LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • be qayyabannaa 22 ful. 153-ful. 156 key. 4
  • Caqasoota Sirriitti Ibsuu

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Caqasoota Sirriitti Ibsuu
  • Mana Barumsaa Tajaajila Ti’ookraasiirraa Fayyadami
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Walitti Dhufeenya Caqasaa fi Barumsichaa Ifa Gochuu
    Dubbisuu Fi Barsiisuuf Carraaqqii Godhi
  • Caqasoota Akka Gaariitti Beeksisuu
    Mana Barumsaa Tajaajila Ti’ookraasiirraa Fayyadami
  • Karaa Nama Amansiisuun Barsiisaa
    Tajaajila Mootummaa—2010
  • Caqasoota Sirriitti Beeksisuu
    Dubbisuu Fi Barsiisuuf Carraaqqii Godhi
Dabalataan Ilaaluuf
Mana Barumsaa Tajaajila Ti’ookraasiirraa Fayyadami
be qayyabannaa 22 ful. 153-ful. 156 key. 4

Qayyabannaa 22

Caqasoota Sirriitti Ibsuu

Maal gochuu qabda?

Ibsi caqasa tokkoof kennitu, yaada naannoo caqasichaafi Macaafa Qulqulluu wajjin guutummaatti kan walsimu taʼuu qaba. Ibsi kennitu barreeffamoota “hojjetaan amanamaanii fi ogeessi” qopheessee wajjinis kan walsimu taʼuu qaba.

Barbaachisaa kan ta’e maalfiifi?

Dubbii Waaqayyoo namoota barsiisuun itti gaafatamummaa guddaadha. Waaqayyo namoonni ‘dhugaa beekuu bira akka gaʼan’ barbaada. (1 Xim. 2:3, 4) Kunimmoo Dubbiisaa sirriitti akka barsiisnu nu dirqisiisa.

YEROO namoota barsiisnu caqasoota Macaafa Qulqulluu dubbisuu qofti gaʼaa miti. Phaawulos, “Ati akka hojjetaa qoramee fudhatamee, waan itti yeellaʼu hin qabneetti, akka nama dubbicha isa dhugaadhaan qajeeltootti hojjetuutti, Waaqayyo dura of dhaabachiisuudhaaf dhamaʼi!” jechuudhaan Ximotewos isa hidhatasaa taʼeef barreesseera.—2 Xim. 2:15.

Kanaaf, ibsi caqasa tokkorratti kenninu wanta Macaafni Qulqulluun barsiisuu wajjin guutummaatti kan walsimu taʼuu qaba. Caqasicha keessaa yaada nutti tole filannee karaa nutti fakkaateen ibsuu mannaa, yaada naannoo caqasichaatti argamu hubachuu qabna. Yihowaan karaa Ermiyaas raajichaa, raajota wanta Waaqayyo jedhe utuu hin taʼin, “wanta yaada isaaniitti mulʼate” dubbatan akeekkachiiseera. (Er. 23:16) Phaawulos, Kiristiyaanonni Dubbii Waaqayyoo falaasama namootaa wajjin akka walitti hin makne yommuu akeekkachiisu, “Waan yeellaasisaa namni dhoksaatti hojjetu garuu dhiifneerra; haxxummaadhaan hin hojjennu, dubbii Waaqayyoos hin micciirru” jedheera. Bara sanatti daldaltoonni wayinii amanamoo hin taane, wayiniinsaanii akka isaanii baayʼatuufi buʼaa baayʼee irraa argachuuf, bishaan itti naqanii qallisu turan. Nuyi garuu falaasama ilmaan namootaa itti makuudhaan Dubbii Waaqayyoo hin busheessinu. Phaawulos, “Nuyi akka warra Waaqayyo biraa ergamaniitti karaa Kristos fuula Waaqayyoo duratti garaa guutuudhaan dubbanna malee, akka namoonni baayʼeen dubbii Waaqayyoo miʼa harkatti gatii dhabe fakkeessanitti miti” jechuudhaan barreesseera.—2 Qor. 2:17; 4:2.

Darbee darbee, seera buʼuuraa tokko ibsuuf caqasa tokko caqasta taʼa. Macaafni Qulqulluun, seerawwan buʼuuraa haalawwan addaddaatiif qajeelfama taʼan hedduu qabateera. (2 Xim. 3:16, 17) Haataʼu malee, yaada barbaadduu wajjin walsimsiisuuf jecha karaa sirrii hin taaneen caqasa tokkotti fayyadamuurraa of qusadhu. (Far. 91:11, 12; Mat. 4:5, 6) Karaan itti caqasicha ibsitu, kaayyoo Yihowaafi Dubbiisaa wajjin guutummaatti kan walsimu taʼuu qaba.

Kana malees, ‘dubbicha isa dhugaadhaan qajeeltootti hojjechuun’ yaada caqasichaa sirriitti hubachuu gaafata. Caqasni tokko “ulee” ittiin namoota rukutan taʼuu hin qabu. Geggeessitoonni amantii Yesusiin mormaa turan, amalawwan Waaqayyo jaallatu, kan akka firdii qajeelaa, gara laafinaafi amanamummaa fakkaataniif dantaa kan hin qabne taʼanillee, Caaffata Qulqullaaʼoorraa ni caqasu turan. (Mat. 22:23, 24; 23:23, 24) Yesus Dubbii Waaqayyoo yommuu barsiisu, amalawwan Abbaasaa calaqqiseera. Dhugaadhaaf hinaaffaa kan argisiise taʼuusaarrayyuu, namoota barsiisu garaadhaa jaallata ture. Nuyis fakkeenyasaa hordofuuf carraaqqii gochuu qabna.—Mat. 11:28.

Caqasa tokko karaa itti hojiirra ooluu dandaʼu sirriitti ibsuu keenya akkamitti beekuu dandeenya? Yeroo hunda Macaafa Qulqulluu dubbisuun kana gochuuf nu gargaaruu dandaʼa. Kana malees, Yihowaan tajaajiltootasaa hundaaf nyaata hafuuraa dhiheessuuf qophii inni karaa ‘hojjetaa amanamaafi ogeessaa’ godheef bakka guddaa kennuu qabna. (Mat. 24:45) Qajeelfama hojjetaan amanamaaniifi ogeessi kennurraa faayidaa argachuuf, qayyabannaa dhuunfaa gochuu, yeroo hunda walgaʼii gumiirratti argamuufi hirmaannaa gochuu qabna.

Kitaabni Riiziniingi Firoom za Iskiriipcharsi jedhamu afaankeetiin kan argamu yoo taʼeefi akka gaariitti yoo itti fayyadamte, caqasoota dhibbaan lakkaaʼamaniifi yeroo baayʼee tajaajilarratti itti fayyadamnu, yaada dubbachaa jirtuu wajjin akkamitti wal qabsiisuu akka dandeessu hubachuuf si gargaara. Caqasni itti fayyadamuu barbaadde tokko yaada akkamii akka dabarsu hin beektu yoo taʼe, gad of deebisuudhaan qorannoo dabalataa gochuunkee, dubbicha isa dhugaatti qajeeltootti akka hojjettu si gargaara.—Fak. 11:2.

Yaada Caqasichaa Sirriitti Ibsuu. Warra kaan yommuu barsiistu, yaanni ibsaa jirtuufi caqasni caqaste walitti dhufeenya akkamii akka qaban ifa gochuu qabda. Caqasicha dubbisuukee dura gaaffii tokko gaafatteetta taanaan, caqasichi gaaffii sanaaf akkamitti deebii taʼuu akka dandaʼu dhaggeeffattootaaf ibsuu qabda. Yaada tokko akka sii deggeru caqaste taanaan, caqasichi yaada sanaaf ragaa taʼuu kan dandaʼu akkamitti akka taʼe baratichaaf ibsuu qabda.

Yeroo baayʼee caqasa tokko jabeessanii dubbisuun qoftillee gaʼaa taʼuu dhiisuu dandaʼa. Namoonni baayʼeen waaʼee Macaafa Qulqulluu waan hin beekneef, caqasicha al tokko qofa waan dubbisteef akka isaanii hin galle yaadachuu qabda. Caqasicha keessaa yaada wanta irratti mariʼachaa jirtanii wajjin kallattiidhaan walitti dhufeenya qabu akka hubatan gargaari.

Akkas gochuun, yeroo baayʼee jechoota ijoo yaada irratti mariʼachaa jirtanii wajjin kallattiidhaan walitti dhufeenya qaban adda baastee ibsuu gaafata. Malli gaariin jechoota ijoo taʼan irra deebiʼuudha. Nama tokkoo wajjin kan mariʼattu yoo taʼe, gaaffii jechoota ijoo adda baasee hubachuuf isa gargaaru gaafachuu dandeessa. Obboloonni tokko tokko yeroo haasaa dhiheessan, jechoota ijoo adda baasanii ibsuuf, jecha wal fakkaatu garabiraatti fayyadamu ykn yaadasaa irra deebiʼanii dubbatu. Kana gochuu yoo filatte garuu, yaanni ibsaa jirtuufi jechoonni caqasicha keessatti argaman dhaggeeffattoota jalaa akka hin dhokanne of eeggannoo gochuu qabda.

Jechoota ijoo adda baasuu dandeesseetta taanaan, buʼuura gaarii keesseetta jechuudha. Kana booda tarkaanfii ittaanutti darbuu dandeessa. Karaan itti caqasicha beeksiste, kaayyoo itti caqasicha caqastu kan ibsudhaa? Taanaan, yaada dhaggeeffattoonni caqasicharraa eeganiifi walitti dhufeenya jechoota jabeessitee dubbistu gidduu jiran akka hubatan gargaari. Malli caqasicha beeksisuuf itti fayyadamte sababii caqasicha itti dubbistu kallattiidhaan hin ibsu taanaan, wanti gochuu qabdu garabiraan jira.

Fariisonni, “Namni tokko sababiidhuma halleen haadha manaa isaa baasuun seeraa?” jechuudhaan gaaffii ulfaataadha jedhanii yaadan tokko Yesusiin gaafatan. Yesus Uumama 2:24⁠rratti hundaaʼee gaaffii kanaaf deebii kenneera. Caqasicha keessaa jechoota muraasa qofarratti xiyyeeffachuudhaan yaada dabarsuu barbaade akka ifa godheef qalbeeffadhu. Yesus, abbaan manaafi haati manaa “foon tokko” akka taʼan erga ibsee booda, “Kanaafis waan Waaqayyo walitti qabsiise, namni gargar hin baasin!” jechuudhaan yaadasaa xumureera.—Mat. 19:3-6.

Kaayyoo caqasni tokko itti caqasame ifa gochuuf, ibsa hammamii kennuu qabda? Kana kan murteessu haala dhaggeeffattoota keefi qabxiin mareen irratti godhamaa jiru hangam barbaachisaadha? isa jedhudha. Kaayyoonkee salphaafi kallattiidhaan ibsa kennuu taʼuu qaba.

Macaafa Qulqulluurraa Ragaa Dhiheessuu. Hojiin Ergamootaa 17:2, 3 tajaajila Phaawulos Tasaloniiqeetti raawwate, ‘dubbii Macaafa Qulqulluu isaanii wajjin dubbate’ jechuudhaan nuu ibsa. Tajaajiltoonni Yihowaa hundi dandeettii kana guddifachuuf carraaqqii gochuu qabu. Fakkeenyaaf, Phaawulos waaʼee tajaajilaafi jireenya Yesus, akkasumas wantoonni kun Caaffata Qulqullaaʼoo afaan Ibrootaa keessatti raajiidhaan dubbatamanii akka turan erga ibsee booda, “Yesus inni ani isinitti labsu kun immoo, Kristos Masiihicha” jechuudhaan yaadasaa xumureera.

Phaawulos ergaa Kiristiyaanota Ibrootaatiif barreesserratti yeroo hedduu Caaffata Qulqullaaʼoo afaan Ibrootaarraa caqaseera. Qabxii barbaadu jabeessuuf ykn ibsuuf, jecha tokko ykn gaalee gabaabaa filatee hiikasaa ibsa ture. (Ibr. 12:26, 27) Phaawulos yaada Ibroota boqonnaa 3⁠rratti argamu, Faarfannaa 95:7-11⁠rraa caqasee barreesseera. Caqasicha keessaa qabxiiwwan sadii, jechuunis (1) yaada garaa ilaalchisee (Ibr. 3:8-12), (2) jecha “Harʼa” jedhu (Ibr. 3:7, 13-15; 4:6-11), akkasumas (3) himni “isaan matumaa iddoo boqonnaa kootti hin galan!” jedhu hiika maalii akka qabu (Ibr. 3:11, 18, 19; 4:1-11) filachuudhaan ibsa balʼaa irratti kennuusaa qalbeeffadhu. Yeroo hunda caqasni tokko yaadasaa wajjin walitti dhufeenya akkamii akka qabu yommuu ibsitu fakkeenya akkasiitti fayyadami.

Seenaa Luqaas 10:25-37⁠rratti argamuufi Yesus akka gaariitti caqasootatti fayyadamuusaa dubbatu qalbeeffadhu. Barsiisaan Seeraa tokko, “Yaa barsiisaa, jireenya bara baraatti galuudhaaf maal gochuutu anaaf taʼa?” jedhee isa gaafate. Yesus jalqaba, namichi dhimma sana ilaalchisee yaada qabu akka ibsu erga godhee booda, wanta Dubbiin Waaqayyoo jedhu hojiirra oolchuun baayʼee barbaachisaa taʼuusaa ibse. Booda garuu, namichi yaadasaa sirriitti akka hin hubanne yommuu argu, guutummaa caqasichaa keessaa jecha “nama” jedhu filachuudhaan ibsa balʼaa kenneef. Jechi sun hiika maalii akka qabu ibsuu mannaa, fakkeenya namichi ofumasaatiif deebiisaa akka hubatu gargaarutti fayyadameera.

Yesus gaaffii isaaf dhihaatuuf, caqasoota dhimma sanaa wajjin walitti dhufeenya qaban qofatti fayyadamee deebii kennaa akka hin turre kanarraa hubachuun ni dandaʼama. Caqasicha hubachuudhaan gaaffii kaʼee wajjin walitti dhufeenya akkamii akka qabu ibsa ture.

Saduqoonni abdii duʼaa kaʼuu ilaalchisee kenname yommuu morman, Yesus yaada Baʼuu 3:6⁠rratti argamurraa qabxii tokkorratti qofa xiyyeeffachuudhaan deebii kenneera. Taʼus caqasicha qofa caqasee hin dhiisne. Caqasicharratti hundaaʼuudhaan duʼaa kaʼuun kaayyoo Waaqayyoo akka taʼe akka gaariitti ibseera.—Mar. 12:24-27.

Caqasoota akka gaariitti fayyadamtee ibsuurratti dandeettii qabdu guddifachuunkee, barsiisaa gaarii akka taatu si gargaara.

DANDEETTII KANA GUDDIFACHUU KAN DANDEESSU AKKAMITTI?

  • Yeroo hunda Macaafa Qulqulluu dubbisi. Masaraa Eegumsaa akka gaariitti qoradhu; walgaʼii gumiitiifis akka gaariitti qophaaʼi.

  • Jechoonni caqasa itti fayyadamuu barbaadde keessatti argaman hiika akkamii akka qaban sirriitti hubadhu. Yaada caqasichaa sirriitti hubachuuf of eeggannoodhaan dubbisi.

  • Barreeffamoota keenyatti fayyadamuudhaan qorannoo gochuu amaleeffadhu.

GILGAALA: Phexros Inni Lammaffaan boqonnaa 3:7 hiika akkamii akka qabu ibsi. Caqasni kun lafti ibiddaan akka baddu argisiisaa? (Jecha “lafa” jedhu yommuu ibsitu, jechi “bantiiwwan waaqaa” jedhus hiika maalii akka qabu ibsi. Jechi “lafa” jedhu fakkeenyaan kan ibsame taʼuusaa caqasawwan argisiisan garabiraan kamfaʼi? Akka 2Phe 3 lakkoofsa 7⁠rratti ibsametti kan badu eenyudha? Yookiin maalidha? Yaanni kun wanta bara Nohitti raawwatameefi 2Phe 3 lakkoofsa 5⁠fi 6⁠rratti ibsamee wajjin kan walsimu akkamitti?)

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi