LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • km 4/14 ful. 6
  • Irra Deebii Mana Barumsaa Tajaajila Tiʼookraasii

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Irra Deebii Mana Barumsaa Tajaajila Tiʼookraasii
  • Tajaajila Mootummaa—2014
Tajaajila Mootummaa—2014
km 4/14 ful. 6

Irra Deebii Mana Barumsaa Tajaajila Tiʼookraasii

Gaaffileen kanaa gadi jiran, Mana Barumsaa Tajaajila Tiʼookraasii torban Ebla 28, 2014 jalqabutti kan irratti mariʼatamudha.

  1. Yoseef haadha manaa Phoxiifaarii wajjin ejja akka hin raawwanne kan isa gargaare maalidha? (Uma. 39:7-12) [Bit. 3, w13 2/15 ful. 4 key. 6; w07 11/1 ful. 6-7 key. 16]

  2. Yoseef namoota jalʼinniifi rakkinni irra gaʼuuf fakkeenya gaarii kan taʼu akkamitti? (Uma. 41:14, 39, 40) [Bit. 10, w04-AM 1/15 ful. 29 key. 6; w04-AM 6/1 ful. 20 key. 4]

  3. Yoseef obbolootasaaf dhiifama kan godhe maalirratti hundaaʼeetti? [Bit. 17, w99-AM 1/1 ful. 30 key. 6-7]

  4. Gosni Beniyaamin, dhumarratti raajii Uumama 49:27⁠rratti argamu kan raawwatan akkamitti? [Bit. 24, w12-AM 1/1 ful. 29, saanduqa]

  5. Yaanni Baʼuu 3:7-10⁠rra jiru waaʼee Yihowaa maal nu barsiisa? [Bit. 31, w09-AM 3/1 ful. 15 key. 3-6]

  6. Yihowaan bara Museetti tarkaanfii hiika maqaasaa keessaa isa tokkoo wajjin walsimu kan fudhate akkamitti? (Bau. 3:14, 15) [Bit. 31, w13 3/15 ful. 25-26 key. 5-6]

  7. Akka Baʼuu 7:1⁠rratti ibsametti Museen ‘Faraʼoonirratti akka Waaqaa’ (hiika bara 1899) kan taʼe akkamitti? [Ebl. 7, w04-AM 3/15 ful. 25 key. 7]

  8. Israaʼeloonni wanta Yihowaan isaanii godhe dinqisiifachuu mannaa amala akkamii argisiisan? Seenaa kanarraa barumsa akkamii arganna? (Bau. 14:30, 31) [Ebl. 14, w12 3/15 ful. 26-27 key. 8-10]

  9. Yaanni ‘akka joobirri cuucota ishee qoochota isheetiin baattutti isin baadhe’ jedhu karaa itti Yihowaan saba Israaʼel jaalalaan qabe sirriitti kan ibsudha kan jennu maaliifi? (Bau. 19:4) [Ebl. 28, w96-AM 6/15 ful. 10 key. 5–ful. 11 key. 2]

  10. Yihowaan “cubbuu abbootaatiin” kan kaʼe dhaloota ittaanan kan adabu akkamitti? (Bau. 20:5) [Ebl. 28, w04-AM 3/15 ful. 27 key. 1]

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi