Qayyabannaa 38
Yaada Seensaa Fedhii Kakaasu
YAANNI seensaa haasaa kamiifiyyuu baayʼee barbaachisaadha. Yaanni seensarratti dubbattu fedhii dhaggeeffattootaa kan kakaasu yoo taʼe, wanta sana booda dubbattu xiyyeeffannaadhaan dhaggeeffachuu dandaʼu. Yaanni seensaa tajaajilarratti itti fayyadamtu fedhii namootaa kan hin kakaasne yoo taʼe garuu, namni haasofsiisaa jirtu yaadakee utuu si hin ficcisiisin si dhiisee deemuu dandaʼa. Galma Mootummaa keessatti yommuu haasaa dhiheessitu dhaggeeffattoonni xiyyeeffannaadhaan akka si dhaggeeffatan gochuun yoo si rakkise, galma sana dhiisanii baʼuu baataniyyuu, namoonni tokko tokko wantoota garabiraa yaaduu jalqabuu dandaʼu.
Yaada seensaa yommuu qophooftu wantoota sadii yaadatti qabadhu: (1) dhaggeeffattoonni xiyyeeffannaadhaan akka si dhaggeeffatan gochuu, (2) barumsa dhiheessitu ifa gochuufi (3) barumsichi akka isaan fayyadu ibsuudha. Yeroo tokko tokko, yaada seensaa wantoota kana sadan bakka tokkotti akka ibsitu si taasisu jiraachuu dandaʼa. Qabxiiwwan kana tartiibasaa utuu hin eegin qofa qofaattis irratti hojjechuu dandeessa.
Dhaggeeffattoonni Xiyyeeffannaadhaan Akka Si Dhaggeeffatan Gochuu Kan Dandeessu Akkamitti? Namoonni haasaa dhaggeeffachuuf walitti qabamaniiru jechuun, xiyyeeffannaadhaan dhaggeeffachuuf qophaaʼaniiru jechuu miti. Akkas kan jennu maaliifi? Wantoonni isaan yaaddessan hedduun jiraachuu dandaʼu. Rakkinni manasaanii keessa jiru ykn yaaddoon jireenyaa garabiraan isaan dhiphisa taʼa. Kanaaf, dhaggeeffattoonni jalqabaa hanga xumuraatti xiyyeeffannaadhaan akka si dhaggeeffatan gochuun sitti ulfaachuu dandaʼa. Haataʼu malee, malawwan garaagaraatti fayyadamuudhaan xiyyeeffannaadhaan akka si dhaggeeffatan gochuu dandeessa.
Lallabni inni Gaararraa, haasaa dinqisiisaa hanga harʼaatti kenname hundarra kan caalu ture. Seensi haasaa kanaa maal ture? Luqaas, Yesus “Gammadaa isin gadadamoota nana, . . . gammadaa isin amma kan beeloftan, . . . gammadaa isin amma kan boossan, . . . namoonni yommuu isin jibban, . . . gammadaa!” jechuusaa barreesseera. (Luq. 6:20-22) Yaanni seensaa kun xiyyeeffannaa namootaa harkisa kan jennu maaliifi? Yesus jechoota muraasatti qofa fayyadamee, rakkina guddaa namoonni isa dhaggeeffatan qaban waan caqaseefidha. Achiis, waaʼee rakkinasaanii balʼinaan ibsuu mannaa, rakkina keessa utuu jiraniillee gammaduu akka dandaʼan ibseera. Akkaataan inni itti dubbates namoonni xiyyeeffannaadhaan akka isa dhaggeeffatan kan kakaasu ture.
Gaaffiiwwan sirrii taʼan gaafachuun, dhaggeeffattoonni xiyyeeffannaadhaan akka dhaggeeffatan gargaara. Haataʼu malee, gaaffiiwwan wanta dhaggeeffattoonni beekan ibsuuf akka jettu argisiisan yoo gaafatte, si dhaggeeffachuuf fedhii dhabuu dandaʼu. Gaaffii dhaggeeffattoota yeellaasisu ykn akka of ceephaʼan godhu utuu hin taʼin, gaaffii dhimma sanarratti akka yaadan godhu gaafadhu. Gaaffii erga gaafattee booda, dhaggeeffattoonni garaasaaniitti hanga deebii kennanitti takka turi. Yaadaan sii wajjin mariʼachaa akka jiran akka itti dhagaʼamu gochuu dandeesseetta taanaan, xiyyeeffannaasaanii argatteetta jechuudha.
Malli gaariin xiyyeeffannaa dhaggeeffattootaa hawwachuuf gargaaru inni kaanimmoo, muuxannoo dubbachuudha. Muuxannoon sun, nama mufachiisu qaba taanaan garuu seenaa tokko dubbachuunkee qofti kaayyookee galmaan gaʼuuf si hin gargaaru. Dhaggeeffattoonni seenicha qofa yaadatanii, barumsa seenaa sanarraa argamu yoo irraanfatan, kaayyoonkee galmasaarra hin geenye jechuudha. Muuxannoon seensa keerratti dubbattu, qabxiiwwan gurguddaa haasaakee keessatti dubbattuu wajjin kan wal qabatu taʼuu qaba. Muuxannoo sana akka gaariitti dubbachuuf, wantoota tokko tokko balʼinaan ibsuun si barbaachisullee, muuxannoon sun garmalee dheerachuu hin qabu.
Obboloonni haasaa dhiheessan tokko tokko, oduu dhiheenyatti sabqunnamtiirraa dhagaʼan, wanta gaazexaarraa dubbisan ykn odeeffannoo bakka amanamaadhaa argatan dubbachuudhaan haasaasaanii jalqabu. Yaanni isaan caqasan barumsa dhiheessaa jiranii wajjin kan deemuufi haala dhaggeeffattootaa wajjin kan walsimu yoo taʼe kunis gaarii taʼuu dandaʼa.
Walgaʼii Tajaajilaarratti ykn kutaawwan simpooziyemiidhaan dhihaatanirratti haasaa kan dhiheessitu yoo taʼe, yaanni seensarratti itti fayyadamtu gabaabaafi salphaatti kan namaa galu taʼuu qaba. Haasaa sabaa kan dhiheessitu yoo taʼe, daqiiqaa yaada seensaatiif sii kenname hin dabarsin. Barumsi baayʼee barbaachisaa taʼe kutaa barumsichaa isa hafe keessatti argama.
Namoota shakkii qaban ykn mormitoota taʼanii wajjin yeroon itti dubbattu jiraachuu dandaʼa. Namoonni kun xiyyeeffannaadhaan akka si dhaggeeffatan gochuu kan dandeessu akkamitti? Isxifaanos inni ‘hafuura qulqulluufi ogummaadhaan akka guutame’ ibsameefi jaarraa jalqabaatti ture, Yaaʼii warra Yihudootaa duratti akka dhihaatu godhamee ture. Isxifaanos, Yaaʼii sana duratti karaa amansiisaa taʼeen Kiristiyaanummaa deggeree dubbateera. Haasaasaa akkamitti jalqabe? Jalqaba karaa akka isaan kabaju argisiisuun erga dub batee booda, “Obbolootaa fi abboota nana, na dhaggeeffadhaa! Abrahaam abbaa keenya[tti] . . . Waaqayyo ulfina gooftummaa isaatiin itti mulʼate” jechuudhaan dhimma irratti walii galan caqaseera. (HoE. 6:3; 7:2) Phaawulosis, namoota ilaalcha addaa qabaniifi Ateenaa Aariyophaagositti argamanitti yommuu dubbate yaada seensaa, “Yaa warra Ateenaa, isin karaa hundumaa warra amantii akka isin taatan nan arga” jedhutti fayyadameera. (HoE. 17:22) Yaanni seensaa Isxifaanosiifi Phaawulos itti fayyadaman gaarii waan tureef, dhaggeeffattoonnisaanii xiyyeeffannaadhaan isaan dhaggeeffataniiru.
Atis tajaajilarratti yommuu hirmaattu, namoonni xiyyeeffannaadhaan akka si dhaggeeffatan gochuun si barbaachisa. Beellama utuu hin qabatin mana nama tokkoo yoo deemte, namichi hojiidhaan qabamee taʼuu dandaʼa. Biyyoota tokko tokkotti, keessummaan tokko kaayyoo itti dhufe dafee akka dubbatu irraa eegama. Biyyoota tokko tokkottimmoo, kaayyoo itti manasaanii dhaqxe dubbachuukee dura akka aadaasaaniitti wantoota tokko tokko gochuun sirraa eegama taʼa.—Luq. 10:5.
Naannoo akkamiittiyyuu, karaa michooma argisiisuun namootatti dhihaachuunkee carraa maree gochuuf si dandeessisu sii bana. Yeroo baayʼee kallattiidhaan wanta namicha yaaddessu dubbachuudhaan maree jalqabuun gaariidha. Haataʼu malee, wanta namicha yaaddessu akkamitti beekuu dandeessa? Namicha yommuu argite waa hojjechaa turee? Utuu qotaa jiruu, utuu qeʼeesaa mimmiidhagsuu, utuu konkolaataasaa hojjetuu, utuu nyaata qopheessuu, utuu uffata miiccuu ykn utuu ijoolleesaa kunuunsuu isa argite taʼa. Utuu gaazexaa dubbisuu ykn wanta naannoo sanatti taʼaa jiru utuu ilaaluu isa argitee? Qurxummii qabuu, ispoortii, muuziqaa, adeemsa, kompiitara ykn wanta garabiraa akka jaallatu wanta argisiisu hubatteettaa? Yeroo baayʼee, namoonni oduun dhiheenyatti raadiyoorraa dhagaʼan ykn televijiiniidhaan argan isaan yaaddessa. Dhimmawwan kana ilaalchisee gaaffii gaafachuun ykn yaada gabaabaa dubbachuun maree gaarii gochuuf gargaaruu dandaʼa.
Seenaan, Yesus boolla bishaanii mandara Siikaaritti dubartii Samaariyaa wajjin akka mariʼate ibsu, namootaaf dhugaa baʼuuf, akkamitti maree jalqabuun akka dandaʼamu fakkeenya gaarii taʼa.—Yoh. 4:5-26.
Keessumaa naannoon tajaajilaa keessan irra deddeebiʼamee kan hojjetame yoo taʼe, yaada seensarratti dubbattu akka gaariitti qophaaʼuunkee barbaachisaadha. Akkas gochuu baannaan, namootaa wajjin maree jalqabuun si rakkisuu dandaʼa.
Barumsa Dhiheessitu Ifa Godhi. Walgaʼii gumiirratti obboleessi dura taaʼaa taʼee tajaajilu ykn obboleessi si dura haasaa dhiheesse, mataduree haasaakeefi maqaakee beeksisuunsaa hin oolu. Taʼus, seensa keerratti matadureekee dhaggeeffattootatti himuunkee gaarii taʼa. Ijoo haasaakee kallattiidhaan dubbachuudhaan akkas gochuu kan dandeessu taʼus, dirqama akkas gochuu qabda jechuu miti. Seensa keerratti matadureesaa caqastus caqasuu baattus, ijoo haasaakee ifa gochaa adeemuu qabda. Hamma dandaʼametti seensa keerratti barumsichaaf xiyyeeffannaan akka kennamu gochuu qabda.
Yesus bartoonnisaa akka lallaban yommuu erge, “Akkuma dhaqxaniinis, ‘Mootummaan waaqaa dhiʼaateera’ jedhaa lallabaa!” jechuudhaan ergaa dubbachuu qaban adda baasee itti himeera. (Mat. 10:7) Bara keenya ilaalchisees, “Wangeelli mootummaa kun . . . in lallabama” jedheera. (Mat. 24:14) ‘Dubbicha akka lallabnu’ gorfamneerra; kana jechuun wanti lallabnu guutummaatti Macaafa Qulqulluurratti kan hundaaʼe taʼuu qaba jechuudha. (2 Xim. 4:2) Haataʼu malee, Macaafa Qulqulluu caqasuu ykn waaʼee Mootummaa Waaqayyoo dubbachuu keenya dura, wanta namoota yaaddessu caqasuun keenya gaarii taʼa. Tarii, waaʼee yakkaa, waaʼee hojii dhabuu, waaʼee murtoo jalʼaa, waaʼee waraanaa, waaʼee dargaggoota gargaaruu, waaʼee dhukkubaa ykn waaʼee duʼaa caqasuu dandeessa. Haataʼu malee ijoon ergaa keenyaa misiraachoo waan taʼeef, waaʼee rakkinaa wanta baayʼee hin dubbatin. Mareen keessan Dubbii Waaqayyoofi abdii Mootummichaarratti akka xiyyeeffatu gochuu yaali.
Barumsichi Dhaggeeffattootaaf Barbaachisaa Kan Taʼe Maaliif Akka Taʼe Ibsi. Gumiirratti yommuu haasaa dhiheessitu, dhaggeeffattoonni hedduun gammachuudhaan akka si dhaggeeffatan hamma tokko mirkanaaʼaa taʼuu dandeessa. Haataʼu malee, namni tokko wanti kallattiidhaan isa ilaallatu yommuu itti himamu garaa guutuudhaan akkuma dhaggeeffatutti si dhaggeeffatuu? Barumsichi kallattiidhaan akka isaan ilaallatu itti dhagaʼamee maal gochuun qaba jedhanii hawwiidhaan si dhaggeeffatuu? Dhaggeeffattoonni akkasitti akka si dhaggeeffatan gochuu kan dandeessu, yeroo qophii gootu waaʼeesaanii, wanta isaan yaaddessuufi waaʼee ilaalchasaanii of eeggannoodhaan yoo irratti yaadde qofadha. Yaanni seensarratti itti fayyadamtus wantoota kana tilmaama keessa galchitee akka qophoofte kan argisiisu taʼuu qaba.
Yeroo haasaa dhiheessituttis taʼe nama tokkoof yommuu dhugaa baatu, dhaggeeffattoonni xiyyeeffannaadhaan akka si dhaggeeffatan gochuuf malli hundarra caalu, dhimmi sun akka isaan ilaallatu goote dhiheessuudha. Rakkinnisaanii, wanti isaan barbaachisu ykn gaaffiinsaanii wanta dubbachaa jirtuu wajjin walitti dhufeenya akkamii akka qabu ibsiif. Wantoota kana balʼinaan ibsuuf akka jettu yoo hubatan xiyyeeffannaadhaan si dhaggeeffachuu dandaʼu. Kana gochuu kan dandeessummoo akka gaariitti yoo qophooftedha.
Akkaataa Seensakee Itti Dubbattu. Wanti seensarratti dubbattu baayʼee barbaachisaa taʼuyyuu, akkaataan itti dubbattus fedhii dhaggeeffattootaa kakaasuurratti gaʼee guddaa qaba. Kanaaf, maal akka dubbattu qofa utuu hin taʼin akkamitti akka dubbattus qophaaʼi.
Jechoota seensarratti itti fayyadamtu filachuunkee kaayyookee galmaan gaʼuuf waan si gargaaruuf, himawwan jalqabaarratti itti fayyadamtu lama ykn sadii of eeggannoodhaan qophaaʼuunkee barbaachisaadha. Yeroo baayʼee hima salphaafi gabaabaatti fayyadamuun gaariidha. Gumiirratti yommuu haasaa dhiheessitu, jechoota seensarratti itti fayyadamtuufi ergaakee sirriitti dabarsuuf gargaaran, yaadannoo keerratti barreeffachuu ykn sammuutti qabachuu filatta taʼa. Yaada seensaa xiyyeeffannaa namaa harkisu suuta jettee dubbachuunkee, haasaakee isa hafe tasgabbiidhaan dhiheessuuf si gargaaruu dandaʼa.
Seensakee Qophaaʼuu Kan Qabdu Yoomi? Dhimma kana ilaalchisee namoonni ilaalcha garaagaraa qabu. Namoonni haasaa dhiheessuudhaan muuxannoo qaban tokko tokko, namni tokko haasaasaa qophaaʼuusaa dura seensasaa qophaaʼuu qaba jedhanii amanu. Warri kaanimmoo, namni tokko haasaasaa erga qophaaʼee fixee booda yaada seensarratti dubbatu qophaaʼuu qaba jedhanii amanu.
Seensa gaarii haasaakeetiif taʼu qophaaʼuukee dura, matadureesaafi qabxiiwwan gurguddaa balʼinaan ibsitu dursitee beekuu akka qabdu beekamaadha. Haasaa tooriirraa dhihaatu kan qophooftu yoo taʼehoo? Toorii sii kenname erga dubbistee booda, yaada seensarratti itti fayyadamtu tokko yoo argatte barreeffachuu dandeessa. Yaada seensaa gaarii qophaaʼuuf, haala dhaggeeffattootaafi yaada tooricharra jiru tilmaama keessa galchuu akka qabdus hin dagatin.