Qayyabannaan Nama Kiisa
NAMOONNI yommuu fuduraa filatan argitee beektaa? Baayʼeensaanii fuduraan tokko bishaachuusaa hubachuuf bifasaafi guddinasaa ilaalu. Namoonni tokko tokkommoo ni fuunfatu. Kaanimmoo gaggalagalchanii ykn qaqqabanii ilaalu. Warri kaanimmoo inni caalaatti bishaan qabu isa kam akka taʼe ilaaluuf, harkasaanii lamaanirra kaʼanii waliin madaalu. Namoonni kun maal yaadaa jiru? Gadi fageenyaan irratti yaadaa, garaagarummaasaa ilaalaa, filannoo isa dura godhan yaadachaafi wanta amma argan isa dura beekanii wajjin waliin ilaalaa jiru. Dhimma kanaaf xiyyeeffannaa waan kennaniif, booda fuduraa baayʼee miʼaawu nyaachuudhaan gammadu.
Faayidaan Macaafa Qulqulluu qayyabachuudhaan argamu garuu, kanarra akka caalu beekamaadha. Qayyabannaa akkasiitiif bakka guddaa yoo kennine, amantiin keenya ni cima, jaalalli keenya ni guddata, tajaajila keenyaan buʼa qabeeyyii taana; hubannaafi ogummaa Waaqayyoorratti hundaaʼuudhaanis murtoo goona. Fakkeenyi 3:15 eebba kana ilaalchisee, “Wanta ati caalaatti hawwitu keessaa kan isheedhaan qixxaatu hin jiru” jedha. Eebba akkasii argachaa jirtaa? Akkaataan itti qayyabattu eebba kana argachuuf si gargaara.—Qol. 1:9, 10.
Yeroo fudhadhuu irratti xiinxali
Qayyabannaa jechuun maal jechuudha? Qayyabannaan dubbisuu caalaa gaafata. Dandeettii yaaduutti fayyadamanii, mataduree tokko gadi fageenyaafi of eeggannoodhaan qoruu dabalata. Wanta dubbiste gadi fageenyaan irratti yaaduu, wanta kanaan dura barattee wajjin waliin ilaaluufi ragaa dhihaate hubachuus ni dabalata. Yeroo qayyabattu yaadawwan haaraa sitti taʼanirratti xiinxali. Gorsa Macaafa Qulqulluu akkamitti hojiirra oolchuu akka dandeessus yaadi. Dhugaa Baatuu Yihowaa waan taateef, carraa argattetti fayyadamtee barumsa kanaan namoota kaan gargaaruuf yaaduunkee hin oolu. Qayyabannaan xiinxaluu akka dabalatu beekamaadha.
Sammuu Ofii Qopheessuu
Qayyabannaarraa guutummaatti faayidaa argachuuf garaakee qopheessi
Yommuu qayyabachuuf jettu, Macaafa Qulqulluu, barreeffama qayyabachuuf yaadde, irsaasii ykn qalamaafi yaadannoo akka qopheeffattu beekamaadha. Haataʼu malee, garaakeehoo ni qopheessitaa? Macaafni Qulqulluun Izraan, “Seera Waaqayyoo qoree baruuf ittiin hojjechuufis, akkasumas seerratichaa fi firdicha qajeelaa namoota Israaʼel barsiisuuf of in kenne, [garaasaa qopheeffate, hiika bara 1899]” jedha. (Iz. 7:10) Garaa ofii qopheessuun maalfaa dabalata?
Kadhannaan, yaada sirriidhaan kakaanee Dubbii Waaqayyoo akka qayyabannu nu gargaara. Garaan keenya qajeelfama Yihowaan nuu kennu akka fudhatu barbaanna. Yeroo hunda qayyabannaa jalqabuukee dura, Yihowaan hafuurasaatiin akka si gargaaru kadhadhu. (Luq. 11:13) Wanta qayyabattu hubachuuf, kaayyoo Yihowaa wajjin walitti dhufeenya inni qabu beekuuf, wanta gaariifi hamaa gargar baasuuf, seera buʼuuraasaa akkamitti hojiirra oolchuu akka qabduufi wanti qayyabachaa jirtu walitti dhufeenya Yihowaa wajjin qabdu akkamitti akka tuqu hubachuuf akka si gargaaru kadhadhu. (Fak. 9:10) Yeroo qayyabattu ogummaa akka sii kennu ‘Waaqayyoon kadhadhu.’ (Yaq. 1:5) Yihowaan, yaada dogoggoraa ykn fedhii miidhaa geessisurraa fagaachuuf akka si gargaaruuf, barumsa argattetti fayyadamuudhaan of gamaaggami. Yeroo hunda barumsa Yihowaan sii kennuuf ‘galateeffadhu.’ (Far. 147:7) Qayyabannaa jalqabuu keenya dura kadhannaa dhiheessuun, gorsa Yihowaan karaa Dubbiisaa nuu kennu hojiirra oolchuuf waan nu fayyaduuf, isaa wajjin walitti dhufeenya cimaa qabaachuuf nu gargaara.—Far. 145:18.
Saba Yihowaa namoota biyya lafaarraa adda kan godhu, wanta baratan hojiirra oolchuusaaniiti. Namoonni Waaqayyoof hin bulle, Dubbiisaa akka shakkaniifi akka morman beekamaadha. Nuti garuu ilaalcha akkasii hin qabnu. Yihowaatti ni amanamna. (Fak. 3:5-7) Wanti tokko yoo nuu galuu dide, ija jabinaan wanti kun dogoggoradha jennee hin murteessinu. Deebiisaa argachuuf qorannaa kan goonu taʼus, obsaan Yihowaa eegna. (Mik. 7:7) Nutis akkuma Izraa wanta baranne hojiirra oolchuufi warra kaan barsiisuu barbaanna. Kakaʼumsa akkasii yoo qabaanne, qayyabannaa keenyarraa faayidaa guddaa arganna.
Mala Qayyabannaa
Keeyyata 1rraa kaastee hanga dhumaatti dubbisuu mannaa, jalqaba qabiyyee matadurichaa ykn qabiyyee boqonnichaa ilaaluuf yaali. Jechoota matadurichaa qalbeeffachuudhaan jalqabi. Matadureen qayyabattu ijoonsaa kanadha. Achiis matadureewwan xixinnoon mataduree guddaa wajjin walitti dhufeenya akkamii akka qaban qalbeeffadhu. Ittaansuudhaan, fakkiin, saanduqni ykn gaaffiin irra deebii yoo jiraate ilaali. ‘Wanta ani ilaale kanarraa kaʼuudhaan, mataduree kana keessaa barumsa akkamiin argadha? Barumsi kun kan na gargaaru akkamitti?’ jedhii of gaafadhu. Kana gochuunkee qayyabannaankee maalirratti akka xiyyeeffatu beekuuf si gargaara.
Barreeffamoota afaan keetiin argamaniifi qorannaa gochuuf si gargaaranii wajjin wal bari
Amma qabxiiwwan hunda tokko tokkoon qori. Matadureewwan qayyabannaa Masaraa Eegumsaafi kitaabonni tokko tokko gaaffiiwwan mareedhaaf gargaaran qabu. Keeyyata hundaa yommuu dubbistu deebiisaa jala muruunkee barbaachisaadha. Gaaffii hin qaban yoo taʼellee, qabxii barbaachisaa yaadachuu barbaaddu jala muri. Yaada haaraa yoo argatte, irra deebitee ilaaluudhaan akka gaariitti hubachuuf yaali. Fakkeenya ykn qabxii warra kaan amansiisuuf si fayyadu, akkasumas tajaajilaafi haasaa gara fuulduraatti dhiheessituuf si gargaaran qalbeeffadhu. Namoota wanta qayyabachaa jirtu yoo itti himte amantiinsaanii ni jabaata jettu yaadi. Qabxii itti fayyadamuu barbaaddu erga jala murtee booda irra deebiʼii ilaali.
Barumsicha yommuu qayyabattu caqasoota baasii ilaali. Caqasoonni hundi ijoo barumsichaa wajjin walitti dhufeenya akkamii akka qaban qalbeeffadhu.
Qabxiin sii hin galle ykn hubachuu barbaaddu si mudachuu dandaʼa. Qabxii akkasiirratti yeroo balleessuu mannaa, yeroo garabiraa ilaaluu akka dandeessutti yaadannoo qabadhuu bira darbi. Barumsicha dubbisuukee yommuu itti fuftu, yeroo baayʼee yaanni sun ifa sii taʼaa deema. Taʼuu baannaan qorannoo dabalataa gochuu dandeessa. Haataʼu malee, wantoota akkamiirratti qorannoo gochuu dandeessa? Tarii caqasni hubachuuf si rakkise jiraachuu dandaʼa. Yookiinimmoo, caqasichi yaada ibsamaa jiruu wajjin walitti dhufeenya akkamii akka qabu hubachuun si rakkiseera taʼa. Yaanni barumsichaa hamma tokko sii galuyyuu, warra kaaniif akka gaariitti ibsuun si rakkisuu dandaʼa. Yaada guutummaatti hubachuun si rakkise akkasumaan bira darbuu mannaa, qayyabannaakee erga xumurtee booda qorannaa irratti gochuunkee gaariidha.
Caqasoota baastee dubbisuu hin irraanfatin
Phaawulos ergaa balʼaa Kiristiyaanota Ibrootaatiif barreesse gidduutti, ‘wanta dubbannu keessaa kanatu hundumaarra caala’ jechuudhaan caqaseera. (Ibr. 8:1) Atoo darbee darbee yaada hundarra caalu ykn ijoo taʼe irra deebitee ni ilaaltaa? Sababa Phaawulos kana itti godhe mee ilaali. Boqonnaawwan darbanirratti, Kiristos Angafa Lubootaa isa guddicha taʼuudhaan bantii waaqaatti akka lixe ibsee ture. (Ibr. 4:14–5:10; 6:20) Haataʼu malee, Phaawulos boqonnaa 8 lakkoofsa 1rratti ijoo dubbii kanaa addeessuudhaan, namoonni ergaasaa dubbisan barumsichi jireenyasaanii akkamitti akka tuqu akka yaadan sammuusaanii qopheesseera. Kiristos waaʼeesaaniitiif Waaqayyo duratti mulʼachuuf akka dhihaateefi isaanis gara samii “isa hundumaa irra caalaa qulqulluu” taʼetti akka galan karaa isaanii banuusaa ibseera. (Ibr. 9:24; 10:19-22) Abdiinsaanii amansiisaa taʼuunsaa, gorsa waaʼee amantii, jabaatanii dhaabachuufi amala gaarii argisiisuu ilaalchisee ergaasaa keessatti barreesse kaanis hojiirra akka oolchan isaan kakaaseera. Nutis yommuu qayyabannu qabxiiwwan ijoorratti xiyyeeffachuu qabna. Kana gochuun keenya, yaanni matadurichaa akkamitti ibsamaa akka jiru, akkasumas ragaa amansiisaa gorsa kennamee wajjin walsimnee jiraachuuf nu fayyadu hubachuuf nu gargaara.
Qayyabannaan dhuunfaa hojiidhaaf si kakaasaa? Kun gaaffii barbaachisaadha. Wanta tokko yeroo barattu akkas jedhii of gaafadhu: ‘Barumsi kun ilaalchaafi galmawwan ani baafadhurratti dhiibbaa geessisuu kan qabu akkamitti? Rakkina na mudate moʼuuf, murtoo gochuuf ykn galma tokkorra gaʼuuf, barumsa kana akkamittan hojiirra oolchuu dandaʼa? Maatiikoo keessatti, tajaajilarrattiifi gumii keessatti akkamittan itti hojjechuu dandaʼa?’ Haala qabatamaa taʼeefi beekumsa argatte hojiirra oolchuu itti dandeessurratti yaaduudhaan, gaaffiiwwan kanarratti kadhannaadhaan xiinxali.
Boqonnaa ykn mataduree tokko erga xumurtee booda yeroo gabaabaadhaaf irra deebiʼi. Qabxiiwwan ijoo taʼaniifi ragaawwan amansiisaa yaadawwan sana deggeran keessaa hangamsaanii akka yaadattu of gamaaggami. Akkas gochuunkee, yaada argatte gara fuulduraatti itti fayyadamuuf si gargaara.
Barreeffamoota Qayyabattu
Dhugaa Baatota Yihowaa waan taaneef, barreeffamoota qayyabannu hedduu qabna. Haataʼu malee eessaa jalqabuu qabna? Yeroo hunda, yaadaafi caqasoota buukleetii Caaffata Qulqullaaʼoo Guyyaa Guyyaan Qoruu jedhamurratti argaman qayyabachuun keenya gaariidha. Torban torbaniin gumiirratti waan argamnuuf, walgaʼii kanaaf qophaaʼuun keenya faayidaa guddaa nuu argamsiisa. Kana malees, obboloonni tokko tokko barreeffamoota gara dhugaatti utuu hin dhufin dura qophaaʼan qayyabachuuf yeroo ramadu. Kaanimmoo, dubbisa Macaafa Qulqulluu torbanii keessaa caqasoota muraasa filatanii qorannaa balʼaa irratti godhu.
Kutaa torban sana gumiirratti dhihaatu hunda gadi fageenyaan qayyabachuuf haallikee siif hin heyyamu yoo taʼehoo? Irra fiigdee qophaaʼuurraa of qusadhu; qophaaʼee fixuu hin dandaʼuu jettee tokkollee utuu hin qophaaʼin hafuunimmo dogoggora guddaadha. Kanaa mannaa, hammam qayyabachuu akka dandeessu murteessiitii isuma akka gaariitti qayyabadhu. Torban torbaniin akkasuma godhi. Yeroo booda, kutaa walgaʼii gumii warra kaanis akkasitti qophaaʼuuf yaali.
“Manakee Ijaarradhu”
Yihowaan abbootiin manaa, wanta maatiisaaniitiif barbaachisu dhiheessuuf jabaatanii hojjechuu akka qaban beeka. Fakkeenyi 24:27 “Hojii alaa qabdu qopheessi; qonnaa keerrattis wantoota barbaachisan raawwadhu” [NW] jedha. Haataʼu malee, wantoota karaa hafuuraa maatii keetiif barbaachisanis dagachuu hin qabdu. Caqasichi itti aansee, “isa booda manakee ijaarradhu” kan jedhu kanaafidha. Abbootiin manaa kana gochuu kan dandaʼan akkamitti? Fakkeenyi 24:3, “Manni . . . hubannaadhaanis jabeeffamee in dhaabama” jedha.
Hubannaan maatiikee kan fayyadu akkamitti? Hubannaan, dandeettii wanta ijaan hin argamne beekuuf gargaarudha. Qayyabannaan maatii buʼa qabeessa taʼe, haala maatii ofii qorachuurraa jalqaba jedhamuunsaa sirriidha. Guddinni miseensonni maatiikee karaa hafuuraa argisiisan maal fakkaata? Yeroo isaanii wajjin mariʼattu xiyyeeffannaadhaan dhaggeeffadhu. Amalli guungummii ykn mufachuu isaanirraa mulʼataa? Qabeenyaaf bakka guddaa kennuu? Yommuu ijoolleekee wajjin tajaajilarratti hirmaattu, Dhugaa Baatuu Yihowaa akka taʼan hiriyootasaaniitti himuu barbaaduu? Sagantaa Macaafa Qulqulluu maatiidhaan dubbisuufi qayyabachuuf baafattanirratti gammachuudhaan hirmaatuu? Dhuguma daandii Yihowaarra deddeebiʼaa jiruu? Mataa maatii waan taateef, wantoota kana xiyyeeffannaadhaan hordofuunkee, miseensonni maatiikee hundi amala gaarii horachuuf wanta isaan barbaachisu hubachuuf si gargaara.
Barruulee Masaraa Eegumsaafi Dammaqaa! irraa mataduree maatii keetiif barbaachisu filadhu. Achiis, miseensonni maatii dursanii qophaaʼuu akka dandaʼaniif matadureen qayyabatamu isa kam akka taʼe itti himi. Qayyabannicha jaalalaan geggeessi. Miseensa maatii kamiyyuu utuu hin ceephaʼin ykn utuu hin yeellaasisin, faayidaa yaanni irratti mariʼatamaa jiru qabuufi maatiin keessan yaada kana akkamitti hojiirra oolchuu akka dandaʼu addeessi. Hundisaanii hirmaannaa akka godhan jajjabeessi. Dubbiin Waaqayyoo qajeelfama barbaachisu kennuurratti “guutuu” taʼuusaa akka hubatan gargaari.—Far. 19:7.
Eebba Argamu
Namoonni beekumsa qaban, hubannaa hafuuraa utuu hin qabaatin waaʼee uumama cufaa, waaʼee wantoota biyya lafaarratti raawwatamaniifi waaʼee mataasaanii hubachuu yoo dandaʼaniyyuu, wantoonni biyya lafaarratti raawwatamaa jiran hiika maalii akka qaban hubachuu hin dandaʼan. Namoonni yeroo hunda Macaafa Qulqulluu qayyabatan garuu, gargaarsa hafuura qulqulluutiin hojiiwwan Waaqayyoo warra karaa Dubbiisaa ibsaman, raawwii raajii Macaafa Qulqulluufi kaayyoo Waaqayyo ilmaan namootaa warra isaaf abboomaman eebbisuuf qabu ni hubatu.—Mar. 13:4-29; Rom. 1:20; Mul. 12:12.
Hubannaan kun wanta bakki guddaan kennamuuf taʼus, akka of tuullu nu gochuu hin qabu. Kanaa mannaa, Dubbii Waaqayyoo guyyaa guyyaadhaan qoruun keenya akka gad of deebisnu nu gargaara. (Kes. 17:18-20) Kana malees, Dubbiin Waaqayyoo garaa keenya keessatti kan hojjetu yoo taʼe, murtoon ‘gowwoomsaa cubbuutiin’ kufuurraa fagaachuuf goone ni jabaata. (Ibr. 2:1; 3:13; Qol. 3:5-10) Akkas yoo goone, “jireenya gooftaadhaaf taʼu jiraachuu, yeroo hundumaa waan isatti tolu gochuu, hojii gaarii taʼe hundumaatti ija godhachuu” dandeenya. (Qol. 1:10) Kaayyoon Dubbii Waaqayyoo itti qayyabannus kanadha; kana gochuunimmoo eebba guddaa argamsiisa.