Qophii Haaraa Irra Deebii Walga’iiwwan Aanaafi Addaatiif Godhame
Addunyaan Seexanaa kun hammeenyaan ittuma caalaa ennaa deemu kanatti, Yihowaan: “Nuyi Waaqayyo malee jiraachuu, kajeellaa biyya lafaa isa hamaas gannee, bara kana keessa of qabuutti, qajeelinatti, namoota Waaqayyoo taanee akka jiraannuuf” nu jajjabeessa. (Tit. 2:12) Walga’iiwwan aanaafi addaa waggaa waggaadhaan godhaman, qophii Yihowaan karaa ‘hojjetaa amanamaafi ogeessaan’ nuuf qopheessedha. (Mat. 24:45) Walga’iiwwan hafuuraa kun akkam kan nama jajjabeessanidha!
Qajeelfamawwan arganne hubachuufi hojiirra oolchuuf akka nu gargaarutti, walga’iiwwan kana irra deebi’uuf qophiin haaraan godhame waggaa tajaajilaa 2005tti hojiirra oola. Fuulli 3ffaaniifi 4ffaan Tajaajila Mootummaa kanaa barumsawwan walga’icharratti dhihaataniifi gaaffiiwwan tokkoon tokkoo walga’ichaa irra deebi’uuf gargaaran qabateera. Gumiiwwan, walga’iin aanaa godhamuusaa yeroo xinnoo duraafi erga godhamee booda baay’ee utuu hin turin, Walga’ii Tajaajilaarratti yaada kanarratti mari’atu. Qophiin kun kan godhamu akkamitti?
Gumichi walga’ii aanaa gochuusaa torban tokko ykn lama dura, hawwii walga’icharratti argamuuf qabnu kakaasuuf, haasawaan daqiiqaa kudhanii mataduree “Sagantaa Haaraa Walga’ii Aanaa” jedhuun Walga’ii Tajaajilaarratti dhihaata. Obboleessi haasawwaa dhiheessu walga’ichi godhamee torban muraasa booda, irra deebiin waan godhamuuf hundisaanii yaadannoo gabaabaa akka qabatan jajjabeessa.
Walga’ichi godhamee torban muraasa booda, sagantaan guyyaa jalqabaa walga’ichaa daqiiqaa 15f walga’ii tajaajilarratti dhihaata. Torban itti aanuttimmoo, barumsa sagantaa guyyaa lammaffaarratti dhihaatetu daqiiqaa 15f irra deebi’ama. Gaaffiiwwan irra deebii fuula 3ffaa Tajaajila Mootummaa kanarratti dhihaatan maree sanaaf bu’uura ta’u. Irra deebichi faayidaa barumsichaa isa hojiirra ooluu danda’urratti kan xiyyeeffate ta’uu qaba. Tarii jaarsoliin, irra deebiin kun akka godhamuuf kutaawwan sagantaa Walga’ii Tajaajilaa keessaa tokko tokko gabaabsuu, dhiisuu ykn yeroo garabiraatti dabarsuu danda’u.
Guutummaa walga’iichaa irra deebi’uuf daqiiqaa 15 qofaa fudhachuurraan kan hafe, sagantaa walga’ii addaatiifis qophuma walfakkaatutu hordofama. Hundi keenya miiltoo kana iddoo gaarii kaa’uudhaan, qajeelfama gaarii Yihowaan nuu kennurraa guutummaatti fayyadamuu barbaadna.—Isa. 48:17, 18.