Walga’iin Aanaa Hariiroo Waaqayyoo Wajjin Qabnu Eeguuf Nu Gargaara
1. Qophiin Yihowaan hojii misiraachoo lallabuu akka galmaan geenyu nu gargaaruuf godhe kamidha?
1 Yihowaan arjummaasaatiin, kaka’ee odeeffannoo, leenjiifi jajjabina hojii misiraachoo lallabuu kana galmaan ga’uuf nu barbaachisu nuu kenna. (Mat. 24:14; 2 Xim. 4:17) Karaan inni itti kana godhu keessa tokko walga’ii aanaati. Matadureen walga’ii aanaa waggaa tajaajilaa 2010 ‘Hariiroo Waaqayyoo Wajjin Qabdan Eegaa’ kan jedhu yommuu ta’u Roomaa 8:5fi Yihudaa 17-19rratti kan hundaa’edha. Walga’ii kana torban Hagayya 31, 2009 jalqabuu kaasee geggeessuuf karoorfatameera.
2. (a) Walga’iin aanaa karaawwan kamiin faayidaa nu argamsiisa? (b) Walga’iiwwan aanaa yeroo darbe hirmaatte tajaajilarratti kan si gargaare akkamitti?
2 Walga’iin Aanaa Kan Nu Fayyadu Akkamitti: Sagantaan kun wantoota yaada keenya hiran, yeroo keenya gubaniifi xiyyeeffannaa keenya wanta dhugumaan barbaachisaa ta’eeraa fudhachuudhaan balaaf nu saaxilan maal akka ta’an akka hubannu nu gargaara. Akkasumas, ilaalcha danta dhaburraa akkamitti fagaachuu akka dandeenyuufi nama hafuuraa jechuun maal jechuu akka ta’e baranna. Simpooziyemiin Dilbataa dhihaatu, maatiinis ta’an namoonni dhuunfaa dhiibbaafi qorumsa amantii dabala adeemu keessatti walitti dhufeenya waaqayyo wajjin qaban cimsachuuf akkamitti tarkaanfii akka fudhatan ibsa. Sagantichi yaada garaa keenyaa akka eegnu, nageenya hafuuraa keenya eegnee akka itti fufunuufi eebba guddaa namoonni nageenya hafuuraasaanii eeggatan argatan yaadatti akka qabannu nu gargaara.
3. Guyyaan walga’iin aanaa keessan yoomidha? Murtoon keessaan maal ta’uu qaba?
3 Walga’iin aanaa keessan yoomiifi eessatti akka godhamu akkuma beektaniin, gyyaa lamaanuu argamuufi guutummaa sagantichaa xiyyeeffannaan hordofuuf karoorfadhaa. Yihowaan carraaqqii warra dhimmee hojjetuu akka eebbisu mirkanaa’oo ta’aa.—Fak. 21:5.
4. Walga’ii aanaa dhufurratti maal argachuuf eegganna?
4 Dhugumayyuu, kennaa gaarii kana kan qopheesse Yihowaadha. Sagantaan kutaa hojjetaa amanamaatiin qophaa’e kun, tajaajila Kiristiyaanaa keenya raawwachuuf wanta nu barbaachisu kan qabatedha. ‘Abdii keenya beeksisuutti jabaannee akka qabamnu’ nu gargaaruuf qophiiwwan Yihowaan jaalalasaatiin nu godhe hundumaaf guddaa Isa galateeffanna.—Ibr. 10:23-25; Yaq. 1:17.