‘Nyaata Yeroosaatti Dhihaatu’
1 Yeroo baay’ee walga’ii addaa erga goonee booda, “Barumsi kun nu barbaachisa ture” jenna. Daawwataan olaanaa tokko walga’ii addaarratti erga argamee booda, obboloonni aanaa sana keessa jiran tokko tokko, walga’ichi hirmaannaa tajaajilarratti godhan akka guddisan kan isaan kakaase ta’uusaa dubbachuusaanii gabaaseera. Daawwataan olaanaa tokkommoo, “Walga’iin kun wantoota jireenya keenya keessatti filannu irra deebinee akka gamaaggamnuufi yeroo keessa jirru sirriitti akka hubannu nu gargaareera” jechuudhaan barreesseera. Daawwataan olaanaa garabiraanimmoo, “Babal’istoonni hedduun, walga’iin kun wanta dursa kennuufii qaban, jechuunis tajaajilasaaniirratti akka xiyyeeffatan yaadachiisa akka isaanii kenne ibsaniiru” jedheera. Isiniinoo walga’iin addaa kan isin gargaare akkamitti?
2 Walga’iin addaa waggaa tajaajilaa itti aanutti godhamus barumsa nu barbaachisu kan qabatedha. Matadureen walga’ichaa, “Yihowaatti Kooluu Gali, [NW]” kan jedhuufi Faarfannaa 118:8, 9rratti kan hundaa’edha. Matadureewwan walga’icharratti dhihaatan keessaa tokko tokko, “Yihowaan Yeroo Rakkinaatti Gaaddisa Kan Ta’u Akkamitti?,” “Warri Kaan Qoochoo Yihowaa Jalatti Eegumsa Akka Argatan Gargaaraa,” “Warra Kaaniif Eegumsa Gochuudhaan Fakkeenya Yihowaa Fudhadhaa,” “Dargaggootaa, Yihowaa Amanannaa Keessan Godhadhaa,” akkasumas “Jannanni Hafuuraa Keenya, Qophii Yihowaan Akka Kooluu Itti Galluuf Nuu Godhedha” jedhaman keessatti argamu.
3 Walga’icharraa Fayyadamuuf: Guyyaansaa beeksisaan erga himamee booda, walga’icharratti argamuuf karoora baafadhaa; namoonni Macaafa Qulqulluu qayyabsiistanis isinii wajjin akka argaman godhaa. Warra “rakkina hundumaa obsanii ija godhatan” ta’uu yoo barbaanne, wanta dhageenye qabachuu qabna. (Luq. 8:15) Kanaaf, barumsa dhihaatu xiyyeeffannaadhaan dhaggeeffadhaa, qabxiiwwan ijoo jireenyaafi tajaajila keessanirratti hojiirra oolchuu barbaaddan yaadannoo gabaabaa qabadhaa. Walga’icha booda maatiidhaan barumsicharratti mari’achuuf yeroo ramaduudhaan, barumsa isinis taatan maatiin keessan hojiirra oolchuu barbaadu tokko tokko irra deebi’aa.
4 Walga’iin addaa baranaas akkuma nyaata mi’aafi madaalamaa ta’eetti jaalalaafi hubannaadhaan irratti yaadamee kan qophaa’edha. Kiristiyaanota karaa hafuuraa akka gaariitti sooratan ta’uuf, ‘nyaata yeroosaatti dhihaaturratti’ argamuufi irraa fayyadamuuf carraaqqii gootan Yihowaan akka isinii eebbisu hawwina.—Mat. 24:45.
[Gaaffiiwwan Qayyabannaa]
1. Walga’iin addaa dhiheenyatti godhame isiniinis ta’e warra kaan kan gargaare akkamitti?
2. Walga’ii addaa itti aanurratti barumsa akkamiitu dhihaata?
3. Walga’icharraa faayidaa argachuu kan dandeenyu akkamitti?
4. Walga’ii addaa baranaa hawwiidhaan kan eeggannu maaliifi?