LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • km 8/09 ful. 9
  • Sagantaa Walga’ii Addaa 2010

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Sagantaa Walga’ii Addaa 2010
  • Tajaajila Mootummaa—2009
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • ‘Nyaata Yeroosaatti Dhihaatu’
    Tajaajila Mootummaa—2010
  • Qophii Haaraa Irra Deebii Walga’iiwwan Aanaafi Addaatiif Godhame
    Tajaajila Mootummaa—2004
  • Dubbiin Waaqayyoo Humna Qaba
    Tajaajila Mootummaa—2013
Tajaajila Mootummaa—2009
km 8/09 ful. 9

Sagantaa Walga’ii Addaa 2010

1. (a) Waggoota dhihoo darbanitti walga’iin addaa matadureewwan caqasootarratti hundaa’anii dhihaatan kamfa’i? (b) Walga’iiwwan addaa darban keessaa tajaajila keessaniif kan isin gargaareefi adda kan ta’e kami?

1 ‘Isa Ta’uufi Isa Hin Taane Gargar Baasaatii Qoradhaa,’ ‘Yaada Tokkoon Dhaabadhaa,’ ‘Dhugaadhaaf Dhugaa Ba’uu Keessan Itti Fufaa,’ akkasumas ‘Nuyi Supheedha—Yihowaan Akka Nama Suphee Dha’uutti Nu Tolcha.’ (Filp. 1:9, 10, 27; Yoh. 18:37; Isa. 64:8) Matadureen armaan olii, matadureewwan walga’ii addaa baay’ee kanaan dura dhihaatanii turan keessaa muraasadha. Walga’ii addaa waggaa tajaajilaa 2010⁠rratti argamuuf ni hawwitaa? Matadureen walga’ii kanaa, “Yeroon Si’anaa Kun Dhumuuf Jedha” kan jedhu yommuu ta’u, 1 Qor. 7:29⁠rratti kan hundaa’edha.

2. Walga’ii kanaaf miira ho’a uummachuun kan danda’amu akkamitti?

2 Guyyaa walga’iin addaa itti geggeeffamu gumii keessanitti akkuma beeksifameen sagantaa walga’ii kanarratti miira ho’aadhaan mari’achuu jalqabaa. Warra kan ta’an tokko tokko ijoolleensaanii walga’ii addaa hawwiidhaan akka eeggataniif jecha, guyyaa walga’iichaa kaalaandariirratti barreessu, akkasumas wantoota miseensa maatii hundumaaf guyyaa walga’iichaaf barbaachisu galmeessu, achiis walga’ichi geggeeffamuuf guyyoonni meeqa akka hafan lakkaa’uu jalqabu. Yeroo Waaqeffannaa Maatii wajjin geggeessitan, yaadannoo walga’iiwwan addaa kanaan dura gootan irra deebi’u dandeessu. Atis taate maatiinkee ‘akka itti dhageessanitti akeekkachuuf’ akka isin gargaaruuf, Kitaaba Leenjii Mana Barumsaa Tajaajila Ti’ookraasiitti Kennamurraa Fayyadami jedhamu ful. 13-16raa jiru irraa deebi’uu dandeessu.—Luq. 8:18.

3. Barumsa dhihaaterra akka gaariitti fayyadamuu kan dandeenyu akkamitti?

3 Wanta Barattan Hojiirra Oolchaa: Yeroo hunda sagantaa walga’ii booda jecha, “Walga’ii baay’ee gaarii ture!” jedhu dhaga’uun kan baramedha. Qophii baay’ee Yihowaan dhiheesse keessa kun isa tokko waan ta’eef, jechi kun yeroo hunda dhugaadha. (Fak. 10:22) Waan barattan hundee akka godhatutti, irratti xiinxaluufi garaatti fudhachuu qabdu. (Luq. 8:15) Walga’ii booda, gara manaatti yommuu galtan maatii keessan ykn warra isin faana konkolaataadhaan deemanii wajjin saganticharratti mari’achaa deemuuf yaalaa. Galmawwan tokko tokkoofi qabxiiwwan tajaajila keessanirratti isin gargaarurratti mari’adha. Akkas gochuun keessan, walga’icha booda barumsa kana yeroo dheeraadhaaf itti fayyadamuuf isin gargaara.—Yaq. 1:25.

4. Walga’iin addaa kun fayyidaa guddaa kan nuu kennu maaliifi?

4 Yeroo hundumaa kennaa guddaa ta’e, caalaattimmoo wanta nu barbaachisu yommuu argannu miira addaatu nutti dhaga’ama. Wanta Yihowaan walga’ii addaa dhufurratti nuu qopheesse hawwii guddaadhaan eegganna. Walga’iin kun karaa hundumaa kan nu fayyadu ta’uusaa mirkanaa’uu dandeenya. Yihowaa, Abbaa keenya isa samii biraa jajjabinaafi leenjii hojii nuuf kenne raawwachuu keenya itti fufuuf nu dandeessisu akka argannu eeguu dandeenya.—2 Xim. 4:2; Yaq. 1:17.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi