Haasaa Sabaa Qophaaʼuu
GUMIIWWAN Dhugaa Baatota Yihowaa hedduu keessatti, torban torbaniin haasaan sabaa Macaafa Qulqulluurratti hundaaʼe ni dhihaata. Jaarsa ykn tajaajilaa gumii yoo taate, haasaa sabaa gaarii dhiheessuu ykn barsiisaa gaarii taʼuudhaan beekamtaa? Taanaan, haasaa sabaa akka dhiheessitu ramadamuu dandeessa. Manni Barumsaa Tajaajila Tiʼookraasii, obboloonni kuma hedduutti lakkaaʼaman mirga kanaaf gaʼeessota akka taʼan gargaareera. Haasaan sabaa yommuu sii kennamu qophiikee maalirraa jalqabuu qabda?
Tooriicha Qayyabadhu
Qorannaa akkamiiyyuu gochuukee dura, toorii sii kenname dubbisuufi irratti xiinxaluudhaan yaadasaa argadhu. Ijoosaa, jechuunis mataduree haasichaarratti yaadi. Dhaggeeffattoota waaʼee maalii barsiista? Kaayyoonkee maalidha?
Matadureewwan xixiqqaa akka gaariitti hubadhu. Qabxiiwwan ijoo taʼan qalbeeffadhu. Qabxiiwwan gurguddaan hundi matadureesaa wajjin akkamitti wal qabatu? Qabxiiwwan gurguddaa jalatti qabxiiwwan xixiqqaan muraasni ibsamaniiru. Yaadawwan mataduree xixiqqaa deggeranimmoo, isaan jalatti kennamaniiru. Yaadawwan mataduree xixiqqaa jalatti argaman akkamitti isa duraa wajjin akka wal qabataniifi gara mataduree xiqqaa ittaanuutti akka ceʼan, akkasumas kaayyoo haasichaa galmaan gaʼuuf akkamitti akka gargaaran qalbeeffadhu. Ijoosaa, jechuunis kaayyoo haasichaa hubachuudhaan, qabxiiwwan gurguddaan kaayyoo kana akkamitti akka galmaan gaʼan yoo qalbeeffatte, haasicha balʼisuuf qophoofteetta jechuudha.
Jalqabarratti, haasaakee haasaa xixiqqaa garaagaraa afur ykn shan qabuufi qabxiiwwan gurguddaa qabu gootee ilaaluunkee gaarii taʼuu dandaʼa. Sana booda tokko tokkoon qophaaʼi.
Tooriin qophiidhaaf qofa si gargaara. Kallattiidhaan akka irraa dhiheessituuf kan qophaaʼe miti. Haasaan kun mana ijaaramaa jiruu wajjin wal fakkaata. Manni kun keenyan, bantii, balbalaafi wantoota mana jireenyaatiif barbaachisan hunda qabaachuu qaba.
Caaffata Qulqullaaʼootti Fayyadamuu
Yesusiifi bartoonnisaa Caaffata Qulqullaaʼoorratti hundaaʼanii barsiisu turan. (Luq. 4:16-21; 24:27; HoE. 17:2, 3) Atis akkas gochuu dandeessa. Haasaankee Caaffata Qulqullaaʼoorratti kan hundaaʼe taʼuu qaba. Yaadawwan tooriirratti argaman ibsuu mannaa, yaadawwan kun deggersa Caaffata Qulqullaaʼoo kan qaban taʼuusaanii erga qalbeeffattee booda isaanirratti hundaaʼii barsiisi.
Haasaa yommuu qophooftu caqasoota kennaman hunda baasii dubbisi. Yaada naannoosaatti argamu qalbeeffadhu. Caqasoonni tokko tokko haalawwan dhimma sana duuba jiran ifa gochuuf qofa kan galan taʼuu dandaʼu. Yeroo haasaa dhiheessitu caqasoota hunda dubbistee yaada irratti kennuu qabda jechuu miti. Caqasoota dhaggeeffattootaaf caalaatti barbaachisaa taʼan filadhu. Caqasoota toorichaarratti yoo xiyyeeffatte, caqasoota dabalataatti fayyadamuun si hin barbaachisu taʼa.
Haasaankee buʼa qabeessa taʼuunsaa caqasoota baayʼeetti fayyadamuurratti utuu hin taʼin, akka gaariitti barsiisuu keerratti kan hundaaʼedha. Caqasa tokko yommuu caqastu, sababasaa ibsi. Caqasoota sana yaadasaa wajjin akka gaariitti wal qabsiisuu qabda. Caqasa tokko erga dubbistee booda yommuu ibsitu Macaafa Qulqulluu hin cufin. Dhaggeeffattoonnis akkasuma gochuunsaanii hin oolu. Fedhii dhaggeeffattootaa kakaasuufi karaa caalaatti buʼa qabeessa taʼeen Dubbii Waaqayyoorraa faayidaa akka argatan gargaaruu kan dandeessu akkamitti? (Nah. 8:8, 12) Ibsuu, fakkeenyatti fayyadamuufi akkamitti hojiirra ooluu akka dandaʼu ibsuudhaan kana gochuu dandeessa.
Ibsuu. Caqasa ijoo taʼe ibsuuf yommuu qophooftu, akkas jedhii of gaafadhu: ‘Hiikni caqasa kanaa maalidha? Haasaakoo keessatti kanan itti fayyadamu maaliifi? Dhaggeeffattoonni caqasa kana ilaalchisee maal jedhanii akka of gaafatan godha?’ Yaanni naannoo caqasichaa, haalli duuba caqasichaa, yoomessiifi humni jechoota sanaa, akkasumas kaayyoon nama caqasa kana barreessee maal akka taʼe hubachuun si barbaachisa taʼa. Kunimmoo qorannaa gochuu gaafata. Barreeffamoota “hojjetaan amanamanii fi ogeessi” qopheesse keessatti, odeeffannoo hedduu argachuu dandeessa. (Mat. 24:45-47) Waaʼee caqasichaa wantoota hunda ibsuuf yaaluu mannaa, haala barumsichaa wajjin wal qabateen dhaggeeffattoonni caqasicha akka dubbisan kan barbaadde maaliif akka taʼe ibsi.
Fakkeenyatti Fayyadamuu. Fakkeenyatti yommuu fayyadamtu kaayyoonkee, dhaggeeffattoonni hubannaasaanii akka guddifatan, qabxii ykn seera buʼuuraa ibsaa jirtu tokko akka yaadatan gargaaruudha. Fakkeenyatti fayyadamuun, namoonni wanta dubbachaa jirtu hubachuudhaan, wanta kanaan dura beekanii wajjin akka wal qabsiisan gargaara. Yesusis Lallabasaa Isa Gaaraa beekamaa taʼerratti akkasuma godheera. “Simbirroota qilleensa keessa balaliʼan,” ‘daraarota bakkee,’ “karaa isa dhiphoo,” ‘mana dhagaarratti ijaarameefi’ fakkeenyawwan hedduu kanaa wajjin wal fakkaatanitti fayyadamuunsaa, barumsisaa xiyyeeffannaa namaa kan hawwatu, ifaafi kan hin irraanfatamne akka taʼu godheera.—Mat. boq. 5–7.
Akkamitti Hojiirra Akka Oolu Ibsuu. Caqasa tokko ibsuufi fakkeenyatti fayyadamuun beekumsa namaa dabala; haataʼu malee buʼaa kan argamsiisu barumsicha hojiirra oolchuudha. Ergaa Macaafa Qulqulluu dhagaʼanii hojiirra oolchuun itti gaafatamummaa dhaggeeffattootaa akka taʼe beekamaadha; taʼus maal gochuu akka qaban akka hubatan isaan gargaaruu dandeessa. Dhaggeeffattoonni caqasa irratti mariʼatamaa jiru akka hubataniifi haasaa dhihaachaa jiruu wajjin walitti dhufeenya akkamii akka qabu hubachuusaanii erga mirkaneeffattee booda, caqasichi amantiifi amalasaaniirratti dhiibbaa gaarii akkamii akka geessisu akka qalbeeffatan gargaari. Yaada ykn gocha dogoggoraa dhugaa Macaafa Qulqulluu ibsamaa jiruu wajjin wal hin simnerraa fagaachuun faayidaa akkamii akka qabu addeessi.
Caqasoonni akkamitti hojiirra ooluu akka qaban ibsuu yommuu yaaddu, dhaggeeffattoonni haala addaddaa keessaa akka dhufaniifi ilaalcha garaagaraa akka qaban hin dagatin. Tarii namoonni fedhii qaban, dargaggoonni, maanguddoonniifi namoonni rakkoo garaagaraa wajjin waldhaansoo wal qaban jiru taʼa. Kanaaf karaa dhaggeeffattoonni faayidaa irraa argachuu dandaʼaniin dhiheessi. Namoota muraasa qofa yaadatti qabattee gorsa kennaa kan jirtu hin fakkaatin.
Murtoowwan Obboleessa Haasaa Dhiheessuuf Dhiifaman
Haasaakee ilaalchisee wantoonni tokko tokko dursanii murteeffamaniiru. Qabxiiwwan gurguddaaniifi saʼaatiin matadureewwan xixinnoo ibsuuf barbaachisan ifatti kan kaaʼaman siʼa taʼu, murtoowwan kaan garuu siif dhiifamaniiru. Matadureewwan xixiqqaa tokko tokko ibsuuf warra kaan caalaa yeroo balʼaa ramaduu filatta taʼa. Matadureewwan xixiqqaa hunda wal qixxee ibsuun qaba jettee hin yaadin. Akkas gochuun, barumsicha irra fiiguudhaan yaada hedduu dhaggeeffattoota nuffisiisu akka dhiheessitu si dirqisiisuu dandaʼa. Qabxii isa kam balʼistee ibsuu, isa kam gabaabsitee ibsuu ykn akkasumaan dubbattee bira darbuu akka dandeessu murteessuuf maaltu si gargaara? Akkas jedhii of gaafadhu: ‘Ijoo haasichaa dabarsuuf qabxiiwwan na gargaaran kamfaʼi? Qabxiiwwan dhaggeeffattoota caalaatti gargaaruu dandaʼan warra kami? Caqasa tokkoofi yaada caqasichaa wajjin walitti dhufeenya qabu yoon dhiise, ragaan dhiheessu na jalaa laaffisaa?’
Yaada tilmaamarratti hundaaʼe ykn ilaalcha dhuunfaa itti dabaluurraa of qusadhu. Ilma Waaqayyoo kan taʼe Yesus Kiristosillee, yaada ‘ofiisaa hin dubbanne.’ (Yoh. 14:10) Namoonni walgaʼiiwwan Dhugaa Baatota Yihowaarratti kan argaman, Macaafni Qulqulluun yommuu ibsamu dhaggeeffachuuf akka taʼe qalbeeffadhu. Haasaa gaarii dhiheessuudhaan beekamta taanaan, maqaa akkasii kan argatte, namoonni sirratti utuu hin taʼin Dubbii Waaqayyoorratti akka xiyyeeffatan waan gooteef akka taʼe beekamaadha. Namoonni haasaakee kan dinqisiifatan akkas yoo gootedha.—Filp. 1:10, 11.
Toorii qabxiiwwan buʼuuraa qofa qabu balʼisuudhaan, haasaa gaarii caqasoota gadi fageenyaan ibsu waan qopheessiteef, amma haasaakee shaakaluun si barbaachisa. Sagalee dhageessistee shaakaluunkee gaariidha. Kaayyoon shaakalakee inni guddaan, qabxiiwwan hunda sammuutti qabachuudha. Amantii guutuu akka qabdu karaa argisiisuun, karaa jireenya namaa tuquufi miira hoʼaadhaan dhiheessuu qabda. Haasaa dhiheessuukee dura akkas jedhii of gaafadhu: ‘Kaayyoonkoo maalidha? Qabxiiwwan gurguddaan ifatti kaaʼamaniiruu? Haasaankoo Caaffata Qulqullaaʼoorratti kan hundaaʼedhaa? Qabxii gurguddaan qabxii ittaanuu wajjin salphaatti wal qabataa? Haasichi, dhaggeeffattoonni Yihowaafi qophiisaa akka dinqisiifatan kan gargaarudhaa? Yaanni xumuraa kallattiidhaan matadureesaa wajjin walitti dhufeenya kan qabu, dhaggeeffattoonni maal gochuu akka qaban kan hubachiisuufi hojiidhaaf kan isaan kakaasudhaa?’ Gaaffiiwwan kanaaf deebii eeyyee jedhu kennita taanaan, haasaakee karaa gumicha fayyaduufi Yihowaadhaaf ulfina fiduun dhiheessuudhaan ‘beekumsa dhageessisuuf’ qophoofteetta jechuudha!—Fak. 15:2.