LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • km 10/05 ful. 3-8
  • Sagantaa Mana Barumsaa Tajaajila Ti’ookraasii 2006

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Sagantaa Mana Barumsaa Tajaajila Ti’ookraasii 2006
  • Tajaajila Mootummaa—2005
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Qajeelfama
  • SAGANTAA
Tajaajila Mootummaa—2005
km 10/05 ful. 3-8

Sagantaa Mana Barumsaa Tajaajila Ti’ookraasii 2006

Qajeelfama

Kutaawwan Mana Barumsaa Tajaajila Ti’ookraasii 2006 akka kanaa gadiitti dhihaatu.

BURQAA BARUMSICHAA: Macaafa Qulqulluu afaan Oromoo [bara 1997], Masaraa Eegumsaa [w], Leenjii Mana Barumsaa Tajaajila Ti’ookraasiitti Kennamurraa Fayyadami [be], ‘Caaffanni Qulqullaa’aan Hundinuu Geggeessaa Hafuura Waaqayyootiin Kan Caafameefi Kan Dhimma Baasudha’ (Maxxansa 1990) [si], Caaffata Qulqullaa’aarraa Ragaa Dhiheessuu (Maxxansa 1989) [rs].

Manni barumsichaa, SA’AATIISAATTI Faarfannaa, kadhannaafi nagaa dhiheessuudhaan jalqabamee akka kanaa gadiitti itti fufa:

AMALA H: Daq. 5. Amalli haasawaa kun kitaaba Mana Barumsaa Tajaajila Ti’ookraasiirratti hundaa’uudhaan, ilaaltuu olaanaa mana barumsichaatiin, gargaaraasaatiin ykn jaarsa dandeettii qabuun dhihaata. (Bakka gumiiwwan jaarsoliin muraasni jiranitti, tajaajiltoonni gumii dandeettii qaban kuticha dhiheessuu danda’u.)

KUTAA LAK. 1: Daq. 10. Kutaan kun, Masaraa Eegumsaa, kitaaba Mana Barumsaa Tajaajila Ti’ookraasii, ykn ‘Caaffanni Qulqullaa’aan Hundinuu Geggeessaa Hafuura Waaqayyootiin Kan Caafameefi Kan Dhimma Baasudha’ jedhamanirraa jaarsaan ykn tajaajilaa gumiitiin dhihaata. Kutichi haasawaa qajeelfamaa ta’ee daqiiqaa 10f kan dhihaatu yommuu ta’u, gaaffii irra deebii hin qabu. Kaayyoonsaa kutaa sana dhiheessu qofa utuu hin ta’in, faayidaa barumsichaarratti xiyyeefatee yaada gumicha gargaaru kan addeessuu ta’uu qaba. Mataduree saganticharratti kennameen gargaaramuun barbaachisaadha. Obboloonni kutaa kana dhiheessan yeroo isaaniif kennametti xumuruu qabu. Yoo barbaachise dhuunfaatti gorsi kennamuufii ni danda’ama.

YAADA IJOO DUBBISA M.Q: Daq. 10. Jaarsi ykn tajaajilaan gumii dandeetti qabu, kuticha akka gumichaaf barbaachisutti daqiiqaa shaniif dhiheessa. Dubbisa Macaafa Qulqulluu torban sanaarraa boqonnaafi lakkoofsa barbaaderratti yaada kennuu danda’a. Kutichi boqonnaawwan torban sanaaf kennamanirra deebi’uudhaan qofa dhihaachuu hin qabu. Kaayyoonsaa inni guddaan dhaggeeffattoonni barumsi dhihaatu akkamittiifi maaliif akka fayyadu akka hubatan gargaaruudha. Obboleessi kutaa kana dhiheessu daqiiqaa shan caalaa fudhachuu hin qabu. Daqiiqaan shanan hafan hirmaannaa dhaggeeffattootaatiif kan ramadamanidha. Isaanis, dubbisa Macaafa Qulqulluu sanaarraa waan isaan tuqeefi bu’a qabeessa ta’ee argatanirratti (sekoondii 30 ykn yeroo isaa gadi ta’eef) yaada gabaabaa akka kennaniif afeeramu. Achiis ilaaltuun olaanaa mana barumsichaa barattoonni galma lammaffaatti kutaa dhiheessan deemuu akka danda’an ibsa.

KUTAA LAK. 2: Daq. 4 ykn isaa gadi. Kutaa kana obboleessa tokkotu dubbisaan dhiheessa. Baratichi yaada seensaa ykn xumuraa utuu hin kennin dubbisuu qofaan kutaa kana dhiheessa. Dubbisi Macaafa Faarfannaarraa yoo kennameef garuu matadureesaa dubbisuu qaba. Ilaaltuun olaanaa mana barumsichaa, keessumaa barattoonni hubannaadhaan, jechoota furtuu ta’an jabeessuudhaan, sagalee gegeeddaruudhaan, bakka barbaachisaa ta’eetti dhaabachuufi akkaataa haasaa uumamaatiin akka dubbisaniif isaan gargaara.

KUTAA LAK. 3: Daq. 5. Kutaan kun obboleettii tokkoof kennama. Barattoonni kutaan kun kennamuuf, yoomessoota kitaaba Mana Barumsaa Tajaajila Ti’ookraasii ful. 82⁠rraa tokko filatu, ykn ilaaltuu olaanaa mana barumsichaatiin kennamaaf. Barattuun kun mataduree kennameen gargaaramuufi haala naannoo tajaajilaa gumichaa wajjin wal simuun dhiheessuu qabdi. Matadureensaa qofaan yommuu kennamutti, barreeffamawwan hojjetaan amanamaafi ogeessi qopheesserraa qorannaa gootee yaadawwan kutaa sanaaf ta’an argachuu qabdi. Kutaan matadureensaa qofti kenname barattoota haaraadhaaf kennamuu hin qabu. Ilaaltuun olaanaa mana barumsichaa, mataduree kennameef akkamitti akka dhiheessituufi, abbaan manichaa hiika caqasawwaniifi yaada kutichaa akka hubatuuf haala itti gargaartu arguu barbaada. Ilaaltuun olaanaa mana barumsichaa gargaartuu tokko ramadaaf.

KUTAA LAK. 4: Daq. 5. Baratichi mataduree kennameef gabbifachuu qaba. Yeroo matadureensaa qofti kennamutti, barreeffamawwan hojjetaa amanamaafi ogeessaan qophaa’anirratti qo’annaa godhee qabxiiwwan kutaa sana gabbisan walitti qabachuu qaba. Kutaan kun obboleessa tokkoof yeroo kennamutti, dhaggeeffattoota Galma Mootummaa keessa jiran yaadatti qabachuudhaan haasawaadhaan dhiheessa. Yoo obboleettii tokkoof kenname garuu, akka qajeelfama Kutaa Lak. 3f kennametti dhihaachuu qaba. Ilaaltuun olaanaa mana barumsichaa, yeroo barbaachisaa ta’etti Kutaa Lak. 4 obboleessa dhiheessuu danda’uu tokkoof kenna. Kutaawwan mallattoon urjii irratti godhaman haasawaan dhihaachuu waan qabaniif obboloota dhiiraaf qofa kennama.

YEROO EEGUU: Kan kutaa dhiheessus ta’e kan gorsa kennu sa’aatii ramadameef dabarsuu hin qabu. Obboloonni Kutaawwan Lak. 2 hanga 4ritti dhiheessan, yoo sa’aatii dabarsan malaan akka dhaaban taasifamuu qaba. Obboloonni, Amala Haasawaa, Kutaa Lak. 1 ykn yaada ijoo dubbisa Macaafa Qulqulluu dhiheessan sa’aatii yoo dabarsan dhuunfaatti gorsi kennamuufii qaba. Hundisaanii sa’aatiisaanii sirriitti eeguu qabu. Faarfannaafi kadhannaa utuu hin dabalatin, guutummaan sagantichaa daqiiqaa 45⁠tti xumurama.

GORSA: Daq. 1. Ilaaltuun olaanaa mana barumsichaa, tokkoon tokkoon haasawaa barataa booda, kutaa dhihaate keessaa yaada nama jajjabeessu irra deebi’uuf daqiiqaa tokko caalaa fudhachuu hin qabu. Kaayyoonsaa, halli kutichi itti dhihaate “gaariidha” jechuu qofaa utuu hin ta’in, sababii gaarii itti ta’e dubbachuu qaba. Akka baratichaaf barbaachisutti gorsi dabalataa walga’ii booda ykn yeroo garabiraa dhuunfaatti kennamuufii danda’a.

GARGAARAA GORSA KENNAA: Qaamni jaarsolii, ilaaltuu olaanaa mana barumsichaatiin alatti jaarsa dandeettii qabuufi gargaaraa gorsa kennaa ta’u tokko filachuu danda’a. Jaarsolii baay’een gumii keessa yoo jiraatan, waggaa waggaadhaan jaarsoliin dandeettii qaban wal jijjiiranii hojjechuu danda’u. Itti gaafatamni gargaaraa gorsa kennaa, yeroo barbaachisaa ta’etti obboloota Kutaa Lak. 1fi yaada ijoo dubbisa Macaafa Qulqulluu dhiheessaniif dhuunfaatti gorsa kennuudha. Kana jechuun garuu, jaarsoliifi tajaajiltootaaf yeruma haasawaa dhiheessan hundaatti gorsa kennaaf jechuu miti.

FOORMIIN QABXIIWWAN GORSIRRATTI KENNAMU: Kitaaba sana keessatti argama.

IRRA DEEBII: Daq. 30. Ji’a lama lamatti, ilaaltuun olaanaa mana barumsichaa irra deebicha geggeessa. Irra deebichi kan godhamu, amalli haasawaafi yaanni ijoo dubbisa Macaafa Qulqulluu erga dhihaatee boodadha. Irra deebiin kun, torban irra deebichi itti dhihaatu dabalatee, barumsawwan ji’oottan lamaan darban dhihaatanirratti kan hundaa’edha. Gumiiwwan torban irra deebiin kun godhamutti walga’ii aanaa qaban (sagantaa torban sanaaf ba’ee wajjin) torban tokko dursanii fudhachuu danda’u. Ilaaltuun olaanaa aanaa kan gumii keessan daawwatu yoo ta’es, Far.n, amalli haasawaafi yaanni ijoo Macaafa Qulqulluu akkuma sagantaan ba’eefitti dhihaata. Haasawaan qajeelfamaa (Amala Haasawaa booda kan dhihaatu) torban itti aanutti godhama. Erga irra deebiin godhamee booda, amalli haasawaafi yaanni ijoo dubbisa Macaafa Qulqulluu akkuma sagantaasaatti Mana Barumsaa Tajaajila Ti’ookraasii torban itti aanutti dabarfama.

SAGANTAA

Ama. 2 Dubbisa M.Q: 2 Seenaa 29-32 Far. 34 (77)

Amala H: Leenjii Mana Barumsaa Tajaajila Ti’ookraasiirraa Guutummaatti Fayyadami (be ful. 5 key. 1–ful. 8 key. 1)

Lak. 1: Sagalee Waaqayyoo Dubbisuudhaan Gammadi (be ful. 9 Key. 1-5)

Lak. 2: 2 Seenaa 30:1-12

Lak. 3: Kiristiyaanonni Dhugaan dubbii gurra namaatti hin tolle dubbachuurraa kan Fagaatan Maaliifi?

Lak. 4: Cubbuun Walitti Dhufeenya Yihowaa Wajjin Qabnu kan Tuqu Akkamitti? (rs ful. 373 key. 1-4)

Ama. 9 Dubbisa M.Q: 2 Seenaa 33-36 Far. 61 (144)

Amala H: Dubbisa Ifa Ta’e (be ful. 83 key.1-ful. 84 key. 1)

Lak. 1: Faayidaa Macaafa 2 Seenaa (si ful. 84 key. 34-36)

Lak. 2: 2 Seenaa 34:1-11

Lak. 3: Macaafni Qulqulluun Lubbuu Ilaalchisee Maal Jedha? (rs ful. 374 key 1–ful. 375 key. 1)

Lak. 4: Qajeelfama Macaafa Qulqulluu Hordofuukeetti Matumaa hin Yeella’in

Ama. 16 Dubbisa M.Q: Izraa 1-5 Far. 87 (195)

Amala H: Sirriitti Dubbisuun kan Danda’amu Akkamitti? (be ful. 84 key. 2–ful. 85 key. 3)

Lak. 1: Qabiyyee Macaafa Izraa (si ful. 85 key. 1-7)

Lak. 2: Izraa 1:1-11

Lak. 3: Faayidaawwan Yaada Garaa Qullaa’aarra Argaman

Lak. 4: Bineensonni Lubbuudha (rs ful. 375 key. 2–ful. 376 key. 2)

Ama. 23 Dubbisa M.Q: Izraa 6-10 Far. 45 (106)

Amala H: Jechoota Ifa Godhanii Dubbachuu (be ful. 86 key. 1-6)

Lak. 1: Faayidaa Macaafa Izraa (si ful. 87 key. 14-18)

Lak. 2: Izraa 6:1-12

Lak. 3: Du’a Booda Lubbuunis Ta’e Hafuurri Hin Jiraatan (rs ful. 376 key. 3–ful. 378 key. 4)

Lak. 4: Waaqayyo Gaa’elaaf Ilaalcha Akkamii Qaba?

Ama. 30 Dubbisa M.Q: Nahimiyaa 1-4 Far. 94 (212)

Amala H: Ifa Godhanii Dubbachuu kan Danda’amu Akkamitti? (be ful. 87 key. 1–ful. 88 key. 3)

Lak. 1: Qabiyyee Macaafa Nahimiyaa (si ful. 88 key. 1-5)

Lak. 2: Nahimiyaa 2:1-10

Lak. 3: Eegumsa Baay’ee Barbaachisaa Ta’e

Lak. 4: Hafuurri Qulqulluun Maalidha? (rs ful. 379 key. 1-3)

Gur. 6 Dubbisa M.Q: Nahimiyaa 5-8 Far. 18 (42)

Amala H: Jechoota Sirritti Dubbisuu—Wantoota Tilmaama Keessa Galuu Qaban (be ful. 89 key. 1–ful. 90 key. 2)

Lak. 1: Macaafa Qulqulluu Guyyaa Guyyaan Dubbisi (be ful. 10 key.1–ful. 12 key. 3)

Lak. 2: Nahimiyaa 5:1-13

Lak. 3: Namni Tokko Hafuura Qulqulluu Qabaachuusaa kan Argisiisu Maalinni? (rs ful. 380 key. 1-4)

Lak. 4: “Yaada Kee Ba’eessa Godhii Eeggadhu!” (Fak. 4:23)

Gur. 13 Dubbisa M.Q: Nahimiyaa 9-11 Far. 71 (163)

Amala H: Karaawwan Haala Dubbisaa Keenya Itti Fooyyeffachuu Dandeenyu (be ful. 90 key. 3–ful. 91 key. 4)

Lak. 1: Waraana Mannaa Nagaa Barachuu (w04 1/1 ful. 6 key. 8–ful. 7 key. 5)

Lak. 2: Nahimiyaa 10:28-37

Lak. 3: Yihowaan Akka Nu Jaallatu kan Argisiisu Maalidha?

Lak. 4: Du’a Booda Hafuurri Addaan Ba’ee Jiraatu Jiraa? (rs ful. 381 key. 4–ful. 382 key. 1)

Gur. 20 Dubbisa M.Q: Nahimiyaa 12-13 Far. 76 (172)

Amala H: Haala Ifa Ta’een Haasaa Dhiheessuu (be ful. 93 key. 1–ful. 94 key. 3)

Lak. 1: Faayidaa Macaafa Nahimiyaa (si ful. 90-1 key. 16-19)

Lak. 2: Nahimiyaa 13:1-14

Lak. 3: Nama Du’ee Wajjin Haasa’uun kan Hin Danda’amne Maaliifi? (rs ful. 383 key. 1-5

Lak. 4: Taphawwan Viidiyoo Gocha Haammeenya Argisiisan Ilaaluun Kiristiyaanotaaf Ni Ta’aa?

Gur. 27 Dubbisa M.Q: Asteer 1-5 Far. 96 (215)

Amala H: Haasaa Keenya Fooyyeessuu kan Dandeenyu Akkamitti? (be ful. 94 key. 4–ful. 96 key. 2, saanduqa ful. 95⁠rraa jiru utuu hin dabalatin)

Irra Deebii

Bit. 6 Dubbisa M.Q: Asteer 6-10 Far. 56 (135)

Amala H: Rakkina Giinga’uu Mo’uu (be saanduqa ful. 95)

Lak. 1: Qabiyyeefi Faayidaa Macaafa Asteer (si ful. 91-4 key. 1-6, 16-18)

Lak. 2: Asteer 6:1-10

Lak. 3: Deebii Laafaan Dheekkamsa Qabbaneessa

Lak. 4: Kiristiyaanonni Dhugaa Hojiiwwan Hafuurota Xuraa’oorraa Fagaachuu kan Qaban Maaliifi? (rs ful. 384 key. 1–ful. 385 key. 6)

Bit. 13 Dubbisa M.Q: Iyoob 1-5 Far. 69 (160)

Amala H: Sirna Tuqaaleerrattiifi Jijjiirama Yaadaa Gochuuf Dhaabachuu (be ful. 97 key. 1–ful. 98 key. 6)

Lak. 1: Qabiyyee Macaafa Iyoob (si ful. 95-6 key. 1-6)

Lak. 2: Iyoob 2:1-13

Lak. 3: Waa’ee Humna Hafuurota Hamoo Beekuuf Hin Hawwinaa (rs ful. 385 key. 7–ful. 387 key. 1)

Lak. 4: Kiristiyaanonni Dhugaa Guungumuu kan Hin Qabne Maaliifi?

Bit. 20 Dubbisa M.Q: Iyoob 6-10 Far. 43 (98)

Amala H: Yaada Jabeessuufi Dhaggeeffachuuf Jecha Dhaabachuu (be ful. 99 key. 1–ful. 100 key. 3)

Lak. 1: Caalmaa Bu’aawwan Wantoonni Hafuuraa Qaban (w04 10/15 ful. 4 key. 2–ful. 5 key. 3)

Lak. 2: Iyoob 7:1-21

Lak. 3: Yaada Garaa Qulqulluu Qabaachuu Jechuun Maal Jechuudha?

Lak. 4: Dhiibbaa Hafuurota Hamoorraa Walaba Ta’uu kan Dandeenyu Akkamitti? (rs ful. 387 key. 2-6)

Bit. 27 Dubbisa M.Q: Iyoob 11-15 Far. 4 (8)

Amala H: Jechoota Ijoo Ta’an Jabeessuu (be ful. 101 key. 1–ful. 102 key. 3)

Lak. 1: “Akka Itti Dhageessanitti Akeekkadhaa!” (be ful. 13 key. 1–ful. 14 key. 4)

Lak. 2: Iyoob 12:1-25

Lak. 3: Fedhii Ofiitiin Geggeeffamuurraa Of Eegaa (rs ful. 388 key. 1–ful. 389 key. 1)

Lak. 4: Tajaajilli Gammachuu kan Nuuf Argamsiisu Maaliifi?

Ebl. 3 Dubbisa M.Q: Iyoob 16-20 Far. 24 (50)

Amala H: Karaawwan Dandeettiin Jechoota Ijoo Ta’an Jabeessuu Itti Fooyyessuu dandeenyu (be ful. 102 key. 4–ful. 104 key. 3)

Lak. 1: Jaalala Waaqayyoof Qabnu Argisiisuu kan Dandeenyu Akkamitti? (w04 3/1 ful. 19-21)

Lak. 2: Iyoob 16:1-22

Lak. 3: Yihowaan Akka Isa Waaqeeffataniif Namoota kan Ofitti Harkisu Akkamitti?

Lak. 4: Balaa Amalli Of Tuuluufi Ajajamuu Diduu Namarraan Ga’an (rs ful. 389 key. 2-3)

Ebl. 10 Dubbisa M.Q: Iyoob 21-27 Far. 53 (130)

Amala H: Yaadawwan Ijoo Ta’an Jabeessanii Dubbisuu (be ful. 105 key. 1–ful. 106 key. 1)

Lak. 1: Wantoota Hafuuraa Hordofuun Eebba Argamsiisa (w04 10/15 ful. 5 key. 4–ful. 7 key. 2)

Lak. 2: Iyoob 24:1-20

Lak. 3: Yihowaan Humna Humna Gararraa Ta’e Kenna

Lak. 4: Fedhiiwwan Foonii Akka Nu Hin To’anne of Eeguu (rs ful. 390 key. 1)

Ebl. 17 Dubbisa M.Q: Iyoob 28-32 Far. 84 (190)

Amala H: Sagalee Dhaggeeffattootaaf Ga’aa Ta’e (be ful. 107 key. 1–ful. 108 key. 4)

Lak. 1: Gumiifi Walga’iiwwan Gurguddaarratti Dhaggeeffachuu (be ful. 15 key. 1–ful. 16 key. 5)

Lak. 2: Iyoob 29:1-25

Lak. 3: Wanta Ijaan Argite Hundaaf Hin Bitamin (rs p. 390 key. 2-3)

Lak. 4: Namoonni Akkaataa Barsiisa Yesus kan Dinqisiifatanii Turan Maaliifi?

Ebl. 24 Dubbisa M.Q: Iyoob 33-37 Far. 49 (114)

Amala H: Guddina Sagaleekee Fooyyessuu kan Dandeessu Akkamitti? (be ful. 108 key. 5–ful. 110 key. 2)

Irra Deebii

Cam. 1 Dubbisa M.Q: Iyoob 38-42 Far. 35 (79)

Amala H: Sagalee Jijijjiiruu—Guddina Sagaleekee Sirreessi (be ful. 111 key. 1–ful. 112 key. 2)

Lak. 1: Faayidaa Macaafa Iyoob (si ful. 100 key. 39-43)

Lak. 2: Iyoob 38:1-24

Lak. 3: Isaayaas 60:22 Yeroo Har’aatti Raawwii Argachaa kan Jiru Akkamitti?

Lak. 4: Arrabsoofi Dheekkamsi Hojiiwwan Fooniiti (rs ful. 391 key. 1)

Cam. 8 Dubbisa M.Q: Far. 1-10 Far. 74 (168)

Amala H: Sagalee Jijijjiiruu—Saffisakee Gegeeddari (be ful. 112 key. 3–ful. 113 key. 1)

Lak. 1: Qabiyyee Faarfannaa—Kutaa 1 (si ful. 101 Key. 1-5)

Lak. 2: Faarfannaa 4:1–5:12

Lak. 3: Nama Utuu Hin Ta’in Waaqayyoon Amanadhu (rs ful. 391 key. 2-3)

Lak. 4: Dubbii Sirrii Geggeessaa Godhatanii Duukaa bu’uu

Cam. 15 Dubbisa M.Q: Far. 11-18 Far. 97 (217)

Amala H: Akka Barumsichaaf Ta’utti Sagalee Jijjiiruu (be ful. 113 key. 2–ful. 114 key. 2)

Lak. 1: Qabiyyee Macaafa Faarfannaa—Kutaa 2 (si ful. 102 key. 6-11)

Lak. 2: Faarfannaa 14:1–16:6

Lak. 3: Kiristiyaanonni Dhugaa Kutaa Biyya Lafaa kan Hin Taane Karaa Kamfa’iini?

Lak. 4: Rakkoo Dhala Namaarra Ga’uuf kan Itti Gaafatamu Eenyu? (rs ful. 392 key. 1-2)

Cam. 22 Dubbisa M.Q: Far. 19-25 Far. 2 (4)

Amala H: Miira Ho’aadhaan Dubbachuu (be ful. 115 key. 1–ful. 116 key. 4)

Lak. 1: Hubannaa Gaariin Faara Tolaa Namaaf Argamsiisa (w04 7/15 ful. 27 key. 4–ful. 28 key. 4)

Lak. 2: Faarfannaa 22:1-22

Lak. 3: Rakkinni kan Jalqabe Akkamitti? (rs ful. 392 key. 3–ful. 393 key. 1)

Lak. 4: Yaadachiisawwan Waaqayyoo Maalfa’i? Kan Hordofuu Qabnuhoo Maaliifi?

Cam. 29 Dubbisa M.Q: Far. 26-33 Far. 21 (46)

Amala H: Miira Barumsichaaf Ta’u (be ful. 116 key. 5–ful. 117 key. 3)

Lak. 1: Dandeetti Yaadachuukee Fooyyessuu Ni Dandeessa (be ful. 17 key. 1–ful. 18 key. 5)

Lak. 2: Faarfannaa 30:1–31:8

Lak. 3: Dhugaan Karaa Kamiin Walaba Nama Baasa?

Lak. 4: Rakkoowwan baay’ee Hir’isuu kan Dandeenyu Akkamitti? (rs ful. 393 key. 2-3)

Wax. 5 Dubbisa M.Q: Far. 34-37 Far. 94 (212)

Amala H: Miira Michummaa kan Calaqqisiisu (be ful. 118 key. 1–ful. 119 key. 5)

Lak. 1: Humna Kadhannaan Qabu (w04 8/15 ful. 18 key. 6–ful. 19 key. 10)

Lak. 2: Faarfannaa 34:1-22

Lak. 3: Waaqni Jaalalaa Rakkinni Yeroo Dheeraaf Akka Jiraatu Maaliif Heyyame? (rs ful. 394 key. 2)

Lak. 4: Waaqolii Tolfamoo Akkamiirraa Fagaachuu Qabna?

Wax. 12 Dubbisa M.Q: Far. 38-44 Far. 66 (155)

Amala H: Miira Ofii Ibsuu (be ful. 119 key. 6–ful. 120 key. 5)

Lak. 1: Yaadachuu Ilaalchisee Shoora Hafuura Qulqulluun Qabu (be ful. 19 key. 1–ful. 20 key. 2)

Lak. 2: Faarfannaa 40:1-17

Lak. 3: Saayinsiin Dhugaa Macaafa Qulqulluu Wajjin Wal Hin Faallessu

Lak. 4: Waaqayyo Hubaatii Tajaajiltootasaarra Ga’u Hunda Ni Balleessa (rs ful. 394 key. 3–ful. 395 key. 3)

Wax. 19 Dubbisa M.Q: Far. 45-51 Far. 23 (48)

Amala H: Barbaachisummaa Sochiiwwan Qaamaa (be ful. 121 key. 1-4)

Lak. 1: Yesus Yoom Dhufe? (w04 3/1 ful. 16, saanduqa)

Lak. 2: Faarfannaa 46:1–47:9

Lak. 3: Waaqayyo Cubbuu Addaam Salphaatti kan Hin Ilaalle Maaliifi? (rs ful. 395 key. 4-5)

Lak. 4: Kiristiyaanni Tokko Utuu Dadhabuu Jabaa Ta’uu kan Danda’u Akkamitti? (2 Qor. 12:10)

Wax. 26 Dubbisa M.Q: Far. 52-59 Far. 58 (138)

Amala H: Sochiiwwan Qaamaafi Ibsa Fuulaatti Fayyadamuu (be ful. 121 key. 5–ful. 123 key. 2)

Irra Deebii

Adol. 3 Dubbisa M.Q: Far. 60-68 Far. 20 (45)

Amala H: Tajaajilarratti Dhaggeeffattoota Ilaaluu (be ful. 124 key. 1–ful. 125 key. 4)

Lak. 1: Yihowaan Gad Of Qabuunsaa Nuuf Hiika Maalii Qaba (w04 11/1 ful. 29-30)

Lak. 2: Faarfannaa 60:1–61:8

Lak. 3: Tajaajilarratti Hirmaachuun Keenya Seera Waaqayyoo Cabsuuf Sababii Ta’aa?

Lak. 4: Hiri’inni Qaamaafi Sammuu Akka Jiraatu kan Godhu Waaqayyo Miti (rs ful. 395 key. 6–ful. 396 key. 2)

Adol. 10 Dubbisa M.Q: Far. 69-73 Far. 97 (217)

Amala H: Yeroo Haasawaa Dhiheessitu Dhaggeeffattoota Ilaaluu (be ful. 125 key. 5–ful. 127 key. 1)

Lak. 1: Dubbisuutti Jabaachuu kan Qabdu Maaliifi? (be ful. 21 key. 1–ful. 23 key. 3)

Lak. 2: Faarfannaa 71:1-18

Lak. 3: Yihowaan Jaalalaan Kaka’ee Ijoolleen Furii Kiristosirraa Akka Fayyadaman Godheera (rs ful. 396 key. 3)

Lak. 4: Kiristiyaanonni Looguu kan Hin Qabne Maaliifi?

Adol. 17 Dubbisa M.Q: Far. 74-78 Far. 95 (213)

Amala H: Tajaajilarratti Akkaataa Haasaa Uumama Ofiitti Fayyadamuu (be ful. 128 key. 1–ful. 129 key. 1)

Lak. 1: Yeroo Dubbistu Ilaalcha Sirrii Qabaadhu (be ful. 23 key. 4–ful. 26 key. 4)

Lak. 2: Faarfannaa 75:1–76:12

Lak. 3: Yihowaa Barbaaduun Maalfaa Dabalata? (Sef. 2:3)

Lak. 4: Waaqayyo Namoota Adabuuf Balaa Uumamaatiin Hin Fayyadamu (rs ful. 396 key. 4–ful. 397 key. 2)

Adol. 24 Dubbisa M.Q: Far. 79-86 Far. 47 (112)

Amala H: Waltajjiirratti Akkaataa Haasaa Uumama Ofiitti Fayyadamuu (be ful. 129 key. 2–ful. 130 key. 1)

Lak. 1: ‘Godoon Qajeelotaa Ni Eebbifama’ (w04 11/15 ful. 26 key. 1–ful. 28 key. 1)

Lak. 2: Faarfannaa 82:1–83:18

Lak. 3: Rakkinni Mallattoo Dheekkamsa Waaqayyoo Godhamee Ilaalamuu Hin Qabu (rs ful. 397 key. 3-4)

Lak. 4: Namni Gonkummaa Hin Qabne Dhugumaan Waaqayyoon Gammachiisuu Ni Danda’aa?

Adol. 31 Dubbisa M.Q: Far. 87-91 Far. 27 (57)

Amala H: Yeroo Namootaaf Dubbistu Akkaataa Haasaa Uumamakeetti Fayyadami (be ful. 130 key. 2-4)

Lak. 1: Yeroo ‘Beekumsa Argachuun Nama Hin Dhibneefi’ Oggumaan Nu Geggeessu (w04 11/15 ful. 28 key. 2–ful. 29 key. 7)

Lak. 2: Faarfannaa 89:1-21

Lak. 3: Macaafa Qulqulluu Qayyabachuun Kutaa Waaqeffannaa Keenyaati

Lak. 4: Qabeenya Foonii Argachuun Eebba Waaqayyoo Argachuu Keenya kan Mirkaneessu Miti (rs ful. 398 key. 1-2)

Hag. 7 Dubbisa M.Q: Far. 92-101 Far. 84 (190)

Amala H: Qulqullinni Qaamaa Ergaa Dubbatamuuf Miidhagina Dabala (be ful. 131 key. 1-3)

Lak. 1: Mala Qayyabannaa (be ful. 27 key. 1–ful. 31 key. 2)

Lak. 2: Faarfannaa 92:1–93:5

Lak. 3: Afaan Hin Beekamneen Dubbachuun Hafuura Qulqulluu Qabaachuu Argisiisaa? (rs ful. 399 key. 3–ful. 400 key. 1)

Lak. 4: Barbaachisummaa Amala Gaarii

Hag. 14 Dubbisa M.Q: Far. 102-105 Far. 57 (136)

Amala H: Of Qabuuniifi Yaanni Gaariin Akkaataa Uffannaa Nama Tokkoo kan Tuqu Akkamitti? (be ful. 131 key. 4–ful. 132 key. 3)

Lak. 1: “Yaa Waaqayyo, Wanti Ati Hojjette Maal Maal Baay’ee Dha!” (w04 11/15 ful. 8-9)

Lak. 2: Faarfannaa 104:1-24

Lak. 3: Dammaqnee Eeguu kan Qabnu Maaliifi?

Lak. 4: Yeroo Har’aatti Afaan Hin Beekamne Dubbachuun Isa Kiristiyaanonni Jaarraa Jalqabaa Dubbatanirraa Adda kan Ta’e Maaliifi? (rs ful. 400 key. 2-5)

Hag. 21 Dubbisa M.Q: Far. 106-109 Far. 89 (201)

Amala H: Faayidaa Akkaataa Uffannaa Sabrii Qabuu (be ful. 132 key. 4–ful. 133 key. 1)

Lak. 1: Dargaggootaa—Hubannaa Malee Hiriyoota Keessan Hin Hordofinaa (w04 10/15 ful. 22 key. 4–ful. 24 key. 5)

Lak. 2: Faarfannaa 107:20-43

Lak. 3: Sagaleen Waaqayyoo Warra Hafuura Waaqayyoo Qaban Beekuuf kan Nu Gargaaru Akkamitti? (rs ful. 401 key. 2-5)

Lak. 4: Waaqayyoon Fakkaachuu kan Dandeenyu Karaawwan Kamiini?

Hag. 28 Dubbisa M.Q: Far. 110-118 Far. 38 (85)

Amala H: Akkaataan Uffannaa Seera Qabeessi Warra Kaan Gufachiisuurraa Nu Eega (be ful. 133 key. 2-4)

Irra Deebii

Ful. 4 Dubbisa M.Q: Far. 119 Far. 21 (46)

Amala H: Dhaabbannaa Sirriifi Barreeffamoota Akka Gaariitti Qabachuu (be ful. 134 key. 1-5)

Lak. 1: Qayyabannaan Eebba Argamsiisa (be ful. 31 key. 3–ful. 32 key. 3)

Lak. 2: Faarfannaa 119:25-48

Lak. 3: Warra Biyya Bulchaniif Ulfina Kennuu kan Qabnu Maaliifi?

Lak. 4: Kiristiyaanonni Dhugaa Yeroo Har’aatti kan Beekaman Afaan Hin Beekamne Dubbachuudhaan Miti (rs ful. 401 key. 6–ful. 402 key. 2)

Ful. 11 Dubbisa M.Q: Far. 120-134 Far. 95 (213)

Amala H: Yeroo Haasawaa Dhiheessitu Sodaakee Hir’isuu kan Dandeessu Akkamitti? (be ful. 135 key. 1–ful. 137 key. 2)

Lak. 1: Qorannaa Gochuu kan Dandeessu Akkamitti? (be ful. 33 key. 1–ful. 35 key. 2)

Lak. 2: Far. 121:1–123:4

Lak. 3: Kennaan Afaan Hin Beekamneen Dubbachuu Hanga Yoomiitti Itti Fufa? (rs ful. 402 key. 3-4)

Lak. 4: Arbeessuun Maalidha? Yesus kan Itti Fayyadamehoo Akkamitti?

Ful. 18 Dubbisa M.Q: Far. 135-141 Far. 36 (81)

Amala H: Tasgabbiidhaan Dubbachuun kan Danda’amu Akkamitti? (be ful. 137 key. 3–ful. 138 key. 5)

Lak. 1: Faayidaa Macaafa Faarfannaa —Kutaa 1 (si ful. 104-5 key. 23-27)

Lak. 2: Faarfannaa 136:1-26

Lak. 3: Ayyaanni Yaadannoo Maaddii Tokkummaa kan Ta’e Karaa Kamiini?

Lak. 4: Barumsi Sillaasee Macaafa Qulqulluurratti kan Hundaa’e Miti (rs ful. 404 key. 1–ful. 410 key. 3)

Ful. 25 Dubbisa M.Q: Far. 142-150 Far. 22 (47)

Amala H: Barbaachisummaa Maaykiroofoonii (be ful. 139 key. 1–ful. 140 key. 1)

Lak. 1: Faayidaa Macaafa Faarfannaa—Kutaa 2 (si ful. 105-6 key. 28-32)

Lak. 2: Faarfannaa 142:1–143:12

Lak. 3: Yeroo Namni Tokko, ‘Sillaaseetti Ni Amantaa?’ jedhee Sigaafatu (rs ful. 425 key. 3–ful. 427 key. 1)

Lak. 4: Fedhii Warra Kaanii Fedhii Keenyarra Dursuu kan Dandeenyu Karaa Kamiini?

Onk. 2 Dubbisa M.Q: Fakkeenya 1-6 Far. 85 (191)

Amala H: Maaykiroofooniitti Karaa Sirriitti Ta’een Fayyadamuu (be ful. 140 key. 2–ful. 142 key. 1)

Lak. 1: Qabiyyee Macaafa Fakkeenyaa—Kutaa 1 (si ful. 106-7 ¶1-5)

Lak. 2: Fakkeenya 5:1-23

Lak. 3: Hammeenyi Gar Malee Kan Baay’ate Maaliifi? (rs ful. 427 key. 2–ful. 428 key. 1)

Lak. 4: Barumsawwan Sobaa Hin Babal’isinaa (2 Xim. 4:4)

Onk. 9 Dubbisa M.Q: Fakkeenya 7-11 Far. 79 (177)

Amala H: Macaafa Qulqulluutti Fayyadamanii Deebii Kennuu (be ful. 143 key. 1-3)

Lak. 1: Qabiyyee Macaafa Fakkeenyaa—Kutaa 2 (si ful. 107-108 key. 6-11)

Lak. 2: Fakkeenya 7:1-27

Lak. 3: Siyaasaa Ala Ta’uun Tokkummaa Obboloota Keenyaa Wajjin Qabnu Nuu Cimsa

Lak. 4: Waaqayyo Hammeenyi Akka Jiraatu kan Heyyame Maaliifi? (rs ful. 428 key. 2–ful. 429 key. 2)

Onk. 16 Dubbisa M.Q: Fakkeenya 12-16 Far. 80 (180)

Amala H: Dandeettii Macaafa Qulqulluutiin Fayyadamuu Keenya Akkamitti Fooyyessuu Dandeenya? (be ful. 144 key. 1-4)

Lak. 1: Akka Itti Meeshaawwan Qorannaa kan Biroo Fayyadaman Baruu (be ful. 35 key. 3–ful. 38 key. 4)

Lak. 2: Fakkeenya 14:1-21

Lak. 3: Waaqayyo Hammeenyi Akka Jiraatu Heyyamuunsaa kan Nu Fayyade Akkamitti? (rs ful. 430 key. 1-2)

Lak. 4: Walga’iiwwanirratti Xiyyeeffannaadhaan Dhaggeeffachuuf Maaltu Nu Gargaara?

Onk. 23 Dubbisa M.Q: Fakkeenya 17-21 Far. 28 (58)

Amala H: Macaafa Qulqulluu Baafatanii Akka Hordofan Jajjabeessuu (be ful. 145-146)

Lak. 1: Faayidaa Macaafa Fakkeenyaa—Kutaa 1 (si ful. 109-10 key. 19-28)

Lak. 2: Fakkeenya 17:1-20

Lak. 3: Ilaalcha Kiristiyaanonni Warra Dulloomaniif Qaban

Lak. 4: Macaafni Qulqulluun Dubartootaaf Ilaalcha Akkamii Qaba? (rs ful. 431 key. 3–ful. 432 key. 1)

Onk. 30 Dubbisa M.Q: Fakkeenya 22-26 Far. 33 (72)

Amala H: Caqasoota Karaa Bu’a Qabeessa Ta’een Beeksisuun Barbaachisaa kan Ta’e Maaliifii? (be ful. 147 key. 1–ful. 148 key. 2)

Irra Deebii

Sad. 6 Dubbisa M.Q: Fakkeenya 27-31 Far. 9 (26)

Amala H: Caqasawwan Beeksisuuf Yaadawwan Sirrii Ta’an Filachuu (be ful. 148 key. 3–ful. 149 key. 2)

Lak. 1: Faayidaa Macaafa Fakkeenyaa—Kutaa 2 (si ful. 110-11 key. 29-38)

Lak. 2: Fakkeenya 28:1-18

Lak. 3: Dhiironni Mataa Ta’uunsaanii Dubartoota kan Gadi Qabudhaa? (rs ful. 432 key. 2-4)

Lak. 4: Namoota Tajaajilarratti Arginu Haalasaanii Ilaallee Itti Faraduu kan Hin Qabne Maaliifi?

Sad. 13 Dubbisa M.Q: Lallaba 1-6 Far. 15 (35)

Amala H: Bakka Barbaachisutti Jabeessuun Yaadasaa Ibsuu kan Dabalatudha (be ful. 150 key. 1-2)

Lak. 1: Qabiyyee Macaafa Lallabaa (si ful. 112-13 key. 1-8)

Lak. 2: Lallaba 5:1-15

Lak. 3: Dhugaan Macaafa Qulqulluu Ogeessotaafi Hubattoota Jalaa kan Dhokatee Akkamitti? (Mat. 11:25)

Lak. 4: Dubartoonni Tajaajiltoota Gumii Ta’uu Qabuu? (rs ful. 433 key. 1-2)

Sad. 20 Dubbisa M.Q: Lallaba 7-12 Far. 16 (37)

Amala H: Jechoota Barbaachisan Jabeessuu (be ful. 150 key. 3–ful. 151 key. 2)

Lak. 1: Faayidaa Macaafa Lallabaa (si ful. 114 key. 15-19)

Lak. 2: Lallaba 9:1-12

Lak. 3: Dubartoonni Kiristiyaanaa Al Tokko Tokko Mataasaaniitti kan Haguuggatan Maaliifi? (rs ful. 433 key. 3–ful. 434 key. 1)

Lak. 4: Hinaaffaan Dogoggora Maalii Qaba?

Sad. 27 Dubbisa M.Q: Weedduu 1-8 Far. 74 (168)

Amala H: Malawwan Jabeessuuf Gargaaran (be ful. 151 key. 3–ful. 152 key. 5)

Lak. 1: Qabiyyeefi Faayidaa Macaafa Weedduu Weedduu Caalu (si ful. 115-17 key. 1-4, 16-18)

Lak. 2: Weedduu 7:1–8:4

Lak. 3: Kiristiyaanonni Uffannaansaanii Qulqulluufi kan Gad Of Qaban Ta’uusaanii Argisiisuu kan Qabu Maaliifi?

Lak. 4: Dubartoonni Kiristiyaanaa Dibata ykn Faayaadhaan Fayyadamuunsaanii Sirriidhaa? (rs ful. 435 key. 1-3)

Mud. 4 Dubbisa M.Q: Isaayaas 1-5 Far. 35 (79)

Amala H: Wanta Dubbatameefi Caqasawwan Walbira qabuu (be ful. 153 key. 1–ful. 154 key. 2)

Lak. 1: Qabiyyee Macaafa Isaayaas (si ful. 118-119 key. 1-8)

Lak. 2: Isaayaas 3:1-15

Lak. 3: Biyyi Lafaa Ibiddaan Ni Badaa? (rs ful. 436 key. 1-2)

Lak. 4: Kiristiyaanonni ‘Dheekkamuutti Suuta Jechuu’ kan Qaban Maaliifi? (Yaq. 1:19)

Mud. 11 Dubbisa M.Q: Isaayaas 6-10 Far. 90 (204)

Amala H: Walitti Dhufeenya Caqasichi Wanta Dubbatamee Wajjin Qabu Ifa Gochuu (be ful. 154 key. 3–ful. 155 key. 4)

Lak. 1: Haasawaa Kennamu Qopheessuu (be ful. 39-42)

Lak. 2: Isaayaas 10:1-14

Lak. 3: Dhiifama Gochuun Baay’ee Barbaachisaa kan Ta’e Maaliifi?

Lak. 4: Addunyaa Kana kan Bulchu Eenyu?—Waaqayyomoo Seexana? (rs ful. 436 key. 3–ful. 437 key. 2)

Mud. 18 Dubbisa M.Q: Isaayaas 11-16 Far. 22 (47)

Amala H: Caaffata Qulqullaa’oorraa Ragaa Dhiheessuu (be ful. 155 key. 5–ful. 156 key. 4)

Lak. 1: Dargaggootaa—Yaada Garaa Keessanii Eeguudhaan Warri Keessan Akka Isin Gargaaran Godhaa (w04 10/15 ful. 20 key. 1–ful. 22 key. ¶3)

Lak. 2: Isaayaas 11:1-12

Lak. 3: Kiristiyaanonni Dhugaa Addunyaafi Namoota Kutaasaa Ta’aniif Ilaalcha Akkamii Qabu? (rs ful. 437 key. 3–ful. 438 key. 3)

Lak. 4: Kiristiyaanonni Dhugaa Waraana Armaagedoonirratti Hin Hirmaatan

Mud. 25 Dubbisa M.Q: Isaayaas 17-23 Far. 25 (53)

Amala H: Faayidaa Barumsichaa Ifa Gochuu (be ful. 157 key. 1–ful. 158 key. 1)

Irra Deebii

[Miiljaleewwan]

Obboloota dhiiraa qofaaf kan kennamu.

Barreeffama barumsichi irraa kennamerraa qabxiiwwan muraasa filachuudhaan akka naannoosanaaf ta’utti kan dhihaatu.

Amala H: jechuun: Amala Haasawaa jechuudha.

Dubbisa M.Q: jechuun: Dubbisa Macaafa Qulqulluu jechuudha.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi