LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • km 8/13 ful. 2
  • Dubbiin Waaqayyoo Humna Qaba

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Dubbiin Waaqayyoo Humna Qaba
  • Tajaajila Mootummaa—2013
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Sagantaa Walga’ii Addaa 2010
    Tajaajila Mootummaa—2009
  • ‘Nyaata Yeroosaatti Dhihaatu’
    Tajaajila Mootummaa—2010
  • Dubbiin Waaqayyoo Barsiisuuf Dhimma Baasa
    Tajaajila Mootummaa—2013
  • Sagantaa Haaraa Walga’ii Addaa
    Tajaajila Mootummaa—2006
Dabalataan Ilaaluuf
Tajaajila Mootummaa—2013
km 8/13 ful. 2

Dubbiin Waaqayyoo Humna Qaba

1. Matadureen walga’ii addaa 2014 maalidha?

1 Wantoota ilmaan namootaa cubbamoo ta’an uumanirraa haala adda ta’een, Macaafni Qulqulluun yaadaafi gocha keenya fedhii Yihowaa wajjin wal simsiisuudhaan nu jijjiiruuf humna qaba. Dubbiin Waaqayyoo humna hammamii qaba? Jireenya keenyaan humnasaatti guutummaatti fayyadamuu kan dandeenyu akkamitti? Warra kaan gargaaruuf caalaatti karaa bu’a qabeessa ta’een itti fayyadamuu kan dandeenyu akkamitti? Qabxiiwwan kun walga’ii addaa 2014⁠f qophaa’erratti ennaa ibsaman, namoonni argaman hundi karaa hafuuraa jajjabina akka argatan ni amanna. Matadureen walga’ichaa “Dubbiin Waaqayyoo Humna Qaba” kan jedhu si’a ta’u, Ibroota 4:12⁠rraa kan fudhatamedha.

2. Deebii gaaffiiwwan kamiif kennamu dhaggeeffachuu qabna?

2 Gaaffiiwwan Kanaaf Deebii Argadhaa: Saganticha yommuu dhaggeeffattan deebii gaaffiiwwan armaan gadiitiif kennaman hubadhaa.

• Dubbii Yihowaarratti amanannaa qabaachuu kan qabnu maaliifi? (Far. 29:4)

• Humna Dubbiin Waaqayyoo qabu jireenya keenyaan arguu kan dandeenyu akkamitti? (Far. 34:8)

• Tajaajila keessanirratti humna Dubbiin Waaqayyoo qabu argisiisuu kan dandeessan akkamitti? (2 Xim. 3:16, 17)

• Biyyi lafaa Seexanni bulchu kun akka nu hin gowwoomsine of eeguu kan dandeenyu akkamitti? (1 Yoh. 5:19)

• Dargaggoota kan taatan karaa hafuuraa milkaa’ina argachuu kan dandeessan akkamitti? (Er. 17:7)

• Yeroo dadhabnuttillee jabaachuu kan dandeenyu akkamitti? (2 Qor. 12:10)

• Yeroo dheeraadhaaf amala ykn ilaalcha gadhee yoo qabaannellee, jireenya keenyarratti jijjiirama gochuu keenya itti fufuuf maaltu nu barbaachisa? (Efe. 4:23)

3. Saganticha dhaggeeffachuu malees, walga’ii addaarraa karaa kan biraa kamiin fayyadamuu dandeenya?

3 Odeeffannoo barbaachisaa kana dhaga’uun keenya faayidaa guddaa nuu argamsiisa. Kana malees, akkuma walga’ii aanaafi walga’ii koonyaa, walga’iin addaas obboloota gumii kan biraa wajjin wal baruuf carraa nuu bana. (Far. 133:1-3; 2 Qor. 6:11-13) Kanaafuu, obboloota kanaan dura beektanii wajjin yeroo dabarsuufi obboloota kan biraa wajjin wal baruuf yeroo ramadaa. Daawwataan olaanaa koonyaa ykn obboleessi Bet’elii dhufe walga’ii addaa keessanirratti haasaa kennuuf yoo ramadaman, isaafi haadha manaasaa simachuu dandeessu. Dhugumayyuu, walga’ii addaa isa dhufu hawwiidhaan eeggachuuf sababii baay’ee qabna!

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi