Sagantaa Haaraa Walga’ii Addaa
Kiristiyaanonni jaarraa tokkoffaa humna hafuura qulqulluutiin misiraachicha bal’inaan lallabuuf carraaqqii godhaniiru. (HoE. 1:8; Qol. 1:23) Dhugaa Baatonni Yihowaa yeroo har’aatti addunyaa maratti argamanis hinaaffaa wal fakkaatu argisiisaa jiru. Matadureen walga’ii addaa waggaa tajaajilaa 2007, “‘Dubbichatti Qabamaa’ Jiraadhaa” kan jedhu yommuu ta’u, dhuunfaatti jabinaan Macaafa Qulqulluu akka qayyabannuufi hinaaffaadhaan akka lallabnu nu jajjabeessa.—HoE. 18:5.
Haasawaan seensaa, “Waa Dhimma Baasuudhaaf Hin Dhibaa’inaa!” jedhuufi “Dubbii Dhugaa Qajeeltootti Hojjedhaa” jedhu, hojii lallabaafi bartoota taasisuu keenya miira ariitiitiin akka raawwannu nu gargaaru. Haasawaan jalqabaa daawwataa haasawaa dhiheessuun kennamu, “Yeroo Hundaa Humna Dubbiin Waaqayyoo Qabutti Fayyadamaa” kan jedhu yommuu ta’u, Caaffanni Qulqullaa’aan wantoota “qajeelchuuf” kan gargaaru akkamitti akka ta’e ibsa. (2 Xim. 3:16, 17) Jireenya keenya guyyaa guyyaatiin seera bu’uuraa Macaafa Qulqulluu hojiirra oolchuudhaan akkamitti balaarraa of eeguufi of fayyaduu akka dandeenyu ibsa.
Dargaggoonnis ta’an namoonni haaraan karaa hafuuraa guddina akka argisiisan gargaaruuf Macaafa Qulqulluudhaan akkamitti fayyadamuu dandeenya? Kutaawwan lamaan yaada ijoo Masaraa Eegumsaatti aananii dhihaatanirraa deebiisaa arganna. Namoonni walga’icharratti argaman hundi, gaafannoo namoota Caaffanni Qulqullaa’aan jireenyisaanii akka jijjiiramu gargaareef godhamurraa jajjabina argatu. Haasawaan xumuraa daawwataa haasawaa dhiheessuun kennamus, ‘Dubbii Waaqayyoo Isa geggeessaa Hafuura Qulqulluutiin Barreeffametti Qabamnee Akka Jiraannu’ nu gargaara.
Sagantaan guyyaa walga’ii addaa kun dinqisiifannaa Dubbii Waaqayyootiif qabnu nuu guddisuusaarrayyuu, hinaaffaadhaan akka lallabnu nu kakaasa. Kanaafuu, hundi keenya walga’icharratti argamuudhaan barumsicharraa haa fayyadamnu!