LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • be qayyabannaa 20 ful. 147-ful. 149 key. 2
  • Caqasoota Akka Gaariitti Beeksisuu

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Caqasoota Akka Gaariitti Beeksisuu
  • Mana Barumsaa Tajaajila Ti’ookraasiirraa Fayyadami
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Macaafa Qulqulluu Baasanii Akka Hordofan Jajjabeessuu
    Mana Barumsaa Tajaajila Ti’ookraasiirraa Fayyadami
  • Yaada Seensaa Fedhii Kakaasu
    Mana Barumsaa Tajaajila Ti’ookraasiirraa Fayyadami
  • Caqasoota Sirriitti Beeksisuu
    Dubbisuu Fi Barsiisuuf Carraaqqii Godhi
  • Hubannaa Dhaggeeffattootaa Kan Guddisu
    Mana Barumsaa Tajaajila Ti’ookraasiirraa Fayyadami
Dabalataan Ilaaluuf
Mana Barumsaa Tajaajila Ti’ookraasiirraa Fayyadami
be qayyabannaa 20 ful. 147-ful. 149 key. 2

Qayyabannaa 20

Caqasoota Akka Gaariitti Beeksisuu

Maal gochuu qabda?

Caqasa tokko dubbisuukee dura sammuu dhaggeeffattootaa qopheessi.

Barbaachisaa kan ta’e maaliifi?

Caqasa tokko akka gaariitti beeksisuun, dhaggeeffattoonni yaada caqasichaa sirriitti akka hubatan gargaara.

BARUMSI walgaʼii gumiirratti dhihaatu caqasoota Macaafa Qulqulluurratti kan hundaaʼedha. Yaada tajaajilarratti namootatti himnuuf buʼuura kan taʼus Macaafa Qulqulluudha. Haataʼu malee, caqasoonni kun caalaatti buʼaa kan argamsiisan yoo akka gaariitti beeksifamanidha.

Caqasa beeksisuufi namni haasofsiistu akka sii wajjin dubbisu gochuu qofti gaʼaa miti. Caqasa tokko yommuu beeksistu wantoota lama gochuu qabda: (1) Fedhii dhaggeeffattootaa kakaasuufi (2) sababii caqasichi itti caqasame ifa gochuuf yaali. Yaadawwan kana hojiirra oolchuuf malawwan addaddaatti fayyadamuu dandeessa.

Gaaffii Gaafadhu. Dhaggeeffattoonni deebii gaaffichaa hin beekan taanaan, mala kanatti fayyadamuun baayʼee gaariidha. Karaa dhaggeeffattoonni akka irratti yaadan godhuun gaafadhu. Yesus mala kanatti fayyadameera. Fariisonni mana qulqullummaa keessatti Caaffata Qulqullaaʼoo ilaalchisee beekumsa hammamii akka qabu yommuu isa qoruu barbaadan Yesus, “Waaʼee Masiihichaa maal yaaddu? Inni ilma eenyuu ti?” jedhee isaan gaafate. Isaanis, “Ilma Daawit” jedhanii deebisaniif. Achiis Yesus, “Yoos immoo attamitti Daawit hafuura qulqulluudhaan geggeeffamee gooftaa ittiin jedhe ree?” jedhee isaan gaafate. Sana booda Faarfannaa 110:1 caqaseef. Fariisonni waan jedhan wallaalan. Namoonni achi turan hedduun garuu gammachuudhaan isa dhaggeeffatan.—Mat. 22:41-46.

Tajaajilarratti yommuu namoota haasofsiistu, gaaffiiwwan armaan gadii caqasa beeksisuuf gargaaranitti fayyadamuu dandeessa: “Aniifi ati maqaa dhuunfaa qabna. Waaqayyo maqaa dhuunfaa waan qabu sitti fakkaataa? Deebiisaa Macaafota Qulqulluu Ingiliffaan qophaaʼan tokko tokkorratti Faarfannaa 83:18⁠rraa argachuu dandeenya.” “Yeroo namoonni hundi mootummaa tokko jalatti bulan ni dhufa jettee yaaddee beektaa? Daaniʼel 2:44 gaaffii kanaaf deebii akkamii akka kennu qalbeeffadhu.” “Macaafni Qulqulluun yeroo keessa jirru ilaalchisee wanta ibsu qabaa? Mee raajiiwwan 2 Ximotewos 3:1-5⁠rratti ibsaman haala yeroo ammaatti arginuu wajjin walbira qabii ilaali.” “Rakkinniifi duuti yeroo itti badu ni dhufa jettee yaaddaa? Macaafni Qulqulluun, Mulʼata 21:4, 5⁠rratti gaaffii kanaaf deebii kenna.”

Yommuu haasaa dhiheessitu gaaffiiwwan irratti yaadamanitti fayyadamuudhaan caqasoota kan beeksistu yoo taʼe, dhaggeeffattoonni caqasoota beekanillee fedhiidhaan akka hordofan gochuu dandeessa. Haataʼu malee, gaaffiiwwan ati gaafattu kallattiidhaan kan isaan ilaallatu taʼuu qabu. Barumsichi xiyyeeffannaa dhaggeeffattootaa kan hawwatu taʼullee, caqasoota yeroo baayʼee dhagaʼan siʼa dubbistu yaannisaanii baduu dandaʼa. Rakkina kana hambisuuf, caqasicha karaa xiyyeeffannaa dhaggeeffattootaa harkisuun beeksisuuf dursitee irratti yaaduu qabda.

Rakkina Tokko Caqasi. Rakkina tokko akka fakkeenyaatti caqasuudhaan caqasa rakkinni kun akka badu ibsurratti akka xiyyeeffatan gochuu dandeessa. Dhaggeeffattoonni yaada arbeeffame akka eegan hin godhin. Yeroo baayʼee caqasni tokko guutummaatti furmaatasaa kan hin ibsine taʼuu dandaʼa. Haataʼu malee yeroo caqasicha dubbistu, dhaggeeffattoonni rakkina sana ilaalchisee qajeelfama caqasichi qabate akka hubatan gargaaruu dandeessa.

Haaluma wal fakkaatuun, amala Waaqayyoon gammachiisu qabaachuu ilaalchisee seera buʼuuraa tokko erga caqastee booda, fakkeenya seenaa Macaafa Qulqulluu seera buʼuuraa kanaa wajjin haala walsimuun jiraachuun faayidaa akka qabu ibsu tokko dubbachuu dandeessa. Obboloonni haasaa dhiheessan tokko tokko, caqasoota barumsa dhihaachaa jiruu wajjin karaa lamaan (ykn isaa oliin) walitti dhufeenya qaban yoo jiraatan dhaggeeffattoonni qabxiiwwan kana akka qalbeeffatan godhu. Dhaggeeffattoonni yaada caqasame hubachuu akka dadhaban yoo sitti dhagaʼame, yaadawwan furmaata taʼan addaddaa ibsuudhaan akka irratti yaadan erga gootee booda, caqasicharraa deebii akka argatan gargaaruu dandeessa.

Macaafa Qulqulluurraa Dubbisi. Barumsichaaf fedhii akka qabaatan gooteetta taanaan, yaada namoonni garaagaraa dhimma kanarratti qaban tokko ykn lama erga dubbattee booda, “Kana ilaalchisee Dubbiin Waaqayyoo maal akka jedhu qalbeeffadhaa” jechuudhaan caqasicha beeksisuu dandeessa. Kunis, yaanni Macaafa Qulqulluurraa dubbisuuf jettu murteessaa taʼuusaa akka hubatan gargaara.

Yihowaan, namoonni akka Yohannis, Luqaas, Phaawulosiifi Phexros kutaawwan Macaafa Qulqulluu tokko tokko akka barreessan itti fayyadameera. Namoonni kun Macaafa Qulqulluu kan barreessan taʼus, Abbaan Barruu macaafichaa Yihowaadha. Keessumaa nama Macaafa Qulqulluutti hin amanne haasofsiisna taanaan, caqasa tokko “Akka Phexros barreessetti” ykn “Akka Phaawulos jedhetti” jennee beeksisuu mannaa, akka Dubbiin Waaqayyoo jedhutti jennee beeksisuun keenya baayʼee gaariidha. Ermiyaas, “Dubbii Waaqayyoo dhagaʼaa” jechuudhaan ergaasaa akka beeksisu Yihowaan qajeelfama akka isaaf kenne hubachuu qabna. (Er. 7:2, hiika bara 1899; 17:20; 19:3, hiika bara 1899; 22:2) Maqaa Yihowaatti fayyadamnus fayyadamuu baannus caqasa tokko yommuu beeksisnu, maree goonu xumuruu keenya dura yaanni Macaafa Qulqulluu keessatti argamu dubbii Waaqayyoo akka taʼe ibsuu qabna.

Yaada Naannoosaatti Argamu Hubadhu. Caqasa tokko akkamitti akka beeksistu yommuu yaaddu, yaada naannoo caqasichaa jiru tilmaama keessa galchuu qabda. Yeroo tokko tokko yaada naannoosaarratti hundooftee caqasicha beeksista taʼa; haataʼu malee yaanni naannoo caqasichaa wanta dubbatturratti jijjiirama fiduu dandaʼa. Fakkeenyaaf, wanta Iyoob inni Waaqayyoon sodaatu dubbateefi yaada namoonni sobaan isa jajjabeessan keessaa inni tokko dubbate karaan itti beeksistu tokko taʼuu dandaʼaa? Macaafa Hojii Ergamootaa kan barreesse Luqaas taʼus, yaada Yaaqoob, Phaawulos, Filiphos, Isxifaanos, ergamoonni Waaqayyoo, akkasumas Gamaaliʼeliifi Yihudoonni Kiristiyaanota hin taane dubbatan caqaseera. Caqasa kana eenyutu dubbate jettee beeksista? Fakkeenyaaf, Faarfannaawwan hunda kan barreesse Daawit akka hin taane ykn macaafa Fakkeenyaa hunda kan barreesse Solomoon akka hin taane yaadadhu. Namichi seenaa sana eenyuuf akka barreesseefi dhaamsisaa maal akka taʼe beekuun baayʼee barbaachisaadha.

Kaʼumsa Caqasichaa Ibsi. Haalawwan seenaa Macaafa Qulqulluu keessatti ibsaman yaada irratti mariʼachaa jirtanii wajjin akkamitti akka wal fakkaatan ibsuu yoo dandeesse, mala kanatti fayyadamuunkee caalaatti gaarii taʼa. Yeroo tokko tokkommoo, qabiyyee caqasa tokkoo hubachuuf kaʼumsa caqasichaa beekuun barbaachisaadha. Fakkeenyaaf, haasaa waaʼee furii ibsu utuu dhiheessaa jirtuu, caqasa Ibroota 9:12, 24⁠rratti argamu fayyadamuun yoo si barbaachise, caqasicha dubbisuukee dura waaʼee godoo qulqullaaʼaa isa gara keessaa ibsa gabaabaa kennuun si barbaachisa taʼa; Caaffanni Qulqullaaʼoon, iddoon kun Yesus gara samiitti erga ol baʼee booda fakkeenyaan kan itti seene taʼuusaa ibsu. Haataʼu malee, kaʼumsa caqasichaa ilaalchisee ibsi kennitu baayʼatee yaada caqasa beeksistuu kan dhoksu taʼuu hin qabu.

Karaa itti caqasoota beeksistu fooyyeffachuuf, malawwan obboloonni haasaa dhiheessuudhaan muuxannoo qaban itti fayyadaman qalbeeffadhu. Malawwan kun caqasicha akka gaariitti beeksisuurratti faayidaa akkamii akka qaban qalbeeffadhu. Kutaakee yommuu qophooftu, caqasoota ijoo taʼan filachuudhaan sababii itti caqasaman hubachuu yaali. Caqasoota akka gaariitti beeksisuuf sirriitti qophaaʼi. Yeroo boodammoo, caqasoota itti fayyadamtu hunda haala kanaan shaakaluu dandeessa. Gama kanaan fooyyaʼiinsa yoo goote, namoonni Dubbii Waaqayyootiif xiyyeeffannaa akka kennan gochuu dandeessa.

KANA GOCHUUN KAN DANDAʼAMU AKKAMITTI?

  • Mala fedha dhaggeeffattootaa kakaasu yommuu filattu, waaʼee dhimma sanaa hammam akka beekaniifi maaltu akka isaanitti dhagaʼamu yaadi.

  • Sababii caqasoota itti caqaste sirriitti hubadhu; malli itti caqasoota beeksistus kana taʼuu qaba.

GILGAALA: Caqasa tajaajilarratti akka gaariitti itti fayyadamuu dandeessu tokko filadhu. Achiis, (1) fedhii nama haasofsiistuu kakaasuuf gaaffii ykn rakkina akkamii akka kaastu, akkasumas (2) kaayyoo caqasichi itti caqasameef akkamitti xiyyeeffannaa kennuu akka dandeessu yaadi.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi