Sagantaa Torban Ebla 28 Jalqabu
TORBAN EBLA 28 JALQABU
Faarfannaa 35fi Kadhannaa
Qayyabannaa Macaafa Qulqulluu Gumii:
cl boq. 22 key.16-22 (Daq. 30)
Mana Barumsaa Tajaajila Tiʼookraasii:
Dubbisa M.Q.: Baʼuu 19-22 (Daq. 10)
Irra Deebii Mana Barumsaa Tajaajila Tiʼookraasii (Daq. 20)
Walgaʼii Tajaajilaa:
Daq. 5: Sanbadduraa Isa Jalqabaatti Qayyabannaa Macaafa Qulqulluu Jalqabsiisuu. Haasaadhaan kan dhihaatu. Qophii gumiin Sanbadduraa jalqabaa jiʼa Caamsaarratti tajaajila dirreetiif godhe caqasuudhaan hundisaanii akka irratti hirmaatan jajjabeessi. Akkaataa dhiheenyaa fuula 8rratti argamutti hojiin argisiisni gabaabaan akka dhihaatu godhi.
Daq. 15: “Tiraaktota Bifa Haaraatiin Qophaaʼan!” Gaaffiifi deebiidhaan kan dhihaatu. Hojiin argisiisni lama akka dhihaatu godhi. Inni jalqabaa, akkaataa tiraaktota haaraa kana manaa gara manaa ennaa tajaajillu raabsuu itti dandeenyu kan argisiisu taʼa. Inni lammaffaanimmoo, nama fedhii argisiise tokkoof deddeebii gaaffii yommuu goonu tiraaktota kanatti fayyadamuudhaan maree keenya itti fufuu kan dandeenyu akkamitti akka taʼe kan argisiisudha.
Daq. 10: “Viidiyoo Haaraa Qayyabannaa Macaafa Qulqulluu Jalqabsiisuuf Gargaaru.” Haasaadhaan kan dhihaatu. Viidiyoo kana dhaggeeffattootatti argisiisi ykn sagaleesaa qofa isaan dhageessisi. Dhaggeeffattoonni karaawwan kan biraa viidiyoo kanatti fayyadamuun itti dandaʼamu akka dubbatan afeeri.
Faarfannaa 28fi Kadhannaa