LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • be qayyabannaa 13 ful. 124-ful. 127 key. 1
  • Dhaggeeffattoota Ilaaluu

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Dhaggeeffattoota Ilaaluu
  • Mana Barumsaa Tajaajila Ti’ookraasiirraa Fayyadami
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Ilaalaa Haasofsiisuudhaan Namootaaf Akka Yaaddan Agarsiisaa
    Tajaajila Mootummaa—2006
  • Yaada Seensaa Fedhii Kakaasu
    Mana Barumsaa Tajaajila Ti’ookraasiirraa Fayyadami
  • Hubannaa Dhaggeeffattootaa Kan Guddisu
    Mana Barumsaa Tajaajila Ti’ookraasiirraa Fayyadami
  • Macaafa Qulqulluu Baasanii Akka Hordofan Jajjabeessuu
    Mana Barumsaa Tajaajila Ti’ookraasiirraa Fayyadami
Dabalataan Ilaaluuf
Mana Barumsaa Tajaajila Ti’ookraasiirraa Fayyadami
be qayyabannaa 13 ful. 124-ful. 127 key. 1

Qayyabannaa 13

Dhaggeeffattoota Ilaaluu

Maal gochuu qabda?

Namoota haasofsiistu ilaalaa dubbadhu; akka aadaa naannoo keetti ija namaa keessa ilaaluun fudhatama kan qabu yoo taʼe, yeroo muraasaaf ijasaanii keessa ilaali. Gareedhaan utuu hin taʼin dhuunfaatti namoota ilaali.

Barbaachisaa kan ta’e maaliifi?

Aadaa baayʼee keessatti ija namaa keessa ilaalaa dubbachuun namichaaf xiyyeeffannaan akka kenname argisiisa. Akkasumas wanta dubbachaa jirtutti akka amantu argisiisuu dandaʼa.

IJI keenya, ilaalchaafi miira keenya argisiisa. Dinqisiifannaan, sodaan, gara laafinni, jaalalli, shakkiin ykn gaddi ija keenyarraa mulʼachuu dandaʼa. Maanguddoon tokko ijoollee biyyasaanii rakkina hedduu waliin dabarsan ilaalchisee, “Ija keenyaan walii galla turre” jechuudhaan dubbataniiru.

Namoonni, wanta iji keenya irratti xiyyeeffaterraa kaʼuudhaan waaʼee keenyas taʼe waaʼee wanta dubbachaa jirruu tilmaamuu dandaʼu. Aadaa baayʼee keessatti, namoonni nama ijasaanii keessa ilaalaa jaalalaan isaan haasofsiisu amanuun isaanitti hin ulfaatu. Karaa garabiraammoo, namni tokko lafa ykn bakka garabiraa ilaalaa kan dubbatu yoo taʼe, garaasaatii kan dubbatu ykn dandeettii kan qabu taʼuusaa shakkuu dandaʼu. Aadaa tokko tokko keessatti, namni tokko utuu ija namarraa hin buqqifatin kan dubbatu yoo taʼe, nama ija hin fuune, kan nama tuffatu ykn akka nama mata jabeessaatti ilaalamuu dandaʼa. Keessumaa saala faallaa taʼe ykn hogganaa ykn nama aboo qabuu wajjin yommuu dubbatu ija namarraa hin buqqifatu yoo taʼe akkasitti fudhatamuu dandaʼa. Naannoo tokko tokkottimmoo, mucaan tokko namoota gurguddaa wajjin yommuu dubbatu ijasaanii keessa kan ilaalu yoo taʼe akka tuffiitti ilaalamuu dandaʼa.

Naannoo ija namaa keessa ilaaluun akka tuffiitti hin ilaalamnetti garuu, yaada barbaachisaa taʼe yommuu dubbannu, ija nama haasofsiisaa jirruu keessa ilaaluun ergaan keenya humna akka qabaatu gochuu dandaʼa. Namni dubbatu sunis dhimma sanarratti amantii akka qabu kan argisiisu taʼuu dandaʼa. Yesus, bartoonnisaa baayʼee dinqifatanii, “Egaa eenyutu fayyuu dandaʼa ree?” jedhanii yommuu isa gaafatan, akkamitti deebii akka kenne qalbeeffadhu. Macaafni Qulqulluun akkas jedha: “Yesus immoo gara isaanii ilaalee, ‘Kun namootaaf hin dandaʼamu, Waaqayyoof garuu wanti hundinuu in dandaʼama’ isaaniin jedhe.” (Mat. 19:25, 26) Caaffanni Qulqullaaʼoon Phaawulosis, miira fuula dhaggeeffattootaarraa mulʼatu xiyyeeffannaadhaan hordofaa akka ture ibsu. Gaaf tokko yommuu Phaawulos haasaa dhiheessu, namni dhalachuusaatii jalqabee naafa taʼe tokko achitti argamee ture. Hojiin Erga mootaa 14:9, 10, “Inni achi ciisee waan Phaawulos jedhu dhaggeeffachaa ture; yommus Phaawulos ija isaa keessa ilaalee, fayyifamuudhaaf amantii akka inni qabu arge. Achumaanis sagalee guddaadhaan, ‘Kaʼii qajeelii, miilla keetiin dhaabadhu!ʼ” akka isaan jedhe dubbata.

Yaadawwan Tajaajilaaf Gargaaran. Tajaajilarratti yommuu hirmaattu jaalalaafi miira hoʼaadhaan namoota haasofsiisi. Maree jalqabuuf, wanta lamaan keessan yaaddessu ilaalchisee gaaffii tokko isa gaafachuu dandeessa. Yeroo kanatti, nama si dhaggeeffachaa jiru karaa ulfina qabuun ilaali. Namni tokko gammachuu itti dhagaʼamu fuula ifaadhaan yommuu ibsu arguun nama gammachiisa. Kunis nama akkamii akka taate akka hubatuufi sodaa malee akka si dhaggeeffatu isa gargaara.

Miira fuula nama haasofsiisaa jirturraa mulʼatu qalbeeffachuunkee wanta gochuu qabdu si hubachiisuu dandaʼa. Namichi kan aare ykn fedhii kan hin qabne yoo taʼes fuulasaarraa hubachuu dandeessa. Yaannikee yoo isaa galuu dide, dafee si biraa deemuu yoo barbaade ykn hawwiidhaan si dhaggeeffachaa kan jiru yoo taʼe, salphaatti hubachuu dandeessa. Miirri fuulasaarraa mulʼatu saffisakee akka jijijjiirtu, maricharratti akka isa hirmaachistu, maricha akka dhaabdu ykn qayyabannaan Macaafa Qulqulluu akkamitti akka geggeeffamu akka itti argisiistu murteessuuf si gargaaruu dandaʼa.

Namootaaf yommuu dhugaa baatus taʼe Macaafa Qulqulluu yommuu qayyabsiistu, karaa ulfina qabuun ija nama haasofsiisaa jirtuu ilaali. Haataʼu malee yeellaʼuu waan dandaʼuuf, utuu ija irraa hin buqqifatin yeroo dheeraadhaaf ijasaa keessa hin ilaalin. (2 Mot. 8:11) Darbii darbii karaa jaalala argisiisuun isa ilaali. Akkas gochuun biyyoota baayʼee keessatti garaadhaa namaaf yaaduu argisiisa. Macaafa Qulqulluurraa ykn barreeffama garabiraarraa yommuu dubbistu barreeffamicha akka ilaaltu beekamaadha. Qabxii tokko jabeessuu yommuu barbaaddu garuu yeroo gabaabaadhaaf ijasaa keessa ilaaluu barbaadda taʼa. Giddu gidduutti ijasaa keessa ilaaluunkee waaʼee wanta dubbifamaa jiruu maaltu akka itti dhagaʼamu hubachuuf si gargaara.

Kan saalfattuufi jalqabarratti nama haasofsiistu ilaalaa dubbachuun kan sitti ulfaatu yoo taʼe abdii hin kutin. Shaakalakee yommuu itti fuftu, akka barbaachisummaasaatti dhaggeeffattoota ilaaluufi namootaa wajjin maree gaarii gochuu dandeessa.

Yommuu Haasaa Dhiheessitu. Macaafni Qulqulluun, Yesus Lallabasaa isa Gaararraa jalqabuusaa dura “gara isaaniitti garagalee bartoota isaa doʼatee” akka ture nutti hima. (Luq. 6:20) Atis fakkeenya Yesusirraa baradhu. Namoota walitti qabamaniif haasaa kan dhiheessitu yoo taʼe, haasicha jalqabuukee dura sekoondii muraasaaf isaan ilaali. Kunis yeroo baayʼee dhaggeeffattoota keessaa namoota tokko tokko ilaaluu dabalata. Kana gochuunkee, sodaa jalqabarratti sitti dhagaʼamu moʼuuf si gargaaruu dandaʼa. Kana malees, dhaggeeffattoonni miira fuulakeerraa mulʼatu arguudhaan akka of qopheessaniifi xiyyeeffannaadhaan akka si dhaggeeffatan isaan gargaara.

Haasaa yeroo dhiheessitu giddu gidduutti dhaggeeffattoota ilaali. Yeroo kanatti namoota gareedhaan utuu hin taʼin, dhuunfaatti ilaaluuf yaali. Aadaa hunda keessatti, namni haasaa sabaa dhiheessu hamma tokko dhaggeeffattoota akka ilaalu irraa eegama.

Dhaggeeffattoota ilaaluu jechuun dimshaashumatti gamaa gamana ilaaluu jechuu miti. Barbaachisaa taanaan, dhaggeeffattoota gidduudhaa karaa ulfina qabuun nama tokko ilaalaa hima guutuu dubbadhu. Achiis nama garabiraa ilaalaa hima tokko ykn lama dubbadhu. Nama tokko hamma inni yeellaʼutti ijasaa keessa hin ilaalin; namoota muraasa qofas ilaaluu hin qabdu. Karaa kanaan dhaggeeffattoota ilaalaa yommuu dubbattu nama tokkorratti xiyyeeffadhu; achiis nama garabiraa ilaaluu jalqabuukee dura namichi wanta dubbachaa jirtuuf maaltu akka itti dhagaʼamu hubachuu yaali.

Baayʼee utuu gad hin jedhin salphaatti ilaaluu akka dandeessutti yaadannookee atiraanosiirra kaaʼachuu, harkatti qabachuu ykn Macaafa Qulqulluu keessa kaaʼachuu qabda. Yaadannookee ilaaluuf baayʼee gad jechuuf kan dirqamtu yoo taʼe, dhaggeeffattoota akka gaariitti ilaaluun si rakkisa. Yaadannookee yeroo hammamiifi yoom ilaaluu akka qabdu dursitee irratti yaaduun si barbaachisa. Haasaakee xumuruu jala yeroo geessu yaadannookee kan ilaaltu yoo taʼe, wanta dubbachaa jirtuuf dhaggeeffattootatti maaltu akka itti dhagaʼamu hubachuun kan si rakkisu taʼuusaarrayyuu, haasaakee humna dhabsiisa. Irra deddeebitee yaadannookee kan ilaaltu yoo taʼe garuu, dhaggeeffattoota ilaaluu hin dandeessu.

Nama tokkotti kubbaa yommuu darbattu namichi qabachuufi dhiisuusaa ilaaluu barbaadda. Yaanni haasaakee keessatti dubbattus “kubbaa” darbatamuu wajjin wal fakkaata. Yaada dubbatte “qabachuusaanii” mataasaanii yommuu raasan, yommuu seeqan ykn yommuu xiyyeeffannaadhaan si dhaggeeffatan hubachuu dandeessa. Dhaggeeffattoota akka gaariitti kan ilaaltu yoo taʼe, yaadakee “qabachuu” fi dhiisuusaanii qalbeeffachuu dandeessa.

Gumiirratti akka dubbistu ramadamteetta taanaan, giddu gidduutti ol jettee dhaggeeffattoota ilaaluu qabdaa? Dhaggeeffattoonni Macaafa Qulqulluu baafatanii si hordofaa jiru yoo taʼe, baayʼeensaanii isaan ilaalaa akka jirtuufi akka hin jirre hin beekan. Haataʼu malee dhaggeeffattoota ilaaluunkee miira fuulasaaniirraa mulʼatu hubachuuf waan si gargaaruuf, dubbisnikee kan namatti tolu akka taʼu gochuu dandaʼa. Akkasumas, dhaggeeffattoonni Macaafa Qulqulluu baasanii si hin hordofneefi yaannisaanii bittinnaaʼe yoo jiraatan, nama haasaa dhiheessaa jiruu wajjin ijaan wal arguunsaanii, wanta dubbifamaa jiru akka hordofan isaan dammaqsuu dandaʼa. Wanta dubbisaa jirturraa ol jettee baayʼee turuunkee, sirriitti dubbisuuf gufuu akka sitti taʼu beekamaadha. Kanaaf, dhaggeeffattoota ilaaluu akka dandeessutti Macaafa Qulqulluu harkatti qabachuufi mataakee ol qabdee dubbisuunkee gaariidha.

Yeroo tokko tokko jaarsoliin walgaʼii koonyaarratti haasaa dubbisaan dhihaatu akka dhiheessan ramadamuu dandaʼu. Kutaa akkasii dhiheessuun, muuxannoo, qophiifi shaakala gaarii gaafata. Kutaan akkasii carraa dhaggeeffattoota ilaaluuf qabnu akka nu jalaa daangessu beekamaadha. Haataʼu malee obboleessi kutaa kana dhiheessu, qophii gaarii yoo godhe iddoonsaa utuu jalaa hin badin darbee darbee dhaggeeffattoota ilaaluu dandaʼa. Kana gochuunsaa, dhaggeeffattoonni xiyyeeffannaadhaan akka isa dhaggeeffataniifi qajeelfama hafuuraa kanarraa faayidaa guutuu akka argatan isaan gargaara.

QABXIIWWAN YAADATTI QABATAMUU MALAN

  • Namoota haasofsiistuuf garaadhaa akka yaaddu karaa argisiisuun dubbadhu.

  • Mataakee utuu gad hin qabin boquukee ol qabdee dhaggeeffattoota ilaalaa dubbisuu akka dandeessutti barreeffama dubbistu ol kaasii qabadhu.

GILGAALA: Maree hiriyoota ykn maatiikee wajjin gooturratti, namoota ilaalaa dubbachuuf carraaqqii godhi; namoota kaan akka hin mufachiisnetti aadaa naannichaa tilmaama keessa galchi.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi