LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • km 9/04 ful. 3
  • Irra Deebii Walga’ii Aanaa

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Irra Deebii Walga’ii Aanaa
  • Tajaajila Mootummaa—2004
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Irra Deebii Walga’ii Addaa
    Tajaajila Mootummaa—2004
  • Qophii Haaraa Irra Deebii Walga’iiwwan Aanaafi Addaatiif Godhame
    Tajaajila Mootummaa—2004
  • Sagantaa Haaraa Walga’ii Aanaa
    Tajaajila Mootummaa—2004
  • Irra Deebii Walga’ii Aanaa
    Tajaajila Mootummaa—2005
Dabalataan Ilaaluuf
Tajaajila Mootummaa—2004
km 9/04 ful. 3

Irra Deebii Walga’ii Aanaa

Kutaan kun, sagantaan walga’ii aanaa waggaa tajaajilaa 2005 godhamuusaa dura qabiyyee walga’ichaa hubachuuf, akkasumas walga’icha booda irra deebii gochuuf gargaara. Mata dureen, “Qophii Haaraa Irra Deebii Walga’iiwwan Aanaafi Addaatiif Godhame” jedhuufi fuula jalqabaa Tajaajila Mootummaa kanaarratti argamu kun akkamitti akka dhihaatu ibsa. Yeroo irra deebichi godhamu gaaffiiwan hundinuu gaafatamuu akka danda’anitti yeroo qoqqoodi. Irra deebichi wanta baranne akkamitti hojiirra akka oolchinu kan ibsu ta’uu qaba.

SAGANTAA GANAMAA GUYYAA JALQABAA

1. Ogummaa Waaqayyoo argachuuf maaltu nu gargaara?

2. Obboloonni walga’ii aanaa sanarratti argaman misiraachichi namoota baay’ee akka ga’u gochuuf carraaqqii akkamii godhu?

SAGANTAA WAAREE BOODAA GUYYAA JALQABAA

3. Kiristiyaanonni utuu hin xuraa’in jiraachuunsaanii barbaachisaa kan ta’e maaliifi? Kunoo maal gochuu nu gaafata?

4. Obboloota keenyaa wajjin naga qabeeyyii ta’uu keenya argisiisuu kan dandeenyu akkamitti?

5. Sababi qabeeyyii ta’uu jechuun maal jechuudha? Yeroo keenyatti ennaa fayyadamnuhoo kana argisiisuu kan dandeenyu akkamitti?

6. Fakkeenya Saa’oliifi Nohirraa maal baranna? ‘Ajajamuuf qophaa’oo ta’uu’ keenya akkamitti argisiisuu dandeenya? (Yaq. 3:17)

7. Kiristiyaanonni jireenya bifa lamaa jiraachuurraa of eeguu kan danda’an akkamitti?

8. Ogummaa Waaqayyoo dubbachuudhaan Phaawulosin fakkaachuu kan dandeenyu akkamitti?

SAGANTAA GANAMAA GUYYAA LAMMATAA

9. Sochiiwwan irratti hirmaannu of eeggannoodhaan filachuu kan qabnu maaliifi? Kana gochuufoo maaltu nu gargaaruu danda’a?

10. Obboloonni aanaa sana keessatti argaman, yeroo hundumaa walga’iirratti argamuuf carraaqqii akkamii godhu? Akkas gochuusaaniitiinoo kan fayyadaman akkamitti?

11. Itti gaafatamtoonni maatii miseensota maatiisaanii jajjabeessuu kan danda’an akkamitti?

12. Wantoota aanichaaf barbaachisan ilaalchisee, wantoonni xiyyeeffannaa kennuufii qabnu maal fa’i?

SAGANTAA WAAREE BOODAA GUYYAA LAMMATAA

13. Haasawaa sabaarratti akkuma ibsame, hojiiwwan qajeelinaa ogummaa waaqarraatiin horataman kam fa’i?

14. Ofii keenyarratti ykn namoota ogummaa Waaqayyootiin hin geggeeffamnerratti amanamuun gowwummaa kan ta’e maaliifi? Dammaqoo ta’uu kan qabnu karaa kamfa’iini?

15. Ogummaan Waaqayyoo kiyyoowwan akkamiirraa nu eega?

16. Gorsa walga’ii aanaarratti nuuf kenname hojiirra oolchuun keenya barbaachisaa kan ta’e maaliifi?

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi