Birooshuura Dammaqinaan Eegaa! Jedhamu Qayyabachuu
Gumiiwwan addunyaa maratti argaman Qayyabannaa Kitaabaa Gumiirratti birooshuura Dammaqinaan Eegaa! jedhamu akka qayyabatan qophiin godhameera. Yeroo qophooftanis ta’e yeroo qayyabannaa kana geggeessitanitti gaaffiiwwan kanaa gadi jiranitti gargaaramaa. Yeroo qayyabannicha geggeessitan, birooshuuricha akkasumas yeroo qabaannaan caqasawwan yaadisaanii hin kaa’amne dubbisaa.
Torban Onkoloolessa 24
◼ Ful. 3-4: Wantoota asirratti caqasaman keessaa caalaatti jireenyakee kan tuqe kami? Wantoonni kun naannookee qofatti kan raawwataman akka hin taane akka hubattu kan si godhe maalidha?
◼ Ful. 5: Waaqayyo dhugumaan akka sii yaadu kan si amansiise maalidha? Waa’ee Waaqayyoofi waa’ee hojiisaa hangam akka yaannu kan argisiisu maalidha?
◼ Ful. 6-8: Maatewos 24:1-8, 14 haalawwan bara ammaa jiran ilaalchisee maal jedha? Akkuma 2 Ximotewos 3:1-5rratti ibsametti yeroo akkamii keessa jirra? Guyyoota gara dhumaa maaliiti? Macaafni Qulqulluun dhugumaan Sagalee Waaqayyoo ta’uusaa kan si amansiise maalidha? Waa’ee Mootummaa isa kamii lallabna?
◼ Ful. 9-10: Murtoowwan guyyaa guyyaatti goonuufi wantoota jireenya keenya keessatti dursa kenninuuf ilaalchisee of eeggannoodhaan yaaduu kan qabnu maaliifi? (Rom. 2:6; Gal. 6:7) Gaaffiiwwan fuula 10rra jiran irratti yeroo yaaddu, caqasawwan kamfaa yaadatta?
Torban Onkoloolessa 31
◼ Ful. 11: Gaaffiiwwan fuula kanarra jiran dhuunfaadhaan qoruun kan nu barbaachisu maaliifi? (1 Qor. 10:12; Efe. 6:10-18) Deebiin gaaffiiwwan kanaaf deebisnu gorsa Yesus Maatewos 24:44rratti kenne jabeessinee akka ilaalluufi akka hin ilaalle kan argisiisu akkamitti?
◼ Ful. 12-14: “Yeroon firdii” Mul’ata 14:6, 7rratti caqasame maalidha? ‘Waaqayyoon sodaachuufi ulfina kennuufii’ jechuun maal jechuudha? Baabilon Guddittiin eenyudha? Isheenoo maal taati? Baabilon Guddittii ilaalchisee amma tarkaanfii akkamii fudhachuu qabna? Yeroon firdii dubbatame kun maalis kan dabalatudha? ‘Guyyaafi yeroo’ firdii Waaqayyoo wallaaluun keenya nurratti dhibbaa maalii geessisa? (Mat. 25:13)
◼ Ful. 15: Gaaffiin olaantummaarratti ka’e maalidha? Dhuunfaadhaanhoo kan nu tuqu akkamitti?
◼ Ful. 16-19: “Bantiiwwan waaqaa haaraa” akkasumas “lafti haaraa” kan jedhaman maalidha? (2 Phe. 3:13) Abdiiwwan kana kan kenne eenyudha? Bantiiwwan waaqaa haaraafi lafti haaraan jijjiirama akkami fidu? Eebbawwan kanarraa dhuunfaadhaan fayyadamuu ni dandeenyaa?
Torban Sadaasa 7
◼ Ful. 20-21: Yesus duuka buutotasaa jaarraa jalqabaatti turan baqachuu ilaalchisee akeekkachiisa akkamii kenneef? (Luq. 21:20, 21) Baqachuu kan danda’an yoom ture? Utuu hin turin baqachuun ariifachiisaa kan ture maaliifi? (Mat. 24:16-18, 21) Namoonni baay’een akeekkachiisa kan dagatan maaliifi? Chaayinaafi Filiippiins keessatti namoonni kumaan lakkaa’aman akeekkachiisa amansiisaa isaaniif kenname fudhachuusaaniitiin kan fayyadaman akkamitti? Badiisa sirna kanaa ilaalchisee akeekkachiisa Macaafni Qulqulluun kennu fudhachuun keenya caalaatti ariifachiisaa kan ta’e maaliifi? Ilaalchi nuti namoota kaan akeekkachiisuuf qabnu itti gaafatamummaa akkamii nutti fida? (Fak. 24:11, 12)
◼ Ful. 22-23: Biyya Awustiraaliyaatti bara 1974fi biyya Kolombiyaatti bara 1985 namoonni baay’een balaa dhufu ilaalchisee akeekkachiisa kenname akka salphaatti kan ilaalan maaliifi? Bu’aansaahoo maal ture? Ati utuu achi jirta ta’e tarkaanfii akkamii fudhatta turte? Maaliifi? Bara Nohitti utuu jiraanneerra ta’ee, akeekkachiisa kennamu dhaggeeffachuufi dhiisuu keenya kan argisiisu maal ta’uu danda’a? Namoonni Sodoom duriifi naannooshee turan achi jiraachuu kan barbaadan maaliifi? Badiisa Sodoomirra ga’erratti xiinxaluun keenya kan nu fayyadu akkamitti?
Torban Sadaasa 14
◼ Ful. 24-27: “Gaaffiiwwan” Ful. 27rra jiraniin gargaaramaa.
Torban Sadaasa 21
◼ Ful. 28-31: “Gaaffiiwwan” Ful. 31rra jiraniin gargaaramaa.
Birooshuura kana qayyabachuun keenya akka ‘dammaqnuufi’ yeroo hundaa qophaa’oo akka taanuuf nu gargaara. Yeroo hundumaa akkaataan tajaajila keenyaa labsiin ergamaan tokko akkas jechuudhaan labse ariifachiisaa ta’uusaa kan argisiisu haa ta’u: “Yeroon firdii isaa waan ga’eef, Waaqayyoon sodaadhaa, ulfinas kennaaf!”—Mat. 24:42, 44; Mul. 14:7.