LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • km 10/05 ful. 6
  • Sagantaa Haaraa Walga’ii Addaa

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Sagantaa Haaraa Walga’ii Addaa
  • Tajaajila Mootummaa—2005
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Irra Deebii Walga’ii Addaa
    Tajaajila Mootummaa—2005
  • Ija Fayyaa Qabaadhaa
    Tajaajila Mootummaa—2004
  • Sagantaa Haaraa Walga’ii Addaa
    Tajaajila Mootummaa—2004
  • Sagantaa Haaraa Guyyaa Walga’ii Addaa
    Tajaajila Mootummaa—2003
Dabalataan Ilaaluuf
Tajaajila Mootummaa—2005
km 10/05 ful. 6

Sagantaa Haaraa Walga’ii Addaa

Uumamni ijaa nama dinqisiisa. (Far. 139:14) Haata’u malee, si’a tokkotti xiyyeeffachuu kan danda’u waan tokko qofarratti. Karaa fooniis ta’e karaa hafuuraa jechi kun dhugaadha. Iji keenya karaa hafuuraa sirriitti akka arguuf, fedha Waaqayyoo raawwachuurratti xiyyeeffachuu qabna. Addunyaa Seexanaa wantoonni yaada namootaa hiran dabalaa itti adeemu kana yeroo ilaallu, sagantaa walga’ii addaa 2006 mataduree “Ija Fayyaa Qabaadhaa” jedhuun dhihaachuunsaa hammam barbaachisaadhaa!—Mat. 6:22.

Eebba Yihowaa argachuuf maal gochuu qabna? (Fak. 10:22) Gaaffiin kun, kutaa “Eebbawwan Ija Fayyaa Qabaachuudhaan Argaman Argadhaa” jedhu jalatti deebii argata. Gaaffiifi deebiiwwan dhihaatan, seera bu’uuraa Macaafa Qulqulluu hojiirra oolchuudhaan akkamitti faayidaa argachuu akka dandeenyu kan addeessanidha. Haasawaan jalqabaa daawwataa haasawaa dhiheessuun kennamu, matadureensaa “Addunyaa Hammeenyaan Guutame Kana Keessatti Ija Fayyaa Qabaachuu” kan jedhu yeroo ta’u, wantoota jireenya keenya rakkisaa godhaniifi suuta suutaan jireenya hafuuraa keenya hudhanii hambisanirraa akka fagaannu nu akeekkachiisa. “Qooda gaarii” filachuun maalfaa akka dabalatus ni baranna.—Luq. 10:42.

Warris ta’an obboloonni kaan, dargaggoonni Kiristiyaanaa galma hafuuraa akka hordofan jajjabeessuu kan danda’an akkamitti? Kutaan, “Warra Xiyyasaanii Sirriitti Darbatan” jedhu, akkasumas “Dargaggoota Galma Hafuuraa Bira Ga’uuf Carraaqan” jedhu, ibsa warriifi dargaggoonni gaaffii barbaachisaa ta’e kanarratti kennan dabalata. (Far. 127:4) Haasawaan xumuraa daawwataa haasawaa dhiheessuun kennamu, dhuunfaatti, maatiifi gumiidhaan jaarmiyaa Yihowaa wajjin akkamitti gara fulduraa deemuu akka dandeenyu ibsa.

Dhiheenyatti karaa dhugaarra adeemuu kan jalqabnes taanu waggoota dheeraadhaaf Yihowaa tajaajilaa kan turre, ‘ija fayyaa qabaachuun keenya’ baay’ee barbaachisaadha. Sagantaan walga’ii addaa kun kana akka goonu nu gargaara.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi