Qayyabannaa 42
Hubannaa Dhaggeeffattootaa Kan Guddisu
HAASAA hubannaa dhaggeeffattootaa guddisu dhiheessuuf, barumsichi gaarii taʼuunsaa qofti gaʼaa miti. Kanaaf, ‘Dhaggeeffattoonni kun barumsa kana dhaggeeffachuunsaanii barbaachisaa kan taʼe maaliifi? Barumsicharraa faayidaa akka argatan akka itti dhagaʼamu gochuuf qabxiiwwan akkamiin qophaaʼuu qaba?’ jedhii of gaafadhu.
Mana Barumsaa Tajaajila Tiʼookraasiirratti kutaa akkamitti nama tokkoof dhugaa baʼuun akka dandaʼamu argisiisu akka dhiheessitu yoo ramadamte, namni si dhaggeeffatu nama wajjin kutaa dhiheessudha. Gumiidhaaf haasaa dhiheessaa kan jirtu yoo taʼemmoo, dhaggeeffattoonnikee namoota achitti argamanidha.
Dhaggeeffattoonni Beekumsa Hangamii Qabu? ‘Dhaggeeffattoonni waaʼee dhimma kanaa hangam beeku?’ jedhii of gaafadhu. Haasaakee kanarratti hundooftee balʼisuu qabda. Gumii Kiristiyaanonni gaʼumsa qaban hedduun argamanitti yommuu haasaa dhiheessitu, barumsawwan buʼuuraa baayʼeensaanii beekanirra deebiʼuun qofti faayidaa hin qabu. Kanaa mannaa, dhugaawwan buʼuuraa kana balʼinaan ibsi. Namoonni haaraa hedduun walgaʼii kanarratti kan argaman yoo taʼe garuu, isaaniinis tilmaama keessa galchuu qabda.
Dhimma tokko ilaalchise beekumsa dhaggeeffattoonni qaban tilmaama keessa galchuudhaan saffisa ittiin dubbattu akka haalasaatti jijijjiiri. Wantoota dhaggeeffattoonni beekan yommuu dubbattu hamma tokko saffisakee dabali. Yaada haaraa taʼemmoo, suuta jedhii dubbadhu.
Hubannaa Kan Guddisu Jechuun Maal Jechuudha? Haasaa hubannaa namaa guddisu dhiheessuu jechuun, yeroo hunda yaada haaraa tokko dubbachuu jechuu miti. Obboloonni haasaa dhiheessan tokko tokko, dhugaa dhaggeeffattoonni beekan tokko salphaa godhanii dhiheessuudhaan caalaatti akka hubatan godhu.
Nama tajaajilarratti argatteef guyyoota gara dhumaa keessa akka jirru ibsuuf, oduu sabqunnamtiirraa dhageesse qofa itti himuunkee gaʼaa miti. Wanti kun hiika akkamii akka qabu ibsuuf Macaafa Qulqulluutti fayyadami. Hubannaa nama sanaa guddisuu kan dandeessu yoo akkas gootedha. Haaluma wal fakkaatuun, waaʼee seerawwan uumamaa, waaʼee biqiltuuwwanii ykn waaʼee bineensotaa yommuu caqastu, kaayyoonkee wantoota gama saayinsiitiin argamaniifi inni dhagaʼee hin beekne itti himuudhaan isa dinqisiisuu taʼuu hin qabu. Kanaa mannaa, kaayyoon kee ragaawwan uumamarraa argaman Macaafa Qulqulluu wajjin wal qabsiistee ibsuudhaan, Uumaan nu jaallatu akka jiru hubachiisuu taʼuu qaba. Akkas gochuunkee namichi hubannaa dabalataa akka argatu isa gargaara.
Barumsa dhaggeeffattoonni yeroo baayʼee dhagaʼan dhiheessuun rakkisaa taʼuu dandaʼa. Taʼus nama akka gaariitti barsiisu taʼuu yoo barbaadde, barumsa akkasii karaa buʼa qabeessa taʼeen akkamitti dhiheessuu akka dandeessu barachuu qabda. Kana gochuun kan dandaʼamu akkamitti?
Qorannaa gochuun gama kanaan si gargaaruu dandaʼa. Wanta dafee gara sammuu keetti dhufe tokko caqasuu mannaa, yaada dabalataa argachuuf, barreeffamoota kitaaba kana keessatti fuula 33 hanga 38rratti ibsamanitti fayyadamiitii qorannaa dabalataa godhi. Yommuu qorannaa gootu kaayyoonkee maal taʼuu akka qabu beekuuf yaadawwan achirratti kennaman sammuutti qabadhu. Qorannaa yommuu gootu, seenaa balʼinaan hin beekamneefi barumsa dhiheessaa jirtuu wajjin walitti dhufeenya qabu argatta taʼa. Oduun dhiheenyatti sabqunnamtiirraa dhageesses qabxii addeessuuf jettu fakkeenyaan ibsuuf kan si gargaaru taʼuu dandaʼa.
Barumsicha yommuu qophooftu gaaffiiwwan, maal? maaliif? yoom? eessatti? eenyu? akkamitti? jedhan of gaafadhu. Fakkeenyaaf akkas jettee of gaafachuu dandeessa: Yaanni kun dhugaa kan taʼe maaliifi? Mirkaneessuu kanan dandaʼu akkamitti? Yaadawwan namoonni tokko tokko dhugaa Macaafa Qulqulluu kana akka hin fudhanne gufuu itti taʼan warra kamidha? Barumsichi barbaachisaa kan taʼe maaliifi? Kunoo jireenya nama tokkorratti jijjiirama kan fidu akkamitti? Barumsa kana hojiirra oolchuun faayidaa akka qabu ibsuuf fakkeenya akkamiin caqasuu dandaʼa? Dhugaan Macaafa Qulqulluu kun waaʼee amalawwan Yihowaa maal ibsa? Akkasumas barumsicharratti hundaaʼuudhaan, Kun yoom raawwatame? Yeroo harʼaattoo nu gargaaruu kan dandaʼu akkamitti? jettee of gaafachuu dandeessa. Yeroo haasaa dhiheessitus, gaaffiiwwan akkasiitiif deebii kennuudhaan, barumsicha karaa namatti toluun dhiheessuu dandeessa.
Caqasawwan dhaggeeffattoonni beekaniifi haasaakee keessatti caqasuu barbaadde, karaa hubannaasaanii guddisuun ibsuu kan dandeessu akkamitti? Akkasumaan dubbistee bira darbuu mannaa akka gaariitti ibsi.
Caqasa dhaggeeffattoonni beekan yommuu caqastu, kutaa yaada ijoo barumsichaa wajjin walsimu qofa kan ibsitu yoo taʼe, akkaataan dhiheenyaakee caalaatti hubannaasaanii kan guddisu taʼa. Fakkeenyaaf, Qolosaayis 3:12 akkamitti ibsuu akka dandeessu qalbeeffadhu. ‘Araarri garaa keessaa dhufu’ maalidha? Amala kanaaf ulaagaa kan baase eenyudha? Yaada ‘araara garaa keessaa dhufu’ ykn ‘gaarummaa akka uffataatti uffadhaa keessa jiraadhaa’ jedhu fakkeenyaan ibsuu kan dandeessu akkamitti? Gad of deebisuu jechuun maal jechuudha? Caqasa kana nama dulloomee wajjin haala wal qabateen akkamitti itti fayyadamuu dandeessa? Ibsi kennitu yaada ijoo haasaafi kaayyoo keerratti, akkasumas haala dhaggeeffattootaafi yeroo qabdurratti kan hundaaʼe akka taʼe beekamaadha.
Yeroo baayʼee hiika jechoota tokko tokkoo ibsuun barbaachisaa taʼuu dandaʼa. Hiikni jecha “mootummaa” jedhuufi Maatewos 6:10rratti caqasame maal akka taʼe ibsuunkee, namoonni tokko tokko beekumsa haaraa akka argatan gargaaruu dandaʼa. Kiristiyaanonni waggoota hedduudhaaf dhugaa keessa turanis, hiika jecha kanaa yommuu irra deebiʼanii dhagaʼan yaanni caqasichaa caalaatti ifa isaaniif taʼa. Kun baayʼee barbaachisaa taʼuusaa kan hubannu, yaada caqasa 2 Phexros 1:5-8rratti argamu dubbisnee ibsuu yommuu yaannuttidha. Caqasa kana keessatti jechoonni amantii, gaarummaa, beekumsa, of qabuu, obsaan dandaʼuu, nama Waaqayyoo taʼuu, obboloota jaallachuufi nama hundumaa jaallachuu jedhan tarreeffamaniiru. Jechoonni hiika walitti dhihaatu qaban bakka tokkotti yommuu caqasaman, hiikasaanii ibsuunkee jecha tokko isa kaanirraa adda baasuuf si gargaaruu dandaʼa. Jechoonni, ogummaa, beekumsaafi hubannaa jedhaniifi Fakkeenya 2:1-6rratti argaman kanaaf fakkeenya gaarii taʼu.
Caqasa tokko ibsuunkee qofti hubannaa dhaggeeffattootaa guddisuu dandaʼa. Hiikawwan Macaafa Qulqulluu tokko tokko Uumama 2:7rratti Addaam lubbuu akka taʼe, Hisqiʼel 18:4immoo lubbuun akka duutu ibsu. Namoonni yeroo jalqabaatiif dhugaa kana yommuu hubatan baayʼee dinqisiifatu. Yeroo tokko Yesus Saduqootaa wajjin yommuu dubbatu, Baʼuu 3:6 isa isaan akka itti amanan dubbatan caqasuudhaan, duʼaa kaʼuun akka jiru yommuu isaaniif ibsu baayʼee dinqisiifatanii turan.—Luq. 20:37, 38.
Yeroo tokko tokko yaada naannoo caqasichaatti argamu, haala yeroo caqasichi barreeffametti ture, akkasumas nama yaada sana dubbateefi nama ergaan sun ergameef ifa gochuun hubannaa dhaggeeffattootaa guddisuu dandaʼa. Fariisonni yaada Faarfannaa 110rratti argamu akka gaariitti beeku turan. Haataʼu malee, Yesus yaada ijoo barbaachisaa lakkoofsa jalqabaarratti argamurratti akka xiyyeeffatan godheera. Yesus, “‘Waaʼee Masiihichaa maal yaaddu? Inni ilma eenyuu ti?’ jedhe. Isaan immoo, ‘Ilma Daawit’ jedhanii deebisaniif. Kana irratti inni, ‘Yoos immoo attamitti Daawit hafuura qulqulluudhaan geggeeffamee gooftaa ittiin jedhe ree? “Gooftichi gooftaa kootiin, diinota kee miillan kee jala hamma ani siif kaaʼutti, gara mirga koo taaʼi, jedheera” jedhee dubbate. Egaa Daawit “Gooftaa koo” jedhee erga isa waamee, attamitti immoo ilma isaa taʼa ree?’ isaaniin jedhe.” (Mat. 22:41-45) Atis akkuma Yesus caqasoota dhimma sanaa wajjin wal qabsiistee yoo ibsite, namoonni Dubbii Waaqayyoo hubannaadhaan akka dubbisan kakaasuu dandeessa.
Namni haasaa dhiheessu, yeroo itti kutaan Macaafa Qulqulluu tokko barreeffame ykn seenaansaa itti raawwatame yommuu caqasu haala yeroo sanatti tures ibsuu qaba. Akkas gochuunsaa, dhaggeeffattoonni kutaan macaafichaa ykn wanti raawwatame sun hangam barbaachisaa akka taʼe caalaatti akka hubatan godha.
Wantoota garaagaraa walbira qabanii ibsuunis wanti dubbachaa jirtu caalaat ti hubannaa namootaa kan guddisu akka taʼu gochuuf si gargaara. Dhimma tokko ilaalchisee yaada namoonni hedduun qaban, wanta Macaafni Qulqulluun jedhuu wajjin walbira qabdee ibsuu ykn seenaa Macaafa Qulqulluu wal fakkaatu lama walbira qabdee dubbachuu dandeessa. Fakkeenyaaf gaaffiiwwan, ‘Garaagarummaa qabuu? Taanaan maaliif? Kanarraa barumsa akkamii argachuu dandeenya?’ jedhanitti fayyadamuu dandeessa. Kana gochuunkee hubannaa dhaggeeffattootaa guddisuu dandaʼa.
Bifa tajaajilaa tokko tokko ilaalchisee haasaa akka dhiheessitu yoo ramadamte, seensa keerratti yaada walii galaa dubbachuunkee haasaankee caalaatti gaarii akka taʼu godha. Maal gochuun akka dandaʼamu, kana gochuun kan barbaachise maaliif akka taʼeefi galma keenyaa wajjin walitti dhufeenya akkamii akka qabu ibsi. Achiis, hojichi eessatti, yoomiifi akkamitti akka raawwatamu dubbadhu.
Haasaan dhiheessitu, “yaada Waaqayyoo isa gad fagoo” keessaa tokko tokko ibsuu kan gaafatu yoo taʼehoo? (1 Qor. 2:10) Haasaakee qabxiiwwan ijoo matadurichaa tokko tokko caqasuufi ibsuudhaan yoo jalqabde, yaada balʼinaan ibsuuf jettu hubachuun nama hin rakkisu. Barumsicha gabaabaatti irra deebiʼuudhaan yoo xumurtemmoo, dhaggeeffattoonni barumsa gaarii akka argatan itti dhagaʼamunsaa hin oolu.
Gorsa Jireenya Kiristiyaanummaa Ilaalchisee Kennamu. Keessumaa, akkamitti hojiirra oolchuu akka dandaʼan yoo isaan hubachiiste dhaggeeffattoonni barumsicharraa faayidaa argatu. Caqasawwan haasaakee keessatti argaman yommuu qortu, ‘Yaanni kun hanga bara keenyaatti Caaffata Qulqullaaʼoo keessatti galmeeffamee akka turu kan godhame maaliifi?’ jedhii of gaafadhu. (Rom. 15:4; 1 Qor. 10:11) Wanta dhaggeeffattoota mudaturratti yaadi. Haalawwan kana gorsaafi seera buʼuuraa Macaafa Qulqulluu wajjin waliin ilaaluuf yaali. Achiis, caqasa Macaafa Qulqulluurratti hundaaʼuudhaan, gorsaafi seera buʼuuraa achirratti argamu hojiirra oolchuunsaa nama tokko akkamitti gargaaruu akka dandaʼu ibsi. Wanta sirreeffamuu qabu adda baasii ibsi malee, duuchaatti dubbattee bira hin darbin.
Jalqabarratti qabxiiwwan hanga ammaatti ibsaman keessaa tokko ykn lama qofa hojiirra oolchuun gaʼaadha. Yommuu muuxannoo argachaa adeemtu garuu qabxiiwwan hafanirratti hojjechaa deemuu dandeessa. Akkas yoo goote, dhaggeeffattoonni haasaa dhiheessiturraa faayidaa akka argatan waan itti dhagaʼamuuf, haasaakee hawwiidhaan eeggatu.