LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • be ful. 17-ful. 20 key. 3
  • Dandeettii Yaadachuukee Fooyyessuu Dandeessa

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Dandeettii Yaadachuukee Fooyyessuu Dandeessa
  • Mana Barumsaa Tajaajila Ti’ookraasiirraa Fayyadami
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Fedhii Qabaadhu
  • Irra Deebiʼuuf Yeroo Ramadi
  • Yaadawwan Barbaachisaa Taʼanirratti Xiinxali
  • Gaʼee Hafuura Qulqulluu
  • ‘Hin Irraanfatin’
  • Dhimmoota Hafuuraa Irratti Xiinxaluu Keessan Itti Fufaa
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2015
  • Dubbisuuf Carraaqqii Godhi
    Mana Barumsaa Tajaajila Ti’ookraasiirraa Fayyadami
  • “Hafuurri Qulqulluun Waan Hundumaa . . . Qoree Bira In Gaʼa”
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2010
  • Qayyabannaan Nama Kiisa
    Mana Barumsaa Tajaajila Ti’ookraasiirraa Fayyadami
Dabalataan Ilaaluuf
Mana Barumsaa Tajaajila Ti’ookraasiirraa Fayyadami
be ful. 17-ful. 20 key. 3

Dandeettii Yaadachuukee Fooyyessuu Dandeessa

YIHOWAAN sammuun namootaa dandeettii dinqisiisaa waa yaadachuuf isa gargaaru akka qabaatu godhee uumeera. Sammuu keenya, odeeffannoo hedduu galmeessee akka qabatuufi odeeffannoo sanas yeroo barbaachisutti yaadachuu akka dandaʼu godhee uumeera. Akkaataan sammuun namaa itti uumame, kaayyoo Waaqayyo namoonni barabaraaf akka jiraatan qabuu wajjin kan walsimudha.—Far. 139:14; Yoh. 17:3.

Haataʼu malee, sammuunkoo odeeffannoon argadhe keessaa baayʼeesaa ni irraanfata jettee yaadda taʼa. Odeeffannoo kana yaadachuuf yaalii gootus yaadachuun si rakkisa. Maarree dandeettii yaadachuukee fooyyessuuf maal gochuu dandeessa?

Fedhii Qabaadhu

Dandeettii yaadachuukee fooyyessuuf fedhii qabaachuun baayʼee barbaachisaadha. Wantoota akka gaariitti kan qalbeeffannuufi namootaafis taʼe wantoota naannoo keenyatti raawwatamaniif xiyyeeffannaa kan kenninu yoo taʼe, sammuun keenya akka gaariitti akka hojjetu kakaasna. Kunimmoo wantoota faayidaa guddaa qaban yommuu dubbisnuufi yeroo dhageenyu salphaadhumatti tarkaanfii fudhachuuf nu gargaara.

Namni tokko maqaa namootaa irraanfachuu akka dandaʼuu beekamaadha. Haataʼu malee, Kiristiyaanota waan taaneef, namoota hidhata amantii keenya taʼaniif, namoota dhugaa Macaafa Qulqulluu isaanii lallabnuufi namoota sababii addaddaatiin wal arginu hundaaf xiyyeeffannaa kennuu akka qabnu beekna. Maarree namoota maqaasaanii yaadachuu qabnu akka hin irraanfanne maaltu nu gargaaruu dandaʼa? Phaawulos, ergaa gumii tokkoof ergerratti maqaa obboloota 26 caqaseera. Maqaasaanii caqasuurra darbee waaʼeesaanii wantoota tokko tokko balʼinaan barreessuunsaa, akka gaariitti akka isaan beeku argisiisa. (Rom. 16:3-16) Daawwattoonni olaanaa Dhugaa Baatota Yihowaa tokko tokko, torban torbaniin gumiiwwan addaddaa kan daawwatan yoo taʼaniyyuu, maqaa obboloota hedduu ni yaadatu. Maqaa obbolootaa akka yaadatan maaltu isaan gargaara? Nama tokkoo wajjin yeroo jalqabaatiif yommuu wal baran, maqaa nama sanaa irra deddeebiʼanii waan waamaniif taʼuu dandaʼa. Maqaa nama sanaa bifasaa wajjin wal fakkeessuuf yaalii godhu. Kana malees, namoota addaddaa wajjin tajaajiluufi waliin nyaachuuf carraa argatu. Nama beektu tokkoo wajjin yommuu wal argitu maqaasaa yaadachuu dandeessaa? Maqaasaa yaadachuun si rakkisa taanaan, yeroo isaa wajjin wal bartu wanta maqaasaa yaadachuuf si gargaaru tokkoo wajjin wal qabsiisuufi yaadawwan armaan olitti ibsaman tokko tokkotti fayyadamuuf yaali.

Wanta dubbistu yaadachuunkees barbaachisaadha. Gama kanaan dandeettiikee guddisuuf maaltu si gargaaruu dandaʼa? Fedhii qabaachuufi dandeettiin waa hubachuu gaʼee guddaa qabu. Wanta dubbisaa jirturratti xiyyeeffachuu yoo barbaadde, dhimma sanaaf fedhii guddaa qabaachuu qabda. Yommuu dubbistu yaannikee kan hiramu yoo taʼe, wanta dubbisaa jirtu yaadachuu hin dandeessu. Yaada dubbisaa jirtu wantoota kanaan dura beektu ykn beekumsa kanaan dura qabduu wajjin yoo wal qabsiiste, wanta dubbiste hubachuuf dandeettiin qabdu ni fooyyaʼa. ‘Beekumsa kana akkamittiifi yooman hojiirra oolchuu dandaʼa? Nama garabiraa ittiin gargaaruu kanan dandaʼu akkamitti?’ jedhii of gaafadhu. Jechoota tokko tokkoon dubbisuu mannaa, jechoota hedduu walitti dubbisuunis dandeettii hubachuukee fooyyessuuf si gargaara. Akkas gochuunkee yaadasaa salphaatti argachuufi qabxiiwwan ijoo taʼan hubachuuf waan si gargaaruuf, wanta dubbiste hin irraanfattu.

Irra Deebiʼuuf Yeroo Ramadi

Hayyoonni hojii barumsaarratti bobbaʼan, waan dubbisan irra deebiʼanii ilaaluun barbaachisaa taʼuusaa dubbatu. Piroofeesariin kolleejjii tokko qoʼannoodhaan akka mirkaneessanitti, daqiiqaa tokko ramannee yeruma sana wanta dubbisne irra deebiʼuun keenya wanta yaadannu dachaa lamaan guddisa. Kanaaf qabxiiwwan ijoo taʼan yaadachuuf, dubbisakee erga xumurtee booda ykn kutaa muraasa erga dubbistee booda, irra deebiʼii wanta dubbisterratti yaadi. Yaada haaraa argatte, jecha mataa keetiin namoota kaaniif akkamitti ibsuu akka dandeessu yaadi. Wanta dubbiste yeruma sana irra deebitee ilaaluunkee, yeroo dheeraadhaaf yaadasaa akka hin irraanfanne si gargaara.

Achiis guyyoota ittaananitti, wanta dubbiste namoota kaanitti himuudhaan, karaa itti barumsicha irra deebiʼuu dandeessu barbaadi. Miseensa maatii keetti, nama gumii keessatti argamutti, nama wajjin hojjettutti, nama wajjin barattutti, ollaa keetti ykn nama tajaajilarratti argattetti himuudhaan kana gochuu dandeessa. Qabxiiwwan ijoo taʼan qofa utuu hin taʼin, ragaawwan Caaffata Qulqullaaʼoo wantoota sanaa wajjin walitti dhufeenya qabanis dubbachuuf yaalii godhi. Akkas gochuunkee wantoota barbaachisaa taʼan yaadachuuf si gargaara; warra kaanis ni fayyada.

Yaadawwan Barbaachisaa Taʼanirratti Xiinxali

Wanta dubbiste irra deebiʼuufi warra kaanitti himuudhaan alattis, yaadawwan gurguddaa baratterratti xiinxaluunkee barbaachisaadha. Asaafiifi Daawiti warri kutaa Macaafa Qulqulluu keessaa muraasa barreessan akkas godhaniiru. Asaaf, “Yaa gooftaa, gocha kee isa dinqisiisaa durii, wanta ati hojjettes nan yaadadha. Hojiin kee hundinuu yaada koo keessa jira, waaʼee wanta ati hojjettees nan yaada” jedheera. (Far. 77:11, 12) Daawiti, “Yeroon ilaalaa bulus waaʼee kee nan yaada” erga jedhee booda, itti dabaluudhaan “Guyyoota bara durii nan yaadadha, wanti ati goote hundinuus yaada koo keessa jira; hojii harka kees irra-deddeebiʼee itti nan yaada” jechuudhaan barreesseera. (Far. 63:6; 143:5) Atoo akkas ni gootaa?

Waaʼee hojii Yihowaa, amalawwansaafi waaʼee fedhasaa akkasitti gadi fageenyaan irratti yaaduunkee, yaadawwan barbaachisaa taʼan yaadachuu caalaa wanta si fayyadu qaba. Gadi fageenyaan irratti yaaduu amaleeffachuunkee, yaadawwan barbaachisaa taʼan sammuukee keessaa akka hin badne gochuuf si gargaaruu dandaʼa. Keessa namummaakees ni jijjiira. Yaadawwan sammuukee keessa jiran, keessa namummaakee ibsu.—Far. 119:16.

Gaʼee Hafuura Qulqulluu

Hojiiwwan Yihowaafi barumsa Yesus Kiristos yaadachuuf carraaqqii yommuu goonu, hafuurri qulqulluun nu gargaara. Yesus galgala duʼuusaa dura turetti bartootasaatiin, “Kana hundumaa utuun isin bira jiruu isinitti himeera. Inni isiniif dubbatu hafuurri qulqulluun, inni abbaan maqaa kootiin ergu garuu, waan hundumaa isin in barsiisa, waanan isinitti hime hundumaas isin in yaadachiisa” jedheera. (Yoh. 14:25, 26) Maatewosiifi Yohannis yeroo Yesus kana dubbate isa bira turan. Maarree hafuurri qulqulluun isaan gargaareeraa? Eeyyee isaan gargaareera! Maatewos, naannoo waggaa saddeetii booda, Lallaba Gaararraa, mallattoo argamuu Kiristosiifi kan dhuma barichaa dabalatee, seenaa jalqabaa jireenya Kiristos balʼinaan ibsu yaadatee barreesseera. Yesus erga duʼee waggaa jaatamii shan booda, Yohannis ergamaan Wangeela kan barreesse yommuu taʼu, Wangeelli Yohannis barreesse kun Gooftaan ajjeefamuusaa dura, galgala bartootasaa wajjin dabarsetti wanta inni jedhe balʼinaan kan ibsudha. Maatewosiifi Yohannis, wantoota Yesus yeroo isaanii wajjin ture dubbateefi raawwate akka gaariitti yaadatanii akka turan homaa hin shakkisiisu; haataʼu malee, hafuurri qulqulluun wantoota Yihowaan Macaafa Qulqulluu keessatti akka barreeffaman barbaadu akka isaan hin irraanfanne gochuurratti gaʼee guddaa qaba ture.

Yeroo harʼaattoo, hafuurri qulqulluun tajaajiltoota Waaqayyoo ni gargaaraa? Eeyyee ni gargaara! Hafuurri qulqulluun wantoota nuti hin beekne akka nu hin yaadachiisne beekamaadha; haataʼu malee, wantoota barbaachisaa taʼaniifi kanaan dura qayyabanne akka yaadannu gochuudhaan nu gargaara. (Luq. 11:13; 1 Yoh. 5:14) Akka kanaan hafuurri qulqulluun yeroo barbaachisutti, “wanta raajonni qulqulloonni duraan dursanii dubbatan, abboommii gooftaa keenyaa fi fayyisaa keenyaa” akka yaadannu gochuudhaan yaada keenya dammaqsa.—2 Phe. 3:1, 2.

‘Hin Irraanfatin’

Yihowaan, ‘Hin irraanfatinaa’ jechuudhaan irra deddeebiʼee Israaʼeloota akeekkachiisee ture. Kana jechuun garuu, wanta hundumaa akka yaadatan irraa eegaa ture jechuu miti. Haataʼu malee dhimma dhuunfaasaaniitti garmalee qabamanii wanta inni isaaniif godhe irraanfachuu hin qaban turan. Yihowaan isaan oolchuuf jecha, ergamaasaa ergee angafa ijoollee warra Gibxii hunda ajjeesuusaa, Galaana Diimaa gargar kutee walitti deebisuusaa, akkasumas Faraʼooniifi loltoonnisaa bishaaniin akka fudhataman gochuusaa ilaalchisee wanta argan yaadachuu qabu turan. Israaʼeloonni, Waaqayyo Tulluu Siinaarratti Seerasaa akka isaaniif kenneefi lafa onaa keessatti isaan geggeessuudhaan gara Biyyattii Abdachiifamteetti akka isaan galche yaadachuu qabu turan. Kana jechuun, wanti isaan yaadatan kun jireenyasaanii keessatti dhiibbaa gaarii geessisuu qaba jechuudha.—Kes. 4:9, 10; 8:10-18; Bau. 12:24-27; Far. 136:15.

Nutis akka hin irraanfanne of eeggachuu qabna. Jireenyi rakkisaa yoo nutti taʼeyyuu, Yihowaan Waaqa akkamii akka taʼe, akkasumas jireenya barabaraa mudaa hin qabne akka argannuuf Ilmasaa nuu kennuudhaan akka nu jaallate irraanfachuu hin qabnu. (Far. 103:2, 8; 106:7, 13; Yoh. 3:16; Rom. 6:23) Yeroo hundaa Macaafa Qulqulluu kan dubbisnu, walgaʼiiwwan gumiirratti kan argamnuufi tajaajilarratti dammaqinaan kan hirmaannu yoo taʼe, dhugaan gati jabeessa taʼe kun sammuu keenya keessaa hin badu.

Haalli murtoo ulfaataa ykn salphaa akka gootu si dirqisiisu yommuu si mudatu, dhugaa gati jabeessa kana yaadachuufi isarratti hundaaʼuudhaan murtoo godhi. Wanta baratte hin irraanfatin. Qajeelfama Yihowaa argachuuf carraaqqii godhi. Dhimmawwan tokko tokko ija fooniitiin ilaaluu ykn yaada garaa keenyaa isa cubbamaatti amanamuu mannaa, ‘Dubbii Waaqayyoo keessaa gorsa ykn seera buʼuuraa murtoo kana gochuuf na gargaaru akkamiin argachuu dandaʼa?’ jedhii of gaafadhu. (Fak. 3:5-7; 28:26) Wanta kanaan dura hin dubbisne ykn hin dhageenye yaadachuu hin dandeessu. Haataʼu malee, beekumsa sirriifi jaalala Yihowaadhaaf qabduun guddachaa yommuu adeemtu, hafuurri Waaqayyoo wantoota hedduu si yaadachiisuudhaan, murtoo jaalala isaaf qabdu kanaa wajjin walsimu akka gootu si kakaasa.

MALA WANTA DUBBISTE YAADACHUUF SI GARGAARU

  • Waaʼee dhimma tokkoo erga dubbistee booda, ‘Yaanni ijoo dubbisa kanaa maalidha?’ jedhii of gaafadhu. Yaadachuu yoo dadhabde, irra deebitee dubbisuudhaan yaada ijoo kana yaadachuuf yaalii godhi

  • Guutummaa boqonnichaa ykn matadurichaa dubbistee yommuu fixxu, hammam akka yaadattu of qori. Qabxiiwwan ijoo taʼan hunda barreeffadhu. Qabxiiwwan kana yeruma sana yaadachuun yoo si rakkise, wanta dubbiste irra deebiʼii ilaali

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi