LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • be qayyabannaa 6 ful. 101-ful. 104 key. 4
  • Jechoota Ijoo Bakka Sirrii Ta’eti Jabeessuu

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Jechoota Ijoo Bakka Sirrii Ta’eti Jabeessuu
  • Mana Barumsaa Tajaajila Ti’ookraasiirraa Fayyadami
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Qayyabannaa 21
    Mana Barumsaa Tajaajila Ti’ookraasiirraa Fayyadami
  • Haala Dhiphisaa Mana Barumsaatti Na Mudatu Dandamachuu Kanan Dandaʼu Akkamitti?
    Gaaffilee Dargaggootaa fi Deebii Isaaniif Kenname, Jildii 1ffaa
  • Dhiphina Moʼuun kan Dandaʼamu Akkamitti?
    Dammaqaa!—2020
  • Yaadawwan Ijoo Jabeessanii Dubbisuu
    Mana Barumsaa Tajaajila Ti’ookraasiirraa Fayyadami
Dabalataan Ilaaluuf
Mana Barumsaa Tajaajila Ti’ookraasiirraa Fayyadami
be qayyabannaa 6 ful. 101-ful. 104 key. 4

Qayyabannaa 6

Jechoota Ijoo Bakka Sirrii Ta’eti Jabeessuu

Maal gochuu qabda?

Dhaggeeffattoonni yaada ibsamaa jiru akka hubataniif, jechootaafi gaaleewwan jabeessii dubbisi.

Barbaachisaa kan ta’e maaliifi?

Namni haasa dhiheessu jechoota bakka sirrii taʼetti kan jabeessu yoo taʼe, xiyyeeffannaa dhaggeeffattootaa argachuu, isaan amansiisuufi hojiidhaaf isaan kakaasuu dandaʼa.

YOMMUU haasaa dhiheessitu ykn yommuu dubbistu, jechoota sirriitti waamuu qofa utuu hin taʼin, jechoota ijoo ykn yaadawwan ergaa guddaa qaban karaa yaadasaa sirriitti dabarsuu dandaʼuun jabeessitee waamuun barbaachisaadha.

Jechoota ijoo bakka sirrii taʼetti jabeessuu jechuun, jechoota muraasa ykn hedduu jabeessuu jechuu qofa miti. Jabeeffamuu kan qaban jechoota sirrii taʼan qofadha. Jechootaafi gaaleewwan hin barbaachisne jabeessuunkee, haasaankee dhaggeeffattootaaf ifa akka hin taaneefi yaannisaanii akka bittinnaaʼuu gochuu dandaʼa. Barumsi dhihaatu gaarii taʼullee, namni haasicha dhiheessu jechoota ijoo bakka sirrii taʼetti hin jabeessu taanaan, haasaansaa dhaggeeffattoota hojiidhaaf kakaasuu hin dandaʼuu.

Yeroo baayʼee malawwan armaan gadii ergaan takkaa hojiirra oolchuudhaan jechoota ijoo karaa addaddaa jabeessuun ni dandaʼama: Kanas sagalee ol kaasuudhaan, miira hoʼaadhaan, suuta jedhanii dubbachuudhaan, yaada tokko dubbachuukee dura ykn bakka lamaanittuu takka turuufi sochii qaamaatiin argisiisuu dandeessa. Afaan tokko tokko keessatti sagalee ol kaasuudhaan ykn gadi qabuudhaan yaada tokko jabeessuun ni dandaʼama. Mala kamitti fayyadamuun gaarii akka taʼe murteessuuf, barumsichaafi haalawwan tokko tokko tilmaama keessa galchi.

Eessatti jabeessuu akka qabdu murteessuuf, wantoota armaan gadii qalbeeffadhu. (1) Jechoota hima keessatti jabeeffamuu qaban murteessuuf kan si gargaaru, himicha qofa utuu hin taʼin yaada naannoosaatti argamudha. (2) Bakka yaanni ijoon tokko itti jalqabamu ykn yaada tokkorraa isa kaanitti itti ceʼamu ifatti argisiisuuf, jechoota ijoofi gaaleewwan jabeessuu dandeessa. Mala kanatti fayyadamuudhaan dhaggeeffattoonni yaada ijoo tokko xumuraa akka jirtu akka hubatan gochuu dandeessa. (3) Namni haasaa dhiheessu, jechoota ykn gaaleewwan ijoo taʼan jabeessuudhaan, dhimma tokkoof ilaalcha akkamii akka qabu argisiisuu dandaʼa. (4) Malli kun, qabxiiwwan ijoo haasaa tokkoo jabeessuufis hojjechuu dandaʼa.

Namni haasaa dhiheessu ykn warra kaaniif dubbisu malawwan armaan olii hojiirra oolchuu yoo barbaade, yaada barumsichaa sirriitti hubachuufi dhaggeeffattoonnis akka hubatan gargaaruuf fedhii qabaachuu qaba. Qajeelfama bara Izraatti kenname ilaalchisee Nahimiiyaan 8:8, “Yommus namoonni sun macaafa seera Waaqayyoo sana dubbisanii, hiikanii in ibsaniif; jarris kana irratti seericha hubachuu in dandaʼan” jedha. Namoonni yeroo sanatti macaafa seera Waaqayyoo sabichaaf dubbisaafi hiikaa turan, dhaggeeffattoonni wanta dubbifamaa jiru akka hubataniifi yaadatanii hojiirra akka oolchan isaan gargaaruu akka qaban hubatanii turan.

Rakkoonsaa Maal Taʼuu Dandaʼa? Namoonni hedduun warra kaanii wajjin yommuu mariʼatan yaadasaanii akka gaariitti ibsuun isaan hin rakkisu. Wanta namni garabiraan barreesse yommuu dubbisan garuu, jechoonni ykn gaaleewwan kam jabeeffamuu akka qaban beekuun isaan rakkisa. Kanaaf, furmaannisaa ergaasaa sirriitti hubachuudha. Kunimmoo barreeffamicha akka gaariitti qayyabachuu gaafata. Kanaaf, gumiirratti barreeffama tokko akka dubbistu yoo ramadamte, akka gaariitti qophaaʼuu qabda.

Namoonni tokko tokko, jechoota ijoo ykn gaaleewwan bakka sirrii taʼetti jabeessuu mannaa, barbaachisaa taʼus taʼuu baatus akkasumaan darbanii darbanii jabeessu. Warri kaanimmoo, firoomseefi wal qabsiistota garmalee jabeessanii dubbisu. Wanti jabeessinu yaadasaa ifa gochuuf hin gargaaru taanaan, xiyyeeffannaan dhaggeeffattootaa akka hiramu godha malee faayidaa hin qabu.

Namoonni haasaa dhiheessan tokko tokko, jechoota ijoo taʼan jabeessuuf sagaleesaanii ol kaasanii waan dubbataniif, dhaggeeffattoonni haasaa sana akka ceephootti ilaaluu dandaʼu. Kunimmoo yeroo baayʼee buʼaa gaarii hin argamsiisu. Namni tokko akkaataa dubbii uumamaasaatiin fayyadamee jechoota ijoo hin jabeessu taanaan, dhaggeeffattoota kan tuffatu fakkaachuu dandaʼa. Kanaa mannaa, jaalalaan dubbachuufi barumsichi deggersa Caaffata Qulqullaaʼoo kan qabu, akkasumas sirrii taʼuusaa akka hubatan gargaaruun baayʼee gaariidha.

Fooyyessuun Kan Dandaʼamu Akkamitti? Yeroo baayʼee namni bakka sirrii taʼetti jechoota ijoo ykn gaaleewwan jabeessuu hin dandeenye, rakkina akkasii akka qabullee hin beeku. Tarii namni dogoggorasaa isa hubachiisu isa barbaachisa taʼa. Gama kanaan fooyyaʼiinsa gochuu barbaadda taanaan, ilaaltuun olaanaa mana barumsichaa si gargaaruu dandaʼa. Obboleessi akka gaariitti haasaa dhiheessuu dandaʼus gorsa akka sii kennu gaafadhu. Yommuu dubbistu ykn yommuu dubbattu dhaggeeffatee bakka itti fooyyaʼiinsa gochuu qabdu akka sitti himu gaafadhu.

Namni gorsa sii kennu mataduree barruu Masaraa Eegumsaarra jiru tokko dubbistee akka shaakaltu yaada sii kenna taʼa. Jechootaafi gaaleewwan ergaasaa karaa sirrii taʼeen dabarsuuf si gargaaran filtee jabeessuu akka dandeessuuf, himoota hunda sirriitti hubachuu akka qabdu sitti himuu dandaʼa. Jechoota ciibsamanii barreeffaman tokko tokkoof xiyyeeffannaa addaa akka kennitu si gorsuu dandaʼa. Jechoonni gareedhaan qindaaʼanii hima akka ijaaran hin dagatin. Yeroo baayʼee jechoota gareedhaan malee jecha tokko kophaatti jabeessuu hin qabdu. Afaan tokko tokko keessatti, barattoonni mallattoowwan jechoota ijoo bakka sirriitti jabeessuuf gargaaran hubannaadhaan akka dubbisan gorfmuu dandaʼu.

Sana boodammoo, wantoota jabeessuu qabdu hubachuu akka dandeessuuf, himasaarratti xiyyeeffachuu mannaa, yaada naannoosaarratti akka xiyyeeffattu si gorsuu dandaʼa. Yaanni ijoo keeyyatichaa maalidha? Kun yaada himoota hunda keessa jiraniifi jabeessuu qabdu ilaalchisee faayidaa akkamii qaba? Mataduree guddaafi mataduree xiqqaa bakka yaanni kun itti ibsame ilaali. Kana gochuun yaada jabeessuu barbaaddu beekuuf si gargaaruu kan dandaʼu akkamitti? Wantoonni kun hundi tilmaama keessa galuu qabu. Haataʼu malee, jechoota hedduu akka hin jabeessine of eeggannoo godhi.

Namni gorsa sii kennu, jecha mataa keetiin yommuu dubbattus taʼe, barreeffama tokkorraa yommuu dubbistu jechoota ijoo taʼan karaa sirrii taʼeen jabeessuuf, kallattii yaanni sun itti ibsamaa jiru akka qalbeeffattu si jajjabeessa taʼa. Yaanni hundi kan xumuramu ykn barumsichi yaada barbaachisaa tokkorraa gara yaada isa kaaniitti kan ceʼu eessatti akka taʼe hubachuu qabda. Haasaankee qabxiiwwan kana sirriitti kan isaan hubachiisu yoo taʼe, dhaggeeffattoonni barumsicharraa faayidaa argachuu dandaʼu. Jechoota, jalqabarratti, kanatti aansee, dhumarrattis, akkasumas jedhamaniifi kan kana fakkaatanitti fayyadamuudhaan kan gochuu dandeessa taʼa.

Kana malees, namni gorsa sii kennu qabxiiwwan miira addaatiin ibsuu barbaaddurratti akka xiyyeeffattu yaada sii kenna taʼa. Kana gochuufis, jechoota baayʼee, matumaa, maaliyyuu yoo taʼe, barbaachisaadha, yeroo hunda jedhamaniifi kan kana fakkaatan akka gaariitti jabeessuu dandeessa taʼa. Akkas gochuunkee, miira dhaggeeffattoonni wanta dubbachaa jirtuuf qabanirratti jijjiirama fida. Qayyabannaa 11, mataduree “Miira Haalasaatiif Taʼuun Dubbachuu” jedhu jalatti ibsi dabalataa ni kennama.

Jechoota ijoo karaa sirrii taʼeen jabeessuurratti fooyyaʼiinsa argisiisuu yoo barbaade, qabxiiwwan gurguddaa dhaggeeffattoonni akka yaadatan barbaaddu dursitee hubachuun si barbaachisa. Qabxii kanarratti Qayyabannaa 7⁠ffaa mataduree, “Yaadawwan Ijoo Jabeessanii Dubbisuu” jedhu jalatti namootaaf dubbisuu wajjin haala wal qabateen, Qayyabannaa 37⁠ffaa mataduree “Qabxiiwwan Gurguddaa Ifa Gochuu” jedhu jalattimmoo, haala haasaa wajjin wal qabateen ibsi dabalataa ni kennama.

Tajaajilarratti buʼa qabeessa taʼuu yoo barbaadde, akkaataa caqasoota itti dubbistuuf xiyyeeffannaa addaa kenni. ‘Caqasa kana kanan dubbisu maaliifi?’ jedhii of gaafadhu. Barsiisaan tokko jechoota sirriitti dubbisuunsaa qofti gaʼaa miti. Caqasicha miira hoʼaadhaan dubbisuunillee gaʼaa taʼuu dhiisuu dandaʼa. Gaaffii namni tokko gaafateef deebii kennaa kan jirtu ykn dhugaa Macaafa Qulqulluu tokko barsiisaa kan jirtu yoo taʼe, jechoota caqasicha keessa jiraniifi barumsicha deggeran jabeessuun barbaachisaadha. Taʼuu baannaan, namni caqasicha dubbistuuf ergaasaa utuu hin hubatin hafuu dandaʼa.

Bakka sirrii taʼetti jabeessuun jechootaafi gaaleewwan tokko tokko jabeessuu kan gaafatu taʼus, namni haasaa dhiheessuudhaan muuxannoo hin qabne garuu, jechootaafi gaaleewwan kana garmalee jabeessuuf qorama taʼa. Kunis nama yeroo jalqabaatiif nootaa muuziqaa taphachuuf carraaqqii godhuu wajjin wal fakkaachuu dandaʼa. Haataʼu malee namni kun shaakala gochuusaa yommuu itti fufu, “nootaa” akka gaariitti taphachuudhaan “muuziqaa” namatti tolu dhageessisuu dandaʼa.

Wantoota buʼuura taʼan erga barattee booda, namoota akka gaariitti haasaa dhiheessuu dandaʼan ilaaluudhaan muuxannoo argachuu dandeessa. Yeroo boodas, karaa garaagaraa jechootaafi gaaleewwan jabeessuun hangam barbaachisaa akka taʼe ni hubatta. Malawwan garaagaraatti fayyadamanii yaada ijoo jabeessuun ergaasaa ifa gochuurratti gaʼee guddaa akka qabus hubachaa adeemta. Jechoota ijoo bakka sirrii taʼetti jabeessuu barachuunkee, dubbisaafi haasaakee caalaatti sii fooyyessa.

Bakka sirrii taʼetti jabeessuu barachuu kan qabdu, kutaa dhiheessituuf qofa taʼuu hin qabu. Bakka sirrii taʼetti jabeessuudhaan haasaa gaarii dhiheessuu hanga dandeessutti shaakaluukee itti fufi.

DANDEETTII KANA FOOYYEFFACHUUF

  • Jechoota ykn gaaleewwan ijoo taʼaniifi yaada naannoosaatti argamuuf xiyyeeffannaa addaa kenni.

  • (1) Bakka yaada tokkorraa gara isa kaaniitti itti ceʼamuufi (2) wanta dubbachaa jirtuuf ilaalcha akkamii akka qabdu ibsuuf bakka sirrii taʼetti jabeessi.

  • Yommuu caqasa dubbistu, jechoota ijoo sababii itti caqasicha caqastee wajjin walitti dhufeenya qaban qofa jabeessi.

GILGAALA: (1) Caqasoota yeroo hedduu tajaajilarratti itti fayyadamtu lama filadhu. Caqasa yommuu caqastu wanti ibsuu barbaadde maal akka taʼe yaadi. Achiis, sagaleekee ol kaasii jechoota ykn gaaleewwan yaada ibsuu barbaadde deggeran jabeessii dubbisi. (2) Ibroota 1:1-14 qayyabadhu. Boqonnaa kana keessatti, yaada ibsamaa jiru ifa gochuuf jechoonni (Ibr. 1 lak. 1⁠rratti) “raajota,” (Ibr. 1 lak. 2⁠rratti) “ilma,” (Ibr.1 lak. 4, 5⁠rratti) “ergamoota” jedhan karaa adda taʼeen jabeeffamuu kan qaban maaliifi? Karaa yaada ijoo addeessuu dandaʼuun guutummaa boqonnichaa sagaleekee ol kaasuudhaan jabeessitee dubbisuu shaakali.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi