LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • km 12/08 ful. 5
  • Sagantaa Haaraa Walga’ii Aanaa

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Sagantaa Haaraa Walga’ii Aanaa
  • Tajaajila Mootummaa—2008
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Qophii Kiristiyaanotaaf Godhame
    Tajaajila Mootummaa—2010
  • Walga’iin Aanaa Hariiroo Waaqayyoo Wajjin Qabnu Eeguuf Nu Gargaara
    Tajaajila Mootummaa—2009
  • Sagantaa Haaraa Walga’ii Aanaa
    Tajaajila Mootummaa—2007
  • Sagantaa Haaraa Walga’ii Aanaa
    Tajaajila Mootummaa—2004
Tajaajila Mootummaa—2008
km 12/08 ful. 5

Sagantaa Haaraa Walga’ii Aanaa

Namoota waaqeffannaa dhugaa garmalee morman mo’uu kan dandeenyu akkamitti? Humnoota biyya lafaa Waaqayyorraa fagaatetti nu deebisuuf yaalan mo’uu kan dandeenyu akkamitti? Sagantaan walga’ii aanaa 2009 gaaffilee kanaaf deebii kenna. Matadureensaa “‘Waan Gaariidhaan Isa Hamaa Mo’aa!’” kan jedhudha. (Rom. 12:21) Barumsawwan walga’icharratti dhihaatan kan armaan gadiiti.

Daawwataan olaanaa koonyaa matadureewwan “Waan Gaariidhaan Isa Hamaa Mo’uuf Of Jabeessuu,” “Garmalee Akka Ofitti Hin Amanamne Of Eeggadhaa!,” “Hammeenyi Hundi Yeroo Dhihootti Ni Bada!,” akkasumas “Biyya Lafaa Mo’uuf Amantii Keenya Jabeeffachuu” jedhaniin haasawaa kenna. Daawwataan olaanaa aanaa yaada ijoo “Yeroon Kun Yerootti Dammaqnudha!,” jedhu Roomaa 13:11-13, akkasumas “Bara Rakkinaatti Abdii Hin Kutatinaa,” jedhu Fakkeenya 24:10⁠rratti hundaa’an dhiheessa. Kutaa daawwataan olaanaa aanaa mataduree “Wantoota Aanichaaf Barbaachisaniif Xiyyeeffannaa Kennuu” jedhus hawwiin eegganna. Kutaan nama jajjabeessu kan biraammoo “‘Tajaajilaan Nama Gargaaruuf Qajeelchaa Ta’uu Dandeessuu?’” kan jedhudha. Simpooziyemii lamaan dhihaatan keessaa matadureen inni jalqabaa “Haxxummaa Seexanaa Mo’aa” kan jedhu ta’a. Barumsi kunis haxxummaa Seexanaa isa gama tekinooloojii, bashannanaafi barumsaan dhufu addaan baasnee beekuufi irraa fagaachuuf nu gargaara. Simpooziyemiin “Guyyaa hamaa Kanatti Seexana mo’uuf Humna Argachuu” jedhu, gorsa geggeessaa hafuura qulqulluutiin barreeffame Efesoon 6:10-18⁠rra jiru caalaatti akkamitti hojiirra oolchuu akka qabnu kan nu hubachiisudha.

Hamaa mo’uufi misiraachoo Mootummichaa lallabuun kallattiin kan wal qabatedha. (Mul. 12:17) Seexanni utuu walirraa hin kutin Dhugaa Baatota Yihowaa hubaa kan jiru ta’uunsaa nama hin dinqisiisu! (Isa. 43:10, 12) ‘Waan gaariidhaan isa hamaa mo’uu’ keenya itti fufuuf waan murteessineef Seexanni ni gadda. Saganticharraa guutummaatti fayyadamuuf qophii addaa godhi.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi