LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • km 9/04 ful. 1
  • Ija Fayyaa Qabaadhaa

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Ija Fayyaa Qabaadhaa
  • Tajaajila Mootummaa—2004
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Iji Keessan Fayyaadhaa?
    Tajaajila Mootummaa—2010
  • ‘Qooda Ijaa Ija’ Jechuun Maal Jechuu Dha?
    Deebii Gaaffii Kitaaba Qulqulluu
  • Irra Deebii Walga’ii Addaa
    Tajaajila Mootummaa—2005
  • Sagantaa Haaraa Walga’ii Addaa
    Tajaajila Mootummaa—2005
Dabalataan Ilaaluuf
Tajaajila Mootummaa—2004
km 9/04 ful. 1

Ija Fayyaa Qabaadhaa

1 Yesus yeroo gaara gubbaatti lallabaa turetti, iji fooniis ta’e iji hafuuraa guutummaa jireenya keenyarratti dhibbaa guddaa akka geessisan ibseera. Akkas jedhe: “Iji kee fayyaa guutuu yoo ta’e, dhagni kee hundinuu ifaa in ta’a. Iji kee dhukkubsataa yoo ta’e garuu dhagni kee hundinuu dukkanaa’aa in ta’a.” (Mat. 6:​22, 23) Iji fayyaan, qabeenya barbaaduutti utuu hin dhiphatin kaayyoo tokko qofaarratti, jechuunis fedhii Waaqayyoo raawwachuurratti kan xiyyeeffatudha. (Mat. 6:​19-​21, 24-​33) Ija fayyaa qabaachuuf maaltu nu gargaaruu danda’a?

2 Waan Qabnutti Gammaduu: Itti gaafatamaan maatii tokkoo, waan maatiisaatiif barbaachisu guutuun dirqama Macaafa Qulqulluurratti barreeffamedha. (1 Xim. 5:8) Kana jechuun garuu, waan guddaafi kan ammayyaa ta’e argachuuf jennee barbaacha dhuma hin qabne goona jechuu miti. (Fak. 27:20; 30:​8, 9) Kanaa mannaa, Macaafni Qulqulluun: “Waan ittiin jiraannu, waan keessa jiraannus” qabaannaan gammadnee akka jiraannu nu gorsa. (1 Xim. 6:8; Ibr. 13:​5, 6) Gorsa kana hordofuun keenya iji keenya wanta sirrii ta’erratti akka xiyyeeffatu gochuuf nu gargaara.

3 Liqiifi qabeenya barbaachisaa hin taaneen ba’aa ofirratti fe’uun, ykn wantoota kana argachuuf hawwuun, yeroofi xiyyeeffannaa bal’aa kan barbaadan waan ta’aniif, kana hordofuurraa of qusachuun barbaachisaadha. (1 Xim. 6:​9, 10) Kana gochuu kan dandeenyu akkamitti? Waan tokko gochuu ennaa yaaddan, waa’eesaa kadhadhaa; sochii karaa hafuuraa gootan kan isin jalaa xuqu ta’uusaafi hin taaneesaa amanamummaadhaan qoraa. Jireenya keessan keessatti wantoota hafuuraatiif dursa kennuu keessan itti fufuuf murteessaa.​—Filp. 1:​10; 4:​6, 7.

4 Jireenya Keessan Salphaa Godhaa: Dhiibbaa jaalala qabeenyaa ofirraa ittisuuf kan nu gargaaru kan biraanimmoo, karaa itti jireenya keenya salphisnu barbaaduudha. Obboleessi qabeenya muraasaan maatiisaa geggeessuu tokko waan hubate akkas jechuudhaan ibseera: “Amma obboloota koo tajaajiluuf isa kanaan duraa caalaatti gumii keessatti waan baay’ee raawwachuu nan danda’a. Yihowaan tajaajiltoonnisaa hundi fedhii dhunfaasaaniitii mannaa waaqeefannaa dhugaatiif dursa yoo kennan akka isaan eebbisu amaneera.” Jireenya kee salphaa gochuudhaan eebba guddaa argachuu ni dandeessaa?

5 Dhiibbaa Seexanni ta’aniif biyyi lafaa qabeenyaarratti xiyyeeffate kuniifi foon keenya inni gonkummaa hin qabne nurraan geessisan mo’uuf, carraaqqii walirraa hin cinne gochuu nu barbaachisa. Iji keenya waanuma barbaaderratti akka xiyyeeffatu heyyamuu mannaa, fedhii Waaqayyoo raawwachuufi abdii jireenya bara barabaraatti akka xiyyeeffatu gochuu keenya itti haa fufnu.​—Fak. 4:​25; 2 Qor. 4:​18.

[Gaaffiiwwan Qayyabannaa]

1. Ija fayyaa qabaachuu jechuun maal jechuudha? Barbaachisaa kan ta’e hoo maaliifi?

2. Sagaleen Waaqayyoo qabeenyaaf ilaalcha akkamii akka qabaannu nu jajjabeessa?

3. Mataa keenyarratti ba’aa dabalata akka hin feneef maaltu nu gargaaruu danda’a?

4. Jireenya keenyaa salphisuuf karaa barbaaduu kan qabnu maaliifi?

5. Ija fayyaa qabaachuuf utuu walirraa hin kutin carraaquun barbaachisaa kan ta’e maaliifi?

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi