Sagantaa Walga’ii Tajaajilaa
Torban Ebla 10 Jalqabu
Faarfannaa 47 (112)
Daq. 10: Beeksisa gumii. Beeksisawwan Tajaajila Mootummaarraa filataman. Akkaataawwan dhiheenyaa ful. 8rra jiran, ykn naannoo keessaniif ta’an kan biraatti fayyadamuudhaan, Masaraan Eegumsaa Guraandhala 1fi Dammaqaan! Bitootessa 2006, akkamitti akka raabsaman kan argisiisu hojiin argisiisni akka dhihaatu godhi. Hojiin argisiisa isa tokkorratti manaa gara manaatti yommuu tajaajillu, nama ergaa Macaafa Qulqulluutiif fedhii addaa agarsiise tokkoof kitaaba Barumsa Macaafa Qulqulluu utuu raabsuu kan argisiisu haa ta’u.
Daq. 15: “Hinaaffaa Keenya Eeguu Kan Dandeenyu Akkamitti?” Yaadawwan Masaraa Eegumsaa Waxabajjii 15, 2002, ful. 14, key. 13rra jiru itti dabaluudhaan dhiheessi.
Daq. 20: “Sagantaa Keessan Akkuma Haalasaatti Sirreessuu Dandeessuu?” Akka itti gumichi hojiirra oolchuu danda’utti dhiheessi. Qophii gumichi gara galgalaa lallabuudhaaf godhe yoo jiraate caqasi.
Faarfannaa 6 (13) fi kadhannaa xumuraa.
Torban Ebla 17 Jalqabu
Faarfannaa 20 (45)
Daq. 15: Beeksisa gumii. Qophii haasawaa sabaa addaa kennamu ilaalchisee godhame ibsi. Babal’istoonni hundinuu yaada duuba Masaraa Eegumsaa Ebla 1, 2006rra jirutti fayyadamuudhaan namoota kanaan dura Ayyaana Yaadannoorratti argamaa turan, qayyabannaawwan Macaafa Qulqulluufi warra fedhii argisiisan kaan afeeruusaanii akka itti fufan jajjabeessi. Masaraa Eegumsaa kanatti fayyadamuudhaan haasawaa sabaa addaatiif namoota afeeruudhaan muuxannoowwan argaman lama ykn sadii gabaabsii dubbadhu.
Daq. 12: Akka gumiif barbaachisutti itti fayyadamaa.
Daq. 18: “Qayyabannaawwan Macaafa Qulqulluu Balbala Durattiifi Bilbilaan Godhaman Guddina Akka Argisiisan Gargaaruu.” Qayyabannaa balbala duratti godhamaa ture gara mana keessaatti jijjiiruuf babal’isaan tokko maal jechuu akka danda’u argisiisuuf, hojiin argisiisni gabaabaan akka dhihaatu godhi.
Faarfannaa 70 (162) fi kadhannaa xumuraa.
Torban Ebla 24 Jalqabu
Faarfannaa 61 (144)
Daq. 10: Beeksisa gumii. Gabaasa herregaafi buusii gumichi godheef xalayaa waajjirri damee barreesse dubbisi. Ji’a Caamsaatti Masaraa Eegumsaafi Dammaqaa! raabsuun keenya itti fufa. Akkaataawwan dhiheenyaa ful. 8rra jiranitti, ykn naannoo keessaniif hojjetan kan birootti fayyadamuudhaan, Masaraan Eegumsaa Guraandhala 15fi Bitootessa 1 akkamitti akka raabsaman kan argisiisu hojiin argisiisni akka dhihaatu godhi. Hojiin argisiisichatti aansuudhaan, matadureewwan barruu sanarra jiran biroo xiyyeeffannaa namoota naannoo sanaa harkisan dubbadhu.
Daq. 12: Ammayyuu Dhimmawwan Biyya Lafaa Kan To’atu Waaqayyodhaa? Duuba Masaraa Eegumsaa Ebla 1, 2006rratti hundaa’ee haasawaafi hojiin agarsiisaan kan dhihaatu. Carraa argattan hundumaatti fayyadamuudhaan haasawaa sabaa addaa kanarratti akka argamaniif namoota afeeraa. Namoota Macaafa Qulqulluu qayyabatan, akkasumas miseensota maatiisaanii afeeruu hin dagatinaa. Namoota fedhii qabaniifi warra tajaajilarratti haasofsiifne kaan haa afeerru. Nama karaa hafuuraa dadhabe ykn walga’iirratti argamuu dhaabe, Masaraa Eegumsaa Ebla 1 2006tti fayyadamuun akkamitti afeeruun akka danda’amu kan argisiisu hojiin argisiisni akka dhihaatu godhi.
Daq. 23: Karaawwan Misiraachicha Ittiin Lallabnu. Kitaaba Saba Fedha Yihowaa Raawwachuuf Gurmaa’e jedhamu ful. 92-95rratti hundaa’ee mareedhaan kan dhihaatu.
Faarfannaa 85 (191) fi kadhannaa xumuraa.
Torban Caamsaa 1 Jalqabu
Faarfannaa 93 (211)
Daq. 10: Beeksisa gumii. Babal’istoonni gabaasa tajaajilaa ji’a Eblaa akka deebisan yaadachiisi. Mataduree “Namni Qayyabachuu Barbaadu Kan Biraa Jiraachuusaa Nama Qayyabsiistu Ni Gaafattaa?” jedhuun saanduqa ful. 4rra jirurratti mari’adhaa.
Daq. 15: “Ilaalaa Haasofsiisuudhaan Namootaaf Akka Yaaddan Agarsiisaa.” Babal’isaan tokko bakka namoonni baay’atanii jiranitti, nama tokko ija keessa ilaaluudhaan utuu lallabuu kan argisiisu hojiin argisiisni gabaabaan akka dhihaatu godhi.
Daq. 20: Hojii Yihowaarratti Xiinxalaa. (Far. 77:12) Kitaaba Waggaa bara 2006rratti hundaa’ee haasawaafi maree dhaggeeffattootaa wajjin godhamuun kan dhihaatu. Yaada xalayaa Qaama Olaanaarraa ergameefi nama jajjabeessurratti xiyyeeffadhu. (ful. 3-5) Mataduree xiqqaa “Macaafa Qulqulluu Hiikuu” jedhurratti mari’adhaa. (ful. 10-11) Yaadawwaniifi muuxannoowwan bara darbee itti dabaluudhaan dhiheessi. (ful. 6-64) Dhaggeeffattoonni Kitaaba Waggaa 2006 dubbisuudhaan muuxannoo isaan gammachiise akka dubbataniif afeeri. Hundumtuu kitaaba kanatti fayyadamuudhaan namoota Macaafa Qulqulluu qayyabsiisan dinqisiifannaa jaarmiyaa Yihowaatiif qaban akka guddisaniif jajjabeessi.
Faarfannaa 37 (82) fi kadhannaa xumuraa.
[Miiljaleewwan]
Yaada seensaa daqiiqaa tokko hin guunneen erga jalqabdee booda, gaaffiifi deebiidhaan dhiheessi.