LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • th qayyabannaa 6 ful. 9
  • Walitti Dhufeenya Caqasaa fi Barumsichaa Ifa Gochuu

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Walitti Dhufeenya Caqasaa fi Barumsichaa Ifa Gochuu
  • Dubbisuu Fi Barsiisuuf Carraaqqii Godhi
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Caqasoota Sirriitti Beeksisuu
    Dubbisuu Fi Barsiisuuf Carraaqqii Godhi
  • Caqasoota Sirriitti Ibsuu
    Mana Barumsaa Tajaajila Ti’ookraasiirraa Fayyadami
  • Yaada Xumuraa Buʼa Qabeessa
    Dubbisuu Fi Barsiisuuf Carraaqqii Godhi
  • Faayidaa Barumsichaa Ifa Gochuu
    Dubbisuu Fi Barsiisuuf Carraaqqii Godhi
Dabalataan Ilaaluuf
Dubbisuu Fi Barsiisuuf Carraaqqii Godhi
th qayyabannaa 6 ful. 9

QOʼANNAA 6

Walitti Dhufeenya Caqasaa fi Barumsichaa Ifa Gochuu

Caqasa kenname

Yohaannis 10:33-36

YAADA IJOO: Caqasa tokko erga dubbistee booda, callistee qabxii itti aanutti hin darbin. Dhaggeeffattoonni kee caqasni ati dubbistee fi qabxiin ati ibsaa jirtu walitti dhufeenya maalii akka qaban sirriitti hubachuu isaanii mirkaneessi.

KANA GOCHUUN KAN DANDAʼAMU AKKAMITTI?

  • Jechoota ijoo taʼan adda baasi. Caqasa tokko erga dubbistee booda, jechoota kallattiidhaan qabxii ijoo kee wajjin wal qabatan ifa godhi. Jechoota sana irra deebitee dubbisuu ykn gaaffii dhaggeeffattoonni kee jechoota ijoo akka adda baafatan gargaaru gaafachuudhaan kana gochuu dandeessa.

    Gorsa gaarii

    Yaada caqasichaa ibsuuf jechoota kan biraatti yoo fayyadamte, dhaggeeffattoonni kee walitti dhufeenya jechoonni Kitaaba Qulqulluu keessa jiran qabxii ijoo kee wajjin qaban sirriitti hubachuu isaanii mirkaneessi.

  • Qabxicha jabeessii ibsi. Caqasa tokko maaliif akka dubbistu yoo beeksiste, jechoonni ijoo caqasichaa sababii caqasa sana itti dubbistee wajjin akkamitti akka wal qabatan ibsi.

    Gorsa gaarii

    Caqasa tokko yommuu ibsitu, Kitaaba Qulqulluu kee hin cufin. Kana gochuun kee, dhaggeeffattoonni kee yaada ibsitu sana caqasa dubbistee wajjin akka wal qabsiisan isaan gargaara.

  • Ibsi kennitu salphaa akka taʼu godhi. Yaadawwan xixiqqoo barbaachisoo hin taanee fi qabxii ijoo keetiif gumaacha hin goone irratti ibsa kennuu irraa of qusadhu. Wanta dhaggeeffattoonni kee dursanii beekan irratti hundaaʼuudhaan, walitti dhufeenya caqasichaa fi yaada ijoo sana gidduu jiru ibsuu fi akka hubatamu gochuuf ragaan hangamii akka barbaachisu murteessi.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi