Sagantaa Haaraa Walga’ii Aanaa
‘Guyyoota gara dhumaa’ rakkisaa ta’an kana keessatti, Yihowaa biratti fudhatama argachuufi akkuma kanaanimmoo itti fufuuf ogummaa Waaqayyoo nu barbaachisa. (2 Xim. 3:1) Walga’ii aanaa waggaa 2005rratti, barumsi “‘Ogummaa Waaqarraatiin’ Geggeeffamuu” jedhu, gorsa hojiirra ooluu danda’uufi jajjabina nuu kenna. —Yaq. 3:17.
Siimpooziyemiin inni jalqabaa, “‘Ogummaa Waaqarraa’ Jireenya Keenya Keessatti Argisiisuu” jedhu, qulqulluu, sababii qabeeyyiifi ajajamuuf qophaa’oo ta’uun maalfaa akka dabalatu hubachuuf nu gargaara. Achiimmoo, ilaaltuun olaanaa aanaa bifawwan gara biraa ogummaa waaqarraa sadirratti xiyyeeffata. Ilaaltuun olaanaa koonyaa, tajaajiltoonni Kiristiyaanaa warra kaan biratti “barumsa dheeraa akka hin qabne, kan hin beekamnes” akka ta’anitti ilaalamaniyyuu, ogummaa Waaqayyoo dubbachuuf kan hidhatan akkamitti akka ta’e ibsuudhaan sagantaan guyyaa jalqabaa xumura.—HoE. 4:13.
Guyyaa lammaffaarratti, siimpooziyemin, “Wantoota Nama Jajjabeessan Hordofaa” jedhu wantoota karaa hafuuraa nu dadhabsan adda baasnee akka beeknuufi akka irraa fagaannu nu gargaara. Walga’ii gumiirratti, tajaajilarrattiifi maatii keessatti akkamitti warra kaan jajjabeessuu akka dandeenyu nutti hima. Haasawaan sabaa, “Ogummaan Waaqarraa Nu Fayyaduu kan Danda’u Akkamitti?” jedhu, seerawwan bu’uuraa Waaqayyo baase, jireenya keenya keessatti hojiirra oolchuudhaan faayidaa arganneef dinqisiifannaa qabnu nuuf jabeessa. Haasawaan xumuraa, “Ogummaa Waaqarraa Hojiirra Oolchuun Eegumsa Nuuf Argamsiisa” jedhu, guyyoota dhumaa kana keessatti ogummaa argachuuf jecha gara Yihowaatti deebi’uuf murtoo goone nuuf jabeessa.
Walga’iiwwan gurguddaa hundumaarratti bakka guddaa kan qabu, cuuphaa bartoota haaraati. Manni Barumsaa Tajaajila Ti’okraasiifi qayyabannaan Masaraa Eegumsaas walga’icharratti ni dhihaatu. Yihowaan hundi keenya ogummaa inni kennurraa akka fayyadamnu barbaada. Walga’ii aanaa keenyarratti gorsaafi jajjabina karaa hafuuraa nu badhaasutu nu eega.—Fak. 3:13-18.