LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • km 9/04 ful. 2
  • Sagantaa Walgaii Tajaajilaa

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Sagantaa Walgaii Tajaajilaa
  • Tajaajila Mootummaa—2004
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Torban Fulbaana 13 Jalqabu
  • Torban Fulbaana 20 Jalqabu
  • Torban Fulbaana 27 Jalqabu
  • Torban Onkololessa 4 Jalqabu
Tajaajila Mootummaa—2004
km 9/04 ful. 2

Sagantaa Walgaii Tajaajilaa

Torban Fulbaana 13 Jalqabu

Faarfannaa 19 (43)

Daq. 12: Beeksisa gumii. Beeksisawwan Tajaajila Mootummaarraa filataman. Torban itti aanuuf hundisaanii Tajaajila Mootummaa ji’a Hagayyaa fidanii akka dhufan yaadachiisi. Yaadni seensaa fuula 6⁠rra jiru naannoo keessanitti bu’a qabeessa yoo ta’e, isatti gargaaramuudhaan Masaraan Eegumsaa Adoolessa 1 fi Dammaqaan Adoolessa 2004 akkamitti akka raabsamu kan argisiisu hojiin argisiisni akka dhihaatu godhi. Yaadawwan seensaa kan biraattis gargaaramuun ni danda’ama. Tokkoon tokkoon hojiin argisiisicha booda, yaada seensaa sana keessaa yaada nama gargaaru gabaabsii ibsi.

Daq. 15: Hogganaa Kee Heyyama Gaafatteettaa? Jaarsi tokko mata duree “Atoo Achitti Ni Argamtaa?” jedhuun Tajaajila Mootummaa Fulbaana 2000 ful. 3⁠rratti hundaa’ee haasawaafi maree dhageeffatootaa wajjin godhamuun kan dhihaatu. Yaada Kitaaba Mana Barumsaa ful. 67⁠rra jiru dabalii dhiheessi.

Daq. 18: Hojii Keenya Isa Gaarii Namoonni Ni Ilaalu. (1 Phe. 2:​12) Masaraa Eegumsaa Sadaasa 1, 2002, ful.​12-​14, keeyyata 14-​20⁠rratti hundaa’ee haasawaafi maree dhaggeeffattootaa wajjin godhamuun kan dhihaatu. Dhaggeeffattoonni, muuxannoo namoonni naannoo keenya jiran hojii keenya isa gaarii arganii akka tuqaman argisiisu akka dubbatan afeeri.

Faarfannaa 70 (162) fi kadhannaa xumuraa.

Torban Fulbaana 20 Jalqabu

Faarfannaa 20 (45)

Daq. 10: Beeksisa gumii. Hundisaanii maree Walga’ii Tajaajilaa torban Onkololessa 4⁠rratti godhamuuf, Lakkoobsa 16:​1-​35 akka dubbisaniifi vidiyoo Aangoo Yihowaa Kabajaa jedhu ilaalanii akka dhufan jajjabeessi.

Daq. 15: Waggaa Tajaajilaa Darbetti Maal Raawwanneerra? Haasawaa jaarsi tokko gabaasa tajaajila gumii waggaa 2004⁠rratti hundaa’ee dhiheessu. Gabaasa nama jajjabeessurratti xiyyeeffachuudhaan waan gaarii raawwataniif gumicha galateeffadhu. Hojii cimaa qajeelchitoonni hojjetan ibsi. Waggaa dhufuuf wanta gumichi irratti xiyyeeffachuu isa barbaachisu tokko ykn lama ibsi.

Daq. 20: “Mana Barumsaa Leenjii Tajaajiltootaa​—Balbala Guddaa Hojiin Keessa Guute.” Tajaajila Mootummaa Hagayya 2004⁠rratti hundaa’ee haasawaafi maree dhaggeeffattootaa wajjin godhamuun kan dhihaatu. Yaada Kitaaba Waggaa 2004, ful. 239-​240⁠rra jiru dabalii dhiheessi. Walga’ii aanaarratti, obboloota Mana Barumsaa Leenjii Tajaajiltootaa galanii leenji’uuf fedhii qabaniif walga’iin qophaa’e akka jiru ibsi. Warri ga’oo ta’an walga’ii kanarratti akka argaman jajjabeessi.

Faarfannaa 28 (58)fi kadhannaa xumuraa.

Torban Fulbaana 27 Jalqabu

Faarfannaa 99 (221)

Daq. 15: Beeksisa gumii. Gabaasa herregaa. Babal’istoonni gabaasa tajaajilaa Fulbaanaa akka deebisan yaadachiisi. Masaraan Eegumsaa Adoolessa 15fi Dammaqaan! Adoolessa 22 [Ingiliffaa] akkamitti akka raabsamu kan argisiisu hojiin argisiisni akka dhihaatu godhi. Mata duree “Qophii Haaraa Irra Deebii Walga’iiwwan Aanaafi Addaatiif Godhame” jedhu haasawaadhaan dhiheessi. Guyyaan walga’ii aanaafi addaa yoo kan beekamu ta’e beeksisi. Warri cuuphamuuf fedha qaban sassaabaa ilaaltuu olaanaatti dursanii beeksisuu qabu.

Daq. 10: Sagaleen Yihowaa Jiraataadha. Haasawaadhaan kan dhihaatu. Sagantaa dubbisa Macaafa Qulqulluu torbanii Mana Barumsaa Tajaajila Ti’ookraasiitiif ba’eerraa guutummaatti faayidaa argachuuf akka nu gargaarutti, mata duree “Sagaleen Yihowaa Jiraataadha” jedhuun Masaraa Eegumsaa murtaa’anirratti walitti aanee ba’uu jalqabeera. Masaraa Eegumsaa Fulbaana 15, 2004, fuula 24-7 gargaaramuudhaan, yaada ijoo barumsa kanaa ibsi. Yaada boqonnichaatti erga ibsa kennitee booda, kutaan “Gaaffiiwwan Macaafa Qulqulluufi Deebiisaanii” jedhu caqasawwan hubachuuf ulfaatan tokko tokkoof ibsa kenna. Mata duree “Barumsa Maalii Arganna?” jedhu jalatti, yaadawwan ba’an barumsawwan sana hojiirra oolchuun faayidaa qabuu akka hubannu nu gargaara. Barumsi walitti aanee ba’u kun, Sagalee Waaqayyoo caalaatti hubachuuf kan nu gargaaru akkamitti akka ta’e fakkeenyawwan muraasa filadhuutii caqasi. Torban itti aanutti macaafa Keessa Deebii kan jalqabnu waan ta’eef, hundisaanii qophii kanarraa akka fayyadaman jajjabeessi.

Daq. 20: “Macaafa Qulqulluutti Karaa Bu’a Qabeessa Ta’een Gargaaramaa” Gaaffiiwwan dhihaataniin gargaarami. Yaadawwan seensaa kitaaba Mana Barumsaa Tajaajilaa ful. 145, key. 2-3⁠rratti hundaa’i. Yaadawwan dhihaatan akkamitti hojjiirra oolchuun akka danda’amu argisiisuuf, maree guyyaa jalqabaafi deddeebii gaaffii ennaa godhan kan argisiisu hojiin argisiisni lama akka dhihaatu godhi.

Faarfannaa 17 (38) fi kadhannaa xumuraa.

Torban Onkololessa 4 Jalqabu

35 (79)

Daq. 5: Beeksisa gumii.

Daq. 15: “Ija Fayyaa Qabaadhaa.” Gaaffiiwwan dhihaataniin gargaarami. Hanga yeroon sii heyyametti caqasawwan yaadnisaanii hin kaa’amnerratti ibsa kenni.

Daq. 25: “Angoo Yihowaa Kabajuu Qabna.” Yaada seensaa daqiiqaa lama hin caalleen jalqabiitii Yihudaa 11 dubbisi. Yeruma sana gaaffiiwwan dhihaatan hundaan gargaaramiitii dhaggeeffattootaa wajjin maree jalqabi. Yihowaa duratti fudhatama argachuuf, amala fincilaa Qoraahi argisiiseerraa fagaachuufi fakkeenya ijoolleesaa warra Yihowaadhaaf amanamoo ta’uuf dursa kennanii hordofuu akka qabnu addeessi.

Faarfannaa 83 (187) fi kadhannaa xumuraa.

 Yaada seensaa daqiiqaa tokko hin guunneen jalqabamee gaaffiifi deebiidhaan kan dhihaatu.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi