LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • th qayyabannaa 4 ful. 7
  • Caqasoota Sirriitti Beeksisuu

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Caqasoota Sirriitti Beeksisuu
  • Dubbisuu Fi Barsiisuuf Carraaqqii Godhi
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Walitti Dhufeenya Caqasaa fi Barumsichaa Ifa Gochuu
    Dubbisuu Fi Barsiisuuf Carraaqqii Godhi
  • Caqasoota Akka Gaariitti Beeksisuu
    Mana Barumsaa Tajaajila Ti’ookraasiirraa Fayyadami
  • Garaa Tuquuf Carraaquu
    Dubbisuu Fi Barsiisuuf Carraaqqii Godhi
  • Ittiin Lixa Gaarii
    Dubbisuu Fi Barsiisuuf Carraaqqii Godhi
Dabalataan Ilaaluuf
Dubbisuu Fi Barsiisuuf Carraaqqii Godhi
th qayyabannaa 4 ful. 7

QOʼANNAA 4

Caqasoota Sirriitti Beeksisuu

Caqasa kenname

Maatewos 22:41-45

YAADA IJOO: Caqasa tokko dubbisuu kee dura sammuu dhaggeeffattoota keetii qopheessi.

KANA GOCHUUN KAN DANDAʼAMU AKKAMITTI?

  • Caqasicha maaliif akka dubbistu yaadi. Caqasa hunda dhaggeeffattoonni kee qabxii caqasichatti fayyadamtee ibsuu barbaaddu irratti akka xiyyeeffatan karaa godhuun beeksisi.

    Gorsa gaarii

    Yaada naannoo isaa jiru tilmaama keessa galchi. Caqasa tokko eenyu akka dubbate ykn barreesse kan beeksistu yoo taʼe wanti dubbachaa jirtu sirrii taʼuu isaa mirkaneessi.

  • Kitaaba Qulqulluu akka ragaatti caqasi. Namoota Waaqayyotti amananitti yommuu dubbattu, Kitaabni Qulqulluun “Dubbii Waaqayyoo” taʼuu isaa fi kanaan kan kaʼes madda ogummaa hunda irra caalu taʼuu isaa akka hubatan godhi.

  • Caqasicha xiyyeeffannaadhaan akka hordofan kakaasi. Gaaffii caqasicha irraa deebii argatu tokko gaafadhu, rakkina caqasichi hiikuuf gargaaru tokko kaasi, ykn dhugaa buʼuuraa seenaa Kitaaba Qulqulluu sana keessatti ibsame tokko dubbadhu.

    Gorsa gaarii

    Waaʼee barumsichaa fi caqasa sanaa wanta dhaggeeffattoonni kee dursanii beekan tilmaama keessa galchi. Caqasa beekamaa taʼe tokko illee karaa nama hawwatuun beeksisuudhaan, dhaggeeffattoonni kee hubannaa dabalataa argachuu akka dandaʼan isaan gargaari.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi