“Akka Itti Dhageessanitti Akeekkadhaa!”
BARUMSA argachuuf dhaggeeffachuun baayʼee barbaachisaadha. Dhaggeeffachuun, fayyina nama tokkoorrattis dhiibbaa geessisuu dandaʼa. Yihowaan sabasaa garbummaa Gibxii jalaa baasuuf yeroo qophii godhetti, ergamaa ijoollee warra angafa ajjeesuuf ergame jalaa ijoolleesaanii oolchuuf wanta gochuu qaban karaa Musee jaarsolii Israaʼelitti himee ture. (Bau. 12:21-23) Sana boodas jaarsoliin Israaʼel qajeelfama kana sabichatti himaniiru. Ergaa kana afaanumaan isaanitti himan. Kanaaf, sabni sun akeekkatanii dhaggeeffachuu qabu turan. Qajeelfama kanaaf deebii akkamii kennan? Macaafni Qulqulluun, “Israaʼeloonni hundinuu wanta Waaqayyo Musee fi Aaronin abboome in hojjetaan” jedha. (Bau. 12:28, 50, 51) Kanaan kan kaʼes, Israaʼeloonni Waaqayyo humnasaa isa guddaadhaan yommuu isaan oolchu arguu dandaʼaniiru.
Harʼas Yihowaan fayyina isa hundarra caaluuf nu qopheessaa jira. Kanaaf, qajeelfama nuu kennamu xiyyeeffannaadhaan hordofuu qabna. Qajeelfamni akkasii karaa gumii nuu kennama. Walgaʼiiwwan kanarraa guutummaatti faayidaa argachaa jirtaa? Kun gara caalaatti xiyyeeffannaadhaan dhaggeeffachuu keerratti kan hundaaʼedha.
Barumsa walgaʼiirratti dhihaatu keessa qabxii ijoo taʼe yaadachuu dandeessaa? Barumsa argatte hojjiirra oolchuu ykn warra kaanitti himuu amaleeffatteettaa?
Garaakee Qopheessi
Barumsa gumiirratti kennamurraa guutummaatti faayidaa argachuuf, garaa keenya qopheessuun nu barbaachisa. Wanti bara bulchiinsa Yoshaafaax, Mootii Yihudaatti raawwatame, kana gochuun barbaachisaa taʼuusaa argisiisa. Yoshaafaax ija jabinaan waaqeffannaa dhugaa deggereera. “Iddoowwan waaqayyolii tolfamoof itti sagadanii fi mukkeetii qiqqirixamanii Asheeraa waaqayyittii tolfamtuuf dhaabaman biyya Yihudaa keessaa in balleesse,” akkasumas abboota firdii, Lewwootaafi luboota saba mandaroota Yihudaa keessa jiraatan hunda barsiisan muude. Taʼus, sabichi ammayyuu “iddoowwan waaqayyolii tolfamoof itti sagadanis hin balleessine” turan. (2 Sen. 17:6-9; 20:33) Waaqeffannaan waaqayyolii sobaatiif dhihaatuufi iddoowwan ol kaʼoorratti maqaa Yihowaatiin raawwatamu garmalee babalʼatee waan tureef guutummaatti hin badne.
Barumsi Yoshaafaax qopheesse jijjiirama itti fufiinsa qabu utuu hin argamsiisin kan hafe maaliifi? Seenaan sun itti fufuudhaan, “Sabni sun amma iyyuu garaa isaanii guutuudhaan gara Waaqayyo isa kan abboota isaaniitti hin deebine” jedha. Barumsa kana dhagaʼaniyyuu, tarkaanfii barbaachisaa utuu hin fudhatin hafaniiru. Tarii aarsaa dhiheessuuf gara mana qulqullummaa isa Yerusaalemitti argamu dhaquun, baʼaa akka isaanitti taʼe itti dhagaʼamee taʼuu dandaʼa. Kanas taʼe sana, garaadhaa kakaʼanii tarkaanfii hin fudhanne.
Nutis biyya lafaa Seexanni seerratuun moʼamnee akka hin fudhatamne, barumsa Yihowaan nuu kennu fudhachuuf garaa keenya qopheessuu qabna. Akkamitti? Wanti kana gochuuf nu gargaaru inni guddaan kadhannaa gochuudha. Barumsa Waaqayyo biraa argannu galateeffannaadhaan fudhachuuf, kadhannaa gochuu qabna. (Far. 27:4; 95:2) Kana gochuun keenya, carraaqqii obboloonni keenya godhan dinqisiifachuuf nu gargaara; obboloonni kun, cubbamoota taʼaniyyuu, Yihowaan sabasaa barsiisuuf akka isaanitti fayyadamuuf of dhiheessaniiru. Akkasumas, kadhannaan barumsa haaraa argannuuf qofa utuu hin taʼin, wantoota kanaan dura baranneefis dinqisiifannaa qabnu guddisuuf carraa argachuu keenyatti Yihowaa akka galateeffannu nu kakaasa. Fedha Waaqayyoo guutummaatti raawwachuu waan barbaannuuf, “Yaa Waaqayyo, karaa kee na barsiisi, maqaa kee safeeffachuufis nama garaa tokkichaa na godhi!” jennee kadhanna.—Far. 86:11.
Yaadakee Sassaabbadhu
Wantoonni xiyyeeffannaadhaan akka hin dhaggeeffanne nu godhan hedduun jiru. Sammuun keenya wantoota nama dhiphisaniin guutamuu dandaʼa. Sagaleefi sochiin gumii keessattis taʼe alaa dhagaʼamu xiyyeeffannaa keenya harkisuu dandaʼa. Haalli mijaaʼaa hin taanes xiyyeeffannaadhaan akka hin dhaggeeffanne nu gochuu dandaʼa. Warri ijoollee xixinnoo qaban, yeroo hedduu xiyyeeffannaansaanii ni hirama. Saganticha xiyyeeffannaadhaan dhaggeeffachuuf maaltu nu gargaaruu dandaʼaree?
Iji keenya xiyyeeffannaa keenyarratti dhiibbaa guddaa qaba. Ijikee nama haasaa dhiheessurratti akka xiyyeeffatu gochuudhaan, yaadakee sassaabbattee dhaggeeffachuu dandeessa. Caqasicha beektullee, yeroo inni dubbisu Macaafa Qulqulluu baasii hordofi. Gara sagaleen dhagaʼame ykn sochiin itti godhame ilaaluurraa of qusadhu. Asiifi achi ilaaluudhaan yaannikee akka hiramu yoo goote, barumsa darbu keessaa hedduusaa utuu hin dhagaʼin hafta.
Wanti si ‘yaaddessuufi’ saganticharratti akka hin xiyyeeffanne si rakkisu yoo jiraate, Yihowaan yaadaafi garaa gabiidhaan dhaggeeffachuuf akka si gargaaru kadhadhu. (Far. 94:19; Filp. 4:6, 7) Barbaachisaa taanaanis irra deddeebiʼii kadhadhu. (Mat. 7:7, 8) Walgaʼiin gumii qophii Yihowaan nuu godhe keessaa tokkodha. Walgaʼiiwwan kanarraa faayidaa akka argattu kan barbaadu taʼuusaa hin shakkin.—1 Yoh. 5:14, 15.
Haasaa Dhihaatu Dhaggeeffachuu
Haasaa dhaggeeffatte keessaa qabxii yaadattu akka qabdu beekamaadha. Taʼus haasaa tokko dhaggeeffachuun, qabxii si gammachiisu yaadachuu caalaa gaafata. Haasaan karaa dheeraa wajjin wal fakkaata. Yeroo karaa adeemtu wantoota sitti tolan arguu dandeessus, kaayyoonkee inni guddaan bakka yaadde gaʼuudha. Obboleessi haasaa dhiheessu dhaggeeffattoonni murtoo tokkorra akka gaʼan ykn tarkaanfii tokko tokko akka fudhatan kakaasuuf yaalaa jira taʼa.
Haasaa Iyaasuun saba Israaʼeliif godheefi Iyaasuu 24:1-15rratti argamu akka fakkeenyaatti haa ilaallu. Kaayyoon haasaa Iyaasuu, Israaʼeloonni waaqeffannaa dhugaa cina akka dhaabataniifi waaqayyolii tolfamoo saboota naannoosaaniitti argamanirraa guutummaatti akka fagaatan kakaasuu ture. Tarkaanfiin akkasii barbaachisaa kan ture maaliifi? Waaqeffannaan sobaa babalʼachuunsaa, walitti dhufeenya gaarii sabichi Yihowaa wajjin qabu kan mancaasu waan tureefidha. Israaʼeloonni, “Waaqayyoon dhiifnee waaqayyolii biraatiif hojjechuun nuttii haa fagaatu! . . . nuyi [Waaqayyoof] in hojjenna” jechuudhaan Iyaasuudhaaf deebii kennaniiru. Akkuma jedhanis godhaniiru!—Iya. 24:16, 18, 31.
Haasaa tokko yommuu dhaggeeffattu, kaayyoosaa hubachuuf yaali. Qabxiiwwan obboleessi haasaa dhiheessu balʼinaan ibsu, kaayyoo haasichaa galmaan gaʼuurratti gaʼee maalii akka qabu qalbeeffadhu. Barumsi kun maal akkan godhu na hubachiisaa jira jedhii of gaafadhu.
Yeroo Mareen Godhamu Dhaggeeffachuu
Qayyabannaan Masaraa Eegumsaafi Qayyabannaan Macaafa Qulqulluu Gumii gaaffiifi deebiidhaan, kutaawwan Walgaʼii Tajaajilaa tokko tokkommoo, maree Macaafa Qulqulluurratti hundaaʼuudhaan qophaaʼaniin dhihaatu.
Maree godhamu dhaggeeffachuun, hamma tokko namootaa wajjin mariʼachuu wajjin wal fakkaata. Maree kanarraa guutummaatti faayidaa argachuuf xiyyeeffannaadhaan dhaggeeffadhu. Yaannisaa maal akka taʼe hubachuu yaali. Obboleessi kutaa sana geggeessu matadureefi qabxiiwwan gurguddaa akkamitti akka addeessu qalbeeffadhu. Gaaffii inni gaafatu keessa keetti deebisuuf yaali. Warri kaan qabxiisaa yommuu ibsaniifi akkamitti hojiirra ooluu akka dandaʼu yeroo dubbatan dhaggeeffadhu. Qabxii sana akkamitti akka hubatan qalbeeffachuunkee, dhimma kanaan dura beekturratti hubannaa haaraa sii argamsiisa. Atis yaada amantiikee argisiisu kennuudhaan maree sanaaf gumaacha godhi.—Rom. 1:12.
Kutaawwan dhihaatan dursitee qophaaʼuunkee, maree godhamu xiyyeeffannaadhaan hordofuufi yaada warri kaan kennan dhaggeeffachuuf si gargaara. Kutaawwan kana dursitee qophaaʼuuf haallikee sii hin heyyamu taanaan, walgaʼichi godhamuusaa dura yeroo muraasa fudhachuudhaan qabiyyee barumsichaa hamma tokko ilaaluuf yaali. Akkas gochuunkee maree godhamurraa faayidaa guddaa argachuuf si gargaara.
Walgaʼii Gurguddaarratti Dhaggeeffachuu
Wantoonni xiyyeeffannaa namaa harkisan walgaʼii gumiirra caalaa, walgaʼii gurguddaarratti baayʼatu. Kunimmoo, haalaan dhaggeeffachuun caalaatti rakkisaa akka taʼu godha. Maarree furmaannisaa maalidha?
Yeroodhaan rafuun barbaachisaadha. Guyyaa walgaʼichaa hundaatti sagantaan jalqabamuusaa dura mataduree guyyichaarratti yaadi. Mataduree hundaa ilaaluudhaan barumsi akkamii akka dhihaatu tilmaamuuf yaali. Macaafa Qulqulluu baasii hordofi. Namoonni baayʼeen qabxii ijoo taʼe barreeffachuunsaanii, saganticharratti xiyyeeffachuuf akka isaan gargaare hubataniiru. Qabxii hojiirra oolchuu ykn tajaajilarratti itti fayyadamuu barbaaddu barreeffadhu. Yeroo gara walgaʼichaa dhaqxuufi achii deebitu, qabxii tokko tokkorratti warra kaanii wajjin mariʼadhu. Akkas gochuunkee barumsicha yaadachuuf si gargaara.
Ijoolleen Akka Dhaggeeffatan Leenjisaa
Warri Kiristiyaana taʼan, ijoolleesaanii warra xixinnoo taʼanillee walgaʼii hundaarratti akka argaman gochuudhaan, ‘ogummaa fayyina’ isaaniif argamsiisu akka argatan gargaaruu dandaʼu. (2 Xim. 3:15) Ijoolleen, amallisaaniis taʼe dandeettiin isaan wanta tokkorratti xiyyeeffachuuf qaban addadda waan taʼeef, xiyyeeffannaadhaan akka dhaggeeffatan gargaaruun hubannaa gaafata. Gama kanaan yaadawwan armaan gadii isin gargaaruu dandaʼu.
Mana keessatti, ijoolleen keessan gabiidhaan taaʼanii akka dubbisan ykn fakkiiwwan barreeffamoota keenyarratti argaman akka ilaalan godhaa. Walgaʼiirratti akka hin dhaggeeffanne waan isaan godhuuf, ashaangulliitii itti hin kenninaa. Akkuma Israaʼeloota durii harʼas ijoolleen walgaʼiirratti kan argaman, ‘akka dhagaʼaniifi akka baraniifidha.’ (Kes. 31:12) Warri tokko tokko ijoolleensaanii xixinnoo taʼanillee, barreeffama qayyabatamu dhuunfaatti akka qabaatan godhu. Yeroo guddachaa adeemanimmoo, qophaaʼanii maree godhamurratti akka hirmaatan gargaaraa.
Caaffanni Qulqullaaʼoon, Yihowaa dhaggeeffachuufi isaaf abboomamuun walitti dhufeenya guddaa akka qabu ibsu. Kanas jecha Museen saba Israaʼelitti, ‘Ani jireenyaafi duʼa, eebbaafi abaarsa isin dura kaaʼeera; kanaaf isin akka jiraattaniif jireenya foʼadhaa! Waaqayyoon gooftaa keessan jaalladhaa, sagalee isaas dhagaʼaa! Isattis maxxanaa!’ jechuudhaan dubbaterraa hubachuun ni dandaʼama. (Kes. 30:19, 20) Harʼas qajeelfama Yihowaan kennu dhaggeeffachuufi hojiirra oolchuun keenya, surraasaafi jireenya barabaraa argachuuf nu gargaara. Kanaaf, gorsa Yesus, “Akka itti dhageessanitti akeekkadhaa!” jechuudhaan kenne qalbeeffachuun keenya baayʼee barbaachisaadha.—Luq. 8:18.