Qayyabannaa 19
Macaafa Qulqulluu Baasanii Akka Hordofan Jajjabeessuu
NAMOONNI hundi Macaafa Qulqulluu isa Dubbii Waaqayyoo taʼerratti akka xiyyeeffatan gochuu barbaanna. Ergaan lallabnu Macaafa Qulqulluu keessatti kan argamu waan taʼeef, namoonni ergaan kun kan keenya utuu hin taʼin, kan Waaqayyoo taʼuusaa akka hubatan barbaanna. Amantiin namoonni Macaafa Qulqulluurratti qaban guddachuu qaba.
Tajaajilarratti. Yeroo hunda yommuu tajaajilaaf qophooftu, caqasa namoota si dhaggeeffachuuf fedhii qabaniif dubbistu tokko ykn lama filadhu. Yaada seensaa gabaabaatti fayyadamtee barreeffama raabsuu yeroo barbaaddus, caqasa yaada sana deggeru tokko dubbisuunkee gaariidha. Macaafni Qulqulluun wanta dubbannu caalaa namoota hoolotatti fakkeeffaman jijjiiruuf humna qaba. Macaafa Qulqulluurraa dubbisuuf haallisaa mijaaʼaa miti taanaan, yaadasaa jecha mataa keetiin dubbachuu filatta taʼa. Jaarraa jalqabaatti macaafota maraman baayʼinaan argachuun rakkisaa ture. Taʼus Yesusiifi bartoonnisaa Caaffata Qulqullaaʼoorraa yeroo baayʼee ni caqasu turan. Nuyis caqasoota yaadatti qabachuufi yeroo barbaachisutti jecha mataa keenyaatiin dubbachuuf carraaqqii gochuu qabna.
Carraa Macaafa Qulqulluurraa itti dubbistu yoo argatte, namni haasofsiistu caqasicha akka sii wajjin dubbisu godhi. Namichi Macaafa Qulqulluusaa baasee kan si hordofu yoo taʼe, wanti inni dubbisu caalaatti garaasaa tuquu dandaʼa.
Haataʼu malee, namoonni Macaafa Qulqulluu hiikan tokko tokko Dubbii Waaqayyoorratti jijjiirama tokko tokko gochuusaanii yaadachuu qabda. Hiikkaansaanii, yaada afaan jalqaba Macaafni Qulqulluun ittiin barreeffame dabarsuu wajjin kan wal hin simne taʼuu dandaʼa. Hiikkaawwan hammayyaa hedduun maqaa Waaqayyoo Macaafa Qulqulluu keessaa baasaniiru; haala namoonni duʼan keessatti argaman ilaalchisee yaada afaan jalqaba Macaafni Qulqulluun ittiin barreeffame dabarsu, akkasumas kaayyoo Waaqayyo lafa kanaaf qabu ilaalchisee wanta Macaafni Qulqulluun dubbatu dhoksaniiru. Namni tokko, jijjiirama Macaafa Qulqulluurratti godhame kana akka hubatu gargaaruuf, hiikkaawwan Macaafa Qulqulluu garaagaraa ykn Macaafota Qulqulluu waggoota dheeraa dura afaan sanaan hiikamanirraa jechoota ijoo taʼan walbira qabdee itti argisiisuun si barbaachisa taʼa. Gama kanaan kitaabni Riiziniingi Firoom za Iskiriipcharsi jedhamu, hiikkaawwan Macaafa Qulqulluu garaagaraa jechoota ijoo caqasoota yeroo baayʼee caqasaman keessatti argaman akkamitti akka hiikan walbira qabee ibsa. Namni dhugaa jaallatu kamiyyuu, wanta sirrii taʼe yommuu hubatu gammaduunsaa hin oolu.
Walgaʼii Gumiirratti. Walgaʼii gumiirratti namoonni hundi Macaafa Qulqulluu baasanii akka hordofan jajjabeeffamuu qabu. Akkas gochuun faayidaa baayʼee qaba. Dhaggeeffattoonni wanta dubbatamaa jiru xiyyeeffannaadhaan akka dhaggeeffatan gargaara. Yaada nama haasaa dhiheessurraa dhagaʼan ijasaaniitiin arguunsaanii ragaa dabalataa isaaniif taʼa. Akkasumas namoonni haaraan walgaʼiirratti argaman amantiin keenya Macaafa Qulqulluurratti kan hundaaʼe taʼuusaa akka amanan isaan gargaara.
Caqasa yommuu dubbistu dhaggeeffattoonni Macaafa Qulqulluu baasanii si hordofuunsaanii jajjabina isaaniif kenniturratti kan hundaaʼedha. Macaafa Qulqulluu baasanii akka si hordofan afeeruun hundumaarra caala.
Caqasa caalaatti ifa gochuu barbaaddu dhaggeeffattoonni baasanii akka dubbisan godhi. Caqasawwan yaada ijoo addeessuuf si gargaaran dubbisuunkee gaariidha. Achiis yeroo qabda taanaan, caqasawwan dabalataa qabxii dhiheessituuf ragaa taʼan muraasa dubbisi.
Yeroo baayʼee, yaada caqasichaa dubbachuun ykn dhaggeeffattoonni caqasicha baasanii akka hordofan gochuun qofti gaʼaa taʼuu dhiisuu dandaʼa. Caqasa tokko dubbistee dhaggeeffattoonni caqasicha baafachuuf utuu yeroo hin argatin caqasa garabiraa kan caqastu yoo taʼe, dhaggeeffattoonni abdii kutatanii Macaafa Qulqulluusaanii cufanii taaʼuu dandaʼu. Kanaaf, caqasicha baafachuusaanii mirkaneeffadhu. Baayʼeensaanii erga baafatanii booda dubbisi.
Dursii dhimma kanarratti yaadi. Caqasicha dubbisuukee yeroo muraasa dura itti himi. Akkas gochuunkee yeroo dhaggeeffattoonni caqasicha argachuuf balleessan sii oolcha. Hanga dhaggeeffattoonni caqasicha baafatanitti turuun yeroo kan si jalaa fudhatu taʼus, akkas gochuunsaanii faayidaa guddaa qaba.