Sagantaa Haaraa Walga’ii Addaa
Mallattoo akeekkachiisaa dhageenyee ykn arginee, yoo tarkaanfii fudhachuu baanne, dhumnisaa balaa guddaa ta’a. Qajeelfama Yihowaan karaa hafuuraa nuuf dhiheessuuf deebii kennuunimmoo, waan kana caalaa barbaachisaa ta’edha. Qajeelfamni kun, walga’ii addaa waggaa kana godhamurratti ibsama. Matadureensaa “Akka Itti Dhageessanitti Akeekkadhaa!” kan jedhudha.—Luq. 8:18.
Daawwataan haasawaa dhiheessu, haasawaasaa isa jalqabaarratti, gorsi boqonnaawwan jalqabaa xalayaa Phaawulos hafuura qulqulluudhaan kaka’ee Ibrootaaf barreesserratti argaman yeroo har’aa nuuf akkamitti hojiirra akka oolan ibsa. Haasawaa xumuraa, “Qajeelfama Waaqayyootiif Xiyyeeffannaa Guddaa Kennaa” jedhurratti, dhugumaan Yihowaa, Ilmasaafi ‘hojjetaa amanamaafi ogeessa’ kan dhaggeeffatan ta’uusaanii akka of qoran isaan gargaara.—Mat. 24:45.
Kutaan sagantichaa garri caalaan keessumaa maatiiwwan kan fayyadudha. Barumsi mataduree, “Maatiiwwan Utuu Yaadnisaanii Hin Hiramin Sagalee Waaqayyoo Dhaggeeffatan” jedhuun dhihaatu, wantoota biyya lafaa, guddina karaa hafuuraa keenya nu jalaa qancarsan akka ofirraa ittisnu nu gargaaru. Kun, obboloota wantoota hafuuraa dursuuf jedhanii jireenyasaaniirratti jijjiirama godhaniif gaaffiifi deebii gochuu dabalata. Matadureen, “Sagalee Waaqayyoo Xiyyeeffannaadhaan Dhaggeeffachuun, Dargaggoota Keenya Kan Jajjabeessu Attamitti?” jedhu, gaaffiifi deebii dargaggoota mana barumsaatti, hiriyootasaanii biratti ykn tajaajilarratti dhugaadhaaf amanamoo ta’anii wajjin godhamu ni dabalata. Matadureen, “Ijoollee Waaqayyoon Dhaggeeffataniifi Isarraa Baratan” jedhu, dandeettii ijoolleen barachuuf qaban akka salphaatti akka hin ilaalle nu gargaara. Gaaffiifi deebiin ijoolleefi warrasaanii wajjin godhamu, mucummaasaaniitii kaasee ijoollee karaa Yihowaatiin leenjisuun faayidaa maalii akka qabu beekuuf nu gargaara.
Seexanni yommuu “guutummaa biyya lafaa wallaalchisu,” Yihowaan garuu tajaajiltootasaa warra amanamoo ta’an karaa kam deemuu akka qaban itti argisiisa. (Mul. 12:9; Isa. 30:21) Gorsasaa sirriitti dhaggeeffachuufi ajajamoo taanee jireenya keenya keessatti hojiirra oolchuun, ogeeyyii akka taanu nu godha; gammachuu nuuf argamsiisa; jireenya bara baraattis nu geessa.—Fak. 8:32-35.