Iji Keessan Fayyaadhaa?
1. ‘Ija fayyaa’ qabaachuu jechuun maal jechuudha?
1 Wanti iji keenya irratti xiyyeeffatu, gocha keenyarratti jijjiirama fida. Yesus, “Iji kee fayyaa guutuu yoo ta’e, dhagni kee hundinuu ifaa in ta’a”! jechuunsaa dhugaa ture. (Mat. 6:22) Iji keenya karaa hafuuraa “fayyaa” yoo ta’e, waan tokko qofarratti jechuunis fedha Waaqayyoo raawwachuu qofarratti xiyyeeffata. Mootummichaaf dursa ni kennina; akkasumas wantoota barbaachisaa hin taaneen ykn sochiiwwan tajaajila keenya nu jalaa gufachiisaniin yaanni keenya hin hihhiramu.
2. Wanta akkamiitu ilaalcha keenya mancaasuu danda’a? Garuummoo maaltu nu gargaara?
2 Faayidaa Of Qoruu: Beeksisni sabqunnamtii ykn wanti warri kaan qaban, ilaalcha wanta nu barbaachisu ilaalchisee qabnu nu jalaa mancaasuu danda’a. Hojii ykn daldala yeroo, qarshii ykn humna baay’ee gaafatu jalqabuu keenya dura, ‘Wanti kun tajaajilan Yihowaadhaaf dhiheessu naa fooyyessamoo na jalaa hir’isa?’ jennee of gaafachuudhaan ‘shallaguun’ gaariidha. (Luq. 14:28; Filp. 1:9-11) Kana malees, hirmaannaa tajaajilarratti goonu dabaluuf akkamitti caalaatti jireenya keenya salphisuu akka dandeenyu yeroo yeroodhaan yaaduun barbaachisaadha.—2 Qor. 13:5; Efe. 5:10.
3. Obboleettii jireenyashee salphaa gochuuf jijjiiramaa goote tokkorraa maal baranna?
3 Obboleettiin tokko qajeelchaa yeroo taatu, guyyaa walakkaa hojjechuudhaan qarshii ga’aa wanta ishee barbaachisuuf ishee ga’u argachuu kan dandeessu ta’us, guyyaa guutuu hojjechuushee ittuma fufte. Yeroo booda garuu murtoo akkas jedhurra geesse: “Eenyuyyuu gooftolii lama tajaajiluu hin danda’u. Wanta na barbaachisu gochuuf, wantan barbaadu aarsaa gochuun na barbaachisa ture. Wantoonni ani argachuu barbaadu ni dulloomu; wantoota kana argachuuf yoon dhama’es ofan dadhabsa.” Haallishee, jireenyashee salphaa gochuufi hojii geddarachuuf kan isheedhaa heyyame ennaa ta’u, kunis qajeelchaa taatee itti fufuuf ishee gargaareera.
4. Yeroo ammaatti ija fayyaa qabaachuun keenya ariifachiisaa kan ta’e maaliifi?
4 Yeroon keenya ariifachiisaa waan ta’eef, jireenya salphaa jiraachuun keenya caalaatti barbaachisaadha. Guyyaan darbe hundi, dhuma sirna hamaa kanaafi jalqaba addunyaa haaraa Waaqayyo qopheesseetti guyyaa tokko nu dhiheessa. (1 Qor. 7:29, 31) Hojii lallabaarratti xiyyeeffachuudhaan, ofis ta’e namoota nu dhaggeeffatan oolchuu dandeenya.—1 Xim. 4:16.