LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • km 8/08 ful. 2
  • Sagantaa Walga’ii Tajaajilaa

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Sagantaa Walga’ii Tajaajilaa
  • Tajaajila Mootummaa—2008
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Torban Hagayya 11 Jalqabu
  • Torban Hagayya 18 Jalqabu
  • Torban Hagayya 25 Jalqabu
  • Torban Fulbaana 1 Jalqabu
Tajaajila Mootummaa—2008
km 8/08 ful. 2

Sagantaa Walga’ii Tajaajilaa

Torban Hagayya 11 Jalqabu

Faarfannaa 9 (37)

Daq. 10: Beeksisa gumii. Dhaggeeffattoonni barreeffamoota dhiheenya ba’anirra, matadureewwan xiyyeeffannaa namoota naannoo tajaajilaasaanii harkisanirratti yaada akka kennan afeeri. Matadureewwan barreeffamichaa keessaa yaada isa kamitti fayyadamuuf akka karoorfatan akka dubbatan gaafadhu. Maree jalqabuuf gaaffii akkamii gaafachuutu danda’ama? Mataduree sana keessaa caqasa isa kam dubbisuutu danda’ama? Hojiin argisiisni yaadawwan kennaman kana akkamitti itti fayyadamuun akka danda’amu argisiisan akka dhihaatan godhi.

Daq. 15: Utuu Yaanni Keessan Hin Hiramin Fedha Waaqayyoo Raawwadhaa. Kitaaba “Kottuu Ana Duukaa Bu’i!” jedhu fuula 105, keeyyata 12-13⁠rratti hundaa’uudhaan haasawaadhaan kan dhihaatu.

Daq. 20: “Guutummaatti Itti Fayyadamaa Jirtaa?” Babal’isaa Masaraa Eegumsaa maxxansa sabaatti fayyadamuudhaan muuxannoo qabu tokkoof gaafannoo godhi. Muuxannoo kana hojiin argisiisaan dhiheessuun ni danda’ama. Akkasumas, Masaraa Eegumsaa Hagayya 1 keeyyata lammaffaa mataduree, “Yesusirraa Maal Barannaa?” jedhurratti hundaa’uudhaan, akkamitti qayyabannaa jalqabsiisuun akka danda’amuu hojiin argisiisni akka dhihaatu godhi.

Faarfannaa 7 (51)

Torban Hagayya 18 Jalqabu

Faarfannaa 11 (85)

Daq. 10: Beeksisa gumii. Beeksisawwan Tajaajila Mootummaa keessaa filataman. Dhaggeeffattoonni Walga’ii Tajaajilaa torban itti aanu godhamuuf Masaraa Eegumsaafi Dammaqaa! dhiheenya ba’an fidanii akka dhufaniifi barruuleen kana naannoo tajaajilaasaaniitti akkamitti raabsuu akka danda’an yaada kennuudhaaf akka qophaa’an itti himi.

Daq. 20: Akkaataan Uffannaafi Filannaa Keenyaa Yihowaadhaaf Ulfina Fida. Haasawaa jaarsaan dhihaatu. Yihowaan Waaqa qulqulluu waan ta’eef, sabnisaa qulqullina qaamasaaniitiif xiyyeeffannaa guddaa kennu. (Kes. 30:17-21; 40:30-32) Keessumaa tajaajila keenyarratti akkaataa filannaafi uffannaa fakkeenya gaarii ta’u qabaachuun keenya, Yihowaa kan gammachiisu ta’uusaarrayyuu ulfina isaaf argamsiisa. (1 Phe. 2:12) Kana gochuu dhiisuun garuu, ‘Dubbiin Waaqayyoo maqaa gadhee akka godhatu’ taasisuu danda’a. (Tit. 2:5) Akkaataan uffannaafi filannaa babal’isaa fakkeenya ta’u tokkoo, akkamitti akka dhugaa ba’e muuxannoo gumiirraa ykn barreeffamoota keenyarraa argame dubbadhu.

Daq. 15: Dargaggoota Akka Gaariitti Dhugaa Ba’an. Haasawaa warraafi ijoollee dhiheenyatti mana barumsaatti deebi’an jajjabeessu. Dargaggoonni carraa argatanitti fayyadamanii akka dhugaa ba’an yaadachiisi. Yeroo qabaannaan, dhaggeeffattoonni muuxannoo mana barumsaatti lallabuudhaan argatan akka dubbatan afeeri.

Faarfannaa 12 (113)

Torban Hagayya 25 Jalqabu

Faarfannaa 21 (191)

Daq. 10: Beeksisa gumii. Gabaasa herregaafi buusii gumiin godheef xalayaan galateeffannaa waajjira dameerraa ergame yoo jiraate dubbisi.

Daq. 20: Akka gumichaaf barbaachisutti itti fayyadamaa.

Daq. 15: Barreeffamoota Dhiheenyatti Ba’an Raabsuuf Qophaa’aa. Maree dhaggeeffattootaa wajjin godhamuun kan dhihaatu. Barruulee dhiheenya ba’anirratti ibsa gabaabaa erga kennitee booda, matadureewwan warri kam naannoo tajaajilaasaaniitiif mijaa’aa akka ta’an dhaggeeffattoota gaafadhu. Mataduree qophaa’an kana ibsuuf gaaffiifi caqasa kamitti fayyadamuutu danda’ama? Akkaataa dhiheenyaa Tajaajila Mootummaarra jiru tokkotti akkamitti fayyadamuun akka danda’amu hojiin argisiisni akka dhihaatu godhi. Jaarsi tokko mataduree naannoo tajaajilaasaatti raabsuuf qophaa’erratti hojiin argisiisa gabaabaa akka dhiheessu godhi.

Faarfannaa 15 (127)

Torban Fulbaana 1 Jalqabu

Faarfannaa 12 (113)

Daq. 10: Beeksisa gumii. Babal’istoonni gabaasa tajaajilaa ji’a Hagayyaa akka deebisan yaadachiisi.

Daq. 20: “Yeroo Nyaata Hafuuraa Soorachuudhaan Itti Gammannu.”

Daq. 15: Ji’a Fulbaanaatti Maree Jalqabaarratti Qayyabannaa Macaafa Qulqulluu Jalqabsiisaa. Maree dhaggeeffattootaa wajjin godhamuun kan dhihaatu. Ji’a Fulbaanaatti kitaaba Barumsa Macaafa Qulqulluu jedhamu raabsuufi keeyyata muraasarratti namicha mariisisuuf yaalii goona. Miiltoo Tajaajila Mootummaa Amajjii 2006 irra deebi’i. Achiis guyyaa jalqabaatti akkamiiti qayyabannaa Macaafa Qulqulluu jalqabsiisuun akka danda’u hojiin argisiisni tokko ykn lama akka dhihaatu godhi.

Faarfannaa 11 (85)

[Miiljalee]

Yaada seensaa daqiiqaa tokko hin guunneen jalqabamee gaaffiifi deebiidhaan kan dhihaatu.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi