LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • be qayyabannaa 21 ful. 150-ful. 152 key. 5
  • Qayyabannaa 21

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Qayyabannaa 21
  • Mana Barumsaa Tajaajila Ti’ookraasiirraa Fayyadami
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Jechoota Ijoo Bakka Sirrii Ta’eti Jabeessuu
    Mana Barumsaa Tajaajila Ti’ookraasiirraa Fayyadami
  • Caqasoota Sirriitti Ibsuu
    Mana Barumsaa Tajaajila Ti’ookraasiirraa Fayyadami
  • Yaadawwan Ijoo Jabeessanii Dubbisuu
    Mana Barumsaa Tajaajila Ti’ookraasiirraa Fayyadami
  • Macaafa Qulqulluu Baasanii Akka Hordofan Jajjabeessuu
    Mana Barumsaa Tajaajila Ti’ookraasiirraa Fayyadami
Dabalataan Ilaaluuf
Mana Barumsaa Tajaajila Ti’ookraasiirraa Fayyadami
be qayyabannaa 21 ful. 150-ful. 152 key. 5

Qayyabannaa 21

Bakka Barbaachisutti Caqasoota Jabeessanii Dubbisuu

Maal gochuu qabda?

Jechoota wanta ibsaa jirtu jabeessan addeessi. Achiis karaa miirasaa ibsuun dubbisi.

Barbaachisaa kan ta’e maaliifi?

Caqasa tokko akka gaariitti utuu hin jabeessin yoo hafte ergaan caqasichaa humna dhabuu dandaʼa.

NAMOOTAA wajjin yommuu mariʼattus taʼe, yeroo haasaa dhiheessitu kaayyoo Waaqayyoo ilaalchisee wanti dubbattu, Macaafa Qulqulluurratti kan hundaaʼe taʼuu qaba. Kun yeroo baayʼee Macaafa Qulqulluu dubbisuu kan gaafatu siʼa taʼu, yeroo kanatti caqasoota sirriitti dubbisuu qabda.

Karaa Miirasaa Ibsuun Dubbisuu. Caqasoonni karaa miirasaa ibsuun dubbifamuu qabu. Mee fakkeenya muraasa ilaali. Faarfannaa 37:11 yommuu dubbistu, sagaleenkee nagaa caqasicharratti ibsame akka hawwitu kan argisiisu taʼuu qaba. Mulʼata 21:4⁠rratti rakkinniifi duuti akka badu ilaalchisee abdii kenname yommuu dubbistu, sagaleenkee boqonnaa guddaa ilmaan namootaa argataniif dinqisiifannaa akka qabdu kan argisiisu taʼuu qaba. “Baabilon guddittii” ishee cubbuunshee tuulame keessaa baʼuu ilaalchisee, yaada Mulʼata 18:2, 4, 5⁠rra jiru yommuu dubbistu, karaa ergaan kun ariifachiisaa taʼuusaa argisiisuun dubbisuu qabda. Taʼus caqasni dubbistu miira sitti dhagaʼamu kan argisiisu malee, garmalee kan arbeeffame taʼuu hin qabu. Miira akkamiitiin dubbisuu akka qabdu kan murteessu caqasichaafi sababii caqasichi itti caqasamedha.

Jechoota Sirrii Taʼan Jabeessuu. Caqasa tokko keessaa yaada muraasarratti ibsa kan kennitu yoo taʼe, caqasicha yommuu dubbistu yaada barbaadame qofa jabeessuu qabda. Fakkeenyaaf Maatewos 6:33 yommuu dubbistu, ‘duraan dursanii mootummaa Waaqayyoo barbaaduun’ barbaachisaa taʼuusaa ibsita taanaan, jechoota “qajeelummaa isaa” fi “kan barbaachisu hundinuu” jedhan jabeessitee dubbisuu hin qabdu.

Walgaʼii Tajaajilaarratti yommuu haasaa dhiheessitu, Maatewos 28:19 dubbisuu barbaadde haa jennu. Yeroo kanatti jechoota kam jabeessitee dubbisuu qabda? Qayyabannaa Macaafa Qulqulluu akka jalqabsiisan jajjabeessuu barbaadda taanaan, jecha “bartoota koo godhaa” jedhu jabeessitee dubbisuu qabda. Kiristiyaanonni, namoota biyya kan biraadhaa dhufanitti dhugaa himuu akka qaban ibsuu ykn naannoo babalʼistoonni caalaatti barbaachisan dhaqanii akka tajaajilan jajjabeessuu yoo barbaaddemmoo, jecha “saba hundumaa” jedhu jabeessitee dubbisuu qabda.

Yeroo baayʼee caqasni tokko gaaffii tokkoof deebii kennuuf ykn yaada tokko deggeruuf caqasama. Yaada caqasichaa guutummaatti jabeessitee yoo dubbiste, dhaggeeffattoonni caqasichi dhimma sanaa wajjin walitti dhufeenya akkamii akka qabu hubachuun isaan rakkisuu dandaʼa. Yaannisaa siif ifa taʼus isaaniif ifa taʼuu dhiisuu dandaʼa.

Fakkeenyaaf Hisqiʼel 18:4 yommuu dubbistu jecha, “cubbuu hojjetuu” jedhu jabeessitee yoo dubbiste, namni haasofsiistu dhugaa lubbuun akka duutu ibsu utuu hin hubatin hafuu dandaʼa. Kanaaf, jecha “lubbuun . . . haa duʼu!” jedhu jabeessitee dubbisuu qabda. Haataʼu malee, caqasuma kanatti fayyadamtee namni maaliif akka duʼu yommuu ibsitu, jecha “isa cubbuu hojjetuu” jedhu jabeessitee dubbisuu qabda. Haaluma wal fakkaatuun, amantiin hojiidhaan argisiifamuu akka qabu ibsuuf Yaaqoob 2:24 yommuu dubbistu, jecha “hojii” jedhu dhiistee, jecha “qajeelaatti akka lakkaaʼamu” jedhu jabeessitee yoo dubbiste, namoonni tokko tokko yaadasaa utuu hin hubatin hafuu dandaʼu.

Fakkeenyi gaariin garabiraanimmoo, Roomaa 15:7-13⁠rratti argama. Phaawulos caqasa kana kan barreesse, gumii warri saba Waaqayyoo hin taʼiniifi warri dhalootaan Yihudoota taʼan keessatti argamaniif ture. Phaawulos caqasa kanarratti tajaajilli Kiristos Yihudoota dhagna qabatan qofa utuu hin taʼin, warra saba Waaqayyoo hin taʼinis kan fayyadu akka taʼe kan ibse siʼa taʼu, kunis “saba Yihudootaa warri hin taʼin, araara isaatiif Waaqayyoof ulfina akka kennan” taʼuusaa ibseera. Achiis, carraa warri saba Waaqayyoo hin taʼin argatan ibsuuf caqasoota afur caqaseera. Wanta Phaawulos yaadatti qabatee dubbate jabeessitee ibsuuf, caqasoota kana akkamitti dubbisuu qabda? Caqasa jabeessitee dubbisturratti mallattoo godhachuu yoo barbaadde, Rom 15 lakkoofsa 9⁠rraa jecha “saba Yihudootaa warri hin taʼin,” Rom 15 lakkoofsa 10⁠rraa “isin saba Waaqayyoo warri hin taʼin,” Rom 15 lakkoofsa 11⁠rraa “isin saba Waaqayyoo warri hin taʼin hundumti keessan,” jedhuufi “sabni hundinuus” jedhu, akkasumas Rom 15 lakkoofsa 12⁠rraa “warra saba Waaqayyoo hin taʼin” jedhan filatta taʼa. Yaada kana sammuutti qabadhuutii Roomaa 15:7-13 dubbisi. Akkas yoo goote, yaada Phaawulos ibsaa ture salphaatti hubachuu dandeessa.

Malawwan Jabeessanii Dubbisuuf Gargaaran. Jechoota ergaa guddaa qabaniifi warra kaanirraa adda baafamanii akka hubataman barbaaddu karaa addaddaa jabeessitee dubbisuu dandeessa. Taʼus, malli itti fayyadamtu qabiyyee caqasichaafi qabxiiwwan gurguddaa haasichaa wajjin kan walsimu taʼuu qaba. Malawwan kana gochuuf gargaaran muraasni armaan gaditti ibsamaniiru.

Sagalee Jijijjiiruu. Malli kun, jechoota yaada ijoo dabarsan hima isa kaanirraa adda baasanii ibsuuf jijjiirama sagalee godhamu hunda kan argisiisudha. Yeroo tokko tokko sagalee dabaluu ykn hirʼisuudhaan jabeessuun ni dandaʼama. Afaanota hedduu keessatti sagalee jijijjiiruun yaadasaa addeessuuf kan gargaaru siʼa taʼu, afaan tokko tokko keessatti garuu akkas gochuun guutummaatti yaadasaa jijjiiruu dandaʼa. Jecha ijoo bira yommuu geessu takka turuunkee, jecha sanaaf xiyyeeffannaan akka kennamu godha. Afaanota sagalee jijijjiiruudhaan jechoota jabeessuun hin dandaʼamne keessatti, malawwan afaanicha keessatti beekamaa taʼan kaanitti fayyadamuun barbaachisaadha.

Takka Turuu. Ijoo caqasa jabeessitee dubbisuu barbaade dura ykn booda ykn bakka lamaanittuu takka turuudhaan kana gochuu dandeessa. Yaada ijoo dubbisuukee dura takka turuunkee, dhaggeeffattoonni wanta dubbifamu hawwiidhaan akka eeggatan godha; erga dubbistee booda takka turuunkeemmoo, caalaatti dhimma sanarratti akka yaadan godha. Haataʼu malee, bakka barbaachisaa hin taanetti takka turta taanaan qabxiin jabeeffamu hin jiraatu.

Irra Deddeebiʼuu. Irra deebitee jecha ykn gaaleesaa dubbisuudhaan yaada ijoo tokko jabeessuu dandeessa. Yeroo baayʼee caalaatti gaarii kan taʼu, caqasicha erga dubbistee booda yaada jabeessuu barbaadu irra deebiʼuudha.

Sochii Qaamaa. Miirri fuula keenyarraa mulʼatuufi sochiin qamaa argisiisnu jecha ykn gaalee sana caalaatti jabeessuu dandaʼa.

Sagalee. Afaan tokko tokko keessatti, sagalee jechoonni itti dubbifaman darbee darbee yaadasaa jijjiiruufi jechoonni sun adda baafamanii akka mulʼatan gochuu dandaʼu. Yeroo kanatti, akkaataan itti dubbattu yaada agiboo kan dabarsu yoo taʼe of eeggannoo gochuu qabda.

Yommuu Warri Kaan Caqasicha Dubbisan. Namni haasofsiistu caqasicha yommuu dubbisu, jecha hin barbaachisne jabeessee dubbisuu ykn jecha tokkoyyuu jabeessee utuu hin dubbisin hafuu dandaʼa. Yeroo kanatti maal gochuu qabda? Yeroo baayʼee yaada caqasichaa ibsuun gaarii taʼuu dandaʼa. Sana booda Macaafa Qulqulluu baastee yaada ijoo caqasichaa ifa gochuu dandeessa.

DANDEETTII KANA FOOYYEFFACHUUF:

  • Caqasa tokko dubbisuukee dura, ‘Jechoonni kun miira akkamii dabarsu? Yeroon dubbisu miira kana argisiisuu kanan dandaʼu akkamitti?’ jedhii of gaafadhu.

  • Caqasa itti fayyadamuu barbaadde hunda ilaalchisee, ‘Kaayyoo ani caqasa kana itti dubbisu maalidha? Kaayyoo kana galmaan gaʼuuf, jechoota kamfaa jabeessee dubbisuun qaba?’ jedhii of gaafadhu.

GILGAALA: (1) Caqasa tajaajilarratti itti fayyadamuu yaadde erga filattee booda, karaa miirasaa sirriitti ibsuun dubbisuu shaakali. Kaayyoo caqasicha itti dubbistu yaadatti qabadhuutii, jecha (jechoota) barbaachisaa taʼan jabeessuudhaan sagaleekee ol kaasii dubbisi. (2) Barreeffama qayyabannaa dhiheenyatti baʼe keessaa keeyyata caqasoota Macaafa Qulqulluurraa kallattiidhaan fudhataman qabu tokko filadhu. Akkaataa caqasni sun keeyyaticha keessatti itti hojjetame qalbeeffadhu. Jechoota ergaa guddaa dabarsanirratti mallattoo godhi. Achiis karaa yaada ijoo caqasicha keessatti argamu jabeessuun, sagaleekee ol kaasii guutummaa keeyyatichaa dubbisi.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi