Irra Deebii Walga’ii Addaa
Kutaan kun, gumiiwwan walga’ii addaa 2006 gochuusaanii duraafi erga godhanii booddee xinnoo turee Walga’ii Tajaajilaarratti dhihaata. Sassaabaan ilaaltuu olaanaa, akkuma Tajaajila Mootummaa Hagayya 2004, fuula 4rratti ibsametti, qabiyyeen walga’ichaa dursamee akka ilaalamuufi walga’icha booda irra deebiin akka godhamu qophii godha. Yeroo irra deebichi godhamutti, gaaffiiwwan hundumtuu gaafatamuu qabu; irra deebichis barumsa arganne hojiirra oolchuu haala itti dandeenyurratti kan xiyyeeffate ta’uu qaba.
SAGANTAA GANAMAA
1. Ija keenya fayyaa gochuu jechuun maal jechuudha? Kunoo yeroo har’aatti rakkisaa kan ta’e maaliifi? (“Ija Fayyaa Qabaachuu kan Qabdan Maaliifi?”)
2. Ija fayyaa qabaachuudhaan kan fayyadamnu akkamitti? (“Eebbawwan Ija Fayyaa Qabaachuudhaan Argaman Argadhaa”)
3. Sochiiwwan kan baramanidha jedhaman balaa akkamii geessisu? (“Addunyaa Hammeenyaan Guutame Kana Keessatti Ija Fayyaa Qabaachuu”)
SAGANTAA WAAREE BOODAA
4. Warris ta’an obboloonni kaan, dargaggoonni galma hafuuraa akka hordofan jajjabeessuu kan danda’an akkamitti? (“Warra Xiyyasaanii Sirriitti Darbatan” akkasumas “Dargaggoota Galma Hafuuraa Bira Ga’uuf Carraaqan”)
5. (a) Dhuunfaadhaan, (b) maatiidhaan, akkasumas (c) gumiidhaan jaarmiyaa Yihowaa wajjin gara fulduraatti adeemuu kan dandeenyu akkamitti? (“Jaarmiyaa Yihowaa Wajjin Gara Fulduraa Adeemuurratti Xiyyeeffadhaa”)