LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • km 8/10 ful. 1
  • Qophii Kiristiyaanotaaf Godhame

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Qophii Kiristiyaanotaaf Godhame
  • Tajaajila Mootummaa—2010
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Walga’iin Aanaa Hariiroo Waaqayyoo Wajjin Qabnu Eeguuf Nu Gargaara
    Tajaajila Mootummaa—2009
  • Sagantaa Haaraa Walga’ii Aanaa
    Tajaajila Mootummaa—2004
  • Yaada Keessan Eeggadhaa
    Tajaajila Mootummaa—2012
  • Sagantaa Haaraa Walga’ii Aanaa
    Tajaajila Mootummaa—2008
Dabalataan Ilaaluuf
Tajaajila Mootummaa—2010
km 8/10 ful. 1

Qophii Kiristiyaanotaaf Godhame

1 Jaarmiyaan Yihowaa bara 1938⁠tti qophii haaraa tokko jalqabe. Gumiiwwan hedduun iddoo tokkotti walitti qabamanii walga’ii zoonii isa yeroo ammaatti walga’ii aanaa jedhamu gochuu jalqaban. Kaayyoo maaliitiif? Barreeffamni Infoormaat (yeroo ammaatti Tajaajila Mootummaa jedhamu) Amajjii 1939 qophaa’e akkas jechuudhaan deebii kennee ture: “Walga’iiwwan aanaa kun qophii Jaarmiyaan Yihowaa amala babal’istoota Mootummichaa sirreessuuf godhe keessaa isa tokkodha. Qajeelfamni walga’icharratti kennamu labsitoonni Mootummichaa hojii isaanii kenname akka raawwatan gargaaruuf kan qophaa’edha.” Lakkoofsi babal’istoota Mootummichaa bara 1938⁠tti 58,000 qofa ture, bara 2009⁠tti garuu 7,000,000 ol ta’eera. Lakkoofsisaanii hangana guddachuu kan danda’e, walga’iin aanaa tajaajiltoonni Mootummichaa “hojii isaanii kenname akka raawwatan” waan isaan gargaareef akka ta’e beekamaadha.

2 Mataduree Walga’ii Aanaa Waggaa Dhufuu: Walga’ii aanaa Fulbaanatti jalqabuufi jajjabina walga’icharraa argannu hawwiidhaan eegganna. Matadureen walga’ichaa, ‘Isin Kan Biyya Lafaa Miti’ kan jedhuufi Yohannis 15:19⁠rratti kan hundaa’edha. Haasaawwan walga’icharratti dhihaataniifi Kiristiyaanota gargaaran tokko tokko kamfa’i? Sanbadduraa haasaan, “Tajaajilli Yeroo Guutuu Eegumsa Kan Nuuf Ta’u Akkamitti?” jedhu nuu dhihaata. Simpooziyemiin kutaa sadii qabuufi “Bineensichi,” “Ejjituu Ishee Guddittii” fi “Naggaadonni” “Akka Isin Hin Mancaasne Of Eeggadhaa” jedhus ni dhihaata. Dilbata simpooziyemiin mataduree “Yihowaa Malee, Biyya Lafaa Hin Jaallatinaa” jedhu nuu dhihaata. “‘Warra Ormummaatti Jiraattan, Warra Biyyaa Baafamtanis’ Taatanii Jiraachuu Keessan Itti Fufaa,” akkasumas “Jabaadhaa! Biyya Lafaa Mo’uu Ni Dandeessu” jedhan dabalatee, haasaawwan hedduun nuu dhihaatu.

3 Obboleettiin yeroo baay’ee tajaajilarratti hin hirmaanne tokko walga’ii aanaa dhiheenyatti godhamerratti erga argamtee booda, walga’ichi haalashee akka gamaaggamtuufi “sababii dhiheessuu dhiistee tajaajilarratti argamuuf” akka murteessitu ishee gargaaruusaa barreessiteetti. Walga’iin aanaa waggaa tajaajilaa haaraatti godhamu, hundi keenya biyya lafaa utuu hin ta’in Yihowaa akka jaallannu kan nu gargaaru ta’uusaa hin shakkinu. (1 Yoh. 2:15-17) Qophii jaalalaa Kiristiyaanotaaf godhame kanarraa guutummaatti faayidaa argachuuf, walga’icharratti argamuufi xiyyeeffannaadhaan dhaggeeffachuuf murtoo godhaa.

[Gaaffiiwwan Qayyabannaa]

1. Bara 1938⁠tti qophii haaraa akkamiitu jalqabame? Kaayyoo maaliitiif?

2. Walga’ii aanaa waggaa tajaajilaa haaraatti godhamurraa barumsa akkamii arganna?

3. Walga’ii aanaa dhufurraa faayidaa akkamii argachuu dandeenya?

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi