LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • ijwbq mataduree 149
  • ‘Qooda Ijaa Ija’ Jechuun Maal Jechuu Dha?

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • ‘Qooda Ijaa Ija’ Jechuun Maal Jechuu Dha?
  • Deebii Gaaffii Kitaaba Qulqulluu
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Deebii Kitaaba Qulqulluu
  • Kaayyoon seera ‘qooda ijaa ija’ jedhuu maali dha?
  • Seerri ‘qooda ijaa ija’ jedhu Kiristiyaanotaaf ni hojjetaa?
  • Ilaalcha dogoggoraa seera ‘qooda ijaa ija’ jedhu ilaalchisee jiru
  • Ija Fayyaa Qabaadhaa
    Tajaajila Mootummaa—2004
  • Ilaalaa Haasofsiisuudhaan Namootaaf Akka Yaaddan Agarsiisaa
    Tajaajila Mootummaa—2006
  • Irra Deebii Walga’ii Addaa
    Tajaajila Mootummaa—2005
  • Iji Keessan Fayyaadhaa?
    Tajaajila Mootummaa—2010
Deebii Gaaffii Kitaaba Qulqulluu
ijwbq mataduree 149
Ija namaa

‘Qooda Ijaa Ija’ Jechuun Maal Jechuu Dha?

Deebii Kitaaba Qulqulluu

Seerri ‘qooda ijaa ija’ jedhu seera Waaqayyo karaa Musee Israaʼelootaaf kenne keessaa tokko siʼa taʼu, Yesuus Lallaba isaa isa Gaaraa irratti caqase ture. (Maatewos 5:38, hiika bara 1997; Baʼuu 21:24, 25; Keessa Deebii 19:21) Seerri kun namni yakka raawwate yommuu adabamu adabni isaa yakka raawwate sanaa wajjin kan wal gitu taʼuu akka qabu argisiisa.a

Seerri kun nama taʼe jedhee miidhaa nama irraan geessise tokko irratti murtii kennuuf gargaara. Nama taʼe jedhee yakka raawwate ilaalchisee seerri Musee akkas jedha: “Bakka cabaa caba, bakka ijaa ija, bakka ilkaanii ilkaan gochuudhaan miidhaan isa inni geessisee wajjin wal fakkaatu isa irrattis haa raawwatamu.”—Leewwota 24:20.

  • Kaayyoon seera ‘qooda ijaa ija’ jedhuu maali dha?

  • Seerri ‘qooda ijaa ija’ jedhu Kiristiyaanotaaf ni hojjetaa?

  • Yaada dogoggoraa seera ‘qooda ijaa ija’ jedhu ilaalchisee jiru

  • Yesuus yaada dogoggoraa kana sirreesseera

Kaayyoon seera ‘qooda ijaa ija’ jedhuu maali dha?

Seerri ‘qooda ijaa ija’ jedhu namni tokko haqa argachuuf ofuma isaatiin haaloo akka baʼu kan heyyamu miti. Kanaa mannaa, abbootiin murtii muudaman garmalee utuu hin cimsiin ykn hin laaffisin adaba sirrii akka kennan isaan gargaara.

Dabalataanis seerri kun namni tokko taʼe jedhee ykn karoorfatee nama akka hin miine dhowwuuf gargaara. Akkas jedha: “Warri hafanis [namoonni haqni Waaqayyo yommuu raawwatamu argan] kana dhagaʼanii ni sodaatu; isaan sana booda wanta hamaa akkanaa matumaa si gidduutti hin raawwatan.”—Keessa Deebii 19:20.

Seerri ‘qooda ijaa ija’ jedhu Kiristiyaanotaaf ni hojjetaa?

Lakki, Kiristiyaanonni seera kana jala hin jiran. Seerri kun seera Musee isa duʼa aarsaa Yesuusiin hambifame keessaa tokko dha.—Roomaa 10:4.

Taʼus, seerri kun yaada Waaqayyoo gadi fageenyaan hubachuuf nu gargaara. Fakkeenyaaf Waaqayyo haqaaf iddoo guddaa akka kennu nu hubachiisa. (Faarfannaa 89:14) Dabalataanis haqa isaa, jechuunis namni balleessaa raawwate adabamu kan qabu ‘hamma isaaf malu’ qofa taʼuu akka qabu argisiisa.—Ermiyaas 30:11.

Ilaalcha dogoggoraa seera ‘qooda ijaa ija’ jedhu ilaalchisee jiru

Ilaalcha dogoggoraa: Seerri ‘qooda ijaa ija’ jedhu baayʼee hamaa dha.

Dhugaa jiru: Seerri kun haqa gara jabinaan raawwachuu kan heyyamu miti. Kanaa mannaa, sirriitti yeroo itti hojjetamu, abbootiin murtii gaʼumsa qaban haala isaa fi gochi sun taʼe jedhee raawwatamuu fi dhiisuu isaa erga qoratanii booda adaba balleessaa sanaa wajjin wal gitu akka kennan gargaaruuf yaadame kan kennamee dha. (Baʼuu 21:28-30; Lakkoofsa 35:22-25) Kanaafuu seerri ‘qooda ijaa ija’ jedhu adaba keessa baʼaa taʼe hambisuuf gargaara.

Ilaalcha dogoggoraa: Seerri ‘qooda ijaa ija’ jedhu haaloo baʼuu wal irraa hin cinne heyyama.

Dhugaa jiru: Seerri Musee ofuma isaatii iyyuu akkas jedha: “Ilmaan saba keetii irratti haaloo hin baʼin yookiin haaloo itti hin qabatin.” (Leewwota 19:18) Seerichi namni tokko dhuunfaatti haaloo akka baʼu jajjabeessuu mannaa, namoonni Waaqayyoo fi sirna seeraa dogoggora raawwatame sirreessuuf inni godhetti akka amanan jajjabeessa.—Keessa Deebii 32:35.

Yesuus yaada dogoggoraa kana sirreesseera

Yesuus namoonni tokko tokko seera ‘qooda ijaa ija’ jedhu karaa dogoggora taʼeen akka hiikan beeka ture. Kanaafuu, “‘Bakka ijaa ija, bakka ilkaanii ilkaan’ akka jedhame dhageessaniittu. Ani garuu isiniin nan jedha, nama hamaa taʼe hin mormin; kanaa mannaa, nama maddii kee isa mirgaa kabalu kamiif iyyuu maddii kee isa bitaas itti qabi” jedhee isaan sirreesseera.—Maatewos 5:38, 39.

Yesuus “akka jedhamee dhageessaniittu” akka jedhe hubadhu. Haala isaa irraa hubachuun akka dandaʼamutti Yesuus waaʼee geggeessitoota amantii Yihudii haaloo baʼuun sirrii akka taʼe barsiisanii dubbachaa ture. Hayyuun Kitaaba Qulqulluu Addaam Kilaarki jedhamu akkas jedheera: ‘Yihudoonni seera ‘qooda ijaa ija’ jedhu namni tokko dhuunfaatti haaloo qabachuu fi haaloo baʼuun sirrii akka taʼe argisiisuuf waan itti fayyadaman fakkaata.’ Geggeessitoonni kun haaloo baʼuu jajjabeessuudhaan kaayyoo seera Waaqayyoo jallisaniiru.—Maarqos 7:13.

Faallaa kanaatiin, Yesuus seerri Waaqayyoo jaalala irratti akka hundaaʼe ibseera. Akkas jedheera: “‘Waaqa kee Yihowaa  . . jaalladhu.’ Kun ajaja isa hunda irra caaluu fi isa duraa ti. Ajajni inni lammataas kanaa wajjin wal fakkaata; innis, ‘Nama akka ofii keetti jaalladhu’ jedha. Guutummaan Seerichaa fi Raajonni ajaja lamaan kana irratti kan hundaaʼani dha.” (Maatewos 22:37-40) Yesuus duuka buutota isaa warra dhugaa adda baasee kan beeksisu haaloo baʼuu utuu hin taʼin, jaalala akka taʼe barsiiseera.—Yohaannis 13:34, 35.

a Seerri kun yeroo tokko tokko afaan Laatiiniin leks taaliʼoniis kan jedhamu siʼa taʼu, seera biyyoota bara durii tokko tokko keessattis ni argama ture.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi