“Walitti Isaan Qabi!”
1. Walgaʼiiwwan koonyaa walgaʼii Israaʼeloonni Gibxii baʼanii utuu baayʼee hin turin godhatanii wajjin kan wal fakkaatan karaa kamiini?
Sabni Israaʼel Gibxii baʼanii utuu baayʼee hin turin, Yihowaan isa sodaachuufi ijoolleesaanii barsiisuu akkamitti akka dandaʼan akka dhaggeeffataniif, Museen Tulluu Siinaarratti akka walitti isaan qabu isa ajajee ture. (Kes. 4:10-13) Yeroon sun kan hin irraanfatamneefi amantiisaanii kan isaaniif cimse akka ture hin shakkisiisu! Jiʼoottan muraasa itti aananitti sabni Yihowaa isarraa barachuuf walgaʼiiwwan koonyaarratti argamu. Maarree, walgaʼii kanarraa guutummaatti fayyadamuuf maal gochuutu nurraa eegama?
2. Walgaʼii koonyaatiif ‘qophaaʼuuf’ maal gochuu qabna?
2 ‘Qophaaʼaa’: Yihowaan Israaʼeloonni walgaʼii guddaa Tulluu Siinaarratti godhataniif akka ‘qophaaʼan’ isaan ajajee ture. (Bau. 19:10, 11) Walgaʼii koonyaa wajjin haala wal qabateenis, namoota walgaʼicharratti kutaa qaban qofa utuu hin taʼin, kan irratti argaman hundi sirriitti qophaaʼuu qabu. Fakkeenyaaf, obboloonni baayʼeen hojiisaaniirraa boqonnaa fudhachuuf dursanii haala mijeessuun isaan barbaachisa taʼa. Tarii haalli isin keessa jirtan kan Nahimiyaa wajjin kan wal fakkaatu taʼuu dandaʼa. Nahimiyaan gara Yerusaalem deemee dallaa ijaaruurratti hirmaachuu akka dandaʼuuf, hojiisaa isa dhugaatii dhi’eessituu Artashaastaa Mootichaa taʼuudhaan hojjetu dhiisuu barbaadee ture; haataʼu malee mootichi irratti walii galuu dhiisuu akka dandaʼu beeka ture. Nahimiyaan erga Yihowaatti kadhannaa dhiheessee booda, karaa ulfina qabuun gaaffiisaa ija jabinaan dhiheesseera. Mootichi kan isaaf heyyame taʼuusaarrayyuu hojii ijaarsaa sanaaf gargaarsa godheera! (Nah. 2:1-9) Dura taaʼaa keessanirraa heyyama argachuuf gaafachuu qofa utuu hin taʼin, maaliin akka deemtaniifi eessa akka boqottan itti himuu dandeessuu? Jaarsoliin gumii namoota gargaarsa barbaadan hunda gargaaruuf fedhii qabu. Sagantichaarratti dursitanii argamuuf karoorfadhaa; akkasumas wanta dhaggeeffattan ‘caalchiftanii yaadaan duukaa bu’uuf’ qophaaʼaa.—Ibr. 2:1.
3. Walgaʼichaaf garaa keenya qopheessuuf maaltu nu gargaara?
3 Karaan qophaaʼuu itti dandeenyu garabiraan immoo dhaggeeffachuufi barachuuf garaa keenya qopheessuudha. (Iz. 7:10) Sagantaan walgaʼichaa mataduree haasaawwan dhihaatan hundaafi caqasa ijoo haasaawwan sun irratti hundaaʼan tokko ykn lama qabatee Weeb saayitii jw.org jedhamurratti dursee baʼa. Kun waaqeffannaa maatii torban walgaʼii koonyaa itti godhannu dura jiranirratti irratti mariʼachuuf nu gargaaruu dandaʼa. Babalʼistoonni tokko tokko saganticha garagalfachuudhaan guyyoota walgaʼichi itti godhamutti yaadannoo gabaabaa qabachuuf itti fayyadamu.
4. Warri walgaʼii koonyaatti fayyadamuudhaan ijoolleesaanii barsiisuu kan dandaʼan akkamitti?
4 ‘Ijoollee Keessan Barsiisaa’: Walgaʼiin Tulluu Siinaarratti godhame, kaayyoonsaa inni tokko Israaʼeloonni ‘ijoolleesaanii akka barsiisaniif’ ture. (Kes. 4:10) Walgaʼiin koonyaas warri ijoolleesaaniitiif akkasuma akka godhan carraa gaarii isaaniif bana. Warri ijoolleensaanii isaan faana akka taaʼaniifi xiyyeeffannaadhaan akka dhaggeeffatan gochuu qabu. Xumura tokkoon tokkoon guyyoota walgaʼiiwwan sanaattis taʼe guyyoota kan biraatti yommuu waaqeffannaa maatii godhatan barumsa argatanirratti mariʼachuu dandaʼu.
5. Walgaʼii koonyaa fuulduratti godhannurraa faayidaa akkamii arganna?
5 Walgaʼiin iddoo guddaa qabuufi Tulluu Siinaarratti godhame, Israaʼeloonni mirga addaa saba Yihowaa taʼuudhaan argatan akka dinqisiifatan isaan gargaareera. (Kes. 4:7, 8) Walgaʼiin koonyaa fuuldura keenya jirus nutis mirga arganne kana akka dinqisiifannu nu gargaaruuf kan qophaaʼedha. Guyyaa sadiif addunyaa Seexanaa isa hamaafi ona taʼe keessaa baanee jannata hafuuraa keessatti obboloota keenyaa wajjin karaa hafuuraa jajjabina arganna. (Isa. 35:7-9) Guyyaan Yihowaa dhihaachaa ennaa deemu kanatti, carraa waggaatti argannu kanatti fayyadamnee wal jajjabeessuurraa duubatti jechuu hin qabnu!—Ibr. 10:24, 25.