Qayyabannaa 7
Yaadawwan Ijoo Jabeessanii Dubbisuu
NAMNI akka gaariitti dubbisu, hima ykn keeyyata tokkorratti qofa utuu hin taʼin, yaadawwan ijoo guutummaa barumsichaa keessatti argamanirratti xiyyeeffata. Kunimmoo, yaadawwan ijoo jabeeffamanii dubbifaman filachuuf isa gargaara.
Kun utuu hin taʼin yoo hafe, yaanni ijoon jabeeffamee dubbifamu hin jiraatu jechuudha. Kutichi yommuu xumuramu, qabxii ijoo yaadatamu argachuun rakkisaa taʼuu dandaʼa.
Yaadawwan ijoo jabeessuudhaaf xiyyeeffannaan kan kennamu yoo taʼe, seenaa Macaafa Qulqulluu akka gaariitti dubbisuun ni dandaʼama. Nama tokko yommuu qayyabsiisnu ykn walgaʼii gumiirratti yommuu dubbisnu, yaadawwan ijoo keeyyata tokkoo jabeessinee dubbisuun keenya, wanti dubbisnu caalaatti ifa akka taʼu godha. Keessumaa walgaʼii koonyaarratti kutaa dubbisaan dhihaatu yommuu dhiheessinu, yaadawwan ijoo jabeessinee dubbisuun keenya barbaachisaadha.
Kana Gochuun Kan Dandaʼamu Akkamitti? Mana Barumsaa Tajaajila Tiʼookraasiirratti, kutaa Macaafa Qulqulluu tokko akka dubbistu ramadamta taʼa. Yaada ijoo isa kam jabeessitee dubbisuu qabda? Kutaan ati dubbistu yaada ijoo ykn wanta barbaachisaa taʼe tokkorratti kan xiyyeeffatu yoo taʼe, yaada kana ifa gochuun barbaachisaadha.
Wanti dubbistu walaloo ykn hololoo, mammaaksa ykn kan seeneffamu yoo taʼe, akka gaariitti dubbisuunkee dhaggeeffattoota ni fayyada. (2 Xim. 3:16, 17) Yeroo kanatti, wanta dubbistuufi dhaggeeffattootakee tilmaama keessa galchuu qabda.
Barreeffama qayyabannaa Macaafa Qulqulluu ittiin geggeessitu tokkorraa ykn walgaʼii gumiirratti yommuu dubbistu, yaadawwan ijoo warra kam jabeessitee dubbisuu qabda? Deebii gaaffiiwwan sanaa akka yaada ijootti ilaaluu dandeessa. Yaadawwan ijoo mataduree xixiqqaa wajjin walitti dhufeenya qabanis jabeessuu dandeessa.
Haasaa gumiirratti dhihaatu, kutaa dubbisaan dhihaatuu wajjin wal fakkeessanii dhiheessuun gaarii miti. Haataʼu malee haasaawwan walgaʼii koonyaa tokko tokko, iddoo hundaatti dubbisaan akka dhihaatan godhamanii qophaaʼu. Kanaaf, obboleessi kutaa kana dhiheessu yaadawwan ijoo haasichaa jabeessee dubbisuuf, barumsicha dursee akka gaariitti qayyabachuu qaba. Yaadawwan ijoo kan taʼan kamfaʼi? Yaadawwan kana adda baasee hubachuu qaba. Yaadawwan ijoo jechuun, qabxiiwwan nama haasaa sana dhiheessutti tolanidha jechuu miti. Kanaa mannaa yaadawwan gurguddaa barumsichi irratti xiyyeeffatedha. Yeroo tokko tokko yaadawwan ijoon hima gabaabaadhaan erga kaaʼamanii booda balʼinaan ibsamanii ykn seeneffamanii dhihaachuu dandaʼu. Yeroo baayʼee yaanni barumsicha deggeru balʼinaan erga dhihaatee booda, hima yaada barumsichaa gabaabaatti ibsuun kaaʼamuu dandaʼa. Obboleessi haasaa dhiheessu yaadawwan ijoo kana erga adda baafatee booda, barreeffamicharratti mallattoo gochuu qaba. Yeroo baayʼee yaadawwan ijoon afur ykn shanirra hin caalan. Achiis, yaadawwan ijoo kana karaa dhaggeeffattoonni hubachuu dandaʼaniin dubbisuuf shaakaluu qaba. Haasicha keessatti yaadawwan ijoo kanatu jabeeffamuu qaba. Haasaan kun bakka sirriitti kan jabeeffamu yoo taʼe, qabxii ijoo haasichaa yaadachuun nama hin rakkisu. Kaayyoon nama haasaa dhiheessuus kana taʼuu qaba.
Namni haasaa dhiheessu dhaggeeffattoonni yaadawwan ijoo adda baasanii akka hubatan gargaaruuf, mala garaagaraatti fayyadamuu dandaʼa. Malawwan kana keessaa muraasnisaanii saffisa jijijjiiruu, miira hoʼaadhaan dubbachuufi sochii qaamaa argisiisuu taʼuu dandaʼu.