Ilaalaa Haasofsiisuudhaan Namootaaf Akka Yaaddan Agarsiisaa
1 Namoonni baay’een bakka itti argamaniifi manaa gara manaatti yommuu tajaajillu, namoota haasofsiisuu keenya dura yeroo baay’ee ijaan wal qunnamna. Yeroo gabaabduu sana keessatti wanta isaanitti dhaga’ame haala fuulasaaniirraa hubachuu dandeenya. Akkasumas waa’ee keenya akka gaariitti hubachuu danda’u. Dubartiin tokko waa’ee obboleettii manashee dhaqxee ishee haasofsiifte tokkoo akkas jettee dubbatte: “Gammachuun fuulasheerraa mul’atu yaada sammuu qulqulluu qabaachuushee na hubachiise. Haallishee kunis baay’ee natti tole.” Kunimmoo dubartittiin misiraachoo kana akka dhageessu taasiseera.
2 Namoota haala gaariitiin ilaaluun karaarrattis ta’e bakka namoonni baay’atanii argamanitti yommuu tajaajillu namootaaf karaa bu’a qabeessa ta’een dhugaa ba’uudhaaf carraa nuu bana. Obboleessi tokko namoota garasaatti adeemaa jiran ilaaluudhaan fuula ifaa erga isaanitti agarsiisee booda barruulee kennaaf. Akkaataa dhiheenyaa kanaan fayyadamee namootaa wajjin maree nama gammachiisu godhee barreeffamoota hedduu raabsa.
3 Miirasaanii Hubadhaa: Ijasaanii ilaalaa haasofsiisuun miira namootaa hubachuudhaaf gargaara. Fakkeenyaaf namni tokko wanta dubbanne yoo hubachuu baate ykn yaada keenyarratti jennurratti yoo walii galuu baate, yeroo baay’ee fuulasaarraa hubachuu dandeenya. Akka hojiin itti baay’ate ykn obsa dhabes fuulasaarratti beekuu dandeenya. Sana booda akka haalasaatti yaada keenya sirreessuu ykn gabaabsuudha. Wanta namootatti dhaga’amu hubachuun keenya jaalala isaaniif qabnu karaa itti agarsiisnudha.
4 Gaarummaafi Akka Itti Amantan Haala Argisiisuun Dubbadhaa: Aadaawwan hedduu keessatti nama tokko ija keessa ilaalaa haasofsiisuun akka gaarummaatti ilaalama. Gaaffii bartoonnisaa “Egaa eenyutu fayyuu danda’a ree?” jedhanii isa gaafataniif deebii Yesus deebise hubadhaa: Macaafni Qulqulluun akkas jechuudhaan dubbata: “Yesus immoo gara isaanii ilaalee, ‘kun namootaaf hin danda’amu, Waaqayyoof garuu wanti hundinuu in danda’ama’ isaaniin jedhe.” (Mat. 19:25, 26) Yesus wanta dubbatetti akka amanu ijasaarraa kan mul’atu ta’uunsaa jechootasaatiif caalaatti humna akka dabale homaa hin shakkisiisu. Haaluma wal fakkaatuun namoota ilaalaa haasofsiisuun ergaa Mootummichaa garaa guutuufi akka itti amannu haala argisiisuun akka dabarsinu nu gargaara.—2 Qor. 2:17; 1 Tas. 1:5.