabuunsaanii isaan burjaajessee ture. Kun baayʼee kan nama gaddisiisudha! Amma abbaan manaashee haadha manaasaatiif kunuunsa saʼaatii 24 isheedhaaf gochaa jira. Ilmisaaniifi ijoolleensaanii durbaa lamaan warrasaaniitiif gargaarsa jaalalarratti hundaaʼe gochaa kan jiran taʼuunsaanii, Kiristiyaanota yeroo harʼaa jiraniif fakkeenya gaarii taʼu. Maatiin gaarii taʼe kunis taʼe maatiin keessan rakkina isinirra gaʼu addaddaa karaa buʼa qabeessa taʼeen moʼuun keessan, gammachuu qorumsa amantii isinitti dhufe dandeessanii jiraachuudhaan argamu isiniif argamsiisa. (Yaq. 1:2-4) Yihowaan dibamtoonnis taane hoolonni kan biraa, qorumsa nurra gaʼu kana moʼuu keenya yoo itti fufne, eebba jireenya barabaraa waan nuuf argamsiisuuf gammachuu akka argannu nuuf mirkaneessa!—Yaq. 1:12.

Waggaa darbe namoonni Ayyaana yaadannoorratti argaman 19,241,252 turan. Namoonni hedduun walgaʼii hunda caalaa barbaachisaa taʼerratti saba Waaqayyoo wajjin argamuudhaan Yihowaafi Yesus Kiristosiif ulfina kennaa akka jiran arguun baayʼee kan nama jajjabeessudha! Tibba Ayyaana Yaadannootti, babalʼistoonni miliyoonaan lakkaaʼaman jiʼa Bitootessaafi Eblaatti qajeelchaa gargaaraa taʼanii waan tajaajilaniif Yihowaadhaaf faarfannaan galataa guddaan dhihaateera. Kunis baayʼee kan nama jajjabeessudha! Daawwataan olaanaa aanaa jiʼa Bitootessaafi Eblaatti kan daawwatu taʼuu baatus, babalʼistoonni qajeelchaa gargaaraa taʼanii tajaajilaa jiran walgaʼii inni qajeelchitoota hundaa wajjin godhu guutummaarratti argamuu kan dandaʼan akka taʼe yeroo beektan gammaddanii turtan mitii? Warri karaa hafuuraa ogeeyyii taʼan hojii lallabaafii gumii jabaatanii hojjechuun gatii guddaa akka qabu ni hubatu. Hojii kanaan muddamuun, Seexanni amantii keenya laaffisuufi isarraa nu kaachisuuf yaalii godhus, utuu hin sochoʼin jabaannee dhaabachuuf nu gargaara.—1 Qor. 15:58.

Waggaa tajaajilaa darbetti, namoonni 277,344 of murteessuusaanii bishaaniin cuuphamuudhaan argisiisan jiraachuunsaaniifi obbolootasaanii addunyaa mararra jiraatanii wajjin daandii gara jireenyaatti geessurra deemuu jalqabuunsaanii baayʼee kan nama gammachiisudha! (Mat. 7:13, 14) Namoonni haaraan kun ‘amantiitti dhaabamanii jiraachuuf’gargaarsi keenya isaan barbaachisa. (Qol. 2:7) Hamma dhumaatti jabaattanii dhaabachuuf wal jajjabeessuu keessan itti fufaa. (Mat. 24:13) Akkasumas, ‘[“Warra dhiphatan jajjabeessaa,” hiika bara 1899], warra dadhabaniif yaadaa, namoota hundumaafis dandaʼaa.’ (1 Tas. 5:14) Dhumarrattis, hundumti keenya “Mootummaan kee haa dhufu” jennee ‘kadhachuu keenya itti haa fufnu.’—1 Tas. 5:17; Mat. 6:10.

Yihowaa kan jaallattan hunda akka isin jaallannu isiniif mirkaneessuu barbaanna!

Obboloota keessan,

Qaama Olaanaa Dhugaa Baatota Yihowaa

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi